Abshir Rakkoo Booda Toltii ni dhuftii

Jireenyi ilma namaa rakkoo fi toltu irraa kan uumamteedha. Yeroo hundaa rakkinnaan kan guuttamte mitii yeroo hundas toltuun kan guuttamte miti. Wal makaa kanaatu jireenyaf hiika kenna. Osoo hadhaan jiraatu baate silaa mi’aawan maal akka ta’ee hiika hin qabu türe. Wantoonni fuggisoon lamaan kunniin jireenya keessatti tarree adeemu. Guyyaa tokko mukaa’u fi gaddutu jira,guyyaa biraa immoo mirqaansu fi gammachutu jira. Ilmi nama rakkoo fi tola keessa darbee qaroominna ijaara. Osoo tola qofa keessa jiraate laamsho ta’a. Rakkoon immoo lafee fi sammuu isaa jabeessun gara fuunduraatti akka tarkaanfatu godha. Eeti amala ilma namaa ta’ee yeroo hundaa gammachuu fi tola jiraachu feena,rakkinnaa fi gadda ni jibbina,qoreen akka nu waraantu hin barbaannu. Gammachuu argachuuf dhagaan nuti hin fonqolchine hin jiru. Sadarkaan gammachuu keenya haala hojii keenya irratti hundaa’uun garagara.

Jireenya keenya keessatti rakkoo adda addaatu nu qunnama. Akka bubbeen cimaan muka raasutti rakkoo fi gaddiis keessa keenya raasu danda’u. Eessumman deema,garamitti baha jechuun ardii ofitti dhiphisuu dandeenya. Dukkanni rakkinaa fi gadadoo nu hagaguugu danda’a. Yeroo rakkina akka kanaa keessa seennu maal gochuu dandeenya?

1.Of qopheessi– loltuun waraanaf ka’ee qophii fi meeshaa malee gara dirree waraanaa ni deemaa? Gonkumaa hin deemu. Deemun dura sirritti of qopheessa. Haaluma kanaan jireenyi dirree waraanati fi dorgoommiti. Jireenya keenya moo’anne gammachuu argachuuf yeroo hundaa wal’aanso fi dorgommii adeemsifna. Wal’aansoo fi dorgommii keessa takkaa ni moo’anna,takkaa ni moo’atamna(ni dhabna). Yeroo moo’annu gammachuu keessa of tuulaa aardii keessa akka hin deemne fi yeroo moo’atamnu immoo gaddaa fi aariin akka of hin miine qophii nu barbaachisa. Hidhannaa cimaa hidhanne jireenyatti bobba’u qabna. Akkuma gammachuu argachuuf carraaqnu, rakkiinaa fi haalli xaxamaan nu qunnamuu akka danda’u of haa amansiisnu. Yoo akkana goone rakkoo yeroo umamuu nu hin rifachisu. Ni tasgabboofna.

Of qopheessu yoo jennu wanti hunduu Rabbirraa akka ta’ee beeku fi obsaaf abdii qabaachudha. Wanti gaariin hunduu Rabbiirraayyi. Kanaafu wanta Inni nu qananiisen(nu kenneef) of tuulun nuuf hin malu. Wanti badaan immoo sababa cubbuu/badii keenya irraa kan ka’ee Rabbiin kan nutti ergudha. Isaafis garmalee gadduun hin barbaachisu.57:22

57:23

Rakkoon tokkolle dachii irratti yookiin lubbuu keessan irratti hin buutu, Nuti ishii uumun duratti Kitaaba keessatti kan galmeeffamte yoo taatee malee.Dhugumatti kuni Rabbiin irratti laafaadha. Akka wanta isin jala darbee irratti hin gaddinee fi waan Rabbiin isiinif kenne irrattis garmalee hin gammadneef (Rabbiin kana godhe). Rabbiin nama boonaa fi dhaadataa hundaa hin jaallatu.” Suuraa Al-Hadiid 57:22-23

Kanaafu yeroo rakkoon nu qunnamuu garmalee gadduu akka hin qabne fi yommuu Rabbiin nu qananiisu immoo gammachuu keessa of tuulaa fi dhaadataa akka hin deemne,keeyyanni armaan olii nu akeekkachisti.

