Gabrummarraa  Bilisummatti

Gabrummaa yoo jennu tajaajila namni tokko jireenya isaa guutuu nama tokkoof ykn wanta tokkoof wanti inni barbaadu hunda raawwachuudha. Gabrummaan damee adda addaa qaba. Isaanis Rabbii gabroomu, namni nama gabroofachuu,nafsee ofiiti fi sheyxaanaf gabroomudha. Har’a kan ilaallu gabrummaa nama osoo hin ta’in gabrummaa sanirra badaa ta’ee ilaalla. Furmaatas itti laata adeemna.

Rabbii gabroomun bilisummaa dhugaa yoo ta’uu nama,nafsee fi sheyxaanaf gabroomun immoo cunqursaadha. Sababni isaas Rabbii keessaa ala ilma namaa kan beeku qajeelfama itti bulmaata ilma namaatif ta’uu karaa Nabiyyoota isaatin buuse jira. Ilmi nama Rabbii  qofaa gabromu akka qaban ibsa. Isaa yoo hin gabroomin gabrummaa armaan olii jalatti kufanii of miidhu. Ilmi namaa yoo Rabbiif gabroome bilisummaa dhugaa argata. Namaa yoo gabrooman nama sanii bu’aa buusanii mataa ofii immoo of miidhan. Akkasuma nafsee fi sheyxaanaf yoo gabrooman inumaa san caalaa qilee baditti of darban. Rabbiif gabromun immoo Rabbiif bu’aa buusuf osoo hin ta’in mataa ofii fayyaduu fi miidha garagaraa irraa of tiiksufii. Osoo ilmi namaa guutun Rabbiif gabroome taaytan(angoon) Isaa hin dabalamuuf. Akkasumas osoo ilmi namaa guutun Rabbii gabromu dide angoo isaatirraa wanti hir’atu tokkolle hin jiru. Kanaafu namatu Rabbitti hajamaa malee Rabbiin gonkumaa namatti hin hajamu. Rabbiin akkana jedha:

51:5651:57
Jinnii fi ilma namaa akka Ana qofa gabbaraniif(waaqefataniif)  malee hin uumne.
Isaanirraa rizqii(soorata)  hin barbaadu;akka Na nyaachisanis hin barbaadu.” Al-Qur’an 51:56-57

Akkuma armaan olitii tuttuuquf yaalle gabrumma bakka baay’etti qoodu dandeenya. Isaan keessaa:
Gabrummaa nafsee(lubbuu)- namtichi wanta nafseen feetu guutu jala yoo deeme, nafseef ni gabroma. Nafseef gabromun ilma namaa namummmaa isaatirraa isa baasa. Qilee gadi aantummaattti isa darba. Nafsee ofii wanta ishiin feeturraa gadi qabuuf hin carraaqu. Wanta ishiin jette guutu itti kenna. Haraama ta’ii halaala ta’ii isaa garagarummaan hin jiru. Namoonni wal akkeessuun fi waliin dorgomuun yookaa nafsee ofii miidhu yookiin immoo of fayyadu. Akka fakkeenyatti yoo fudhanne namoonni elektroniksi,uffata yookiin meeshaa mana tokko yoo wal harkatti argan,nafseen isaani wanta san akka argatan isaan dhiibdi. Wanta san argachuuf humna ofiiti ol idaa ofitti baachisu. Namarraa liqeefachuun wanta san bituun itti of tuulu. Duuban idaan itti fee’amuun dhumarrattii dhiphinnaa fi rakkoo keessatti kufu. Kuni hundii nafseef gabroomudha. “Akka ebaluun sirbaan morma nama dabsaa” jedhaa mitii ree Oromoon yoo mammaaku. Akka eebaluun godhaan/ta’aan  jireenya rakkisa,gammachuu dhabsiisa.

