Qoolli Musiibaa Yommuu Quncifamuu

Musiibaa jechuun balaa ykn qormaata nama qunnamuudha. Dhalli nama hanga ardii tanarraa jiraatutti musiiba adda addaatu irra gaha. Musiiba tana kufuu fi darbutu jira. Musiiba tana darbuu jechuun obsaan fi haala gaariin wanta namatti dhufee fudhatanii bira kutuudha. Kufuun immoo wanta takka badeef ykn darbee lafaan of qu’anii miidhaa ofii fi namoota biroo irraan gahuudha. Fakkeenyaf,yommuu qabeenyi nama jala hatamuu ykn namni du’uu akka waan qabeenyi ykn namni sun deebi’utti yaaddon,dhiphinnaa fi wantoota garagaraatin of miidhudha. Rabbiin musiiban kan nu mokkoru nu miidhuf osoo hin ta’iin wanta gaarii nu kennuufi. Wanta sanirra caalaa nu kennuuf ykn cubbuu hojjataa turre beekne akka toowbanuufi(gara Rabbiitti deebinuufi).

Muusiban ykn Balaan karaa adda addaatin namatti bu’a. Rabbiin cal’ise balaa namatti hin ergu. Ilma nama yakka tokko malee adabuufis balaa kan namatti buusu miti. Kana irra sababa adda adddaatif balaa ilma namaatti erga. Isaan keessaa;

  1. Yakka ykn badii hojjata jiraan beekanii karaa sirriitti akka deebi’aniif – Ilmi namaa karaa sirrii fi sobaa kophaa isaa gargaarsa tokko malee addaan baafachuu hin danda’u. Nama waa isatti himuu yookin mallattoo wayii isa barbaachisa. Hanga duniyaa tana keessa jiraatu dhalli namaa badii fi yakka garagaraa hojjata. Yakka san kan hojjatu yookaa osoo beeku yookin immoo osoo hin beekin ta’uu danda’a. Yoo beekaa kan hojjatu ta’ee adabbii sanii yookaa duniyaa tanarratti yookin immoo Aakiratti argata. Musiiban nama kanatti yommuu buutu “lakkii ta’ii wantii kunii sin baasu adabadhu.” jechuunif. Dhumni yakki ati hojjattu miidhaa guddaa sirraan gaha beekadhu deebi’i namaan jetti. Rabbiin namoonni badiidhaan yommuu ardii maanxan cal’iseetumaan hin ilaalu. Garii isaani adunyama tanarratti isaan adaba, garii isaani immoo gara aakiraatti dabarsaaf. Warrii adunyaa tanarratti adabbii Rabbii dhandhamaan yookaa badii/yakka ofii baranii gara Rabbiitti deebi’uu yookin immoo akkasumatti diidanii badii hojjatuu itti fufu. Rabbiin Qur’aana ofii keessatti yoo dubbatu akkana jedha:32:21

Dhugumatti, Nuti akka isaan (gara imaanaa) deebi’aniif jecha adaba guddaa (adaba Akiraa) dura adaba xiqqaa (adaba addunyaa) isaan dhamdhamsifna.” Suuraa As-Sajdah: 21

Namoonni adabbii/musiiba kanarraa barnoota fudhachuun gara Rabbii deebi’anii, hojii isaan sirreesan,haqaa fi dhugaan bulan baay’eedha. Qoolli musiiba yommuu quncifamuu wanti warqii caalu akka keessa jiru beekanii daandii sirriitti deebi’uun namoonni addunyaaf gummacha guddaa gumaachan seenan haa lakkaawu. Namoota akkanaa meeqatu seenan qalama gurraachan waraqaa adii irratti katabdee dhalootarra dhalootatti darbaa jira. Seenaa isaani qofa osoo hin taane jechootaa fi hojiin isaani zalaalamiif akka jiraatan musiiban sababa taateef.

