Daandii Jijjiramaa-Kutaa 2ffaa

Yeroo darbee daandii jijjiramaa tuttuquuf yaalle turre. Ka’uumsa daandii jijjirama eerre/ibsinee turre. Amma ka’uumsa sanirraa kaane imala keenya jalqabuufi. Haa ta’uu malee daandiin imalaa kunii asphaalti osoo hin ta’iin dhoqqee,qoree fi gufuudhan kan guuttameedha. Amma gufuwwaan kanniini fi akkamitti akka of funduraa kaasan qoranna. Dhoqee,qoree fi gufuwwaan kunniin maal fa’a ta’ina laata?

Shakkii kee qulqulleessi(Clear your doubt)
Daandii jijjirama irra shakkaa yoo adeemne bakka barbaanne san hin geenyu. Nan kufa jenne shakkaa yoo wanta tokko hojjanne hojiin keenya hangas mara bu’aa qabeessa hin ta’u. Akkuma kutaa tokkofatti jenne kaayyon keenya inni guddaan Jaalala Rabbii fi Jannata jenne murtefanne turre. Kaayyoo guddaa kanaa fi kan isaa gadii galmaan gahuuf xuriin shakkii nu keessaa qulqullaa’u qaba. Diina keenya kan ta’ee sheyxaanni kaayyoo guddaa kana irraa ilma nama garagalchuu fi qilee ibiddaatti isaan darbuuf maloota adda addaatti fayyadama. İsaan keessaa shakkii fi soba dhugaa,dhugaa soba fakkeesse qalbii isaani irratti darbuudha.  Shakkiile bakka sadiitti qoonne ilaalu dandeenya. Shakkiwwan kunniin nu keessaa qulqullaa’an jechuun fedhii Rabbiitin fiixe milkaa’inna gudda irra ijjachuu ni dandeenya. Shakkiwwan kunniin maal fa’a?

  1. Shakkii Qur’aanaa

Namni beekumsa malee wanta tokko hojjachuu hin danda’u. Wanta gaarii tokko sirnaan hojjachuu fi wanta gadhee irraa of tiksuuf maddi beekumsa murtessadha. Sammuun ilma namaa wanta badaa fi gadhee guutuu addaan baasu hin danda’u. Kanaafu Goofta ilma namaa uumerraa qajeelfama barbaachisa. Sababni isaas Rabbiin akkuma nama uume fedhiin namootas maal akka ta’e sirratti keessa beeka.

Daandii jijjirama irra adeemuf kitaaba qajeelfama(manual) irraa ilaalanee gara gahuumsa keenyatti ceenu nu barbaachisa. Qajeelfamni keenyas Qur’aana fi sunnaa Nabiyyanaa Muhammad(SAW) ta’uu qabu. Ta’uu baannan qajeelfamonni biroo daandii irraa waan nama jallisaniif kaayyoo keenya gahuu hin dandeenyu. Diinni keenya sheyxaanni Qur’aana akka qajeelfamaatti akka hin fudhanneef shakkii onne keenyatti darba. Rabbirraa ta’uu fi ta’uu dhiisu nu shakkisisa. Sababa kanaan daandii jijjiramaa irraa ilma namaa jallisa. Qur’aanni Rabbirraa bu’uu isaa ragaaleen lakkofsa hin qabne osoo jiranuu sheyxaanni fi gargaartonni isaa qalbii namaa dukkaneessu.  Akka itti hin amanne fi hin milkoofne humna ofi hin qusatan. Muslimoota fi namoota kaanniin Qur’aana irraa fageessanii jireenya badii akka jiraatan diinonni(aduwwiin) Islaama halkanii guyyaa boqonnaa hin qaban. Hoggantoota warra Dhihaa keessaa tokko akkana jechuun isaa ni yaadatama,” Hanga Qur’aanni Muslimoota jiddu jirutti isaan moo’achu hin dandeenyu.” Edaa kana beekanii warri dhihaa fi yahuudonni Qur’aana qalbii Muslimoota irraa haaquf itti gadi jedhan. Shakkii qalbii keessa facaasu fi irraa garagalchuuf erga Qur’aanni bu’uu jalqabee kaase hanga har’aatti yahuudonni humna qaban guutuu baasaa jiru. Maloota adda addaa fayadamuun yaalin isaan godhan miidha guddaa ilma namaatirraan gahe jira. Akkuma amala isaani jecha sirrii wal jijjiranii dhugaa soba fakkeessun qalbii namoota irratti shakki facaasu. Furmaanni keenya isaan misaa’elan wal lolu osoo hin ta’iin gara Qur’aanatti deebi’udha. Shakkii isaan nutti facaasanii fi kan keessa keenya ofirraa qulqulleessuf Qur’aana qo’achuu fi xinxaluudha. Misaa’elli keenya imaana. Imaanni immoo kan argamuu Qur’aana qo’achuu fi hojii irra oolchuni.

