Boqonnaa Sammuu(Peace of Mind)

Sammuun qamoole ilmaa namaa keessaa akka motoraa ta’uun ilma nama sochoossa. Eessaa ka’ee garam akka deemu itti akeeka. Sammuun buqqee cimaan marfamuun miidhaa garagaraa irraa tikfama. Osoo miidhan qaama kan akka rukutta gonkumaa isa dhaqabuyyu baate miidhaan garagaraa karaa adda addaatin ni dhaqqaba. Kana keessa dhiphinna,yaaddo,aarii,lola fi kkf dha. Miidhaa kanniinif akka hin saaxilamne sammuun kunuunsa addaa isa barbaachisa. Miidhaawwan kanaan takka miidhamnaan dawaa argachuun ni ulfaata.

Akkuma qaamonni biroo hojii humnaa hojjatanii dadhaban sammuunis ni dadhaba,boqonna isa barbaachisa. Sammuun karaa adda addaatin boqonnaa ni dhaba,ni hadooda,gammachu dhaba. Namoonni baay’een yeroo ammaa dhukkuba qaamatiin kan miidhaman osoo hin taane dhukkuba sammuutin reebamaa jiru. Dhiphinna sammuu kanarraa of baraaruuf dhagaan isaan hin fonqolchinee hin jiru. Furmaata yoo dhaban murtoon isaani inni dhumaa fi inni dhumaa of ajjeessudha jedhanii yaadu. Of ajjeessun dhukkuba sammuu irraa waan of baraaran itti fakkaata. Haa ta’uu malee wantii isaan eeggatu kan duraani caalaa hamaadha. Marree nullee miidhaa akkanaatin osoo hin saaxilaminiin duratti boqonnaa sammuu akkamitti argachuu dandeenya?

1.Cubbuu irraa fagaachu- cubbuu jechuun uumamaanu wanta qalbii rakkisuu fi dhiphisuudha. Namni cubbuu yommuu hojjatu ni dhiphata,ni yaaddawa,gammachuu dhaba. Cubbuun summii sammuuti. Wanta hanga cubbuu sammuu summeessu fi hadoochu hin jiru. Namoonni yommuu cubbuu hojjatan sammuun isaani waan yaaddoftuu fi dhiphattuuf kana jalaa bahuuf of ajjeessuf haada barbaadatu. Aktaroota filmii warra Dhihaa yoo ilaallu boodden isaani dhiphinna jalaa bahuuf of ajjeessudha. Balaan kana hunda kan fide cubbuu adda addaa keessatti borcamuu isaaniti.

Namni akkuma cubbuu irraa fagaacha fi hojii gaggaari hojjataa adeemun akkasuma boqonnaa sammuu argachaa adeema. Fedhii yeroo gabaabduuf turtu gadi qabuu fi too’achuun boqonnaa sammuu yeroo dheeraf turuu namaa kenna. Namni fedhii foonii yeroo gabaabduf turtu argachuuf karaa hin taanen yommuu adeemu miidhan sammuu fi qaama irra gahuu hangana hin jedhamu. Namni dhokateeyyu cubbuu osoo hojjatee,akka waan cubbuun sun irraa dubbifamuutitti namoonni isa jibbaa fi ofille of jibbaa adeema. Yeroo hundaa gadii aantummaa fi ofitti amanamummaa dhabuun isatti dhagahama. Miirota negaativii garagaraatin keessi isaa reebama. Kanaafu namni gammachuu fi boqonnaa sammuu barbaadu cubbuu irraa haa dheessu. Kana hin barbaadu cubbuutu naa caalaa kan jedhu yoo jiraate immoo mirga isaati.

