Ofitti Amanamummaa

“Ofitti amanamummaan guutumaan guututti Rabbitti hirkachuu fi Isatti amanuu irraa kan burquudha. Tarkaanfi  hundaa kee keessatti Rabbiin akka si gargaaru beekudha. Yeroo hundaa dadhabaa fi homaa hojjachuu kan hin dandeenye fi hanqinna xixxiqaa irratti of ajiifachuun(blame) yoo duubatti of harkiste,kufaatif saaxilamta.  Yaada Rabbiin haqa malee akka si kunuunse yookin wanta nafseen tee hin dandeenye sirra akka godhe jedhu  gonkumaa of amansiisu hin qabdu. Rabbiin  wanta nafseen baadhachuu hin dandeenye gonkumaa irra hin kaa’u.” – Khurram Murad

Keeyyata armaan olii yoo ibsinuu kana fakkaata. Ofitti amanamummaa jechuun dandeetti kee amantee waa hundaa hojjachuu nan danda’a jechuu osoo hin ta’in, Rabbitti hirkachuu fi amanta(trust) kee Isarra gochuun dandeetti kee iddoo sirrii ta’etti fayyadamuudha. Tarkaanfi jijjiramaa fi of foyyeessu ati gara fuunduratti gootu keessatti Rabbiin akka si gargaaru abdachuudha. Dadhabinna fi hanqinna keenya ilaalun duubatti of harkisuu akka hin qabne keeyyanni armaan olii nu akeekachiisti. Namoonni baay’een dadhabinnaa fi hanqinna ofii ilaalun gara fuunduratti akka hin tarkaanfanne gufuu itti ta’e. Yeroo hundaa hanqinna ofii irra mil’achuun gonkumaa jijjiramuu akka hin dandeenye godhanii yaadu.  Yommuu namoota milkaa’an ilaalan, Rabbiin haqa malee isaan akka kunuunse fi wanta nafseen isaani hin dandeenye irra akka kaa’e godhanii yaadu. Gonkumaa Rabbiin haqa malee ilma namaa hin kunuunsu Inni Abbaa Haqaa waan ta’eef. Eenyurralle wanta nafseen hin dandeenye irraa hin kaa’u. Of komatuu dhiisanii Rabbiin komatu. Yoo carraaqanii fi tattaafatan Rabbiin isaan gargaaru fi milkeessu akka danda’u haa hubatan.

Warroota Nuuf qabsaa’an- dhugumatti karaa Keenyatti ni qajeelchina. Dhugumatti Rabbiin warroota hojiiwwan gaggaarii hojjatan waliin jira.” Suraa Al-Ankabut 29:69

Hiika ofitti amanamummaa hangana erga jenne sababoota ofitti amanamummaa akka hin qabaanne nu godhan mee haa ilaallu.

1.Kaayyoo dhabuu-Namni kaayyoo malee jireenyatti yoo boba’ee kallattiin itti deemu harka baddi. Kaayyoo dhabuun bu’uura Ofitti amanamummaa dhabuuti fi burqaa miira gadi aantummaati.

“Wanti jireenya nuffisiisa godhe jireenya mataa isaa osoo hin ta’in kaayyoo nama kakaasu dhabuu isaati.”

Akkuma barruu “Daandii Jijjiramaa” keessatti jenne kaayyoo keenya guddaan Jaalala Rabbii argachuu fi Jannataa seenudha. Kaayyon kuni kaayyoo hojitti nama kakaasu fi yeroo hundaa gammachuu namaa kennudha. Wanta hojjachuu qabanii fi maaliif akka hojjatan namatti akeeka. Humna harkisaa(driving Force) ta’uun gara fuunduratti nama dhiiba. Kaayyoo kana ilaalun hojii kam keessattu ofitti amanamummaa akka qabaannu nu godha. Miirri gadii aantummaa nu keessa akka buqa’u godha. Sababni isaas yoo karaa sirrii(Nabiyyanaa Muhammad(SAW) hordofuu) fi iklaasan hojii keenya hojjanne,namni wanta fedhe yoo nun jedhe miirri gadi aantummaa fi ofitti amanamummaa dhabuu nu keessatti uumamu hin danda’u. Namni karaa sirrii fi iklaasan hojii gaggaari hojjatuu fi hojii gadhee irraa dheessu milkaa’innaa fi gammachuu galmaan gahuu akka danda’u abdii fi amantii cimaa Rabbirraa qaba.

