Boqonna Sammuu kutaa 2ffaa

Kutaa darban keessatti mata duree kana hanga dandeenyun qaaccesuuf yaalle turre. Boqonnaa sammuu argachuuf maloonni namoota hundaa gargar  haa ta’uu malee hundii isaani bu’aa qabeessaa fi itti fufinsa kan qabanii miti. Inuma gariin boqonnaa sammuu argachaan jira jedhe haa yaaduyyu malee dhiphinnaa fi rakkoo ofitti akka dabalaa jiru hin hubatu. Fakkeenyaf namoonni hojii tokko dalaganii erga fixanii sammuu keenya bashanansiisna jedhanii fiilmitti ija bobaasu. Sammuun sa’aati 24 hojjachuu hin danda’u boqonna barbaada. Hojii kaaniraa kaanitti yoo darbe ni miidhama. Teknolojiin yeroo amma faaydaa baay’ee haa qabaatuyyu malee miidhan inni sammuu fi jireenya ilma namaa irratti geessaa jiru hangana jedhame hin tilmaamamu. Namoonni Rabbiif gabromu dhiisanii fedhii ofiitif gabroma jiru. Namni Rabbiif gabroome bilisummaa fi nageenya dhugaa argata. Kan fedhii ofiitifi sheyxaanaf gabroome immoo bilisummaa fi nageenya dhugaa dhaba. Sababni isaas Rabbiin wanta ilma namaatiif ta’uu fi nageenyaf gammachuu isaaf argamsiisutti qajeelcha,ajaja. Fedhii fi sheyxaanni immoo wanta ilma namaa balleessanii fi rakkoof gadadoof saaxilanitti nama ajaju.

Akka dabalataatti burqaalen boqonnaa sammuu kanneen armaan gadiiti. Nu waliin turaa.

1. Tawbaa fi Rabbiin araarama kadhachuu- Akkuma kutaa darbee keessatti jenne wantoota boqonnaa sammuu nama dhabsiisan keessaa tokko cubbuudha. Ilmi namaa dadhabaa fi cubbuu irraa kan hin fagaanne, kan dogongoru danda’u ta’ee uumame. Cubbuu fi dogongora ofii beeke gara Rabbiitti akka deebi’u balballi tawbaa(repentance) isaaf banaa ta’e. Tawbaa jechuun cubbuu fi dogongora ofii beekanii gara Rabbitti deebi’uudha,araaramaafi itti warwaachudha. Namni tawbaa godhu ulaagalee armaan gadii guutu qaba. Isaanis:

  1. Hatamtamaan cubbuu san dhiisu
  2. Rabbirraa araarama kadhachuu
  3. Cubbuu san waan hojjataa tureef gaabbiin(nadam) itti dhagahamuu
  4. Cubbuu sanatti lamuu akka hin deebine murannoo fi kutannoo qabaachu.(Lamuu itti hin deebi’uu jedhe kutannoon cubbuu san dhiisu.)
  5. Cubbuun inni dalagee namoota irratti yoo ta’e nama sanii wanta jalaa fudhate deebisuufii yookiin araara gaafachu.(kaasaa kafaluufi)

Namni ulaagaale kana guutu dhugumaan gammachu fi boqonnaa sammuu dhugaa ni argata. Jireenya dukkana’aa fi cinqii keessaa gara ifaa fi boqonnaatti bahaa adeema. Namni dhugaan araarama Rabbirraa kadhatuu mirri yakkummaa fi gadi aantummaa irraa saaqamaa fi dhiqamaa adeema. Tawban riqicha hojii badaatirraa gara hojii gaariiti fi namummaa bayeessattii ittiin darbaniidha. Namni riqicha kan yeroon tolfatu insha Allah ni milkaa’a. Kan kana dide immoo isaaf jireenya badiitii fi rakkotu jira. Namni hanga fedhe cubbamaa haa ta’uu gara Rabbii yoo deebi’ee ni qulqullaa’a,badiin isaa irraa haaqamti. Wanti halkanii guyyaa isa cinquu fi sammuu isaa nyanyaatu irraa kufa. Rabbii yommuu tawbatti nu affeeru kunoo akkana jedha:39:5339:54

 

 

 

 

 

 

 

 

53.(Yaa Muhammad) jedhi,”Yaa gabroota kiyya kan lubbuu ofii irratti daangaa dabartan! Rahmata Rabbii irraa abdii hin muratinaa(hin kutatinaa). Dhugumatti Rabbiin balleessaa hundaa ni araarama. Inni Araaramaa, Rahmata godhaadha.

