Qorsa Jaalalaa-Kutaa 1ffaa

Yeroo darban keessa baruulee jaalala barreessun keenya ni yaadatama. Barrulee kanniin keessatti hiika jalaala waliin mari’achuuf yaalle turre. Jaalalli fayyaas dhiibes. Yoo obbolaa lamaan ykn haadha fi abbaa  manaa jiddu jaalalli dhugaa uumame walitti nyakkisuu,wal jibbuu,wal waanyu,wal sobuu fi kkf jidduu isaaniti ni ka’a. Sababa jaalalaatin walitti dhufeenya namoota lamaani ni cima. Qaroomini sababa jaalalaatin ijjaarrama. Tokkumaan hawaasaa kan ijjaaramu jaalalaani. Bakka jaalalli hin jirretti qaroominni,obbolummaan,tokkummaan jiraachu hin danda’an.

Karaa biraatin jaalalli dhukkuba. Mataan isaa dhukkuba osoo hin ta’iin qabiinsaa fi too’anna dhabiinsa isaatu dhibee isa godhe. Jaalalli keessa darbaan (Obsessive love) namoota dhuunfas hawaasas miidha. Jaalalli keessa yoo darbee gabbarrii ykn waqeefannaa ta’a. Nama ykn wanta san akka gooftatti ilaalu fi gabaruutu dhufa. Dhiirri ykn dubartiin takka nama tokkorraa jaalalaan yoo qabamee ykn qabamte halkanii guyyaa waa’ee isaa/ishii yaada/yaaddi. Jaalala kana gadi qabuu dhiise karaa haraamatan qabaneessu yoo yaale balbala badii ofitti banaa adeema malee furmaata barbaadataa hin jiru. Kanaafu jaalalli kunii daangaa darbee akka nu hin miine maal gochu qabnaa?

1. Ija ofii gadi qabachuu– ijji karaa sheyxaanni qalbii namaa seenuni. Yommuu dubartii takka ilaallu sheyxaanni boca ishii nutti miidhagsun qalbii keessatti akka haftuu fi yaadni keenya guutun akka ishiif ta’uu nu godha. Sadarkaan jalqabaa sheyxaanni ilma namaa gara badiitti fudhatu ijaani. Jalqaba ijji ni ilaalti. Ergasii waa’ee sanii ni yaaddi. Qalbiin erga bilcheessite booda  qaamni hormaata yookaa ni mirkaneessa yookaa ni dida. Badiin osoo hin gudatiiniin duratti hidda isaa buqqisuun nageenya fi tasgabbiidha. Takka badiin hidda godhanaan buqqisuun ni ulfaata. Rabbiin dhibee kamifuu furmaataa fi qoricha malee hin buusne. Edisiyyuu taanan qorichi isaa wal qunnamtii saalaa seera maleessarra fagaachudha.  Edisin namoota qulqullumma ofii eegan ari’ee qabee ajjeessa moo nama ofii harka itti kenne qabee galafataa? Dhugumatti, nama gulufee itti dhaqetu waxmadii isaa keessa gala. Rabbiin waa’ee ilma namaa keessa alaa isaa kan beeku akka badii kanaan hin halaakamne/badne furmaata kana  lafa kaa’e.

24:30

 

 

 

 

“ Ija isaanii akka gadi qabatanii fi qaama saala isaanii akka eegan Mu’umintootatti (warroota amananitti) himi. Santu isaaniif irra qulqulludha. Dhugumatti Rabbiin keessa beekaa waan isaan dalaganitti.” Suuraa An-Nuur 24:30 