Namni jireenya keessatti kaayyoo hin qabne immoo miirri gadi aantummaa fi ofitti amanamummaa dhabuu isatti dhagahama. Yeroo hundaa homaa hojjachu akka hin dandeenye godhee of ilaala. Jireenyi nuffisiisaa itti taati. Kanarraa kan ka’e of jibba. Of jibbuun immoo sababoota ofitti amanamummaa dhabsiisan keessaa isa tokkodha.

2.Of jibbuu– namni kaayyoo dhabuu qofaa mitii,bifaa fi dhaabbata ofii ilaalun of jibba. Namoota biroo waliin ofbira of qabuun gadii aantummaan akka itti dhagahamuu of godha. Ummata keessa yoo adeemu saalfataa fi of jibbaa adeema. Dhugumatti Rabbiin ilma namaa suuraa isa bareeda ta’een kalaqe(uume) jira. Suuraa ofii ilaalun ani bareedaa miti ofiin jechuun miirri gadi aantumma akka namatti dhagahamuu godha. Mee takka daaw’itiin sirritti of ilaali hangam akka bareeddu. Gurra lama,ija lama,afaan, fuyyaan, fi kkf waa meeqa qabda. Warra kanniin keessaa tokko ykn muraasa dhaban ofirra mil’adhu. Kanaafu kana hunda osoo qabdu Alhamdulillah Rabbii akkanatti na bareechiseef jette Rabbii galata hin galchiitu ree? Warra adii ilaalun ani gurraacha yookin fokkuudha jette of ni tuffattaa? Gonkumaa miirri akkanaa si keessatti uumamu hin qabu.

Bifa kee ilaalun miira gadii aantummaatin ummata keessa deemu hin qabdu. Biifni fi dhaabbanni kee bareeda akka ta’e of amansiisu qabda. Wanta Rabbiin nama badhaase jibbuu fi tuffachuun Isa ganuudha. Alhamdulillah Rabbii akkanatti na bareechiseef galanni haa galuu jechuun ofitti amanamummaan ummata keessa deemi. Kana hin dagatii kaa.. Miidhaginni guddaan bareedinna bifaa fi dhaabbata qaama keeti osoo hin ta’in, bareedinna amala gaarii fi hojii keetiti. Qalbii kee qulqulleessu fi amala kee bareechisuuf yoo carraaqxe ati yoomiyyu bareedadha/bareeddudha. Namoota meeqatuu jiruu, fuulli fi dhaabbanni isaani bareeda haa ta’uu malee hojii gadheen of fokkisan.  Kanaafu bareedinni kee kan hundaa’u bifaa fi dhabbataa qaamaa kee irratti osoo hin ta’iin amalaa fi hojii kee irratti. Yoo kana hubatte mataa ol qabatte ummata keessa deemta,ofitti amanamummaa qabaatta. Namni wanta fedhe yoo siin jedhe gurra itti hin kennitu. Keessa kee ati fokkuudha kan siin jedhuufis bakka hin kennitu.

3.Saalfachuu fi dogongora sodaachuu– namni hunduu akka dogongoruu hin barbaadu. Haa ta’uu malee amala ilma namaa ta’ee dogongoruu fi barnoota irraa fudhachuun namni gara funduraatti tarkaanfata. Osoo dogongoruu baanne silaa akka sheyxaanaa of tuulun rahmata Rabbii keessaa baanaa turre. Dogongorre yeroo hundaa Rabbirraa araarama akka kadhannuu fi barnoota akka fudhannu amala keenya.  Gadi aantummaa fi ofitti amanamummaa akka dhabnu wantoota nu godhan keessaa tokko saalfachu fi dogongoraa sodaachudha. Namni yoo hin tattaafatin of hin jijjiru. Yoo tattaafate immoo ni dogongora. Carraaqi fi dogongora keessa namni milkaa’innatti baha.

