QORMAATA DARGAGOOTAA

Dhalli namaa marsaa jireenya garagaraa keessa darba.Marsaan dargagummaa isaan keessaa tokkodha. Yeroo marsaa dargaggummaa qormaata baay’etu nama muudata. Qormaata darbuunis kufuunis jira. Qormaanni dargagummaa gariin akka doobbi nama gubanii nama dirmimeessu. Gariin immoo akka barbarre ijatti naqamanii ija jaamsu ykn miidhu.Qormaata dargagummaa keessaa mee muraasa isaani haa ilaallu.

1. Jaalala– qormaanni inni guddaan marsaa dargagummaa irratti nama muudatu doobbi jaalalatti. Dargageessi kamiyyu doobbii ykn ilkee tanaan osoo hin waxalamiin hin darbu.Qormaanni guddaan jaalalan qabamuu osoo hin ta’iin akkamitti akka isa wal’aanan beeku ykn beeku dhiisudha.Dargagoonni baay’een dhibee jaalala kanaan rakkatu. Akka itti wal’anaan beeku dhabuu isaanitirraa kan ka’e waxmadii baay’ee keessatti qabamu. Waxmadii tokko yoo darban kan biraatu isaani xamadamee argama. Mucaayyo/mucaa tokkorraa jaalalan yoo qabame/te yaanni isaa/ishii guutun nama saniif ta’a. Seeran nyaate/tte hin dhugu/dhugdu. Yoomuman ishii fuudha ykn wal arga jedhe yaada. Fuutis yeroo ammaa baay’ee ulfaatadha jedhe waan yaaduf malaa ishiin walqunnamu garagaraa barbaada. Qormaanni guddaan asitti kaa!!! Karaa haraamaatin moo karaa halaalatin wal qunnamta??? Ibiddaa keessa isaatti/ishiitti boba’u dhaamsuuf/hir’isuuf harka fuudhun ykn hidhii wal arraabun gahaadha, homaa hin ta’uu jedhe/jette yaada/yaaddi.Yoo kana gochuu dadhabees suuraa garagaraa maxxansa akka waan ishiin amma itti dhuftuutti.Suuraalee jaalala kanaan sammuu ofillee dhiphise, jireenya ofiis rakkoof saaxila.Halkaan yoo rafuuu yaaddo ishii/isaa, guyyaa yoo deemu yaaddo isaa/ishii. Yaadan ishii dhungata,ni hammata. Qormaanni kanaa tarreefame hin dhumu.

Doobbi jaalalattin gubamuun cubbuu osoo hin ta’iin qorsaa karaa haraamatin barbaadin of fayyisuuf yaalutu cubbuudha.Gubaa jaalala kana qorrisiisuf ga’ilaan dura walqunnamti saalaa seeran alaa rawwachuudha.Walqunnamti saalaa seeran alaa rawwachuun gubaa gubaa caalu. Doobbi jaalala caalaa nama guba. Sababni isaas gammachun/pleasure inni nama kennu baay’ee xiqqaa fi daddafee kan darbu yoo ta’uu dhiphinni sammuu fi rakkoon isaarraa dhalatu baay’ee guddaadha. Namtichi kana raawwatu yookaa dhiiben qabamee yookiin intalti ulfoofte salphadha jedhe halkanii guyyaa yaada.Gammachuu hin qabu.İnuma intalti kana caalaa yaaddofti.Rakkoo fi daraaraa garagaraaf saaxilamti.

Kanaafu, qormaata kana to’aachuuf maloota garagaraa fayyadamun baay’ee barbaachisadha.Kanniin keessaa  isaan muraasni; sodaa Rabbiiti fi obsa qabaachu, ija ofii wanta haraama ta’ee laalu irraa gadii qabachu, kaayyoo murtaa’e qabaachuu fi isa galmaan gahuuf halkanii guyyaa carraaqu, beekumsa amantii ofii baruuf carraaqu, saalli faallan lamaan walitti makamuu irraa fagaachu, dubbii hin barbaachisne fi kolfa saalaa faallaa(opposite sex) waliin gochuu dhiisu. Kana yoo jedhu warra fuudhu/itti heeruma danda’an waliin odeessurraa of qussachu jechuu kooti.
Dubartii fi dhiirri kophaa waliin taa’uu/turuu irraa fagaachu.Miidhaa zinaan/sagaagalummaan geessu hubachu fi irraa fagaachudha.