54. Gara Rabbii keessanii deebi’a, Isaafis ajajamaa odoo adabbiin isinitti hin dhufiniin duratti. Sana booda hin tumsamtanu. “ Suuraa Az-Zumar 39:53-54

Keeyyata armaan olii isa dhumaa irratti ibnu Kasiir haala kanaan ibsu ,”Tawbaa gochutti ariifadhaa, hojii gaggaari hojjadhaa osoo dallansuun Rabbii isinitti hin dhufiniin duratti.” Takkaa dallansuu fi adabbii Rabbii namattii bunan eenyutu nama gargaara?

Kanaafu rakkoo fi cinqii keessa jirruu fi kan funduratti nu qunnamuu keessaa bahuuf fallii duraa cubbuu fi dogongora keenya amanne gara Rabbii deebi’udha,tawbaa gochuudha, Isaaf ajajamuudha. Kanatu boqonnaa sammuu bu’a qabeessaa fi itti fuufinsa qabu nuu fida. Akka warra dhihaa cubbuu keessa borcamuun gochii koo boqonnaa sammuu naa kennaa jira jedhanii yaadun totorra’uu malee wanta biraa ta’uu hin danda’u. Rabbiin namoota hojii fokkataa irraa gara Isaatti deebi’an haala kanaan gammachisa:3:1353:136

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

Isaan warra yeroo waan fokkataa hojjatan yookiin lubbuu ofii miidhan Rabbiin yaadatanii badii/cubbuu isaanitiif araarama gaafataniidha. Rabbii malee eenyutu badii/cubbuu araaramaa? Isaan osoo beekanu waan hojjatanirra (cubbuu ofitirra) kan hin turreedha. Isaan sun mindaan isaanii araarama Gooftaa isaanii biraa ta’ee fi jannata laggeen ishee jala yaatudha. Isaan ishe keessatti hafoodha.Mindaan hojjatootaa (jannata ta’uun) waa tole.” Suuraa Ali Imraan 3:135-136

Kanaafu namni hojii badaa/cubbuu dhiise gara Rabbiitti deebi’ee mindaan isaa xiqqaa miti.

2. Sabrii qabaachu– Jiruu fi jireenya ilma namaa keessatti sabriin utubaa jireenyati. Akkuma manni utubaa hin qabne dhaabbachuu hin dandeenye namni sabrii hin qabnees jireenya gaarii jiraachu hin danda’u. Wanti nu dhiphisuu fi rakkisuu jireenya keessatti nu qunnamu. Kuni akka darbuuf immoo sabrii nu barbaachisa. Wanta barbaanne argachuufis sabrii nu barbaachisa. Ta’uu baannan sammuu keenya ciinqi fi yaaddoon dhoosna. Sabriin/obsii bakka sadiitti qoodamti. Isaanis: wanta Rabbiin itti nama ajajeetti sabriin hojjachuu itti fufu, wanta Inna irraa nama dhoowwerraa dhowwamuu fi balaa nama qunname irratti sabrii gochuudha. Namoonni gosoota sadan irrattu sadarkaa sabrii garagaraa qabu. Gariin isaani wanta Rabbiin itti ajaje hojjachuu irratti obsa qabaatu,wanta irraa dhowwe irratti immoo obsa dhabu. Gariin immoo fuggisoo kanaati. Gariin immoo sadan irrattu sabrii nama dinqisiisu qabu. Kanaafu kaayyoo lubbuu ofii qulqulleessu fi nageenyaf tasgabbii sammuu galmaan gahuuf namni tokko sabrii kanniin qabaachu qaba. Cubbuu irraa fagaachuf lubbuu ofii sabriin gadi qabu qaba.

Sabriin hadhaa gara mi’aatti jijjira. Fakkeenyaf yeroo dargaggummaa fedhii foonii sabriin ukkaamsun ni hadhaawa. Garuu dargaggeessi tokko obsuu dhiise yoo karaa haraamatiin/fafeetin fedhii ofii qabbaneessu barbaade, boqonnaa sammuu dhaba, jireenya mi’ooftu sabriin argachu danda’u dhaba. Hadhaa duraani caalaa jireenyi itti hadhoofti.  Namni sabriin hadhaa kana dabarse immoo yoo Rabbii fedhe maatii fi jireenya gaarii hundeessa,kabajamaa fi jaallatamaa ta’a, boqonnaa sammuu argata.  Mee naannoo keenyarraa haa xinxallinuu; namoonni obsa dhabanii girlfriend,boyfriend jedhanii hariiroo uuman cinqii akkamii akka jiraatan haa hubannu. Namoonni kanarraa fagaatan immoo jireenya gammachuu jiraatu.