2.Sodaa fi Beekumsa Rabbii qabaachu- Namni akkuma Rabbiin beekaa fi sodaataa adeemun cubbuu irraa fagaacha adeema. Sodaan Rabbii qalbii keessa yoo jiraate kophaa fi ifattis Rabbiin na arga jedhe waan sodaatuf cubbuu akka hin hojjanne waardiyaa itti ta’a. Rabbiin na arga jedhe cubbuu irraa dheesse. Rabbiin sodaachun cubbuu irraa fagachu qofa osoo hin ta’iin wanta Inni itti nama ajajee hojjachuu fi kan irraa nama dhowwee irraa fagaachudha. Sodaa Rabbii qabaachuf immoo sifaata(Attributes) isaa beekun barbaachisaadha. Kunii immoo kan argamuu filoosofi fi madda wal maanxerraa osoo hin ta’iin Kitaaba Rabbiin buuserraayi kana jechuun Qur’aana fi Sunnaa Nabiyyi Muhammada(SAW) irraayi. Maddoota kanniin lamaanin ala taanan sodaa fi beekumsi Rabbii argamuu hin danda’a.

Umamaanu ilmi namaa yommuu Rabbiin sodaatu fi tolee jedhuu qalbiin isaa akkuma gammaddu yommuu Rabbiin diddu fi gantu immoo ni cinqamti, ni gadditi. Jireenya kana keessatti daandii lamatu jira. Isaanis daandii Rabbii qajeelaa kan ta’ee gammachuu fi milkaa’innatti nama baasu fi daandii sheeyxaanaa jallataa kan ta’ee gaddaa,cinqii fi rakkinatti nama geessudha. Namoonni daandii lamaan kanniin keessaa tokko filachuun irra adeemu.  Daandii Rabbii filatee fi hojii gaggaari kan hojjatee jireenya gammachuu jiraata.16:97

 

 

 

 

 

 

Dhiiras ta’ii dubartii nama mu’imana(Rabbitti kan amanee) ta’ee dalagaa gaarii hojjate, dhugumatti jireenya gaarii isa jiraachifna; mindaa isaaniis irra gaarii waan isaan dalagaa turaniitin isaan mindeessina.” An-Nahl 16:97

Namni Dandii Rabbii dide immoo daandii sheyxaana filate jedhama. Isaaf jireenya rakkoo fi dhiphootu jira. Kana na amanuu yoo dadhabdan mee warra dhihaa kan akka Ameeraa fi Awrooppaa ilaalaa. Osoo qabeenyi isaan bira ciise jiruu lubbuu ofii dhiphinna irraa kan ka’e of galaafatu. Dhiphinni immoo kan dhufuu daandii Rabbii irraa garagaluutin.20:124

 

 

 

 

“Namni yaadannoo(Qur’aana) kiyyaa irraa garagalee, dhugumatti isaaf jireenya dhiphoo ta’eetu jira. Guyyaa Qiyaamas jaamaa goonee isa kaafna.” Suuraa Xaahaa 20:124

Kanaafu Rabbiin beeku fi sodaachun handuura boqonnaa sammuu namaati.

3.Zikrii(Rabbiin yaadachuu fi faarsu)– Namni Rabbiin erga beeke booda Isa yaadachu qaba. Kan yeroo beelaye nyaachisuu,kan yeroo daare uwwisuu,kan yeroo cinqamee cinqii keessaa isa baasu Rabbiin qofa akka ta’ee osoo beeku akkamatti zikrii(yaadanno) isaatirraa fagaataa? Qalbiin yommuu zikrii irraa fagaattu ni goggogdi,ni cinqamti. Akkuma garaaf nyaata fi dhugaati barbaachisuu qalbiifis zikrii Rabbii barbaachisa. Nyaanni qalbii(onnee) zikriidha. Nyaata kana yoo dhabde ni cinqamtii,ni duuti akkuma biqilaan lafaa yaa’u rooba yoo dhabe badu.13:28

 

 

 

 

“Isaan warra amananii onneen isaani zikrii Rabbiitin tasgabbooftudha. Dhaga’aa! Zikrii Rabbiitin onneen ni tasgabboofti.” Ar-Ra’ad 13:28