Dogongorrii yommuu uumamu garmalee nama dhukkubsa. Garuu walitti kuufamni dogongoraa waggoota boodaa muxannoo jedhama. Kuni immoo milkaa’innatti kan nama geessudha.

Qaroon namaa dogongora sodaate carraaqi ofii kan dhiisu osoo hin ta’iin dogongora ofiitirraa barachuuf nama of qopheessedha.  Yeroo dogongorri uumamu miirri gadi aantummaa isatti dhagahamee carraaqi ofii kan dhiisu osoo hin ta’in dogongora irraa barnoota fuudhate nama gara fuunduratti tarkaanfatuudha. Ofitti amanamummaan isaa dogongoraan bulbulamee kan baduu miti. Wanta gaarii hojjachuuf yoo yaade namni maal nan jedha jedhe saalfachuun wanta yaaderraa duubatti hin deebi’u.

Namni gootni “Ani yeroo hundaa hin dogongoruu,beekadha.” nama ofiin jedhu osoo hin ta’in nama dogongora ofii beeke fi amaneedha. Kunii ofitti amanamummaa agarsiisa.

Daangaa Rabbii darbuu fi cubbuu hojjachuu irraa Rabbiin saalfadhu. Garuu hojii gaggaari hojjachuuf nama hin saalfatin. Dogongora kee sodaatte duubatti hin deebi’in. Dogongora kee yoo bartuu fi namoonni yoo sitti kolfan gadi aantummaan sitti hin dhagahamin. Dogongora kee irraa barnoota fudhachuun gara fuunduratti tarkaafadhu.

4.Hanqinna ofii ilaalu– namni beekumsaa fi dandeettiin guutuu ta’ee hin dhalanne. Osoo guutuu ta’ee dhalatee silaa maaltu uumama? Osoo guutuu ta’ee dhalatee silaa namni beekumsaa fi dandeetti ofii gabbisuuf hin carraaqu türe. Kunii immoo jirenya isaa keessatt jijjiramni akka hin dhufne taasisa.Namni yeroo daa’imummaa isaa osoo beekaa ta’ee dhalatee maaliif kununsa abbaa fi haadha barbaachisa,maaliif halkanii guyyaa rafa?  Ilmi namaa jireenya isaa keessatti marsaa jijjiramaa adda addaa adeemsisa. Hanqinnaa fi hir’inna ofii guuttachuuf yookin sirreessuf carraaqa.

Wantoota ofitti amanamummaa nu dhabsiisanii fi gadi aantummaan akka nutti dhagahamuu godhan keessaa hanqinnaa fi hir’inna keenya ilaaludha. Namoota nu olii ilaalun hanqinnaa fi dogongora malee akka waan achi gahanii yaadun gadi aantummaan akka nutti dhagahamu of goona. Namoonni kunniin kaleessa akkuma keenya dadhaboo fi hir’inna baay’ee qabaa turan. Haa ta’uu malee hir’innaa fi hanqinna isaani sirreessuf carraaqanii ergasii gargaarsa Rabbiitin galma guddaa kana gahan. Nutis hanqinna keenya ilaalun duubatti of butu osoo hin ta’iin carraaqi nuti guyya guyyaan goonutu galma guddaan nun gaha. Carraaqi kana keessatti abdii akka hin kunne fi miirri gadi aantummaa nutti akka hin dhagahamne of eeggannoo gochuu qabna.

Karaa biraatin immoo yommuu namoonni umriin wal qixxaannu(fakkaannu) yookiin nuu gadii dandeetti tokkoon yoo nu caalan arginuu miirri gadii aantummaa fi ofitti amanamummaa dhabuu keessa keenya quuqa. Quuqaa kana ofirraa hambisuuf carraaqi fi qabsoo addaan hin cinne adeemsisudha.