Rakkoo fi gadadoon guddaan akkanatti Muslimootatti roobaa jiruuf sababa isaan Qur’aana dugda duubatti darbaniifi. Seenaa dhala namaa keessatti qaroominna kamtu qaroominna Islaama zamana/gadaa Nabiyyanaa Muhammadi(SAW) fi sahaabotaatin wal-qixxaate beeka? Qaroominni yeroo san ijaarrame jireenya dhala namaa keessatti san duras san boodas ijaarrame kan hin beeknedha. Hundeen qaroominna kanaa Qur’aana fi ummata isaan buledha. Teknolojin guddatuu fi dhalli namaa cunqurfamuu fi dararamuun akkamitti qaroominna jedhamee ilaallamaa?
Shakkii keenya qulquleessine gara Qur’aana akka deebinuf nu gargaran keeyyatoota muraasa mee haa eerru.
Kuni kitaaba (Qur’aana)mamiin(shakkiin) isa keessa kan hin jirreedha, warra Rabbii sodaatanif qajeelfama. “ Suuraa Al-Baqaraa 2:1
Yoo waan Nuti gabricha keenya irratti buufne Qur’aana irraa mamii(shakkii) keessa taataniif yoo kan dhugaa dubbattan taatan suuraa akka isaa tokko fidaati ragoota (gargaartota fi deggartoota) keessan kan Rabbiin ala jiraniis waamadhaa.” Suuraa Al-Baqaraa  2:23
Dhugaan Gooftaa kee irraayi. Warra shakkan irraa hin ta’in” Suuraa Al-Baqaraa 2:147

Sila isaan Qur’aana hin xinxallanii? Osoo (Qur’aanni kuni) Rabbiin ala kan biraa irraa ta’ee, silaa isa keessatti wal dhabbii baay’ee argu turan.” Suuraa An-Nisaa 4:82
Buufamuun kitaabicha(Qur’aana) Rabbii injifataa ogeessa ta’ee irraayi.” 39:1

Qur’aanni osoo Rabbirraa ta’uu baate silaa boora’iinsa tokko malee qulqullummaa isaa eggatee hanga yoonaa ni turaa? Ilmi namaa akka hin booressinee fi Qur’aanni qulqullummaa isaa eeggate akka turu Rabbiin itti gaafatamummaa eegumsaa ofirratti fudhate.
Dhugummatti Zikrii(Qur’aana) Numatu buuse. Numatu isaaf tiksodha. “ Suuraa Al-Hijr 15:9

Kewwatonni hanganaa nama hubatuuf ragaa gahaadha jedhe yaada.  Kanaafu falli keenya kan dhibee wallaalumma,shakii fi munaafiqummaa ofirraa itti fayyisnuun Qur’aana. Gara isaatti yoo deebine dhibeewwan kanniinirraa kan fayyinu.

Yaa ilmaan namaa,dhugumatti gorsi Gooftaa keessan irraa taatee,waan qoma keessa jiruf qoricha (kan taate),qajeelfamaa fi Rahmanni mu’umintootaf tan taate isinitti dhufte.”Suuraa Yuunus 10:57

“Asitti ‘gorsi’ Qur’aana- kan waan gaariitti nama ajaju waan badaa irraa nama dhorgu. Wanti qoma keessa jiru immoo wallaalummaa,shakkii,munaafiqummaa,fi kkf. Qajeelfama yoo jedhu immoo wanta haraama fi halaala addaan baase kan ibsu.” Muhsin Khan  English translation of Noble Qur’an irraa fudhatame.