Hundeen nafsee ofiitif gabromu wanta Rabbiin namaa kenne irratti gammaduu fi Isaa galata galchuu dhiisudha.  Namni yoo wanta Rabbiin kenneef irratti gammade fi quufe, nafsee ofiitif hin gabromu. Namni haafayaan yoomuyyu hin quufu,hin gammadu. Nafseen isaa isaaf gooftadha. Asitti wanti irraanfatamuu hin qabne nafseen teenya wanta badas wanta gaariis ni hajamti/ni feeti. Abbichi wanta badaa fi gaarii addaan baase wanta isa fayyaduu hordofuu fi wanta isa miidhu immoo dhiisun dirqama isarratti kufeedha.

Furmaata– gabrummaa nafsee irraa bahuuf furmaanni duraa wanta Rabbiin namaa kenne irratti gammadu fi Isaa galata galchuudha. Haafayaniif wanti argamuu tokko hin jiru.. “Kan qooxaa irraa buusatti kan bobaa dhabde.” Jedhaa mitiree Amaarri. Rizqiin(sooranni) harka namaa osoo hin ta’iin harka Rabbii akka jirtu beekudha. Namni kana yoo beeke gammachuu fi bilisummaa dhugaa argata. Kan kana hin beekne yeroo hundaa gabra nafsee ofii ta’ee hafa.  Beekkama ta’uuf lafaan of qu’uunis nafsee ofiitif gabroomudha. Hojii keenya keessatti iklaasni yoo hin jiraanne nafsee teenya wanta biraa barbaaddi. Namni nama gammachiisuf Rabbiin dallansiise dhumarratti Rabbiin namoonni namticha san akka jibban godha.Fedhii nafseetii yookiin namaa jedhe dhugaa/haqa irraa dheessa. Haqa yoo qabate akka waan isa miitutti fedhii nafsee jala deemun dhumarratti halaakama. Fedhii nafseetif jedhe meeqatu amantii ofii gurguraa jiraa! Aakiraa fi amantii zalaalamiif turu gurguratanii addunyaa badduu fi gabaabdu bitachuun gowwummaa fi gabrummaa akkamii!  Kanaafu hojii keenya keessatti nafsee teenyaf akka hin gabroomne dalagaa teenya keessatti iklaasa horachuun barbaachisadha.

Gabrummaa sheyxaanaa– Sheyxaanni nama gabroomsu irra ilmi namaa nama gabroomsu wayya. Sababni isaas sheyxaanni wiirtu jireenya tan taate qalbii gabromsa,ilmi namaa immoo qalbii namaa gabroomsu irratti humna hin qabu,qaama gabroomsa. Sheyxaanni nama gabroomse jechuun badii guddaan namarratti küfe jechuudha. Gara fedhetti nama qajeelcha. Sheyxaanaf gabromun amala namummaa keessaa bahanii jireenya horiiti gadi jiraachudha. Sheyxaanni wanta fokkuu namatti bareechisuun nama gabromsa.

Yeroo ammaa kan gilobalayzeshini jedhamu kana keessa namoonni eege sheyxaana qabachun waliin fiigaa jiru. Sheyxaanni kaayyoon isaa inni guddaan ilma namaa addunyaa Aakiratti kasaarsudha. Dhiiraa fi dhalaa walitti naquun wanta fokkuu akka raawwatan godha. Gabrummaan sheyxaana yeroo amma dubartoota irratti küfe qullaa isaan oofudha. Akka meeshaatti beeksisa hundarratti itti fayyadamuu. Kabaja ofii ofirraa mulquun miidhaf saaxilamti. Osoo dubartoonni akkanaa Rabbii gabrummaa dhugaa gabroomanii kabaja ofii ofirraa mulqanii silaa sheyxaanaa hin gabrooman. Sheyxaanni gabroofatu irraa kan ka’ee gudeddaa fi miidhan qaamaa isaanirraa gahaa jira. Sheyxaanni qullaa deemu qaroominnaa fi faashinii itti fakkeesse hijaaba uffachuu immoo aadaa dubatti hafaa akka ta’etti itti mul’isuun salphatti isaan gabroomfate.