Fuggisoo kanaa immoo musiiban isaan haa tuqxuyyu malee namoonni badii ykn yakka ofii keessa borcaman lakkoofsa hin qaban. Sirii yakka ofiirratti akka jabaatan taasisti. Rabbiin waaye namoota kanniin yoo dubbatu haala kanaan nu ibsa.6:426:43

“Dhugumatti gara ummattoota siin duraatti(Ergamtoota) erginee jirra (Yaa Muhammad). Akka isaan Rabbitti warwaataniif hiyyummaa fi dhukkubaan isaan qabne jirra. Maaliif yeroo adabbiin keenya isaanitti dhufee (Rabbitti) hin warwaatanii? Garuu onneen isaani ni gogde.Sheeyxaannis waan isaan dalagaa turan isaanif miidhagse.” Suuraa Al-An’aam: 42-43

Gara Rabbii deebi’uu dhiisanii hojii badaa isaanii hojjatuu itti fufan. Kunii ummata qoola musiiba qunciisu hin dandeenya kan qubbiin irraa dhumeedha. Wanta musiiban qabduu ilaalanii gara daandii sirriitti deebi’uuf warra aqlii fi ija hin qabneedha. Rabbiin wayiifu na tuqe gara Isaatti deebi’ee tolee jechuu qaba jedhe warra yaadu hin dandeenyedha.

Warrii yakkaa fi badii addunyaa tanarratti hojjachuu itti fufan musiibaniis asirratti kan itti hin buune seera biyyatitiinis kan hin adabamne, adabbiin guddaan fundura isaanititti danqaramee isaan eggata. Badii hojjataa jiran kanaaf waan gonkumaa adabaman itti hin fakkaatu.14:4214:43

“Rabbiin waan miidhaa hojjattoonni raawwatan irraa dagataa ta’uu hin yaadin. Kan Rabbiin isaan tursiisuuf guyyaa isa keessa ijji banamtuu fi ol fuudhamtuufi. (Gara waamichaatti) mataa isaani kan olkaasan ta’anii (ijji isaani olkaati). Ijji isaaniis gara isaaniitti hin deebitu. Qalbiin isaanis duwwaadha.” Suuraa Ibraahim: 42-43

  1. Jabeenya,sabrii fi ogummaa isaani dabaluuf- Akkuma warqii fi meetiin ibiddaan waddamee qulqullaa’utti akkasuma ilmi namaas muusiban mokkoramee nama cimaa fi jabaa ta’a. Callaan midhaani kan beekkamu yoo ayidameedha. Namoonnis dadhabinni fi jabeenyi isaani kan addaan foo’amu yommuu qoramaniidha. Qormaata/musiiba keessa dadhabinnaa fi jabinna ofii beekan. Dhugaa fi sobni keessa isaani ifatti baha. Sobaa fi dhugaan kan jiraatu yeroo san beekkama. Hawaasni tokko seenaa ilma namaa keessatti qaroominna fi guddinna guddaa galmaan gahuu kan danda’uu yommuu wantoota gadhee/fafee fi namoota wanta san hojjatanirraa qulqullaa’anidha. Yommuu jabeenya,sabrii fi ogummaa qabaatanidha. Hawaasa akkanaatif qormaata barbaachisa. Qormaanni/musiiban tunis tan nama gadhee fi gaarii addaan footu,laafaa fi cimaa addaan baastu,laafinnaa fi ciminna nama kamittu beeksiistu ta’uu qabdi.

Namooni yommuu musiiban itti baay’attu jabeenya,sabrii fi ogummaa haarawa argachaa adeemu. Seenaa ilma namaa keessatti kan musiiban itti baay’attu Ergamtoota Rabbiiti. Ergaa ummataa isaanitiif dabarsan irratti jabeenya akka gabbifataniif, kan isaan faalleessu fi diiduf sabrii akka horatan musiiban adda addaa isaanirra gahee jira.

