Ofitti Amanamummaa

“Ofitti amanamummaan guutumaan guututti Rabbitti hirkachuu fi Isatti amanuu irraa kan burquudha. Tarkaanfi  hundaa kee keessatti Rabbiin akka si gargaaru beekudha. Yeroo hundaa dadhabaa fi homaa hojjachuu kan hin dandeenye fi hanqinna xixxiqaa irratti of ajiifachuun(blame) yoo duubatti of harkiste,kufaatif saaxilamta.  Yaada Rabbiin haqa malee akka si kunuunse yookin wanta nafseen tee hin dandeenye sirra akka godhe jedhu  gonkumaa of amansiisu hin qabdu. Rabbiin  wanta nafseen baadhachuu hin dandeenye gonkumaa irra hin kaa’u.” – Khurram Murad Read more

Gabrummarraa  Bilisummatti

Gabrummaa yoo jennu tajaajila namni tokko jireenya isaa guutuu nama tokkoof ykn wanta tokkoof wanti inni barbaadu hunda raawwachuudha. Gabrummaan damee adda addaa qaba. Isaanis Rabbii gabroomu, namni nama gabroofachuu,nafsee ofiiti fi sheyxaanaf gabroomudha. Har’a kan ilaallu gabrummaa nama osoo hin ta’in gabrummaa sanirra badaa ta’ee ilaalla. Furmaatas itti laata adeemna. Read more

Daandii Jijjiramaa-kutaa 3ffaa

Daandii jijjiramaa itti fufuun har’as imala keenya karaa sirri qabanne deemna.

1.Olguddisii yaadi– Amala ilma namaa horii irraa isa adda godhu keessaa tokko ol guddisee yaadudha. Rabbiin dandeette ilmi namaa yaade dhugaa fi dhara addaan baasu itti kenne jira. Sammuu isaatti fayyadamuu fi dhiisun mirga isaati. Namoonni ol guddisanii yaadanii fi galma guddaa gahuuf carraaqan Rabbiin bakka san isaan dhaaba. Kan sammuu ofiti osoo hin fayyadamiin yeroo hundaa gara gadii yaadu immoo achumatti hafa. Namoonni addunyaa tanatti wanta guddaa hojjatanii aakiratti mindaa guddaa argatuuf carraaqan seenan haa lakkaa’u. Yaanni isaani yeroo hundaa gara gadiiti mitii gara ooliti. Read more