Daandii Jijjiramaa-Kutaa 1ffaa

Jijjirama yeroo jennu amala tokkorraa gara amala biraatti darbuu jechuudha. Daandii yeroo jennu immoo karaa irra adeemanii bakka ga’uumsa gahaniidha.  Namni daandii qajeela irra yoo hin deemin kallatiin bakka ga’uumsa waan jalaa baduuf karaa bada, bakka deemu hin beeku. Ilmi namaa amala jijjirama qaba. Badaa irraa gara gaaritti yookin immoo gaarii irraa gara badatti jijjiramutu jira. Namoonni akkanumaan cal’isanii jijjirama kana hin adeemsiisan. Sababa tokkotu isaan jijjira. Gariin isaanii wanta badaa osoo hojjataa  jiranuu balaan itti bu’ee ergasii balaa sanirra barnoota fudhachuun jireenya ofii sirreessan.  Gariin isaanii immoo kitaaba wayii dubbisuun ykn dubbii nama tokkootin jireenya ofii foyyeessan. Namni  laamshayaan  osoo balaallen itti bu’ee barnoota fudhate of sirreessu kan hin feenedha. Yookiin namoota gaggaari hordofee ykn kitaaba dubbise gara fuunduraatti tarkaanfachuu hin dandeenyedha. Kana caalaa hundarra badaan namaa immoo osoo beekumsa qabuu kan itti hin fayyadamnee fi hojii irra kan hin oolchineedha.  Beekumsa ittiin boonuf fayyadama. Erga kana hunda jenne daandiin jijjiramaa maal fa’a.

   Kaayyoon jireenya kee maalii?
Namni maaliif akka jiraatu sirritti hubate yoo hin beekin, jireenya dukkanaa’a jiraata. Maaliif dachii tanarra dhufe,akkuma beeladoota nyaadhe dhuguufi moo kaayyoo kanarra caale qaba? Jedhe of gaafachu qaba. Kaayyoo jireenya ijaaru keessatti gaafileen sadan kunniin deebii gaha argachuu qabu. Keessattu gaafiin sadaffaan deebii gahaa yoo hin argatiin kufaatif nama saaxilti. Gaafileen kunniinis: “Maal haa hojjadhu?, Akkamitti haa hojjadhu?,Maaliif hojjadha?” Gaafileen kunniin dhagaa bu’uura kaayyoo keetitti. Sirritti itti yaadde fi furmaata garagaraa barbaadde deebisu qabda. Kaayyoon koo inni guddaan maalidha jette of gaafachudha.

Kaayyoon jireenya keenya inni guddaani fi inni dhumaa ‘Jaalala Rabbii argachuu fi Jannata seenudha.” Kaayyoon ilma nama kana yoo hin ta’in akkamitti horii irra adda bahaa? Horiin ni nyaata ni dhuga,ni hora dhumarratti ni du’a. Kaayyoon iIlmi namaas inni guddaan nyaatu fi dhuguuf qabeenya walitti sassaabu, fedhii foonii guuttachuu dhumarratti du’u yoo ta’ee garaagarummaan isaa fi horii jiddu jiru maalidha ree? Namni hanga fedhe milkaa’inna guddaa jedhamu addunyaa kanarratti haa galmeessu,yoo kaayyoon isaa inni dhumaa Jaalala Rabbii fi Jannata seenu yoo ta’iin hojiin isaa daaraa ta’ee hafa. Mee haa jennu namni tokko hogganaa biyya tokko ta’uuf kaayyefate haa jennu. Kaayyoo kana carraaqe galmaan gahe. Erga kaayyoo kana galmaan gahe booda dulloome haa jennu. Kaayyoon namticha kanaa yoo Jaalala Rabbii fi Jannata hin ta’iin, hawwii fi abdiin isaa asumarratti dhaabbatte jechuudha. Hadhaa du’aa  qofa taa’e eegudha. Fuggisoo kanaa immoo namni Jireenya booda(aakiraa) kaayyoo ofii godhate abdii fi hawwiin isaa addaan hin citu. Umar ibn Abdulaziz akkana jedhan,” Niiti gaarii tan taate Faaxumaa fuudhe maatii gaarii ijaaru fi kaliifa ta’uuf hawwii fi abdii koo türe. Erga Faxuuma fuudhe fi kaliifa ta’een booda amma lubbuun koo Jannatatti na rarraate.” Kana kaayyon ilma nama ta’uu kan qabu.

