Imeelin Barruulee Hordofaa

Beeksisa barruulee haarawa argachuuf emeeli keessan itti galchaa.

Zikrii-Furtuu Tasgabbii-kutaa-2ffaa

Torbaan darbee faayda fi sadarkaalee zirkii ilaalle turre. Yaadachisaf, zikriin bu’aa fi faaydan isaa lakkawamee hin dhumu. Namuuma itti fayyadametu mi’aa isaa dhandhama. Namoonni zikrii baay’isan, nageenyi fi tasgabbiin qalbii isaanii uwwisa. Namoonni yommuu gaddanii fi nuffan, warroonni zikrii godhan gammachuun jiraatu. Bakka deeman hundatti zikriin afaanii hin bu’u. Yommuu isaan zikrii dhiisan qalbiin isaanii akka qurxummii bishaanii baate taati, tasgabbii dhabu, ni jeeqamu. Rakkoo fi dhiphinna kana hunda jalaa bahuuf dafanii gara zikrii dheessu. Dhugumatti gamnooni namoota kanniini!  Read more

Zikrii-Furtuu Milkaa’innaa-kutaa-1

Namni osoo dhimma zikrii sirritti itti xinxallee fi hojii irra oolche, furtuu fi wiirtuun milkaa’innaa zikrii keessa akka jiru ni arga. Zikrii jechuun maal jechuudhaa?
Akkuma hayyoonni Islaama hiikan zikrii jechuun Rabbiin faarsu, qulqulleessu fi amaloota guutun Isa wassafuu (ibsuu) irraa wanta arrabaa fi qalbii irra yaa’u (darbuu)dha. Fakkeenyaf, subhaanaAllah (Rabbiin qulqullaa’e) jechuun zikrii (yaadannoo) dha. Rabbiin ni jedha:
Ana yaadadhaa, Anis isiniin yaadadhaa. Galataa Naaf galcha, Nattis hin kafarinaa.” Suuratu Al-Baqara 2:152
Read more

Xurree Milkaa’innaa fi Gammachuu-21ffaa

Barreefamonni gaggabaaboon kunniin fuula Fesbuuki Jireenya Badhaatu irraa walitti funaannaman (Ji’a Muddee 13-20/2016)
Madaa darbee hooqun dhibee ofitti hin kaasin. Yeroo tokko tokko wanta namoonni siin jedhan ykn badii sirratti raawwatan yaadachuun, madaa onnee teeti ofitti kaasta. Dallansuu darbe hoo’isuun sheyxaanni wanta badaa akka raawwattu itti si kakaasa. Kanaafu, gadoo kuufachuu irra namootaf irra darbi. Yommuu jechoota fi miidhaa isaanii yaadattu, “A’uzubillaahi mina sheyxaani rajiim (Sheyxaana abaarrame irraa Rabbiin tiikfama)” jedhi. Jechoota fi miidhaa isaanii irra deddeebiste yaadun madaa qalbii keeti ofitti hin kaasin. Wanti takka darbe duubatti akka hin deebine yaadadhu. Yaada kee gara wanta gaariitti qajeelchuuf tattaafadhu. Fakkeenyaf, beekumsa barbaadu.
Read more

Amala Gaarii-kutaa2ffaa

Torbaan darbee waa’ee amala gaarii fi ramaddii isaa kaasne turre. Yaadachisaf amala gaarii jechuun keessi fi hojiin namaa toluu fi bareedudha. Namni hanga fedhe fuulli isaa yoo fokkate, keessi fi hojiin isaa yoo bareede, Rabbii fi namoota biratti fudhatama kan argatu nama kana. Read more

Amala Gaarii-Kutaa 1ffaa

Gaalee husnul khuluq (amala gaarii) jettu gurri yommuu dhagahu, qalbiin ni mirqaanti. Inni/ishiin amala gaarii qaba/qabdi yommuu jedhamu, namoonni isa/ishii marsu, waliin hiriyyoomu barbaadu. Kanaafi, amalli gaariin sadarkaa ol’aanaa qabate. Garuu amala gaarii (husnul khuluq) jechuun maal jechuudhaa? Gosoonni isaa hoo maal fa’aa? Kana beeknaa laataa? In sha Allah har’a yeroo keenya kanarratti dabarsina. Wanta baranne immoo hojii irra oolchuf tattaafanna. Isin qophiidhaa? Haa jalqabnu… Read more