Zikrii gochuuf carraa baay’etu jiru. Garuu karaan zikrii itti godhan Sunnaa Nabiyyanaa Muhammad(SAW) irraa kan goruu fi maquu yoo ta’ee faydaa zikrii argachuu hin dandeenyu. Karaa Nabiyyin ittiin godhaniin yoo goone qofa boqonnaa sammuu fi tasgabbii qalbii kan argannu. Qur’aana xiyyeefannon dubbisuu fi hubachuun zikriidha. Salaata sirnaan salaatun zikriidha. Yommuu lukaa fi geejjibaan ol gadii deeman arrabaan Rabbiin faarsun fi qalbiin yaadachuun zikriidha. Akkuma roobni yoo ardii gogdu irratti roobe lafti magariisa taatu zikriinis onnee nama gogde jiisa. Bakka kamuu yoo deemnu arraba keenya Rabbiin faarsuf haa carraaqnu. Subahanallah(Rabbiin qulqullaa’e), Alhamdulillah(faarun kan Rabbiiti), Allahuakbar(Rabbiin guddaadha) haa jennu. Arraba keenya zikriwwan kanaa fi kan kana fakkaataniin mee haa leenjisnu. Insha Allah boqonnaa sammuu,tasgabbii qalbii ni arganna.

4.Aarii ofii too’achuu, du’aayi fi araarama walii gochuu– Akkuma bifti namoota gargaraa amalli isaanis akkasuma garagara. Namoonni dafanii aaranii fi kan hin aarretu jiru. Namoonni adeemsa jireenyaa keessatti karaa adda addaatin walitti bu’uu danda’u. Yeroo walitti bu’iinsi uumamu aarii ofii too’achuu fi walii araaramuun boqonna sammuu nama kenna. Wanta takka darbeef keessa ofii aariin reebun miidha sammuu fi qaama ofitirraan gahuudha. Wanti darbee gonkumaa akka hin deebine beekanii xiyyeeffannoo ofii gara biraatti garagachuun amala nama qarooti. Jechoonni namoota garmalee nu aarsu danda’u. Kan nutti dubbatan yookaa jechi tasa afaani baate yookin immoo nu xiqqeessuf ta’uu danda’a. Diina keenya kan ta’ee sheyxaanni dubbii walitti darbannee akka hariiron keenya addaan citu barbaada. Kanaafu sheyxaanu aarsuu fi ofirraa ari’uuf nama jecha san nutti dubate saniif irra darbuu fi araaramufi qabna. Kanarra immoo inni caaltun yommuu nama sanii du’aayi goonu aariin keenya akka qabbanaa’u fi hariiroon keenya akka cimu ta’a. Nuti “Yaa Rabbii ani jecha inni/ishiin jedheef/jetteef dhiise ykn araarameefi atillee dhiisif ykn araaramiif” yommuu jennu,  maaltu nutti dhagahama? Diina keenya sheyxaanatti kan hariiroo keenya addaan kutuuf deemutti maaltu dhagahama laata? Dhugumatti akkana kan goonu yoo taane, wanta nu aarsu ni irraanfanna, boqonna sammuu ni arganna. Wanta nu cinquu hundaaf wudu’a godhanne  salaata salaatun du’aayi yoo godhanne dukkana san ofirraa saaqun boqonna sammuu ni arganna.

5.Nyaata fi dhugaata haala madaalawaan nyaachu fi dhuguu – Wantoota boqonnaa sammuu nama dhabsiisan keessaa tokko nyaata fi dhugaati ofitti baay’isuudha. Namni yommuu nyaata fi dhugaati ofitti baay’isuu qaaman furdataa sammuun immoo laamshayaa adeema. Garmalee ofitti oofun sammuun akka cinqamtu godha. Nyaata akkanaa lamuu hin argadhu jedhanii nyaachu irra hanga humna ofii nyaachun boqonnaa sammuu argachuudha. Namni akka horii yoo ofitti oofu Rabbii ofii irraanfachaa fi sammuu xinxallitu dhabaa adeema. Kanaafu nyaata fi dhugaati osoo garmalee hin xiqqeessin, osoo ofittis hin baay’isin haala madalawaan nyaachu fi dhuguun boqonnaa sammuuti.