Namoonni kaayyoo ofii wallaalu irraa kan ka’ee galaana jireenya keessa ibsaa malee daakaa jiru. Mallii fi kallattiin itti deeman harkaa bade. Kaayyoo guddaa dhabuu irraa kan ka’ee abdii fi gammachuu ofirratti dukkaneessan. Kaayyoon kee maalii jedhamanii yoo gaafataman fuudhu,heerumu nyaatu,dhuguu dhumarratti du’uu jechuu malee deebii biraa hin qaban. Kaayyoon ilma namaa maal akka ta’ee Qur’aanni aaya takkatiin gudunfee.

Rabbiin kaayyoo ilmaa tumuun akkana jedha:51:56
Jinnii fi ilma namaa akka Ana qofa gabbaraniif(waaqefataniif)  malee hin uumne.” Al-Qur’an 51:56

 Namni kaayyoo kanarraa dabee jireenya addunyaa tana qofa ari’ee jireenya akkamii jiraata? Kaayyoo malee hurrii jireenya keessatti yoo badu maal jedhamaa? Kaayyoo salphaa fi ifa ta’ee Rabbiin ibseef dhiise maaliif jaanja’aa? Namni yoo gowwomu akkamitti jireenya duniyaa tana qofatti hawwii fi abdii ofii gabaabsa,osoo Rabbiin akkana jedhe jiru:
4:134

Namni mindaa duniyaa kan fedhu ta’e, mindaan duniyaa fi aakiraa Rabbiin bira qofa jira. Rabbiin Dhaga’aa Argaa ta’eera. “ Al-Qur’an  4:134

Sayyiid Quxbiin asirratti yaada kennuun akkana jedha:
“Dhugumatti gowwummaa fi wanta garmalee ilma namaati hin malle mataa ofiiti fi hawwii ofii jireenya duniyaa tana qofarratti gabaabsuun, qananii Rabbii jireenya tanaa fi aakiratti barbaadachuu osoo danda’u.  Gammachuun addunyaa lamaani waadaa galameefi jira karaa jireenya Islaamummaa gochaa fi yaada wal qabate hojii irra oolchun. Lukti isaa lafarraa osoo adeemtu afuurri(ruhiin) isaa jannata keessa ta’uun namni  dhugumattii jireenya ulfinna/kabajaa ilma nama galmaan gahuu ni danda’a. “ * Kana jechuun wanta  danda’u jireenya tanarratti ni hojjata. Akkuma namoota kaannini ni nyaata ni dhuga. Garuu hawwii fi abdiin isaa garmalee dheeradha. Inniis Jaalala Rabbii fi Jannata argachuuf halkanii guyyaa carraaqa.3:162
Sila namni Jaalala Rabbii hordofee fi kan dallansuu Rabbii ofitti fide kan manni isaa Jahannam ta’ee wal fakkaatu? Bakki gahuumsi isaa waa fokkate!” Al-Qur’an 3:1629:72
Rabbiin mu’umintoota dhiiraatii fi dubartootaf jannata laggeen ishee jala yaatu, ishee keessatti kan hafan ta’anii fi manneen gaggaarii jannata qubsumaa keessa jiran waadaa galeefi jira. Garuu Jaalalli Rabbii kana hundarra caala. Kunii milkaa’inna ol’aanadha. “ Al-Qur’an 9:72

Erga hanga asii dubbistee kaayyoo jireenya yoo hin qabaatin amma kaayyoo jireenya murteessu fi bocuuf adeemtaa,mitiiree? Galaana fi hurrii jireenya keessatti erga badde gara ifaatti bahuuf adeemta. Kaayyoo kee inni guddaan Jaalala Rabbii fi Jannata erga ta’ee kaayyoleen biroo immoo kaayyoo guddaa fi isa dhumaa kana galmaan gahuuf kan kaayyefattuudha. Yoo akkana goote addunyaa aakiratti maal dhabdaree? Fakkeenyaf  barreessaa,daa’i(nama karaa Rabbitti namoota waamu),  injinera, doktara ta’uu barbaadde haa jennu. Asitti kaayyoo kee inni guddaan qarshii argatte jiraachuf qofa osoo hin ta’iin fiildii kanniin kaayyoo kee ol’aana armaan olii bakkaan gahuuf kan itti fayyadamtudha. Qarshii argattu sadaqaa kennuun jaalala Rabbii barbaadda. Humnaa fi beekumsa qabduun ummata kee tajaajiluun Jaalala Rabbii barbaadda malee ittiin of tuulu fi beekkama ta’uufi miti. Sirri mitiiree?