2.Araada– qormaata dargagoota muudatan keessa inni biraa immoo araada adda addaatin qabamuudha. Maddii kana inni guddaan baay’ee haa ta’uyyu malee hiriyyaa akka ta’ee ni amanama. Hiriyyaan badaan akka sibila tumtu fooli badaa namatti afuufe nama ajeessu yookin qaanqe namatti afuufe uffata namaa guba. Hiriyyaan gaariin immoo shittoo namatti afuufe nama urgeessa. Haaluma kanaan namni hiriyyaa badaa qabuu wanta gadhee inni hojjaturraa duubatti hin deebi’ee kan Rabbiin tikse malee. Araadota akka siigaraa,caatii,hashiishii, alkoolii, kisaara(qumaarii) fi kan kana fakkataniif of gurguree kenna. Wantoota gadhee hojjatu akka gaariitti ilaale itti boona.Miidhaa wayitu akka hin qabnetti ilaala.Namni araadota kanniin qabamee ofirra mil’atee yaadu qaba.Miidhaa araadni kunii itti fide gadi qabee xinxalluun ofirra dhaabuf ijjannoo cimaa horachuu qaba.Araada kana ofirraa dhaabuf gufun wayitu fundura akka hin jirre haa beeku.Sababoota adda addaa dhiheessun miidhaa malee bu’aa tokko akka hin buusnef haa hubatu.

3. Hojii dhabiinsa- Yeroo ammaa barattoonni baay’een yuniversitii bayan hojii maleessa ta’uun argamu. Hojii barbaachaaf biyya ofiiti baqatanii gara biyya biraatti lola’u.Yeroo gara biyya alaatti baqatan qormaata fi rakkoo garagaraatiif saaxilamu. Galaanatti darbamanii lubbuun isaanii darbuu,qarshiin isaanii shiftootan saamamuu, hojii boqonna malee hojjachuu,sababa lolaatin lubbuun isaani darbuu fi kan kana fakkaataniif saaxilamu. Akka namoota biroo gara biyya alaa deemanii qarshii haranitti nullee qarshii walitti guurre soreessa taana jedhanii, qarshii qabaniis dhabanii inumaa lubbuun isaanis bakka hin taanetti dabarti.Qarshii harkaa qaban san osoo biyyoo ofii irratti sirnaan dalaganii soreessa ta’uu akka danda’an abdii fi kutannoo hin qaban. Soreessa ta’uu kan danda’amu yoo gara biyyaa alaa deeman qofa jedhanii yaadu.Qarshii asitti walitti qabatan dallalaa fi shiftootaaf dhihana godhanii ofii isaanitii qullaa fi garaa beelaatiin gara biyya ofiitti deebi’u. Rakkoon kanaa inni guddaan gadii qabanii xinxalluu dhabuu,haala bulchiinsa mootummaa fi biyya ofii tuffachuudha. Biyya ofii keessatti guddachuu fi jijjiramuu akka hin dandeenye abdii dukkana’a qabaachudha. Osoo biyyee gabbataa kana irrattii sirnaa fi malaan hojjatanii, guddinnii fi jijjiramni ni dhufa. Tokkummaa uumuu fi faaydaa waliitiif(mutual benefit) hojjachuun oomisha gaarii akka fidu beekudha. Jiddu isaaniti wantoota nama diiganii fi addaan fageessan kan akka wal waanyu,jibba,haafa’insa(greed),gadoo,tuffannaa,of tuulu fi kkf kaasu fi hanbisuudha. Bakka naqarsaan armaan olii jirutti namoonni tokkumaa uumanii jijjaramuu fi guddachuu hin danda’an.Tokko tokkoo garbicha ta’ee wal cunqursu.

4.Amantii ofii irraa garagaluu- Islaamni amantii madaalama nama kamiifu ta’uu fi rakkoo ilma namaatif furmaata gaha qabudha. Namoonni seera fi barnoota Islaamummaa gatuun kan mataa ofii baafatanii yeroo buluu ittiin jalqaban,rakkoo fi dararaa addaan hin cinneetti galan. Amantiin Islaama yeroo fedhii fi wanta gadhee isaan hojjatan faallessu, kunii amantii furmaata osoo hin ta’iin amantii rakkooti jedhanii taapeella ittii maxxansan.Dargageessi kana dhagahees amantii ofii baree irraa fayyadamuuf sii’aa’inna isaa ajjeesan.Kakka’umsa akka hin qabaanne godhan. Amantii duubatti hafaa ammayyaa waliinkan hin deemne jedhanii itti mul’isan. Haala kanaan dargageessa sammuu isaa haadochan, jireenya isaa kolaasan. Dargageessi osoo Islaamumma gadi qabee akkuma barnoota ofiititti qo’ate fi qorate, qormaata armaan olitii fi kan biraatif salphatti hin saaxilamu. Islaamni jiruu fi jireenya keessatti namoonni eessaa ka’uu akka qaban,daandii kami fi akkamii irra deemu akka qaban,bakki gahumsaa eessa akka ta’ee seeraanii fi sirnaan bal’isee namaa ibsa. Kaayyoon ilma namaa maal akka ta’ee fi akkamitti kaayyoo san galmaan gahuu akka danda’an haala sammuun namaa fudhatuun qaaccesse ifa godha.