Haa ta’uu malee yeroo amma ajaja Rabbii keenya kana dugda duubatti darbinee ija keenya wanta haraamatti bobaasna. Gatii ija keenya gadii qabachuu didneefis yerooma san ykn boodarra ni arganna. Fiilmii,gaazeexaa,interneeti.Tv fi kkf dubartii qullaa deemtu of keessaa qabanitti ija bobaasna. Gatii kanaas keessi keenya ibidda fedhiitin akka boba’u ta’a. Furmaanni ija ofii gadi qabachuu ta’ee osoo jiruu filmii fi Tv dubartii qullaa ilaalun furmaata akkamitti ta’uu danda’a? Ibidda bishaaniin dhaamsu osoo danda’amuu gaziin akkamitti ibidda dhaamsu danda’a? Kanaafu ija keenya filmii,diraamaa,Tv,gazeexaa,interneeti fi kkf kan wanta fokkataa facaasanitti ija bobaasun akka ibidda irratti gaazi dabalutitti. Keessa keenya nageenya fi tasgabbii nu dhabsiisu malee bu’aa fi furmaata tokko nu fiduu hin danda’a.Dargaggeessa tokkotu akkamitti filmii fi diraama akkamitti akka ilaalu dhiise haala kanaan ibsa.

“Yeroo kutaa 8 fi 9 jiruu filmii fi diraamaa nan ilaalan türe. Miidhan inni sammuu koo irraan gahaa türe hangana hin jedhamu. Halkan hirriba malee bulun,dubartii fi dhiira iskiriini tv keessatti ilaalaa turan san yoo yaadatan nageenya fi tasgabbii sammuu nama hin dhabsiisuree? Kutaa kudhan yeroo gahu hiika Qur’aana afaan ingilifaatin dubbisuu jalqabe. Ji’a sadii keessatti wanta fiilmii fi diraama jedhamuu akka hin ilaalle tawbadhe irraa garagalee.Lamuu filmii fi diraamatti hin deebi’uu jedhe of amansiise. Diraaman yommuu banamuu dafee gara kutaa kootti lixa. Kanattu gammachuu fi tasgabii qalbii kooti naa kenna. Fimii fi diraama ilaalun onne walitti suntursuu malee bu’aa tokko akka hin qabne naa galte.Alhamdulillah urga sanii filmii fi diraamatti hin deebine.”  Kanaafu wanta haraama ilaalu irraa ija ofii gadi qabachuun qorsa jaalala isa jalqabaati.

2.Walitti makamuu– dhiira fi dhalaan walitti makamuun akka jeedalaa fi hoolata walitti makanii tiiksuti. Ibidda fedhii of keessatti danfisuu fi gubaa isaatin rakkachuudha. Saalli lamaan yommuu walitti makaman fedhiin lamaani ni kaka’a,ibidda keessatiin ni gubatu.  Warri dhihaa yommuu saallli lamaan walitti makaman fedhii ni hir’isa jedhanii yaadu. Kanarraa kan ka’ee dhalaa fi dhirri akka horii wal keessa yaa’u. Sababa kanaan gudeddaa,ulfa seera maleessa,dhiibe garagaraatin haleellamuun itti baay’ate. “Saala lamaan walitti makuu jechuu yommuu dheebotan bishaan galaanaa dhuguu jechuudha. Bishaan soqiddaa akkamitti dheebu nama baasaa dheebu namatti dabaluu malee?”

Kanaafu qorichi jaalalaa inni lamataa saala faalla fuudhu ykn itti heerumu danda’an gaa’ilan duras boodas itti makamuu irraa fagaachu,dubbii hin taane fi hin barbaachisne waliin haasawu dhiisu,waliin kolfuu fi taphachuu dhiisudha. Sheyxaanni yoommu saala faalla waliin taphannuu fi kokolfinuu akka dammaatti nutti mi’eessa,inumaa san caalaa mi’eessa. Dubartii/dhiira fuudhu danda’an waliin yoo hin taphatin jireenyi gammachu akka hin qabne godhe nutti fakkeessa. Kaayyon sheyxaana inni guddaan kana osoo hin ta’iin suuta suutan zinaa/sagaagalumma akka raawwannuufi. Zinaa erga raawwanne booda rakkinnaa fi gadadoo garagaraatif nu saaxila. Eeti yuniversitii fi daree tokkotti walitti makamanii barachuun ni jira. Haa ta’uu malee barcumaa tokkorraa taa’uu dhiisu fi isaan waliin kokolfuu fi taphachuu dhiisun ni danda’ama. Hanga fedhe sheyxaanni nu haa wasawasuu/hasaasu saala faalla waliin taphachuu dhiisudha. Kana gochuun gammachuu fi boqonnaa sammuuti.