Daandii guddaa armaan olii kanarra adeemuuf  hidhannoon nuti hidhachuu qabnu baay’etu jiru. Daandiin jijjirama daandii  dhoqqee nama mucuceessu,qoree nama waraantu,gufuu nama dhooftu hin qabne miti. Dhoqqee, qoree fi gufuudhan kan guuttameedha. Daandiin kun akkana ta’uun isa ilma namaa jabeessuf malee laaffisuu fi dubatti harkiisufi miti. Kanaafu dhoqqeen yommuu nu mucucceessu mucucaanne achitti akka hin hafne,qoreen yoo nu waraantu fi gufuun yoo nu dhofte ah jenne achumatti akka hin hafne qoricha harkatti qabachu qabna.(Insha Allah Qoricha kana torbii dhufu ni ilaalla)

Seera MAM (Maal,Akkamitti,Maaliif)
Akkuma duratti jenne daandii jijjiramaa irra adeemuf gaafileen sadan kunniin deebii argatu qabu. Jireenya keenya keessatti gaafilee kanniin irraanfachuu hin qabnu. Gaafileen kuni irraanfatamnaan namni of irraanfate jechuudha. Sababni kufaati namoota baay’ee gaafilee kanaaf deebii gaha kennu dhabu isaaniti.

Maal– Kaayyoo jireenyaa kee maal akka ta’ee  murteefatte jirta. Kaayyoo kana bakkaan gahuuf maal maal hojjachuu akka qabdu of gaafatte hojitti seenudha. Hawwiin hojii malee kayyoo kee galmaan gahuu hin danda’an. Humnaa fi carraaqi cimaa barbaachisa. Maal maal hojjatte kaayyoo kee galmaan gahu akka dandeessu namoota kaayyoo kana galmaan gahan ilaali akkeessi. Maal maal hojjatanii akka milkaa’an isaanirraa hubadhu. Haala kanaan gaafii maal jedhuuf deebii kennita.

Amma kan si hafee gaafile AM(akkamitti,maaliif). Beektonni Islaama akkuma jedhan hojiin gaariin tokko fudhatama argachuuf ulaagaalee lama guutu qaba jedhu. Isaanis: Sirrii fi Rabbii jedhamee hojjatamu qaba. Ulaagaale lamaan keessaa tokko diigamnaan hojiin hanga fedhe gaarii yoo ta’ee fudhatama hin qabu. Hojii sirrii yoo jennuu Sunnaa(karaa) Nabiyyanaa Muhammad(SAW) waliin kan adeemu ta’uu qaba.

Akkamitti kan jedhuuf namoota kaayyoo kana galmaan gahan hordofuudha. Daandii jijjiramaa akkami keessa akka darban isaanirraa hubachuudha.  Kaayyoon kee Jaalala Rabbii fi Jannata yoo ta’ee akkamitti galmaan gahu akka dandeessu Ergamaan Rabbii Muhammad(SAW) sitti agarsiisu. Faana isaani qofa dhahuudha. Faana isaanitin ala kan biraa hordofnaan kaayyoo guddaa kana galmaan gahachuu hin dandeessu,ni kufta. Kanaafu deebiin akkamitti jedhuuf faana Nabiyyana Muhammad(SAW) hordofuudha.

Gaafiin sitti ulfaatu garuu gaafii sadaffaa ‘Maaliif’ jettudha. Gaafin tuni gaafii qalbii waliin adeemtudha.  Wanti hojjachaa jiru maaliif dalagaa jira,jaalala Rabbii moo jaalala namoota barbaadetiin? Dhugumatti gaafii kana deebisuun salphaa miti. Qabsoo fi cimanii hojjachuu barbaachisa. Gaafii Maaliif jettu tanaa bar namoota sadan hojii gaggaari dalagaa turan jahannamitti darbitu. Sadan sun eenyu fa’a:

Abu Hureeyran(RA) akkana jechuun gabaasan

Ergamaan Rabbii(SAW) akkana jedhan:
Guyyaa qiyaama namoonni yeroo jalqabaa irratti murteefamu nama shahiida(nama karaa Rabbii irratti du’e)  ta’eedha.  Funduree Rabbitti fidamee Rabbiin qananii itti oole ni beeksisa. Innis ni beeka. Rabbiin “Qananiini tanaan maal hojjatte?”jedhee gaafata. Namtichis “Siif jedhe lole hanga shahiida ta’utti.” jedha. Rabbin ni jedha,”Sobde jirta. Garuu atii goota haa jedhamtuuf lolaa turte. Jedhamtees jirta. “ Ergasii Rabbiin ni ajaja fuula isaatin lafarra harkifamee ibiddatti akka darbamu.