3.Gatii wanta Rabbiin isaani kenne haa beekanii fi galata galchaniif- Gatiin wanta tokko kan baramuu yommuu wantichi baduudha ykn fudhatamuudha. Namni fayyaa qabuu gatii fayyaa isaa kan beeku yoo dhukkubsatuudha. Namni gatii qananiini lakkoofsa hin qabne Rabbiin itti kenne kan beeku,yoo Rabbiin qananii san irraa fudhateedha.Musabaniis kan nama tuqxu gatii qananii Rabbiin namatti kenne barsiisufi. Barsiisu qofaa mitii namoonni Rabbiif galata galchanii qananiin sunii akka dabalamtuu taasifti. Yoo namticha qananii san bakkumaa fi akkuma argetti baasu musiiban dhufte harkaa bittineessiti. Muusiban akkana namaan jetti, “Qananiin tunii amaanaa Rabbiin sitti kenne sirnaan fayyadamii,rakkataa ittiin gargaari,ittiin of hin tuulin amaanan tunii zalaalamii si waliin waan hin jiraannef,Rabbii si qananisee beeki galata galchiif…”

Namni barnoota musiiban itti fidde quuncise hubatee itti fayyadamee ee qanani’ee! Kan barnoota musiiba hin hubanne fi itti hin fayyadamne ee bade! Musiiban tunii waan itti dhufteef jireenyi isaa jireenya gaabbi,gadadoo,aarii,gammachuu fi abdii hin qabne taati. Wanta badeef aaruu fi booyu dhiise osoo barnoota musiiba isa tuqxe tana keessa jiruu gadii taa’ee xinxallee barnoota baay’ee irraa argata. Osoo akkana jedhe of gaafate hoo,”Musiiban tunii tan natti dhufteef; anatu karaa sirrii irraa bahe daandii qajeelatti na deebisuuf,anatu nama miidhe miidhaa san nama saniif haa kafaluuf,anatu qananii Rabbiin natti kenneen of jajee Rabbii gadii haa jedhu fi galata galchuuf,anatu balleessa kana kana balleesse balleessaa koo haa sirreessuf fi kkf”

Namni yeroo musiiban itti dhufte dafee wanta dura balleesse yaadu, aarii fi gaddii ni qabbanaa’af,yeroo fi jireenya ofii dhiphinnaan hin gubu. Daandii qajeelatti qajelchuf musiiban akka itti dhufte ni beeka. Kanaafu wanta takka badeef aaruu fi gadduun bu’aan isaa maaliree?

Namni yeroo musiiban itti buutu ofitti quba qabuu dhiise nama yookin Rabbitti quba qaba. Balleessa ofii hojjateef Rabbitu akkana na godhe jedha. Rabbiin jechoota akkanaatirraa nu haa tiksu. Rabbirraa wanta keeyrii(gaarii) malee wanta badaan hin dhufu. Musiiban tan nu tuqxu sababa hojii badaa hojjannee dabarsineetifi. Rabbiin akkana nuun jedha:4:79

“Toltuu irraa wanti si tuqe kamillee Rabbi irraayi. Hamtuu irraa wanti si tuqe lubbuu kee irraayi.Namootaf ergamaa taasifneetin si ergine (Yaa Muhammad). Ragummaaf Rabbiin qofti gahaadha.” Suuraa An-Nisaa’i: 79

Ergaan asii olii Nabiyyanaa Muhammad(SAW) qofaaf osoo hin ta’iin ilma nama kamifuyyudha. Wanti hamtuun nu tuqxe nurraayi. Wantii gaariin immoo Rabbirraayi.42:30

“Hamtuu irraa wanti isin tuqxe waanuma harki keessan hojjateefi;(Rabbiin) baay’ees dhiifama godha.” Suuraa As-shuuraa:30 