Ammaan booda namoota kannaan gammachuu fi boqonna sammuu argachuu hin danda’an jenne abdii isaani hin dukkaneessinu. Dhugumatti yoo cubbuu ofii dhiisanii gara Rabbii deebi’an gammachuu fi boqonnaa sammuu argachuu akka danda’an isaan abdachiisna. Namoota gaggaari Rabbiin filate keessaa ta’uus akka danda’an isaan onnachisna. (Keenyata Qur’aana armaan olii ilaali).

3.Tawakula/Rabbitti hirkachuu- Namni jiruu fi jireenya isaa keessatti kan darbeefis kan dhufuufis ni cinqima. Boru maal nyaadhen bulaa,hojii dhabuu danda’a,yoo fuudhe rakkachuun danda’a,daldala keessatti kasaarun danda’a fi yaadota kkf sammuu ofii keessa maruun of dhiphisa. Namni Rabbitti hirkatu immoo yaadota kanarraa bilisa jechuu osoo hin ta’in yaadota kanniin garmalee of hin dhiphisu. Kan nyaachisuu fi obaasu Rabbiin ta’uu erga beeke wanta fundura isaatti qunnamuuf yaaddawuu fi itti dhiphatu yeroo hin qabu. Xiyyeefannoon isaa yeroo har’aa keessatti wanta hojjachuu danda’u hojjate ooludha. Namni Rabbitti hirkatu balaallen/rakkinni yoo isa qunname murtii Rabbiitin akka isatti buute fi wanti gaariin akka keessa jirtu beeke obsa. Murtii Rabbiitti hin gaddu.

Kaayyoo tokko bakkaan gahuu yoo barbaade humna ofii osoo hin ta’in Rabbiitti hirkate kaayyoo san bakkaan gahuuf carraaqa. Akka Rabbiin galmaan gahuuf abdii guddaa irra kaa’a. Yoo Rabbiin abdatuu cal’isetummaan taa’ee  ani Rabbitti hirkadha hin jedhu. Kana irra hanga humna isaa carraaqe Rabbiin akka gargaaru du’aayi godhata. Osoo homaa hin carraaqin Rabbirraa waan gaarii abdachuun akka lafas osoo hin qotin sanyiis osoo hin facaasin callaa abdachuu ta’a.

…..Namni Rabbiin sodaatu (Rabbis) karaa bahinsaa isaaf godha. Bakka inni hin yaadin irraayis isa soora. Nama Rabbi irratti hirkatuuf Inni isaaf gahaadha. Dhugumatti Rabbiin dhimma isaa bakkaan gahaadha. Dhugumatti Rabbiin waan hundaafuu hanga sirraawaa taasiseera. “  Suuraa Ax-Xalaaq:2-3

4. Waan qabanitti gammaduu fi galata galchuu– namni yoo waan qabutti gammadee fi Rabbii galata galche Rabbiin ni dabalaaf. Haafa’u dhiise Rabbiin qananii meeqan akka isa qananiise fi namoonni meeqa qananii kana akka dhaban yoo hubatee Rabbii galata galche, bubbeen tasgabbii fi nageenyaa itti bubbisti. Nama dureessa jechuun nama qabeenya baay’e qabu osoo hin ta’iin wanta qabuu irratti gammade nama Rabbii galata galchuudha. Hanga fedhan namoonni addunyaa tanaaf haa dheebotan inni wanta xiqqoon quufa. Namni haafa’u hanga fedhe diinagde osoo kuuse hin quufu,gammachuu fi boqonnaa sammuu hin argatu. Har’a bu’aa tokko yoo argatu takkaa kan biraa dabalata argachuuf haafa’a takka immoo tan qabuu jalaa baddiif cinqima. Maaliree cinqiin akkanaa!!! Osoo Rabbitti hirkatee fi qananii Rabbiin kenneef itti gammade galata galcheefii silaa cinqiin kuni hundii ni dhufaa?

5. Araadota garagaraa irraa fagaachu- araadonni sammuu hadoochanii fi boqonna dhabsiisan baay’etu jiru. Kanniin keessaa alkooli,ashishii,sigaara,chaati, interneeti fi kkf dha. Namoonni araadota kanniin mataa ofii naannessu. Araadonni kunniin sammuu qofarratti osoo hin ta’iin maatii,qabeenya,hawaasa fi biyya irrattis miidhaa guddaa geessu. Namoonni araadan kan qabaman dhiphinna sammuu nurraa oofa jedhanii yaadun jalqabu. Haa ta’uu malee yeroon muraasan booda bowwoo fi dhukkubbii sammuu itti dabala. Yoo isa hin argatiin keessi isaanii akka ibiddaatti wal nyaata. Kanaafu yoo cinqamne ykn aarre araada kanniin fayyadamuu dhiisne yookaa wudu’achuun salaata sagadu yookiin immoo “A’uzubillahi mina sheyxaani rajiim(Sheyxaana abarraama Rabbitti mangafadha)” jechuudha. Yeroo san aariin keenya ni qabanaa’a.

