Daandii Jijjiramaa-kutaa 3ffaa

Daandii jijjiramaa itti fufuun har’as imala keenya karaa sirri qabanne deemna.

1.Olguddisii yaadi– Amala ilma namaa horii irraa isa adda godhu keessaa tokko ol guddisee yaadudha. Rabbiin dandeette ilmi namaa yaade dhugaa fi dhara addaan baasu itti kenne jira. Sammuu isaatti fayyadamuu fi dhiisun mirga isaati. Namoonni ol guddisanii yaadanii fi galma guddaa gahuuf carraaqan Rabbiin bakka san isaan dhaaba. Kan sammuu ofiti osoo hin fayyadamiin yeroo hundaa gara gadii yaadu immoo achumatti hafa. Namoonni addunyaa tanatti wanta guddaa hojjatanii aakiratti mindaa guddaa argatuuf carraaqan seenan haa lakkaa’u. Yaanni isaani yeroo hundaa gara gadiiti mitii gara ooliti. “Akkamitti nama guddaa akkasii ta’a” jedhanii yaadu fi dharra’uudha. Ashaaraa akkamii dhiise addunyaa tanarraa darbuun qaba  jedhanii of gaafatu. Hojii akkamitiin Rabbii kiyya qunnama? Jedhanii dhiphatu. “Qabeenyan yoo namoota waliin of bira qabdu,namoota sii gadii hiyyeeyyi ta’an ilaalii Rabbii galata galchii,wanta qabdutti gammadi,quufi. Yommuu Taqwaa(sodaa Rabbii),beekumsaa fi gaarummaan namoota waliin dorgomtu namoota taqwaan,beekumsaa fi gaarummaan si caalaan ilaali akka isaani ta’uuf hawwi,carraaqi.”

Osoo gabayaan jiruu fi dandeetti waa bitachuu qabduu, mataa keeti bitadhu (hojii gaggaarii hojjachuun).” Imaam Ibn Al-Qayyiim

Taqwaan,beekumsi fi gaarummaan gingilchaa namoota addaan baasaniidha. Namni qabeenya hanga fedhe qabaate yoo taqwaa,beekumsa fi gaarummaa hin qabaatin dhukkuba dhipinnaa fi gadadoo malee wanta biraa isaa hin buustu.

Namoota si oolii seenaa isaanii qo’achuu fi qorachuun akka isaani ta’uuf hawwi. Hawwuun qofti akka isaani si godhuti akka isaan carraaqanitti atillee carraaqi. Akkuma olguddiste yaaddu fi abdiin kee cimaa adeemun jireenyi dukkanooftun siif ifaa adeemti. “InshaAllah nama akkanaa ta’uun qaba” jette akkuma yaaddu fi hojii namticha sanii ilaala adeemtun afuurri dandeetti waa hojjatuu danda’uu fi galma guddaa gahuu si keessatti uumama adeema. “Aboo ani nama akkanaa ta’uun barbaada.” jechaa carraaqi gochuu jalqabda. Seenaa namticha kana qofaa miti namoota duraan gadhee turanii fi ergasii taqwaa,beekumsaa fi gaarummaan of faayanii qo’atta. Sana booda “edaa anis nama akkana ta’uu nan danda’a, maaltu na dhowwa?”jette yaadu fi hawwuu jalqabda.

Abdii fi hawwii kee kan dukkaneessan yaadota negaativii keessaa fi alaa ofirraa ittisii. Keessi kee “hin dandeessu,ni kufta,wanta/humna akkana hin qabdu,fi kkf” siin jedha. Keessi kee cubbuu fi hanqinna kee si yaadachisuun akka gara olii hin yaadne si hin godhin. Cubbuu kee tobwaan(gara Rabbii deebi’uun) ofirraa dhiqii irraanfadhu. Hanqinna kee immoo suuta suutan sirreessu akka dandeessu abdadhu. Yeroon ati nama gaarii itti taatu dhihoo akka ta’ee hin irraanfatin. Kanaafu cubbuu fi hir’inna kee yaadachuun fiixe milkaa’innaa irraa duubatti of hin harkiisin. Hanga feete cubbamaa fi nama gadhee yoo taate abdii nama gaarii ta’u ofirratti hin dukkaneessin. Sodaa Rabbii fi gaarummaa horachuuf guyyaa guyyaan carraaqi godhi.