Sheeyxaanni namoonni beekumsa Islaamaa irraa habbuuqatanii jiruu gaarii akka hin jiraanne maloota garagaraatti fayyadamee fuula isaani Islaama irraa garagalcha. Yeroo hundaa jireenya gammachu fi nageenya hin qabne,gadadoon tan guuttamte akka jiraatan isaan godha. Dhugaa Islaama ilaalchisee shakkii adda addaa qalbii namaa keessatti bittineessa. Imaana nama sanii hurgufa. Hanga nama san daandii Islaamummaa irraa baasutti/maqsutti hara hin baafatu, boqonna hin godhu. Kunii wanta yeroo duriis ta’ii yeroo ammaas wanta argaa jirru. Warroonni Dhihaa Islaama irraa nama garagalchuuf fakkii Islaama miidiyatti fayyadamanii xureessu. Dargageessi kana argees dhugaa itti fakkaate amantii nageenya fi jireenya isaatif furmaata ta’uu danda’u irraa fuuli ofii garagalche jireenya ofii rakkinnaa fi qormaatatti gurgura.Hanga fedhe qabeenyi fi dinagdeen haa baay’attu, bakka qajeelchi jireenya(amantiin) hin jiretti gammachuu fi nageenyi wayitu hin jiru. Akka fakkeenyatti yoo fuudhanne lammiiwwan biyya Siwidiiniif qarshii kafalee kan barsiisu mootummaa,daa’imni yoo dhalate kan guddisu motummaa osoo ta’ee jiruu rakkoo fi qormaata garagaraaf saaxilamu. Sodaa Rabbii waan hin qabneef akka fedhanitti faahisha(hojii gadhee) keessatti borcamuu,alkooli fi araada garagaraatin sammu ofii miidhu. Lubbuu ofii galaafatu (committing Suicide).Qarshiin bira guutte osoo jirtuu jireenya keessaa gammachuu dhaban.

Jireenyi yoom baay’inna dinagdee nama gafaatti. Kana irra jireenyi Rabbiin beeku fi ajaja Isaa hordofuu nama gaafatti. Yoo ajaja Rabbii hordoftee fi itti bultee gammachuu fi mi’aa koo ni dhandhamta jetti. Ta’uu baanan siif yeroon hundii anii rakkoo fi dararaadha jetti.
Rabbiin akkana nuun jedha:
20:124

“Namni zikrii(yaadanno) Kiyya irraa garagale- dhugumaan jireenya dhiphatu/rakkotu isaaf jira. Guyyaa Qiyaama ballaa/jaamaa ta’ee isa Kaasna.

20:125

Akkana jedha,’Yaa Gooftaa kiyya maaliif ballaa goote naa kaaste? Duraan kan ilaalu turee bar.’

20:126

[Rabbiin] akkana jedhaan ‘Wantichi akkanaa bar; mallattoolleen Teenya siif dhufte. Ni irraanfatte (ni dhiiste).Haaluma kanaan atillee har’a ni dagatamta (ni dhiifamta).

20:127

Haala kanaan nama daangaa darbee fi mallattoollee Rabbii isaatitti kan hin amanne adabna. Adabbiin jireenya boodaa(aakiraa) baay’ee cimaa fi itti fuufaadha. ” Suuraa Xaahaa 20:124 -127

Rabbiin nama gara Islaamatti deebi’ee hordofuu fi itti buluu nu haa godhu jechaa barreefama koo har’aa asirratti xumura. Alhamdulillah.

Ani akkuma nama kamiyyu dogongoru kan danda’udha. Dogongora koo sirreessu fi yaada yoo qabaattan, E-mail kanaan na qunnamu dandeessu: sammubani@hotmail.com

Qoolli Musiibaa Yommuu Quncifamuu

4 comments

  • Jazakumullah kheeyran jaza, barumsa guddo namatti yolu fi baayye barbaacisaati, rabbiin dalaga kheeyri kana isin ırra haa jaalatu

  • Maasha Allah;ani Baarnoota akkatti namatti tolu arge hin beeku Qalamni keessan keeyri ha barreessu yoomille jazan keessan jan
    nata firdoowsin ha ta’u
    nus nama irra fayyadamu nu taasisu

  • Jzkl
    Jabbaadhu

  • AWW? baay’ee nama gammachiisa.warra teknoloji kana hin fayyadamnef hard copy ittin gahuf yoo danda’ame osoo pdf’n nuf maxxansitanii baay’ee dansa.

Leave a Reply