Dubartoonni gammachuu fi bilisummaa dhugaa kan argatan Rabbii tolee yoo jedhanii fi Islaama yoo hordofan qofaadha. Olola warra dhihaa dhageefachuu fi isaan hordofuun gabrummaa hamaa jalatti akka kufan isaan godha. Kana hubachuuf seenaa kaleessa ilaalun gahadha. Osoo Islaamni Arabootatti hin dhufiniin duratti dubartoonni awwaalamaa fi cunqursaan baay’een irra gahaa akka türe senan ni addeessa. Islaamni dhufnaan harqoota gabrummaa irraa kaasun qilleensa gammachuu fi bilisummaa dhugaa isaanitti afuufe. Har’as harqoota gabrummaa sun deebi’uun dubartoonni akkuma kaleessaa gabroofamaa jiru.

Gara interneetii yoo deebinuu immoo hojiilee sheyxaana meeqan akka guutamte mee haa ilaallu. Pornograafi(filmii wal-qunnamtii saalaa),dubartii qullaa,suuraale dhiiraa fi dhala garagaraa fi hojiiwwan fokkuu kana fi kana fakkaatan interneeti kan guutedha. Kan sheyxaana jala deemu fiilmi fi suuralee kanniin ilaalun yeroo fi qalbii ofii bakka hin taanetti guba. Suuraa saniis ilaalu wanta san waan hin arganneef yeroo hundaa dhiphinnaan of laamshessa. Dubartii san mataa keessa of oofun hirriba dhaba. Dubartii saniis yoo argate ishiif gabroma. Wanta ishiin jetten ala hin bahu.

Furmaata– furmaanni inni jalqabaa gabrummaa sheyxaanaa jalaa bahuu dukkana wallaalummaa keessaa gara ifa beekumsaatti bahuuf carraaqudha. Sheyxaanni ifa beekumsa kana namoonni argatanii gabrummaa isaa jalaa akka hin baane hulaa hundaa isaanitti cufa. Cubbuu hojjachiisu yoo danda’ee cubbuu isaan hojjachiisa. Yoo dadhabee immoo yeroo isaani wanta hin fayyannee irratti akka guban gochuun qilee wallalummaatti isaan hanbisa. Beekumsa sheyxaana ittiin lolan beekumsa ammayaa osoo hin ta’iin beekumsa diini(amantiiti). Namoonni gabra sheyxaana ta’uun nafsee ofii miidhaa jiran warroota beekumsa diini(amantii) dhaban yookin beekumsa san argatanii kan itti hin fayyadamnedha. Fokkuu inni namatti bareechisu irraa garagaluuf beekumsa amantii keenyaa nu barbaachisa. Beekumsaa fi sodaa Rabbii yoo hin qabaatin kottee isaa hordofanii dhumarratti halaakamudha/badudha.

Beekumsi qofti gahaa mitii. Rabbiin sheyxaanarraa akka nama tiiksu kadhachuudha. “Aalima tokkotu barataa ofiitin akkana jedhe,”Yommuu sheyxaanni wanta badaa akka hojjattuuf si sossobu maal gootaa?” Baratichis,” Itti qabsaa’a?” jedhen. Aalimtichis,”Yoo sitti deebi’e hoo?” jedhen. Baratichis ammas akkana  jedhe,”Itti qabsaa’a.” Aalimtichi “Kuni immaa yeroo dheeraa sirraa fudhata. Osoo hoolota cinaa bira darbitu sareen hoolota eegu sitti dute karaa si dabarsuu si dhorge maal gootaa?” jedhen. Baratichis “Hanga sareen kuni dadhabuu itti qabsaa’e ofirraa ari’aa.” Jedhen. Aalimtichis “Kuni adeemsa dheeraa sirraa fudhata. Bakka kanaa osoo abbaa hoolotaa bira deemte silaa inni sirraa dhowwa.”jedhen. Kuni barnoota guddaa Ibn Jawziin gabaafamedha. “1

Sheyxaanatti mataa ofii qofaan itti qabsaa’un kan nama dadhabsiisu fi yeroo dheeraa fudhatuudha. Kanaafu kan sheyxaana namarraa dhorgu danda’u Rabbiitti iyyachudha. Badii sheyxaana Rabbitti mangafachuudha. Kanatu fala ta’a.