Namni gara Qur’aanatti deebi’ee isa qo’ate fi itti fayyadamee dhugumatti addunyaa aakiratti ni milkaa’a. Daandii jijjiramaa kana irra adeemuf namni imala baye Qur’aana akka qajeelfamaatti fayyadamuu qaba. Dhugumatti namni Qur’aana qabate ni jijjirama maa hanga fedhe nama badaa fi gadhee hin taane. Seenaa Araboota osoo ofirra mil’anne seenaa adunyaa keessatti dofummaan kan beekkaman turan. Qur’aanni dhufnaan addunyaa keessaa ummataa qaroo fi gadi fageessanii kan xinxallan ta’un beekkaman. Ummanni Qur’aanan dura dukkana doofumaa fi wallaalummaa keessatti kufee Qur’aanni itti dhufnaan qaroominna dhalli namaa ijaaru hin dandeenye ijaarani darban. Haaluma Kanaan namni dukkana wallaalumma keessatti bade Qur’aanan jireenya ofi ni ibsata. Daandiin jijjiramaa isaaf gabaabbata.

   2.Shakkii Guyyaa Qiyaama

Guyyaa Qiyaamatti amanuun utubaa imaanaa keessaa tokko. Erga du’anii booda deebifamanii kaafamuun wanta shakkiin wayitu keessa hin jireedha. Namni kana didus ragaa qabatamaa fi dhugaa fiduu hin danda’u. Osoo guyyaan Qiyaama jiraachu baate silaa akkamitti madaalli/mizaanni haqaa uumamtoota dhaabbataa? Osoo guyyaan Qiyaama jiraachu baate moottonni abbaa irree ilma namaa akkanatti cunqursanii osoo hin adabamiin akkanumatti du’anii hafuu? Warrii Rabbii jedhe hojii gaarii hojjachuu fi madaala haqummaa dhaabuf qabsaa’an akkanummatti hojiin isaani bilaasha ta’e hafaa? Rabbiin Haqaa kan ilma namaa hin cunqursinee, yoo cunqurfamanillee kan hin jaalanne, madaala haqaa dhaabuf guyyaan Qiyaama/Murtii akka jiraatu dirqama godhe.  Kanaafu dhaabbachuun guyyaa Qiyaama shakkiin wayitu keessa hin jiru.

Guyyaa Qiyaamatti amanuun ilma nama amala bineessa irraa gara fiixe namummaatti ol fuudha. Sababni isaas namni wanta hojjatu keessatti gara fuunduratti adabamuu fi mindaa argachuu akka danda’u waan amanuuf hojii kam keessattu of eegannoo gochaa adeema. Nama akka hin cunqursinee fi hojii gadhee akka hin raawwanne  adabbiin cimaan fundura isaa akka jiru beeke irraa of qusata. Akkasumas,mindaa gaarii guyyaa Qiyaamatti argachuu akka danda’u beeke waan gaarii hojjachutti fiiga. Kanaafu wanta gadhee irra gara nama gaaritti of jijjiruuf guyyaa Qiyaamatti amanuun gahee ol’aanaa taphata. Dabalataan warroota Guyyaa Qiyaamatti amananiif gadadoo fi rakkoo kamiyyuu ni salphataaf. Sababni isaas  ifa milkaa’innaa of funduratti ilaalaa rakkoo fi gadadoo kamu obsaan dabarsu. Rakkoo fi gadadoon duniyaa tanaa adabbii Guyyaa Qiyaamatiin wal bira yoo qabamuu xiqqaa akka ta’etti ilaalun obsaa fi jajjabinna dabalatu. Guyyaa Qiyaamatti akka hin amanne wantoonni baay’en ilma namaatti shakki naqu. Wantoota shakkii namatti naqanii fi akkaata itti ittisan gara boodatti kan ilaallu ta’a.

Mee shakkii Guyyaa Qiyaama qulqulleefanne qalbiin teenya tasgabboofte daandii jijjirama irra akka adeemtuf, keyyatoota Qur’aanaa muraasa haa eerru.
“Dhugumatti, Qiyaaman dhuftuudha; ishee keessaa shakkiin wayitu hin jiru. Ammas dhugumatti Rabbiin namoota awwaala keessa jiran hundaa ni kaasa.”Suuraa Hajji  22:7

Qiyaaman dhuftuudha, ishee keessaa shakkiin/mamiin wayitu hin jiru. Garuu irra hedduun namootaa hin amanan. Suuraa Al-Gaafir 40:59