Bakka jirtutti wanta qabduun wanta dandeessu hojjadhu.” -Roosvelt 

Kan alaa immoo namoota gara gadii malee gara olii hin yaannetu si summeessa. “Aboo gootni keenya ambaa nama akkanaa ta’uuf carraaqa,ofuu hin jijjiree nama jijjirtaa,fi yaadota kana fi kan kana fakkaataniin si laamshessu,dandeetti kee baqsu. Namoota akkanaa gurra itti hin kenniin. Sammuun kee  qaaliidha bakka jechoota isaanii itti kuufatu hin qabu. Yaada fi jechoota isaani dagadhu. Isaan irraayis fagaadhu. Guyyaa tokko wanti isaan yaadanii fi jedhan soba akka ta’e itti agarsiista. Ol guddistee yaadun kee fi nama gaarii ta’uuf carraaqun kaayyoo kee ol’aanaa san galmaan gahuuf si gargaara.

2.Ijjannoo- Erga olguddistee yaadde booda kaayyoo keetirratti ijjannoo fi murannoo barbaachisa. Wanta qabaterraa hanga dhumaatti irraa deebi’uu akka hin qabne gatii fi wareegama kafalamuu qabu akka kafaltu of amansiista.

Garaagarummaan namoota suuraa isaani caalaa ijjannoo isaani irratti kan hundaa’edha.”  jedhu imam Ibn-Al-Qayyiim

Itti fufinsa kaayyoo keetitiif dhaabni kee sirritti jabaachu qaba. Ajaja Rabbii hordofuu fi wantoota Inni idhowwii irraa of ittisuuf ijjannoo fi murannoo cima barbaaachisa. Hojii tokko yeroo jalqabnu garmalee mirqaanne jalqabuu dandeenya. Haa ta’uu malee akkuma yeroon darba adeemun fedhiin keenyas kan duraa caalaa hir’ataa adeema. Dhumarratti dhaabutu dhufa. Akka akkana hin taanef ijjannoo ofii cimsuun baay’ee barbaachisadha.

Karaa adda addaatin ijjannoo keenya cimsuu dandeenya. Karaan nuti ijjannoo keenya ittiin ciimsinuun inni guddaan beekumsa. Qur’aana hiika isaa waliin dubbisuu fi qo’aachun ijjannoo baquuf adeemu jabeessa,afuura kakaasa. Seenaa namoota darbanii dhageefachuu fi dubbisuun ijannoo keenya daran cimsa. Wanta irraanfatamuu hin qabne ijjanoo fi niyyaan keenya jalqaba irratti hanga fedhe haa laafu, yoo hojii keenya hojjachuu itti fuufne ijjannoo fi Niyyaan keenya ni cima.

Yeroo dheeraf humna kan hin qabne turte. Kanaafu niyyaan kee sirritti yoo qajeele ifni ijjannoo keeti ol faagate sitti mul’ata” jedhu imam Ibn-Al-Qayyiim

3.Yeroo keetti  sirnaan fayyadamii– Yeroon kee jireenya keeti. Galma gahuun kaayyoo keeti yeroo kee irratti hundaa’a. Yeroon takka si dabarte gonkumaa duubatti hin deebitu. Osoo duuti sitti hin dhufin wanta bitachuu dandeessu har’a bitadhu,karaa dheeraa saniif galaa qopheefadhu. Akkuma Imam Ibn Al-Qayyiim jedhan:

“Har’a milkaa’inna bitadhu osoo gabayaan jirtu,gatiin kafalamuu fi meeshaa rakasaa osoo ta’ee jiru. Hanga gabaaya fi meeshaan argamuu hin dandeetti hin eegin” Kana jechuun dhukkubni,jaarsummaan,duuti osoo sitti hin dhufiin yeroo kee hojii gaggaari hojjachuun saamadhu. Guyyaan Qiyaama guyyaa hojii gaarii itti hojjatanii of baraaranii miti. Har’a yeroon wanta hojjatachuu dandeessu hojjadhu osoo Qiyaaman sitti hin dhufin. Guyyaa Qiyaama meeshaa bitattus,gatii kafaltus hin qabdu. Har’a yeroo kee saamadhu,bakkuma argitetti hin guubin.Qaruute ta’ii.

Dhugumatti addunyaa lamaani hojjatachuun yeroon keenya nu geessi. Yeroon akkanumaan interneeti,haasawa faaydaa hin qabne fi kkf irratti dabartu madaalle beeknaa? Akkuma xiyyii sa’aati naannoftuun duuti nutti dhihaata akka jirtu,faayilin hojii keenya cufamuuf deemaa akka jiru yaanne beeknaa? Maarre faayilii keenya hojii badaa irraa haaqne dalagaa gaggaarii irratti barreessuf har’a yerootti sirnaan yoo fayyadamneedha.

Yeroo keenya qoqqoonne fi saganteessinee fayyadamuun galma guddaa gahuu ni dandeenya. Guyyaa guyyaan maal hojjachuu akka qabnu barreessu fi saganteessudha. Yeroon hin saganteefamne yeroo barakaa hin qabnedha. Osoo homaa hin dalagin bakkuma argiteetti gubatti.

4.Rabbitti hirkachuu fi Du’aayi– Ilmi nama dhugumatti dadhabaadha(da’iifa). Dandeetti isaa qofaan wanta hamaa tokko ofirraa deebisuu hin danda’u wanta gaariis hojjachuu hin danda’u. Gargarsa isa barbaachisa. Maddi gargaarsa irraa argatuus murteessadha. Aakiraa duniyatti galma guddaa gahuu yoo barbaadde nama gargaaru kan hin hifanne Rabbii kee gaafadhu. Ilma namaa gargaarsaf yoo gaafatte si hifata,ijaan si arguu hin barbaadu. Garuu Rabbiin gargaarsaf nama isa kadhatu ni jaallata. Nama isa hin kadhanne ni jibba.

Daandiin ani irra adeemu dheeradha jette duubatti akka hin deebine abdii daandii san caalaarra dheeratu qabaatu qabda. Abdiin kee Rabbirratti hirkachuudha. Yoo sirritti fi karaa sirriitin carraaqxe daandiin hanga fedhe haa dheeratu galma san gahuu akka dandeessu amanamummaa fi abdii kee guutuu Rabbirra kaa’udha. Yeroo hundaa milkiin Rabbirraa akka ta’e beeku qabda. Milkaa’inna argatteef of aja’ibsiifachuu hin qabdu. Kana irra Rabbii galata yoo galchitee milkii san caaltu Rabbiin sii kenna.

“Guyyaan ati wanta addaa tokkoo galmaan gahee jette dhaadattu guyyaa afuurri keessa keeti du’eedha. Kanaafu carraaqin kee guutuu of gadi qabuun(kasoon) kan guuttamee ta’uun itti fufuu qaba. Yeroo hundaa wanti ati galmaan geesse humna keetin osoo hin ta’in qananii Rabbiin sirratti oole ta’uu isaa yaadadhu;(Rabbii si milkeesse malee humna keetin akka hin taane beeki.)”   -Murad Khuram

Humna kootin galma guddaa galmaan gahe jira yeroo jette yaaddu gara fuunduratti akka hin tarkaanfanne gufuu sitti ta’a. ammas milkaa’inna dabalataa kan duraa caalu argatuuf humna qabduun carraaqu fi Rabbitti hirkachuu qabda.