Furmaanni biraa immoo zikrii(yaadannoo Rabbitiin) of sakaaludha. Kan zikriin of sakaale gammachuu fi bilisummaa argate. Kan sheyxaanni isa sakaale immoo qilee gaddaa fi gabrummaatti of gate. Dhugaa kana hubachuuf naannoo ofii irra mil’achuun gahadha. Arrabaa fi qalbii ofii zikrii(yaadannoo) Rabbitiin of leenjisu,hojiiwwan gaggaarin of ko’oomsu fi beekumsa barbaadun gabrummaa sheyxaanaa jalaa bahuun ni danda’ama.

Gabrummaa sheyxaanaa jalaa bahuu jechuun gammachuu,nageenya,tasgabbii fi bilisummaa dhugaa argachuu jechuudha. Akkuma duratti jenne gabrummaa sheyxaana gabrummaa namaa caala. Boqonnaa sammuu nama dhabsiisa. Jireenya namatti dukkanessa. Karaan isaa yeroo hundaa karaa badiiti.

Gabrummaa duniyaa – “Namni duniyaaf kan gabromu jaalalli mallaqaa qalbii yoo hagugee fi  jaalala Rabbii yoo caaledha. Namtichi qarshii argachuuf karaa kamittu fayyadama- karaa haraamatiin ta’ee karaa halalaatin ta’ee homaa osoo isatti hin fakkaatin walitti kuusudha.”2

Namoonni yeroo amma garmalee duniyaaf gabroomanii jiru. Tokkotu osoo waliin haasofnu,”Namoonni Dolaara hanganaa investii gochuu hedan” nan jedhe. Itti fufe “Qarshii hagana argachuun xiqqaa seete,ah…” Ani cal’ise gara kiyyatti itti kolfe. Kuni hangam qarshiif akka dheebotan namatti agarsiisa. Namoonni akkanaa osoo hanga fedhan qarshii argatanii quufne hin jedhan.

Asitti wanti dagatamuu hin qabne maallaqa argachuu akka baditii ilaala hin jirru. Maallaqni barbaachisadha. Haa ta’uu malee jaalalli qabeenya qalbii keenya hagugu hin qabu. Kaayyoo keenya guddaan galmaan gahuuf kan itti fayyadamnu malee qabeenya walitti kuusu akka kaayyoo keenyatti qabachuu hin qabnu. Qabeenyi jireenya keenya kan itti fufsiifnu, sadaqaa kennachu fi wantoota gaggaari ittiin hojjachuun kaayyoo keenya isa guddaa san galmaan gahuuf kan itti fayyadamudha malee gabra ishii kan taanu ta’uu hin qabu. Tokkotu osoo barreefama kana barreessaa jiru,”Qarshii silaa hin argattu maaliif yeroo hundaa barreefama barreessitaa?” nan jedhe. Anis “Barreefama kana barreessun qarshii kan caale wanti argadhu hin jiru?” jedhen. Innis maalidha nan jedhe. Anis “Jaalalli Rabbii fi Jannata kan caale maaltu jira? Qarshiin ni baddi, ni dhumatti jaalalli Rabbii fi Jannanii gonkumaa hin badan,hin dhumatan.” Jedhen. Itti fufe ani “Ati maaliif duniyaa tanarra jiraattaa?” jedhen. Inniis “Qarshii argachuuf” nan jedhe.

Mee haa hubannu namoonni kaayyoo ofii qarshitti yoo gabaabsan akkam nama jibbisisaa. Qarshiif jedhanii yoo jiraatan akkam nama gaddisiisaa! Sababa kanarraa kan ka’e namoonni duniyaa tanaaf gabromu. Ishii argachuuf kabaja ofii salphisan. Ishiif jedhanii sobuu fi nama gowwomsuu. Duniyaa gabaabdu,dhiphoo fi turtii hin qabne jedhanii aakiraa turtuu fi bal’oo dhabu.  Eebade kan duniya tanaa gabra ta’e! Yeroo isaanii guutu duniyaa tanaaf yoo dabarsan gammachuu akkamii argatu? Jireenyi isaan nuffisiisti,ni jibbisiisti.