(Namni lammafaan immoo) nama beekumsa(ilmi) baratee barsiise fi Qur’aana qara’edha.  Funduree Rabbitti ni fidama. Ni’ima(qananii) itti oole Rabbiin ni beeksisa.Namtichis ni beeka. Rabbiin “Qananii tanaan maal hojjatte?” jedhaan.” Siif jedhe beekumsa (amantii ) baradhe barsiise, Qur’aanas qara’ee. “ jedha namtichi. Rabbiin ni jedhaan,” Sobdee jirta. Inni Aalima(beekaa) akka jedhamtuuf beekumsa (amantii) baratte;inni qaaridha(nama Qur’aana qara’u) akka jedhamtuuf Qur’aana qaraate. Jedhamtees jirta. Ergasii fuula isaatin lafarra harkifamee ibidatti akka darbamuu ajajama.

Namtichi biraa immoo nama Rabbiin dureessa godhee fi qabeenya gosa hundaa kenneefi. .Funduree Rabbitti ni fidama.Ni’ima(qananii) itti oole Rabbiin ni beeksisa.Namtichis ni beeka.  Rabbiin,”qananii tanaan maal hojjatte?” jedhe gaafata. Karaa qabeenyi irratti akka bahu Ati jaallatu wayitu hin dhiisne  Siif jedhe qabeenya koo baasu malee. “ jedha namtichi. Rabbiin ni jedha,”Sobdee jirta. Garuu ati arjaadha akka jedhamtuuf kana dalagde. Jedhamtees jirta.” Ergasii fuula isaatin lafarra harkifamee ibidatti akka darbamuu ajajama.” (Hadiisa Qudsi- Musliimin Gabaafame)

Dhugumatti dhuma nama sodaachisudha.  Dhuma qalbii nama hurguufudha.  Yaa Rabbii Ati iklaasan nu qananiisi.

Dabalataanis Jundub(RA) akkana jechuun gabaase:
“Ergamaan Rabbii(SAW) akkana jedhan,”Namni faarsa namoota argachuuf hojii gaarii isaa isaan dhageessise, Rabbiin niyyaa dhugaa isaa (Guyyaa Qiyaama) namoonni akka beekan godha. Namni hojii gaarii agarsiisu fi faarsa isaani argachuuf ummata keessatti hojjatu,Rabbiin niyyaa dhugaa isaa ifa baasa(ni salphisaas.)” Sahih Al-Bukhaari Jildii 8 Boqonna 36 Lakk 6499(From English Translation Vol.8 Page 274)

Kanaafu gaafin Maalif jettu cimtudha. Gaafii namoota baay’ee qilee kufaatitti darbiteedha. Hojii tokko hojjatuun dura maaliif hojjadha,jaalala Rabbii moo jaalala namoota argachuuf jenne of gaafachu qabna. Gaafii niyyaa gaarii fi niyyaa badaa addaan baastudha. Gaafin maaliif jettu gaafii iklaasati. Hojiin keenya iklaasa yoo qabaate qofa fudhatama kan argatu. Iklaasa horachuuf carraaqqi guddaa barbaachisa. Beekumsa,du’aayi fi obsa barbaachisa. Wanti irraanfatamu hin qabne tokko hojiin koo iklaasa hin qabu jenne dhiisu hin qabnu. Akkana yoo goone kaayyoo sheyxaanaa bakkaan geenye jechuudha. Wanti sheyxaanni barbaadu ilma namaa hojii gaarii irraa hojii badaatti garagalchuudha. İklaasa qabaachuuf dalagaa gaarii keenya hojjatuu itti fufaa Rabbiin iklaasa akka nu kennu hidda onnee jalaati itti warwaachudha(kadhachuudha). “Yaa Rabbii iklaasa na kenni” jechuudha.  Kutaan 1ffaan daandii jijjiramaa asumarratti dhaabbata. Insha Allah torbaan dhufuu kutaa 2ffaa itti fufna.  Ilmi nama dogongoruu danda’a dogongora koo sirreessaa.

* In The Shade of the Qur’an Jildii 3ffaa fuula 283

Daandii Jijjiramaa-Kutaa 2ffaa
Boqonna Sammuu kutaa 2ffaa
Kana Raabsi

4 comments

Leave a Reply

Your email address will not be published.