2.Wanta darbee irraanfachuuf carraaqi– wanti darbee gonkumaa duubatti hin deebi’u. Hancufni tufamee,aanan elmame fi dubbiin afaan baate gonkumaa dubatti hin deebi’an. Gaabbii fi aariin wanti jijjiramuu tokkollee hin jiru. Gaabbu fi aaru dhiisne osoo wanta amma jijjiruu dandeenyu irratti xiyyeefanne,ibiddi aarii fi gaabbi hangas mara nu hin gubu. Wanta darbeef aarun mee maal jijjira? Nama du’ee ni kaasaa? Biyyee bishaanin haramee duubatti ni deebisaa? Kan darbe darbee irraanfadhu. Barnoota irraa fudhu har’a jireenya gaarii ittiin ijaarrudha. Jireenyi gaariin ati jiraattu kaleessas miti borus miti,har’a. Kaleessa damma muuxataa yoo turte har’a immoo dabboo gogaa yoo nyaattu, hanga feete osoo gaabbite dammii muuxataa turte sun duubatti hin deebi’u. Kanaafu gaddaa fi gaabbin of hin ajjeessin. Karaa baniif haa aaru. Of keessatti ukkaamsun of hin rakkiisin. Mee addatti bahii wanta keessa keetti gungumu kanaan akkana jedhiin,”Wanti darbe darbee gonkumaa duubatti hin deebi’u. Maaliif na cinqitaa wanta hin mul’anneef,harkaan hin qabneef,arrabaan hin dhandhamneef? Aboo achii narraa deemi! Aboo achii gatii, ani kana waliin hin cinqamu. Jireenya funduraa kootif maaliif dhiiphadha osoo rizqiin(sooranni) harkaa Rabbii ta’ee jiru? Cinqii maalii?(Ya min cinqat?) dirqamni kiyya har’a sirriitti hojjadhe ooludhaa malee wanta boru kan ijaan hin mul’anne waliin cinqamuu miti. Cinqii maalii?(Ya min cinqat?) Rabbiin wanta hin jirre irraa na uumee ergasii da’imummaa kiyya irraa eegale hanga har’atti na kunuunse akkamitti borus na sooru dadhaba ree? Cinqii maalii? Aboo asii badii. Yoo hiyyummaa natta qabee Insha Allah hiyyummaa irratti obsee jaalalaa Rabbii fi mindaa guddaa argadha. Yoo na duroomse immoo Insha Allah karaa Isaa irratti baasun ammas jaalala Isaati fi mindaa guddaa argadha. Kanaafu maaltu na dhiphise ree boruu ijaan hin mul’annef,kaleessa darbeef? Cinqii maalii, asii badii! Dirqamni kiyyaa har’a hanga humna kooti hojjadhe jiraachudhaa malee boruuf yaadda’u miti. Jireenyi gaariin ani jiraachu danda’u har’aa fi har’a qofa. Kaleessi wanta fudhatu fudhate darbee,borus hin dhalanne. Kanaafu har’a nama gaarii ta’ee argamuudha. Kan darbee waliin gadduu fi aarun yeroo koo hin gubu,kan dhufu waliinis yaadda’uu fi dhiphachuun humna koo hin fixu.” Jedhiin. Akkan ofiin jechuun Oksijiini qabanaa’a fudhu, Karboondayioksayidi gubata of keessa baasi.

Wanta darbeef booyu fi gadduun yeroo ammaa gubuudha.”

3.Dhagaa hin dandeenye fonqolchuuf hin carraaqin– yeroo gaddinuu fi dhiphannu dhagaan nuti hin fonqolchine hin jiru. Namni tokko yoo nu aarse gadoo baafachuuf jecha mala meeqa barbaanna! Mee takka haa yaannu gadoo baafachuun eenyufuyyu hin fayyanne miidhaa malee. Gadoo baafachuuf carraaqun miidhaa duraanii caalaa miidhaa biraa fida. Kanaafu nama sanii yoo dhiisne maaltu nurraa hir’ata?

Namni Rabbii jedhe of gadi qabee Rabbiin sadarkaa isaa olkaasa.”

Achii dhiise gadoo baafachuu homaa si hin fayyadu aarii fi gadda caalu sitti dabaluu malee. Nama sanii araaramiif yookiin irra darbiif. Yoo dadhabde immoo mindaa guyyaa Qiyaama sababa inni sii miidhen argattu abdadhu. Kanarraa kan hafee dhagaa baadhachuu hin dandeenye hin fonqolchiin,gaddaa fi gadoo kuufachun of hin ajjeessin.

Nama yoo aarsitee yookiin miite hadhaan gaabbii sitti dhagahamuu danda’a. Dhiifama gaafadhu. Kaasa qarshii barbaannan kafaliif. Dhiifamas sii hin godhu qarshiis sirraa hin fudhu yoo siin jedhe isa gammachiisuf jecha dhagaa hin dandeenye hin fonqolchiin. Dhiifama yoo si gochuu dide qarshii yookiin wanta qabdurraa sadaqaa kenni. Rabbirraa araarama barbaadi. Saniin booda gaabbi fi gaddaan of hin ajjeesin; wanti takka darbee gonkumaa duubatti hin deebi’itu. Dagadhu. Gaddaa fi gaabbiin chaw nagahatti jedhiin.