6.Dubbii xiqqeessu – Wantoota boqonnaa sammuu nama dhabsiisan keessaa kan biraa immoo dubbii baay’isudha. Namni wanta faaydi hin qabneef odeessu qalbiin isaa gogaa fi tasgabbii dhabaa adeemti. Wanta dubbateef gaabbun keessa ofii reeba. Namni dubbii isaa yoo hin dhagayinii fi irraa hin fudhatiin aariin sammuu ofii cinqa. “Arraba gabaabachuun sammuun bilchaachudha” akkuma jedhamu namni yommuu sammuun bilchaata adeemu wanta dubbatuuf gatii kennaa fi madaala adeema. Tasa afaani baate rakkoo guddaa akka isatti hin finne hanga danda’uun of eeggannoo godha. Wanta hanga arrabaa rakkoo fi dararaa namatti fidu hin jiru. Namni osoo hin yaaddin wanta tokko dubbachuun rakkoo hamaa itti fida. “Alanshan malee liqimsuun,yaadan malee dubbachuun nama balleessaa.” jedhaa mitiree Oromoon.Kanaafu dubbii hin taane dubbachuu irraa of qusachuu fi falmii dubbii xiqqeessun burqaa boqonnaa sammuuti.

7.Cimanii hojjachuu- Hojii malee ta’uun hundee badiiti fi dhiphinnaati. Sammuun hojii gaarii hojjatee of bashanansiisu barbaada. Garuu yoo hojii dhabee akka ibiddaa of gubee fixa,ni cinqama. Hojiin sammuuf boqonnaadha. Namni dafqa ofiitin xaare of bulchuu boqonnaa sammuu yoo argatu kan osoo homaa hin xaarin hate jiraatu immoo jireenya cinqii fi daraara jiraata. Yoo dalagaa gaggaarin of ko’oomsine(of hiine) cubbuu hojjachuuf yeroo hin qabnu, halkan hirraba gaarii rafna. Nama boqonna sammuu fi tasgabbii argatu taana. Yoo hojii humnaa dhabne kitaaba haa dubbisnu.

8.Hirriba madalamaa rafuu– Rabbiin rafne boqonnaa akka itti argannuuf halkan uume. Garmalee baay’isanii fi xiqqeessanii rafuun sammuu irratti miidhaa guddaa geessa. Sagantaan hirriba keenyaa tartiiba akka dhabu kan godhu keessaa tokko torbaan tokkoof ykn guyyoota muraasaf hirriba garmalee rafne torbaan itti aanu hirraba akka dhabnu nu godha. Kunii immoo sammuu keenya jeeqa. Kanaafu akka akkana hin taanef sagantaan hirriba sa’aati murtaa’eef rafuu qabna. Guyyaa qixxe yeroo sammuun dadhabuu muguun boqonnaa fudhachuun ni danda’ama. Kana gochuf immoo ganama yeroon ka’uu qabna. Ganama yeroon yoo hin ka’in sammuun ni hadooda,xinxalluu hin danda’u.

Gudunfaa

Hundii keenya karaan nuti boqonna sammuu ittiin argannu garagara. Kanniin armaan olii akka fakkeenyatti fi bu’aa irraa argamee ilaalun kan filatamaniidha. Namni boqonnaa sammuu barbaadu Rabbiin beeke haa sodaatu,cubbuu irraa haa fagaatu,wudu’a haa godhatu, saalata haa salaatu, zikrii haa baay’isuu,du’aayi haa baay’isu,aararama fi gargarsa Rabbirraa haa kadhatu,beekumsa Islaamaa barachuuf kutate haa ka’u, amala namaa dhiisu fi irra darbuu horachuuf haa carraaqu,aarii ofii haa too’atu, cimee haa hojjatu, hirriba madalaama haa rafu, fedhii foonii haa too’atu, of tuulu dhiise gadi of haa qabu, sadaqaa haa kennatu, of jaalachuu fi haafa’uu irraa of haa qusatu.

Hanga Barruu biraatin walitti deebinutti nageenyi fi rahmanni Rabbii isinirra haa jiraatu.

Boqonna Sammuu kutaa 2ffaa
Qoolli Musiibaa Yommuu Quncifamuu

Leave a Reply