“Ni jedhus:”Sila nuti erga duunee lafee fi bututaa(tortoraa) taanee booda uumama haarawa taanee kaafamoodhaa?”
(Yaa Muhammad) jedhiin, “Dhagaa yookin sibila ta’aa.
Yookiin uumama qoma keessan keessatti kaafamuun guddatus ta’aa (kaafamuun keessan hin hafu)”. Ergasiis “Eenyutu nu deebisa” jedhu. “Isa yeroo jalqabaa isin uumedha” jedhiin. Mataa isaani sitti raasuf jiru. Ni jedhus” inni suni yoomi ree?” “Dhihoo ta’uun mirkanaa’adha.” jedhiin.
Guyyaa Inni isin waamnan, isin Isa faarsaa awwaattanii, yeroo gabaabaa malee turuu dhabuu yaaddan (ta’uu mirkanaa’e). “Suuraa Al-Israa 17:49-52

Mallatoolle Guyyaa Qiyaamaa keessaa muraasa mee haa eerru:
Abu Hureeyran Ergamaa Rabbii(SAW) irraa akkana jechuun gabaasan:
Beekumsi (du’a aalimtootatin) ni bada, wallaalummaan fi fitnaan(rakkoo fi gadadoon) ni babal’atu,Harj ni baay’ata. Ergamaan Rabbii(SAW) akkana jedhamanii gaafataman,”Yaa Ergamaa Rabbii ‘Harj’ maalidha?” Harka isaanitin akeekun ‘Ajjeechadha” jedhanii deebisan. “ (Sahih Al-Bukhari Kitabul İlm- Jildii 1ffaa Hadiisa lakk. 85

Hadiisa biraa yoo nan dabala jedhe barreefamni ni dheerata. Kanaafu mallatoolle guyyaa Qiyaama yoo barbaaddan CD Yaasin Nuuru fi kan biroo dhageefachuu fi kitaabota dubbisuu dandeessu.

Akeekachiisa cimaa warroota Guyyaa Qiyaamatti/Aakiratti  hin amanneef
“Warroota Aakiratti hin amanne immoo adabbii laaleessaa ta’e isaanif qopheessine jirra.” Suuraa Al-Israa  17:10

Sila malaykonni isaanitti dhufuu yookiin Gooftaan kee dhufuu yookiin gariin mallatoolee Gooftaa keeti dhufuu malee homaa hin eeganuu? Guyyaa gariin mallatoole Gooftaa keetii(kana jechuun mallatoolee guyyaa qiyaama kan akka aduun dhihaan bahuu,dajjaal dhufuu fi kkf) dhufan lubbuun san dura hin amaniin yookiin imaana(faith) ishee keessatti toltu hin hojjatin malee  iimaanni ishee homaa ishee hin fayyadu. “Isin eegaa;nuti eegodha.” jedhiin. Suuraa Al-An’aam 6:158

Erga waa’ee jireenya boodaa ykn Guyyaa Qiyaama hangana jenne dhufiinsa guyyaa Qiyaama shakkuun hasaasa sheyxaanati fi baleeqessa addunyaa tanaatirra madda. Gara shakkii itti aanutti haa dabarru.

3.Shakkii Kasaaru
Daandii jijjiramaa irra akka hin adeemnef gufuun biroo immoo shakkii kasaaruti. Yoo akkana godhe nan kasaaraa natti haa hafu jedhanii yaadudha. Namni gootummaa fi ijannon wanta jalqabe tokko hanga bu’aa isaa beekutti kasaare dhiise duubatti kan hin deebineedha. Kaayyoo keenya ol’aanaa armaan olitti tumanne fi kan isaa gadii bakka akka hin geenye sheyxaanni sodaa kasaaru nutti naqa. Yoo akkana goote ni kasaarta sitti haa hafu nun jedha. Hasaasa sheyxaana kan waa’ee kasaaraa nutti hasaasu keessa muraasa haa eerru. “Amma dargagumma keetti bashananii,yeroo gara dulummaa deemte saalaatta; sadaqaa hin kenniin mallaqni si jalaa hir’ataa; barnoota amantii yoo baratte barnoota kaan ni dhabda; Islaamaf yoo qabsoofte/carraaqte qabeenya dhabda yookin hiyyeessa taata; Hijaaba yoo uffatte namni si tufata,si qeeqan; fi kkf jechuun diinni keenya sheyxaanni fi gargaartonni isaa fiixe kabajaa fi milkaa’inna irra akka hin geenye gufuu badii nu funduratti dhaaban. Gufuu kanniin buqqisne gara jijjiramaatti tarkaanfachuu kan danda’u mataa keenya fi mataa keenya qofa. Eenyullee dhufee gufuu fi qoree kanniin buqqisee ‘koottu daandii habaabon afamerra deemii’ kan nun jedhu hin jiru.