Jijjiramni adeemsa qabsoo fi carraaqi addaan hin cinnee kan yeroo dheeraa fudhatuu fi firii sabrii(obsaati).

5.Qeeqa namootaa(Criticism)– Namni hunduu akka qeeqamuu hin barbaadu. Haa ta’uu malee namni dogongora irraa waan hin fagaannef namoonni wal qeequn wantuma jirudha. Qeeqni gaarii fi badatu jira. Qeeqni gaariin dogongora kee sirreessuf namoonni si qeequ yookiin gorsaa gaarii si laatu. Kana hin jibbinii fudhadhu. Namoota kanniinis ija jibbaatin hin ilaalin. Sababni isaas badiirraa akka baraaramtuuf sababa siif ta’anii jiru. Qeeqni badaan immoo wanta gaarii ati hojjattu irratti namoonni duubatti si harkisuuf yommuu si qeeqaniidha. Qeeqni akkanaa ijjannoo fi keessa kee laamshessu danda’a. Ofitti amanamummaa akka dhabdu si godha. Gadi baate ol deebi’uun sitti ulfaachu danda’a. Mataa ol qabatte deemuu fi ofitti amanamummaa qabaachuf qeeqa akkanaati bakka hin kenniin. Wanta gaarii ati hojjattu irratti diinni yookin waayyon wanta feete yoo jette gonkumaa sammuu kee keessatti bakka hin kenniinif. Qeeqa isaani sodaachun miira gadi aantummaatin ummata keessa hin deemin.  Jechoonni isaani keessa kee akka haadan/guban bakka hin kenniinif. kaayyoo keetirraa duubatti akka si harkiisan hin hayyaminiif. Namoota gadi aantummaa si hawwan irraa fagaadhu.

6.Namoota gammachiisuf carraaqu– wantoota ofitti amanamummaa akka dhabnu nu godhan keessaa tokko namoota gammachiisu fi jaalala isaani argachuuf carraaqi nuti goonudha. Akkuma carraaqi keenyaa nama san yeroo sanitti gammachiisu dandeenya. Haa ta’uu malee qalbii fi yaanni namaa waan jijjiramaniif guyyaa tokko diina nutti ta’uu danda’u. Ergasii wanta duraan hojjachaafi turre yaadachun keessa keenya gubaa gaabbitin of gubna. Kana hunda godheefi akkana natti hojjata ofiin jenna. Kanarraa baraaramuuf namoota Rabbiif jenne hanga dandeetti keenyaa gargaaru qabnaa malee gabra ta’uufi hin qabnu. Yoo Rabbiif jenne wanta gaarii tokko dalagneef namtichi yoo nu ganelle wanti keessa keenya gubu tokkollee hin jiru. Sababni isaas mindaa(ajrii) nama sanirraa osoo hin ta’in Rabbirraa eegun hojii san hojjanneef yookiin wanta gaarii oollef. Kuni immoo ofitti amanamummaa akka qabaannu nu taasisa.

Karaa biraatin namoota gammachiisne jaalala isaani argachuuf dhagaa heddu buqqisna. Bareedinaa fi qabeenya keenya akka dinqisifatan wanti nuti hin goone hin jiru. Bareedinna Rabbiin nu kenne dhiisne artifishaalin of bareechisun ummata ofitti harkisuuf yaalla. Qabeenya keenya agarsiisuf wantoota qaalii ta’an bituuf yaalla. Dhumni kanaa maal ta’inna ree laata? Yoo eenyullee nu hin dinqisifatiin aarii fi gaabbin keessa keenya gubna. Kuni burqaa ofitti amanamummaa dhabuuti. Miirri gadii aantummaa namatti dhagahamuuti. Kanarraa baraaramuuf dinqisiifanni namoota bu’aa tokkolle kan namaa hin finne ta’uu isaa beekudha. Jireenya madaalamaa fi kan mataa ofii jiraachudha.”Akka ebaluun sirbaa morma nama dabsaa.” jedhaa mitiree Oromoon.