Jireenya har’aa jiraadhu. Wanta badaa irraa of fageessun nama gaarii ta’uuf carraaqi. Asirraa kan hafe nama gammachisa jette dhagaa hin fonqolchiin. Namni wanta feete osoo gootefii tola itti oolte irraanfate guyyaa tokko diina sitti ta’a. Kanaafu Rabbiin gammachiisuf malee nama gammachiisuf hin jiraatin. Fedhiin nama hundaa garagara. Kanaafu haala wal fakkaatun sitti hin gammadan. Nama hundaa nan gammachiisa yoo jette fedhii nama hundaa tokkon tokkoon gaafatte yookin qoratte gammachisuun sirraa eeggama. Kana gochuuf immoo humna hin qabdu. Kanaafu dhagaa hin dandeenye maaliif fonqolchuuf carraaqxaa? Achii dhiisi fedhii namoota. wanta siin jedhaniif gurraa hin kenniin. Rabbii tokkicha xaaxaa hin baay’isne gammachisi. Fedhiin Rabbii salphaa fi faydaa ilma namaa qofaatif. Fedhiin namoota immoo xaxamaa fi dhuma kan hin qabnedha. Kanaafu wanta Rabbiin gammachisuu erga hojjatteen booda kan fedhe haa aaru, kan fedhe haa gammadu of hin dhiphisin. Ofitti amanamummaa qabaadhu. Namni osoo si gatelle Rabbiin akka si hin ganne beeki. Namoota gammachisuuf dhagaa hin dandeenye hin fonqolchiin.

4.Namoota si olii mitii kan si gadii ilaali– yeroo hundaa warri ebalu kana qaba,qabeenya haganaa qaban jechuun maaliif of dhiphisna? Namoota meeqatu daabboo gogaa fi bishaan dhabee du’aa jiru? Osoo wanta baay’ee Rabbiin nutti kenne jiru wanta hin qabne argachuuf maaliif of dhiphisna,maaliif qananii Rabbii gadi xiqqeessinaa? Abu Hureyran(RA) irraa akka gabaafametti Nabiyyana Muhammad(SAW) akkana jedhan:

انْظُرُوا إِلَى مَنْ هُوَ أَسْفَلَ مِنْكُمْ وَلاَ تَنْظُرُوا إِلَى مَنْ هُوَ فَوْقَكُمْ فَإِنَّهُ أَجْدَرُ أَنْ لاَ تَزْدَرُوا نِعْمَةَ اللَّهِ عَلَيْكُمْ ‏”‏ ‏

Kan isinii gadii ilaala malee kan isinii olii hin ilaalinaa. Dhugumatti qananii Rabbiin isin irratti oole akka hin xiqqeessine santu isinii caalaa.” Jaami’i At-Tirmizi Book 37, Hadith 2703

Namni yeroo hundaa kan ofii olii yommuu ilaalu ‘Ani hiyyeessa homaa hin qabne.’jechuun qananii Rabbiin itti oole gadi xiqqeessa. Kan ofii olii ilaalun wanta hin arganneef halkanii guyyaa hirriba dhaba. Yeroo hundaa wanta hin qabne fi kan isaa hin taanef ni dharra’a,ni waanya. Kana irra osoo nama isaa gadii ilaale qananii Rabbii yeroo san beeka. “Nama meeqatu beelan dhumaa jira,nama meeqatu fayyaa dhabee, nama meeqatu ibidda boombii fi xiyyitiin gubataa jira. Ani kunoo mana hoo’a keessa jiraadha;fayyaa guutu qaba;nageenya fi tasgabbiin jiraadha. Kanaafu Alhamdulillah(Rabbii galanni haa galu) hin jedhu? ” jedhe of haa gafatu. Kan ofii olii ilaalanii booyu fi aarun bu’aa tokko hin fidu gadadoo fi waanyu malee.