Sheyxaanni sadaqaa akka hin kenninee  hiyyumaan nama sodaachisun garuu bakka kanaa wanta fokkataa maallaqa saniin akka hojjatan nama ajaja.
Sheyxaanni hiyyummaan isin sodaachisa, wantoota fokkataattis isin ajaja. Rabbiin garuu araaramaa fi tola Isa biraa ta’e waadaa isiniif gala. Rabbiin kenni isaa bal’aa, beekaadha. “Suuraa Al-Baqaraa  2:268

Shakkiin maalirraa maddaa?
Shakkiin wantoota gurguddaa sadii irraa madduu danda’a. Isaanis;

1.Beekumsa gadi fagoo dhabuu– namni beekumsa yoo hin qabaatin jireenyi itti naannofti. Dhugaa fi soba addaan baafachun itti ulfaata. Maddii beekumsaas murteessadha. Maddii beekumsaa namoota daandii qajeelaa irra jallatan yoo ta’ee akkasuma nama jallisa. Sobaa fi dhugaan walitti naqame/makamee nama dhiphisa. Kanaafu shakkii armaan olii fi kan biraa irraa qulqullaa’uuf maddii beekumsa Qur’aana fi Hadiisa Ergama Rabbii (SAW) ta’uu qabu. Kana yoo jennu kitaabota Qur’aana fi Hadiisa ragaa godhatanii fi daandii sirrii irraa kan hin jallannee ta’anii barreefaman akka madda beekumsatti itti fayyadamuu hin dandeenyu jechuu keenya miti. Fakkeenyaf Tafsiironni Qur’aana hiika Qur’aana nu addeessun shakkii keenya nurraa qulquleessu. Beekumsa karaa adda addaatin barbaadun shakkii keenya qulqulleessu dandeenya. Gara masjiidota deemun da’awa irratti hirmaachu,vidiyoo fi odiyoo aalimoota daawwachuu fi dhageefachuu,kitaabota dubbisu. Of eeggannoo wanti gochuu qabnu tokko namni ykn maddii beekumsa irraa argannuu sirrii fi daandii Qur’aanati fi hadiisaa irraa kan hin jalanne ta’uu qaba. Namoota bid’a(amantii keessatti wanta haarawa uumame) hordofuu fi beekumsa isaanirraa barbaadun of jaamsu fi shakkiin dhiphachuudhaa malee qajeelu miti. Kanaafu namoota fi kitaabota bid’aa hordofan irraa fagaachudha.

2.Cubbuu keessa daakuu- cubbuun ifa beekumsaa dhaamsun dukkana wallaalumatti nama gata. Cubbuun diina/aduwwii beekumsaati. Qalbii shakkii fi wallaalummaan gurraachesuun dhugaa fi soba addaan akka hin baafanne nama godha. Ijji cubbuutti rakkattu akkamitti ifni beekumsa itti seenaa yoo cubbuu san dhiisu hin yaalin malee? Cubbuun qalbii haguugun akka sibilaa dandee’essa.

Abu Hureeyran Ergamaa Rabbii(SAW) irraa akkana jechuun gabaasan:
Yommuu gabrichi cubbuu raawwatu tuqaan gurraatin qalbii isaa irratti mul’atti. Yoo inni cubbuu san dhiise, araarama barbaade fi towbate(gara Rabbii deebi’e), qalbiin isaa ni qulqullofti. Yoo inni garuu (cubbuu sanitti) deebi’e tuqaan gurraatin qalbii isaa guutuu haguugdi. Sun kan Rabbiin jedhe, ‘Ran’ idha.” (Jami at-Tirmizi gabaafame)

“Ifti imaanati fi dukkanni cubbuu bakka tokko ta’u hin danda’an.” Kanaafu namni shakkii ofii qulqullefate daandii jijjiramaa irra adeemu barbaadu, cubbuu irraa haa fagaatu.

3.Balaqeessa duniyaatin sobamuu fi hasaasa sheyxaanaa- balaqeesni duniyaa yoo namatti baay’atte ija jaamsa, qalbii dukkaneessa yoo namtichi beekumsa gadi fagoo qabaate irraa of hin tiiksin. Duniyaan tuni badde Qiyaaman waan dhaabbattu itti hin fakkaatu. “Jiraachu guyyaa Qiyaamatti hin amanu” jedha. İlma namaa kamiifu fakkeenyaa fi baruumsa akka ta’uuf Rabbiin Qur’aana keessatti namoota lama nuu eera. Tokko kan qabeenya baay’ee qabuu garuu imaana kan hin qabne fi kan biraa immoo qabeenya xiqqaa kan qabu garuu imaana kan qabu turan. Namticha jalqabaatti Rabbiin oyruu timiraa lama itti kenne.