Daandiin jijjirama ati irra deemtu daandii qoree fi mucucaati. Kanaafu akka küfte achitti hin hafne yeroo hundaa Rabbiitti iyyatuu qabda. Sheyxaanni ijjannoo kee laamshesse akka si hin kuffisne “Yaa Rabbii badii sheyxaanatirraa na tiksii” jette Rabbiitti iyyatu qabda.

Wanti na dinqisiisus namoonni salaata erga salaatanii booda zikriis du’aayis osoo hin godhatiin olka’anii fiigu. Akkamitti Rabbirraa fiignaa osoo harka jala hin qabatiin hiyyeeyi waa hin qabne fi cuubbuu meeqa keessa borcamne osoo jirru? Dandeetti keenya qofaan wanta tokko hojjachuu kan hin dandeenye taane osoo jirru akkamitti olkaane Rabbirra dheessinaa?

Na kadhaa isinii deebisa osoo jedhu akkamitti Rabbirraa garagallaa?40:60“Gooftan keessan ni jedhe “Na kadhaa isiniifan awwaadhaa. Dhugumatti warroonni ana gabbaruu irraa boonan salphattoota ta’anii Jahaannam seenuf jiru.” Al-Gaafir 40:60

Daandii qajeelaa qabanne irraa akka hin dabne,taqwaa,beekumsii fi gaarummaan keenya akka nu dabaluu du’aayin(Rabbiin kadhachuun) irraanfatamuu wanta hin qabneedha. Rabbitti hirkachuu fi du’aayin furtuu milkaa’innaati. Namni gargaarsa fi eeggumsa Rabbii halkanii guyyaa kadhatuu akkamitti kufaa?

Du’aayin teenya fudhatama akka qabdu yoo barbaanne hidda onne jalaati kadhachuu fi deebii Rabbirraa hanga argannuu obsuudha. Rabbiin inuman kadhaa deebii hin arganne jechuu hin qabnu. Wanta Rabbiin kadhannu argachuu akka dandeenyu abdataa kadhachuu qabnaa malee shakkaa hin argadhu jenne kadhachuu hin qabnu. Wanti kadhannu afaanirraa osoo hin ta’iin “Yaa Rabbii…” jenne hidda onnee jalaa kadhachuu qabna. InshaAllah yeroo san du’aayin teenya deebii argatti.

Du’aayiwwan babareedo fiixe milkaa’innaati ol nu fuudhan keessaa muraasa mee haa eerru:

Gooftaa keenya duniyatti toltu,Aakhirattis toltuu nuuf keenni. Adaba ibiddaa irraa nu baraari.” Suuraa Al-Baqaraa 2:201

Gooftaa keenya erga nu qajeelchitee booda onnee keenya dhugaa irraa hin jallisin. Si biraas rahmata nuuf kenni.Dhugumatti Ati akkaan kennaadha.” Suuraa Ali-Imraan 3:8

“…Gooftaa keenya badii keenya nuuf araarami;hamtuuwwan keenyas nurraa harcaasi;warra qulqulluu wajjiinis nu ajjeessi.” Suuraa Ali-Imraan  3:193

Gooftaa keenya waan ergamtoota Kee irratti waadaa nuuf seente nuuf kenni. Guyyaa Qiyaamas nu hin salphisin. Dhugumatti Ati waadaa hin faallesitu. “ Suuraa Ali-Imraan 3:194

“…Gooftaa keenya obsa nurratti dhangalaasi. Musliimoota godhii nu ajjeesi.”Suuraa Al-A’raf  7:126

يَا مُقَلِّبَ الْقُلُوبِ ثَبِّتْ قَلْبِي عَلَى دِينِكَ

“Yaa Kan qalbii Jijjirtuu hoo! qalbii koo Diinii(amantii) kee irratti gadi dhaabi.” Jami` at-Tirmizi 3587

5.Sabrii-Carraaqiin atii guyyaa guyyaan kaayyoo kee guddaa galmaan gahuuf gootu keessatti gufun adda addaa si dhaha. Daandii jijjiramaa irra yommuu adeemtu hadhaa sabrii liqimsuuf qophii ta’ii. Hadhaan kunii guyyaa tokko gara mi’aa fi gammachuutti jijjiramuu akka danda’uu abdataa daandii milkaa’innaa irra adeemi.