Tooftaa Ijoolle Barsiisu-kutaa-2ffa

Torbaan darbe akkamitti ijoolle barsiisun akka danda’amu ilaalle turre. Yaadachisaf, tooftan cimaan ijoolle gaarii itti guddisanii fi barsiisan fakkeenya gaarii isaanif ta’uu ykn seenaa nama fakkeenya gaarii isaaniif ta’u itti odeessudha. Har’a itti fufun tooftaalee hafanii fi amaloota nama ijoolle guddisuu fi barsiisu ilaalla. Read more

Tooftaa Ijoolle Barsiisu-Kutaa 1ffaa

Yaa haadha abbaa kabajamoo ilma gaarii jireenya keessatti argachuuf hawwitan hundaaf! Xiqqaate xiqqaatu bu’uuralee 7 guddinna ijoolletif garmalee barbaachisoo ta’anii fi kan haadha fi abbaan dagachuu hin qabne torbii lamaan darbe ilaalle turre.  Wantoonni torban sunniin maaliin akka guuttamuu isinitti akeeku? Akka aalimni beekkamaan Abdullah bin Naasir Ulwaan ka’eetti, “Bu’uuraaleen torban kunniin wantoota lamaan guuttamu. Isaaniis; 1.wanta ifa jiru qorachuu, hordofuu fi xiyyeefannoo itti kennuu fi 2. Yeroo bilisaa (free) saamachuun”[1] 

Read more

Guddinna Ijoolle-Kutaa 2ffa

Torbaan darbe irraa itti fufuun itti-gaafatamumma hafan har’a ni ilaalla.
2.Itti gaafatamummaa aklaaqa barsiisuu– aklaaqa (amala) bakka lamatti qoodu dandeenya. Amala gaarii fi amala badaadha. Guddisaan mataa ofitii fi ijoollee amala gaariin faayun amala badaa irraa fageessuf tattaafachu qaba. Read more

Guddinna Ijoollee- Kutaa 1

Dhiira fi dubartiin wal-jaallatan erga walitti dhufanii hawwiin isaanii guddaan ilmaan gaarii horuudha. Jalqaba irratti walitti dhufuuf dheebochaa turan. Amma immoo ilma gaarii argachuudha. Garuu sababa adda addaa irraa kan ka’ee wanti isaan yaadan galma osoo hin gahin abdiin isaanii jalaa dukkanaa’a. Tarii sababni kanaa guddaan akkaataa maatii gaarii itti ijaaran wallaalu irraa kan burqe ta’uu danda’a. Beekumsi ibsaa dukkanaa waan ta’eef, beekumsaan yoo hin tarkaanfatin jireenyi ni dukkanoofti. Read more

Karaa Qajeelaa

Torbaan darbee suura Faatiha irraa waa’ee daandii sirrii ykn qajeelaa ilaaluf yaalle turre. “Daandii sirrii jechuun haqa beeku fi [wanta beekan] hojii irra oolchudha.”jenne turre. Namni hunduu ani daandii sirrii irra jira jedhe yaadu danda’a. Garuu daandii sirrii irra jiraachu isaa ragaa maalii qabaa? Namoota fakkeenya (role model) isaaf ta’an kan addunyaa fi aakhiratti milkaa’an ni qabaa? Sirritti itti xinxalli, addunya qofa hin jenne, aakhirattis kan milkaa’an ni qabaa? Tarii addunyatti milkaa’anii aakhiratti kasaaru danda’u. Kanaafu, warroota addunyatti milkaa’ani aakhiratti kasaaran hordofuun bu’aa maalii qabaa? Keeyyanni Faatiha ishiin dhumaa jireenya keessatti eenyun akka fakkeenyatti (role model) fudhachu akka qabnu fi eenyun akka fakkeenyatti fudhachuu akka hin qabne nutti akeekti. Haa jalqabnuu… Read more

1 2 3 14