“(Oyruun tun)Isaaf firii godhatte hiriyyaa isaatittii odoo haasa’uu “Anatu qabeenyan si caala;gosaanis sirra jabaadha”jedheen. Haala lubbuu isaa miidhaa ta’ee oyruu isaa seenee ni jedhe:”Ishiin kun gonkumaa ni baddi jedhe hin yaadu. Qiyaamaanis ni dhaabbatti hin yaadu. Dhugumatti yoon gara Gooftaa kiyyaa deebifame ,iddoo deebii kan isa caaluun argadha.” Hiriyyaan isaas kan isaan haasa’u ta’ee ni jedhe: “Sila ati isa biyyee irraa,ergasii bishaan saalaa irraa si uumee,ergasii nama guutuu si godhetti kafartee? Ani garuu Inni Rabbiin Gooftaa kiyya; ani Gooftaa kiyyatti tokkollee hin dabalu. Yeroo oyruu kee seentu “Waan Rabbiin fedhetu ta’a;Rabbiin malee humni naaf hin jiru” maaliif jechuu dhiiste! Yoo ana horii fi ilmaaniin sirra xiqqaa ta’uu na agartes.”  Suuraa Kahf 18:34-39

Karaa biraatin immoo sheyxaanni ilma namaatti hasaasun shakkii qalbii isaanii irratti facaasa. Qalbii isaani dukkaneessun dhugaa soba fakkeesse,soba dhugaa fakkeesse itti agarsiisa. Kanaafu hasaasa isaatirraa eeggamuuf:

  1. “Yaadota babbadoo waa’ee amantii ofii sheyxaanni qalbii namatti darbuu dhiisu fi irraanfachuu. Yaadota gaariin of ko’oomsu.
  2. Sheyxaana abaarrame Rabbitti mangafachuu;A’uz billahi mina sheyxaani rajiim jechuu.
  3. Jechoota kana jechuu “Rabbii fi Ergamaa isaatti amane.”
  4. Suuratul İklaas qara’uun gara bitaatti yeroo sadii tufuun A’uz billahi mina sheyxaani rajiim jechuu “ Youth problems By Shek Muhammad Salih al-useymiin page 49 irraa fudhatame.

Asitti tufuu yoo jedhamuu hancufa gadii dhangalaasu yookin ciriqachuu osoo hin ta’in copha hancufaa “tu,tu” jechuudha.

Keeyyatoonni Qur’aana afaan Oromootin website kanarratti dhihaatan “Hiika Qur’aana Kabajamaa Afaan Oromootin” Mana maxxansaa Najashitin kan maxxanfamee fi Sahih International English translation of The Holy Qur’an  irraa kan fudhatamaniidha. Daandiin Jijjirama asirratti hin dhaabbannee itti fufa Insha Allah..

Hubachiisa: Keeyyatoota Qur’aana armaan oli keessatti Rabbiin ‘Nuu,Numa, Keenya’ yeroo jedhu baay’inna agarsiisuf osoo hin taane kabaja fi guddinna Isaaf malu agarsiisufi. Rabbii guddaa dhiisati mootiin biyya tokko bulchuu, ‘Nuti akkas goone…’ jedhe maqdhaala baay’inna fayyadama. Hatta Barreessan tokko kitaaba ofii keessatti,’Mata duree kana bal’innaan ibsinee jirra,ni ibsina..’ ofiin jedha. Kanaafu bakka kanatti ‘Nuu,Numa fi Keenya’ maqdhaala baay’inna osoo hin ta’iin kan kabajaa fi guddinaati. Rabbiin tokkicha kan shariika/hiriyyaa wayitu hin qabne,Guddate guddinna Isaaf malu.

Yaada kennuu fi dogongora uumame sirreessu yoo barbaaddan email kanaan na qunnamuu dandeessu sammubani@hotmail.com

Daandii Jijjiramaa-kutaa 3ffaa
Daandii Jijjiramaa-Kutaa 1ffaa
Kana Raabsi

One comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.