Namoonni obsuu dhabuu isaani irraa kan ka’e waan baay’ee dhabu. Wanta san argachuuf garmalee jarjaru. Wanti jarjaraan argame immoo turtii hin qabu. Har’a kaayyoo tokko kaayyefatanii xiqqoo erga carraaqanii booda firii isaa yeroma san arguu barbaadu. Kuni gonkumaa wanta hin taane. Wanti carraaqi fi hadhaa sabriitin argamee firiin isaa ni mii’aya.Firiin/bu’aan namoota sirritti carraaqanii fi hadhaa sabrii liqimsani Jannataa miti ree? Firiin kanarra mi’awaa eessatti argama ree? Kanaafu carraaqin nuti daandii jijjiramaa irratti goonu sabriin kan guuttamee ta’uu qaba.

Rabbiin namoota sabriin karaa Isaa irratti carraaqan  akka qajeelchu waadaa galee jira. Rabbiin waadaa ofii gonkumaa hin diigu; nutu ulaagalee nurraa eeggamuu guutuu dhabee malee.29:69

Warroota Nuuf qabsaa’an- dhugumatti karaa Keenyatti ni qajeelchina. Dhugumatti Rabbiin warroota hojiiwwan gaggaarii hojjatan waliin jira.” Suraa Al-Ankabut 29:69

6.Cubbuu irraa fagaachuu fi hojii gaggaari hojjachuu- wanta ilma namaa duubatti harkisuu cubbudha. Kan gara fuundarratti oofu immoo dalagaa gaggaariidha. Kaayyoo kee galmaan gahuuf guyyaa guyyaan wanta dandeessu dalagi. Carraaqin guyyoota baay’ee yoo walitti kuufame gamoo milkaa’innaa ijaaru. Akkuma wanta xixxiqoo hojjattuun walitti kuufamte wanta guddaa si taati. “Damla damla göl olur.” Jedhu Turkoonni. Hiikni isaa “Bishaan cophe cophee haroo ta’a.”  Hojiin xixiqoon ati har’a facaastu walitti kuufamte boru sii guddati. Hojii kamiyyuu xiqqaa jette hin tufatin. Xiqqeenyi sanyii guddinaati jedhama. Kana jechuun wanti hunduu xiqqaa irraa ka’a.

Akkasumas,cubbuun nuti xiqqoo jenne tufannu guyyaa tokko walitti kuufamte akka xaaraa manaa nuratti jigdi. Cubbuu xixiqoo irraa of qabuuf yoo hin carraaqin,cubbuu gurguddaa irraayis of qabuun garmalee nutti ulfaata. Cubbuuwwan/diliwwan xixiqqoo irraa yoo of qabne gurguddaa irraayis of qabun nutti hin ulfaatu.

Cubbuun tee rahmata Rabbii irraa abdii akka si hin kuchisiisne fi baay’atun hojii gaggaari kee of ajaa’ibsiifachuun rahmata Rabbii keessaa akka si hin baasne of eeggadhu. “Yaa Rabbii cubbuun teenya nu balleessu fi hojii gaggaarii keenyan of tuulu irraa  nu tiksi.”jedhi kadhu.

7.Boqonnaa qabaadhu,karaa madaalama hordofii- daandii jijjiramaa dheeraa kana irra deemte iddoo gahumsaa kee gahuuf gaaddisa jala teette hafuura baafachuu si barbaachisa. Guyyaa tokkon utaalen achii gahaan kufuudha. Guyyaa tokkoon amala kiyyaa hundaa jijjiruun qaba,beekaa ta’uun qaba jette yoo kaate ni kufta. Kanaafu suutaa fi daandii madaalamaa hordofuu si barbaachisa.