3.Chaati- Yeroo amma kana keessa sababa teknolojiin garmalee babal’ateen namoonni namummaa fi hamilee ofii dhabaa jiru. Kabaja ofii handaratti salphisaa jiru. Nama beekanii fi hin beeknetti qalbii ofii rarraasu. Ibiddi keessaa waan facebook chaatin qabannaa’u itti fakkaata. Yommuu saala faalla waliin chaati jalqabnu sheyxaanni araada nutti godhaa adeema. Isa ykn ishii waliin har’a chaati yoo hin godhiin hirribni hin jiru,garaachi nyaata hin fudhatu,hojii ofii qulqullinnaa fi yeroo gabaaba keessatti hojjachun hin jiru. Mee haa xinxallinuu miidhan chaatin namarraan gahaa jiru. Namoota interneetiif chaatin caatidha. Sababni isaas akkuma caatin yeroo gubuu chaatinis yeroo guba,oomisha xiqqaa oomishan,sammuu namaa jijjira ykn ni hadoocha.

Kanaafu yoo intala takka yookiin dhiira tokko waliin chaati jalqabde fuudhu fi heerumuf qophii yoo hin ta’in addaan kuti. Yoo chaati hin jalqabiin hadaara jalqabuuf hin yaadin dhiisun boodarra sitti ulfaatati. Nama san fuudhu ykn itti heerumu yoo barbaaddeyyuu chaatin hariiroo fi jaalala keessan laaffisa malee hin cimsu. Sababni isaas jechoonni gaggabaabon walitti darbattan guyyaa tokko summii taate hariiroo keessan balleesiti. Kanaafu qorsii jaalalaa inni sadaffaan  chaatirraa fagaachudha. Chaatirra fagaachun boqonnaa sammuu,nageenya,tasgabbii namaa laata. Yeroo qusata. Hojii ofii qulqulinnaani fi yeroo gabaabatti xumuran.

4.Hiriyyaa badaa irraa fagaachu– hiriyyaan si tolchas si balleessas. Namni gaariis haa hojjatu badas namni hunduu akka isaa akka ta’u barbaada. Akkuma jedhamu dubartiin zinaa/sagaagalumma rawwattu dubartoonni hunduu zinaa akkuma ishii akka raawwatan barbaaddi. Hiriyyaanis yommuu ofii wanta badaa hojjatu namoota biroos walin qooda akka fudhatan humna qabuun itti harkisa.  Namtichi inni itti harkisuu ofitti amanamummaa fi sodaan Rabbii laamsho/laafaa yoo ta’ee salphatti mataan gadi jedhaaf. Qilee inni itti of darbee waliin innis itti of darba. Seenan badii sababa hiriyyaatin dhalatuu lakkaawame hin dhumu. Seenaa asitti odeessun barreefama dheeressu fi irra deeddebii ta’a. Namni  seenarraa waa barate jireenya ofii fooyyefata. Namni aaqilli/qaruuten bollo namtichi kaleessa itti küfe innis dhaqee itti hin kufu. Seenaa namticha sanii osoo beeku faana isaa hin dhahu.

Hiriyyaan suuta suutan sossobee karaa nama dabarsaa malee humnaan dhiibee wanta ofii dalagu nama hin hojjachiisu. Mee koottu jaalalle koo waliin shaayi dhugnaa siin jedha. Yoo tole jette isa hordofte shaayi si obaasa,waliin taphattan. Achii galgala ni galta. Ni rafta. Yeroo kana yaada akkamituu sitti dhufa? Deebii simaaf dhiisa. Tarkaanfi akkamii fudhachuu akka qabdu sheyxaanni sitti hasaasaa bula. Salphatti haala kanaan hiriyyaan karaa si dabarsa.  Jalqabuma yeroo inni shaayi ykn wanta biraa  jedhe si affeeru osoo didde salphatti si hin gowwoomsu.