4.Gammachuu fi milkaa’inna isaan dhamdhamsiisuf – Ilmi namaa hadhaa fi mi’aa addunyaa tanaa kan beeku yoo akaaku lamaanu dhandhameedha. Addunyaan tunii mi’aa malee hadhaa osoo qabaachu baatte,akkasumas hadhaa malee mi’aa osoo qabaachu baatte, silaa dhalli namaa gahee isaa addunyaa tanarritti taphachuu hin danda’u,kaayyoo ofii galmaan hin gahu. Namni kan gammaduu yoo hadhaa fi mi’aa dhandhamee addaan baasedha. Mi’aan qoftii ykn hadhaan qoftii gammachuu ta’uu hin danda’u. Wantoonni lamaan wal falleessan kunniin tarreen/paralaalin yoo deeman gammachuu fi milkaa’inni argama. Namni osoo rakkoon walii hin qunnamiin,hadhaa wayituu osoo hin dhandhamiin gola milkaa’inna fi gammachuu satat jedhe seenuf yaadu totora’uu malee yaada sirrii yaadaa hin jiru. Gufuu fi rakkoon yommuu nama dhoftuu gammachuu fi milkaa’inni dhugaa dhufan.

Beekumsi ilmaa namaa gabaaba fi xiqqaadha. Wanta fundura isaatti isa eeggatu hin beeku. Wanti inni gaariidha jedhe yaadu isaaf badaa fi fafee ta’uu danda’a. Akkasumas wanti inni badaa jedhe yaadu isaaf gaarii ta’uu danda’a. Musiiban inni akka badaatti yaadu qoola isa jibbisiisun wanta warqii caalu of keessatti hammattee itti mul’achuu dandeessi. Qoolli isii hangaa irraa quncifamuu ni muddama,sabrii hin qabu. Kanarraa kan ka’ee wanta warqii caalu dhaba. Milkaa’innaa fi gammachuu irraa mucucaata. Rakkoo fi gadadoof saaxilama.2:216

“Odoma inni isin biratti jibbamaa ta’uu lolli dirqama isin irratti godhame. Tarii odoo inni isiniif gaarii ta’uu waan tokko jibbitu. Tarii odoo inni isiniif hamtuu ta’uu waan tokko jaallattu.  Rabbumatu beeka isin hin beektan. “ Suuraa al-Baqaraa:216

Gudunfaa

Yommuu musiiban nu tuqxu gadduun,aaruu fi abdii kutuun amala ilma namaati. Haa ta’uu malee yommuu musiiban nu tuqxu wanti hamtuun keessaa hin baane na tuqxe jirtii jenne aaruu fi gadduun rakkinna fi dhiphinna nuu dabaluu malee furmaata wayitu nu fiduu hin danda’an. Yommuu musiiban nutti buutu dafne of sakatta’uu qabna. Badii hojjannee dabarsinee yaadachuu fi sirreessuf carraaqu qabna. Akkanumaan lafaa kaate musiiban tan nu tuqxe osoo hin ta’iin waan tokko nu fiduufi. Yookaa nutu waa baalleesse. Wanta musiiba tana keessa jiru gadi qabne xinxallinee bu’aa ishii yeroo dhihootti ni argina.

Wanti hamtuun yommuu nu tuqxu namoota musiibaa nu caalun rukutamanii dandamatan ilaalu qabna. “Edaa nama baay’etu jiraa kan musiiba hangana hin jedhamneen rukutamee!” jenne of haa gaafannu. Wanti nuu hafee wanta badee akka caalu hubachuun Rabbii galata galchuu qabna. Rabbiin kan nu qoru/mokkoruu jabeenyaa fi sabrii keenya ifaatti baasufi waan ta’eef kana beekne obsaa fi abdii qabaachu qabna. Yoo kana goone wanta badee caalaa isa gaarii ta’e Rabbiin nu kenna. Obsa yoo dhabnee lafaan of quune wanta nuu hafe ni dhabna. Murtii Rabbiitti gammaduu fi fudhaachuun boqonnaa sammuu namaa kenna,dhiphinnaa fi yaaddo saaqa.

Boqonnaa Sammuu(Peace of Mind)
QORMAATA DARGAGOOTAA

Leave a Reply