Furmaata– Rizqiin(sooranni) tan ardirra deemtu hundii harka Rabbii akka jiru beekudha. Rabbiin mixii gurraatti lafarra deemtu kan nyaachise akkamitti ilma namaa kabajamaa sooru dadhaba? Kana yoo jennu Rabbiin rizqii samii irraa robse nama hojjatuu fi hin hojjanne wal qixa soora jechu keenya miti. Rabbiin abbaa fedheef rizqii ni bal’isaaf kan fedhe immoo itti dhiphisa. Dalagaa isaatif namni Isa gaafatu hin jiru. Rabbiin gaafataadha malee gaafatamaa miti. Wanta hundaa ogummaa fi beekumsaan hojjata. Duniyaa tana argachuuf Hanga feene yoo haafoyne wanta ganama nu murteefameen ala hin argannu. Haafa’un qalbii namaa rakkisa,hirriba nama dhabsiisa,gaabbii fi yaaddoon nama cinqa. Yeroo hundaa “Ah akkamitti na jala dabartii?” osoo jedhu gaabbin of guba. Namni jaalala Rabbii qalbii ofii keessatti jaalala duniyaa caalchise immoo gaabbi fi yaaddo duniyaa dhabuutin of hin miidhu. Boru maaliin nyaadha,maalin dhugaa jedhe garmalee hin dhiphatu. Sababni isaas wanta danda’u hojjatee ergasii Rabbitti hirkata. Kan Rabbiin hin beekne immoo halkanii guyyaa boqonnaa malee hojjatuun of miidha. Tan na harka jirtu nan dhaba jedhe yaaddawa. Kuni gabrummaa akkam nama miidhu ree!

Yaada gudunfaa
Rabbiin ala namas ta’ii wanta biraatif gabra ta’uun xiqqeenyaa fi salphinna. Kan mataa ofii Rabbii gadi hin jenne wanta biraati gadi jedha. Gabrummaa irraa bahanii bilisummaa fi kabaja dhugaa argachuuf  Rabbii tolee yoo jedhanii fi Islaama yoo hordofaniidha. Salafni tokko akkana jechuun kabajaa fi bilisumma argate walaloon ibsa:

“Wanti kabajamaa fi wuddii na godhe
Sihi yaa Rabbii! ajaja kee jala na galchite
Hordoftoota nabiyyanaa Muhammad(SAW) keessaa tokko na gootee “3

Dhuguma jedhe aalimni kuni. Namni yoo Rabbii ajajame kabajamaa fi jaallatamaa ta’a.Kan Isa dide immoo salphataa fi jibbamaa ta’a. Kana hubachuuf naannoo keenya irraa ilaalun gahadha.  Kanaafu namni nageenya fi tasgabbii sammuu,kabaja,gammachuu fi bilisummaa dhugaa barbaadu Rabbii tolee jechuu fi Islaama hordofuun haa argatu. Gabrummaa nafsee,sheyxaana,namaa fi duniyaa jalaa bahuuf furmanni kana qofa.Kan biraa yoo jiraate nutti himaa! Barreefama koo dubbii Rabi’ ibn ‘Amir radiAllahu ‘anhu mootii Pershiyaatin jedhen xumura.” Rabbiin nama barbaade gabbarri namaa irraa gara gabbarri Isaa akka baasnuf, dhiphinna addunyaa tanaa irraa gara bal’inna addunyaa fi Aakiraa akka baasnuf,cunqursaa amantii sobaa irraa gara haqummaa Islaamatti akka baasnuf nu erge jira.”4

Hanga barruu biraatin walitti deebinutti Assalamu aleykum wa rahmatullahi wa barakatuh

Yoo si fayyade namoota biroos akka fayyadu sheeri godhi.

Wabii

1In The World of Jinn and Devils (page 181)

2,3&4 Enslavement of heart

sammubani@hotmail.com

Ofitti Amanamummaa
Daandii Jijjiramaa-kutaa 3ffaa
Kana Raabsi

Leave a Reply

Your email address will not be published.