Araadni kan akka alkooli,sigaara baay’ee dubbatamee jiraa mee gara araada interneeti haa seennu. Dhuguma interneetin yoo itti fayyadamaan bu’aa guddaa namaa buusa. Yoo garuu sirnaan itti hin fayyadamiin miidhan isaa hangana hin jedhamu. Hojii tokko akkuma fixneen sammuu boqonnaa kennu dhiisne dafne facebook ykn interneetitti rarraan. Kuni immoo sammuun keenya akka dadhabuu fi laamshayu godha. Chaati jenne guruupi banuu fi messenjarii fayyadamuun wanta hin taane fi nama gaddisiisu caarra. Wanti barreessine boodarra nu gaabbisiisun sammuu keenya cinqa. Kanaafu wanta addunyaa aakiratti nu fayyadu interneeti irraa fudhanne bahuu qabnaa malee wanta nu hin fayyanne waliin yeroo keenya gubuun umrii ofiititti taphachuudha.

6.Yeroo saganteessu- Kutaa tokkofaa keessatti cimanii hojjachuun boqonnaa sammuuti akkuma jenne, saganteessun immoo mala cimanii ittiin hojjataniidha. Akkuma horii wantuma arginee kaayyoo fi sagantaa malee kan hojjannu yoo taane yeroon keenya baay’een osoo homaa hin hojjatiin gubatti. Kana baruuf guyyaa tokko gadi taa’i hojiiwwan sa’aati 24 keessatti dalaguu dandeessi saganteessi. Yeroo san yeroo kee wanta hin taane irratti akka gubataa turee fi sammuun kee hangam akka dhiphataa türe ni barta. Dalagaa ofii guyyaa guyyaan saganteessun hojiin keenya tartiiba fi qulqullina akka qabatanii fi sammuun boqonnaa akka argatu godhu. Har’a boru hojjanna jenne osoo gara funduratti dabarsinuu guyyaa tokko akka ba’aa harree nutti ulfaata. Dhiphinna sammuu fi cinqiif saaxilamna. Saganteessu yommuu jennu sa’aati 24 hojii qofaaf osoo hin ta’iin yeroo boqonnu,rafnu fi hojii itti hojjannu sirnaan tarreessudha.  Kanaafu yeroo ofii saganteessuun oomisha gaarii omishuf nama gargara,yeroo gababaa keessatti hojii baay’ee fi qulqullinna qabu hojjatan,yeroon akka hin qisaasofne taasisa,tasgabbii,nageenya,gammachuu fi boqonnaa sammuu namaa laata. Faaydaa kana hunda dhabuu irra yeroo keenya saganteessun maal isinitti fakkaataa?

7.Ispoorti hojjachuu– Jabeenya qaama hojjachuun sammuuf bu’aa guddaa argamsiisa. Ispoortiin dhiikkisa onnee waan ariifachiisuf marsaan dhiigaa sammuu keessa akka ariifatu godha. Kuni immoo sammuun si’ooftu(active) akka taatu godha. Annisaa fi humna, dandeetti yaadu fi xinxallu dabalaaf. Kanaafu guyyatti ispoortii gosa kamiyyuu xiqqaate xiqqaatu daqiiqa 15f hojjachuun qamaaf fayyaa,sammuuf boqonnaa kenna.

Boqonnaa sammuu yoo jennu wanta agatti tanaa asirratti barreesine fixnu miti. Kitaaba isa barbaachisa. Yoo Rabbi fedhe gara funduraatti haala kitaabatin qopheessuf yaadan qaba Rabbiin achii nu haa gahu. Hanga barruu “Qorsa Jaalalaatin” wal agarrutti nageenyi fi Rahmanni Rabbii isiniratti haa jiraatu.

Hiikkan keeyyattoota Qur’aana armaan olii kan fudhataman “Hiika Qur’aana Kabajamaa Afaan Oromootin” fi “Sahih International English translation of the Holy Qur’an” irraayi

Daandii Jijjiramaa-Kutaa 1ffaa
Boqonnaa Sammuu(Peace of Mind)
Kana Raabsi

One comment

  • baayyee natti tole kanarra kan caalu beekumsa isiniif haa dabaluu gaaffiin koo tokko kan rifeensa mataa akka hin bubuqqaane kan godhu maal jettanii yaaddu?

Leave a Reply

Your email address will not be published.