Kanaafu hanga feene hiriyyaa keenya haa jallannu yoo inni wanta badatti nu harkise lakki jechuu qabna. Fedhii gabaabdu darbituuf jenne gammachuu fi nageenya zalaalami dhabuu qabnaa? Hiriyyaan keenya takka rakkanaan as garagalee nu hin ilaalu. Osoo dhibee Eedistiin qabamne Rabbii nu haa tiksutii nurraa dheessaa malee qalbii jaalalaatin nutti dhihaate nu hin kunuunsu. Marree maaliif wanti inni dalaguu guutu waliin dalagne boodarraa gaabbii fi rakkoof jireenya keenya saaxillaa? Yoo wanta badaa waliin dalaguu baanne hanga fedhe nutti haa aaru,funyaa haa dhaabu, lubbuu fi jireenyi keenya gocha inni itti nu affeeru caalaa wuddii/qaalii mitii maa? Kanaafu qorsii jaalalaa inni afraffaan hiriyyaa gara baditti nama waamu irraa fagaachu,bakka gadhe inni taa’urraa dheessudha.

5.Hojii gaggaarin of koo’omsuu(busy)- wareebessi horii adda deemu argannaan dhiise bira darba moo kuffifate nyaataa? Sheyxaannis nama hojii fi kaayyoo malee jiraatu qabee baditti darba. Wanta badaa akka yaadu fi hojjatuu isa kakaasa. Qabxilee armaan olitti tuqne akka hojjatu isa dhiiba. Abbichi yoo hojii gaariin of hin ko’oomsiin sheyxaanni gara hojii badaatti isa qajeelcha. Halkanii guyyaa faana dubartii akka hordofuu isa godha. Yaadni isaa guutun dubartitti/intala,dhiira saniif akka ta’uu isa taasisa. Namni hojiin gaggaari hojjatun of gadii qabe yeroo fi sammuu waa’ee sanii yaaduf hin qabu. Hojiin inni hundarra gaarii ta’ee immoo Rabbiitti dhiyaachuuf hojii dalagamuudha. Imaam ibn al Qayyim(Rabbii Rahmata isaani haa godhu) wantoota faaydi hin qabne bu’aa wayituu  namaa hin buusne erga tarreessanii booda, wantoonni lamaan miidhan isaani kan daran badaa ta’an lafa kaa’an. Isaanis: yeroo fi qalbii qisaasessudha.” Qalbiin kan qisaasoftu yommuu jireenya boodaa(Aakiraa) irra  jireenya addunyaa tanaa  filataniidha. Yeroon kan qisaasoftu immoo hawwii addaan hin cinne qabaachudha. Badiin hunduu kan dhufu fedhii ofii hordofuu fi hawwii addaan hin cinne horachudha. Wantii gaariin hundii kan argamu immoo qajeelcha sirrii hordofuu fi qunnamtii Rabbiitif qophaa’udha.”

Namni hojii gaggaarin yoo of ko’oomse hiriyyaan itti dhufee gara baditti hin harkisu, filmii fi moovi hin ilaalu,chaatin sammuu ofii boqonnaa hin dhoowwu.  Jaalalle uummadha jedhe hin yaadu. Sababni isaas jaalalle godhachuun yeroo isarraa guba,galma guddaa gahuu hin danda’u.  Sheyxaanni salphatti isa hin gowwomsu. Qorsi jaalala inni shanaffaan isa kana. Qorsii jaalala kanaan kan xumuramuu mitii yoo Rabbii jedhe torbaan dhufu walitti deebina. Hangasii Assalaamu aleykum warahmatullahi wa barakaatuhi

Like www.facebook.com/jireenyabadhaatu

Qorsa Jaalalaa-Kutaa 2ffaa
Kana Raabsi

5 comments

Leave a Reply

Your email address will not be published.