Kana yoo uffadhe yookan akkanatti yoo jiraadhe namni maal nan jedha yaada jedhu sammuu keessaa haaqi. Namni wanta fedhe yoo jedhe gurra itti hin kenniin. Haala jireenya keeti si malee isaan hin beekan. Uffata humni kee danda’u bitachuun uffadhuu malee uffata garmalee bareedaa fi qaalii hin uffanne jette miirri gadi aantummaa sitti hin dhagahamin. Uffanni ati uffatte kan si gituu fi madaalamaa ta’uu isaa beekun miira ofitti amanamummaan ummata keessa deemi.

“Namoonni duniyaa tanaan yoo si caalan ati hojii Aakiraa hojjachuun isaan caalii argamii.”

7.Rabbitti hirkachuu dhiisu– akkuma seensa barruu kana keessatti jennetti Rabbitti hirkachuun bu’uura ofiti amanamummaati. Namni yoo Rabbiin beeke fi itti hirkate mataa ol qabatee adeema. Eessaa ka’ee garam akka deemaa jiru waan beekuf miirri gadi aantummaa isatti hin dhagahamu. Namni hunduu osoo isa jibbeeyyu Rabbiin kan nama hin ganne fi hin irraanfanne waan beekuf Isatti hirkachuun ofitti amanamumman ummata keessa tarkaanfata. Nabiyyanaa Muhammad (SAW) yommuu mushrikoonni hunduu isaanitti diina ta’an,yommuu xaa’if dhagaan isaan buruqsitee dhiiga gadi jiigsite, ijjanoon isaani takkaayyu hin laamshofne. Sababni guddaan kana Rabbitti hirkatan. Rabbiitti hirkachuun gufuwwan fundura keenyatti tuullaman akka irra dabarru nu taasisa. Namni Rabbitti hirkatu namni wanta fedhe yoo jedhen miirri gadi aantummaa isatti hin dhagahamu. Inumma daran ofitti amanamummaan isaa ni dabalamaaf.25:58

Jiraataa Isa hin duune irratti hirkadhu. Faaruu Isaatiinis Isa faarsii qulqulleessi. Badii gabroota Isaa keessa beekuu keessatti Isumatu gahaadha. “ Suuraa Al-Furqaan 25:58

Waa’ee ofitti amanamummaa hangana erga jenne of eggannoo yommuu ofitti amanamummaa shaakallu gochuu qabnu eerun barreefama har’aa asirratti xumurra.

Ofitti amanamummaan yoo garmalee gadi xiqqaate gadi aantumaadha. Yoo garmalee guddate immoo of tuulu ta’a. Ani nama hundaa ooli yaanni jedhu nama keessatti uumama adeema. Gadi xiqqaate gadi aantummaan akka nutti hin dhagahamne fi ol guddatees of tuulun ardii keessa akka hin deemne ofitti amanamummaan keenya daangaa kan qabuu fi madaallamaa ta’uu qaba. Ani waa hundaa beeka,hin dogongoruu fi yaadonni kanaa fi kan kana fakkaatan sammuu keenya keessatti hidda godhachu hin qaban.  Akkuma durattu jenne namni goonni fi qaroon nama ofitti amanamummaa qabuu fi dogongorri yoo uumame nama dogongora ofii amanee fudhatuudha. Ofitti amanamummaa qaba jedhe daangaa hin darbu. Kanaafu yommuu ofitti amanamummaa qabna jennu gadii aantummaa fi ol aantummaan akka nutti hin dhagahamne of eeggannoo gochuu qabna.25:63

“Gabroonni Rahmaan(Rabbii) warra suuta dachii irra deeman. Yeroo wallaaltonni isaan dubbisaniis “Salaaman” (nagaa) jedhaniidha.” Suuraa Al-Furqaan 25:63

Alhamdulillah barruun koo har’aa asirratti xumurama. InshaAllah hanga torbaan barruu biraatin walitti deebinutti Assalamu aleykum warahmatullahi wa barakatuhu.

 

Araada Interneeti fi Fayyadama FB
Gabrummarraa  Bilisummatti

Leave a Reply