“Yommuu Rabbiin wayiti nama ajaju sheyxaani karaa lamaan nama gowwoomsa. Yookaa namticha laamshoo(dadhabaa) taasisu fi hojii gaggaari akka hin hojjanne godhu yookiin immoo dhaadhessuu fi daangaa akka darbu gochuun sheyxaanni nama gowwomsa. Dhugumatti amantiin Rabbii nama dadhabaa fi daangaa darbu jiddutti madaallamaadha akkuma sulula gaarren lamaan jiddu. Namni ajaja Rabbii irraa laafe fi duubatti harkifate,ajaja san qisaasse jira. Namni daangaa darbees ajaja san qisaasse ykn balleesse jira. Kan jalqabaa minimam limitii(daangaa xiqqaa) guutu dhiisu isaatin. Kan lammataa immoo maksimum limiti(daangaa ol’aanaa) darbuu isaatin ajaja qisaasesse/balleesse.”Imaam  Ibn Al-Qayyim(Rabbii rahmata isaa haa godhu)

Keeyyata armaan olii yoo ibsinuu sheeyxaanni fedhii waa hojjachuu nama keessatti ajjeessun namtichi ajaja Rabbii akka hin hordofne fi itti hin bulle godha. Karaa biraatin immoo fedhii garmalee nama keessatti bobeessun daangaa Rabbiin kaa’ee akka darbu godha. Islaamni kanniin lamaan irraa adda ta’uun daandii madaalamaa fi qajeeladha.

Kanaafu daandii qajeela kanarra yoo adeemnu osoo garmalee ofitti hin jabeessinee fi  dhumarratti hifanne akka hin dhiisne boqonnaa nu barbaachisa. Karaa madaalama Nabiyyana Muhammad(SAW) fi sahaboonni isaa irra deemanirra deemutu fiixe milkaa’inna irra nu ijjachiisa.

Karaa biraatin immoo laamshoo taane Islaama hordofuu irraa duubatti jechuu hin qabnu. Utubaa Islaama kan ta’e salaata,takka salaata takka dhiisaa akkamitti addunyaa aakiratti milkoofnaa?

 Yaadannoo Dhumaa

Daandiin jijjiramaa daandii dheeradha. Carraaqqi dhugaa,fedhii keessaa burqu,Rabbitii hirkachuu, du’aayi  fi sabrii gochuu barbaachisa. Daandii kanarraa yoo adeemnu galaa beekumsaa gudunfachuu qabna. Wantoota daandii kanarraa nu dabsan beekuf beekumsi(ilmiin) murteessadha.Of jijjiruuf yeroo hundaa beekumsa nu barbaachisa. Of jijjiruun adeemsa suuta suutati malee wanta sakandii takkatti raawwatamuu miti. Nama Rabbiin sodaatu fi gaarummaa qabu ta’uuf hanqinna fi cubbuu keenya qorachuun guyyaa guyyaan sirreessuf carraaqudha. Fakkeenyaf torbii yookiin ji’a yookiin waggaa kana keessa amala of tuulu yookin amala badaa kiyya tokko nan sirreessa jenne yaadun ergasii sirreessuf carraaqudha. Daandiin jijjiramaa uffata amala gadhee fi wallaalummaa ofirraa baasanii uffata taqwaa,beekumsaa fi gaarummaa ofitti diirudha. Uffata kana jijjirachuuf suuta suutan,malaan,sabriin,beekumsaan adeemu qabna. Yoo akkana goone fedhii Rabbiitin kaayyoo guddaa keenya gahuu ni dandeenya. Daandii jijjiramaa asumarratti xumuramee jira. InshaAllah hanga barruu biraatin walitti deebinutti Assalamu aleykum warahmatullahi wa barakaatuh

Alhamdulillah gargaarsa Rabbiitin hojii keyrii hojjanna. Yaa Rabbii Ati nu milkeesse.

Yaada keessaniif: sammubani@hotmail.com

Gabrummarraa  Bilisummatti
Daandii Jijjiramaa-Kutaa 2ffaa
Kana Raabsi

One comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.