Mee takka dhaabadhu namoota si gadi jiran yaadi. Ati fayyaa qabdaa mee warraa fayyaa dhaban ilaali. Wanta nyaatte dhugdu ni qabdaa warraa homaa hin qabne ilaali mee. Maaltu sitti hanqate ree,Rabbii galata hin galchituu? Duniyaa hanga feete yoo walitti qabde, fuute way qabriin seentaa,dhiistetumaan dabrataa. Kanaafu wanta zalaalamii si waliin hin turre waliin maaliif of dhiphistaa,maaliif haafoftaa? Wanta nyaattu fi dhugdu,uffattuu fi sadaqaa kennattu yoo argatte duniyaaf dhiphachuu achii dhiisi. Duniyaa walitti kuuste ittiin of tuuluf,beekkamaa ta’uuf hin yaadin. Wanta Rabbiin sii qananiseef galata galchii,nasiiba(quufaa) ta’ii argamii. Yoo akkana goote duniyaan garamii akka sitti yaatu hin beektu. Garuu yoo hafoofte fiixe duniyaa qabachu hin dandeessu,akka niiti sokkitee si jalaa dheessiti.

Kanaafu kan si olii ilaalun of hin dhiphisiin. Kan sii gadii ilaalun Rabbiif galata galchii.

5.Rabbiin qananiinii muraasa si qoruuf sirraa fudhatee caalaa si hambise jiraa galateefadhu- wanti baay’een nuu hafee osoo jiru wanta xiqqaa nurraa fudhatameef boonna,of dhiphisna. Wanti xiqqaan sunuu badii nurraa hanbisuuf ta’a laata. Rabbiin qabeenya guutuu osoo nurraa fudhatee wanta san caaluu nu hin hanbifne? Fayyaan mee maaliin wal qixxaata? Ija takkatti osoo qabeenya addunyaa keessa jiru guutun siif kennamee ni gurgurtaa? Gonkumaa hin gurgurtu,mitii ree? Hanga feete hiyyoomadhu kana hin gootu. Maarre maaliif qananiin baay’een akka nu hafee ilaalun galata Rabbii hin galchinee? Duniyaa takka dhufte deemtu waliin maaltu nu boochise ree? Achii dhiisi haa deemtu,guyyaa tokko ni deebiti.

Rabbiin sababa nuti nafsee teenye miinef qormaata nutti erga, irraa baranne gara İsaatti akka debinuuf. Qabeenya yoo dhabnu/kasaarru mee balleessa keenya haa ilaallu. Nama meeqa gowwomsinee qabeenya irraa fudhanne? Qabeenyi keenya ribaa(dhala) irraa qulqulluudha? Nama meeqa arraba keenyan miine? Nama meeqa zollomne/cunqursinee? Yoo kana yaadannu Rabbiin wanta baay’ee akka nuu dhiise,inuma akka nu hin xuqne ni yaadanna. Kana yoo jennu Rabbiin nu jaallate yookiin nu jibbee jira jechuu keenya miti. Rabbiin nama jaallatu addunyaa kanatti garmalee qora(fattana), gara Isaatti qulqullu ta’ee akka dhufuuf. Nama jibbu immoo badii isaa walitti kuusun guyyaa tokko qabaa hamaa isa qaba. Kanaafu yommuu qormaanni addunyaa tanaa nutti kufuu Rabbiin nu dammaqsuu akka barbaade yaadachuun gara Isaatti haa deebinu. Wanta dhabneef booyu osoo hin ta’iin balleessa keenya haa yaadannu. Saniin booda badii keenya amanuun Rabbirraa araarama haa barbaannu. Haala kanaan gaddaa fi dhiphinnaan chaw jennaan.

Akka A’ishaan(RA) gabaasanitti Nabiyyanaa Muhammad(SAW) akkana jedhu:

‏ مَا مِنْ شَىْءٍ يُصِيبُ الْمُؤْمِنَ حَتَّى الشَّوْكَةِ تُصِيبُهُ إِلاَّ كَتَبَ للَّهُ لَهُ بِهَا حَسَنَةً أَوْ حُطَّتْ عَنْهُ بِهَا خَطِيئَةٌ ‏”‏ ‏.‏

Wanti tokkolle(haala balaatin) mu’iminatti(nama amanetti) hin bu’u qoreenu osoo isa waraanteyyu, Rabbiin [sababa saniin]waan gaarii isaa katabuufii yookiin cubbuun isaa irraa harcaafamuu(dhiqamuu) yoo ta’ee malee.”  Sahih Muslim Kitaaba 45ffaa Boqonnaa 14 Lakk 2572 Jildii 6ffaa

Kanaafu abshiir yoo balaan sitti bu’ee mindaa gaarii Rabbirraa eegii malee garmalee hin dhiphatin,hin gaddiin. Bakka sanii waan san caalu Rabbiin bakka akka sii buusu abdadhu. Yookiin immoo kan kana hundaa caaluu cubbuu sirraa harcaase Rabbiin sii araaramudha. Araarama fi jaalala İsaa yoo argatte maal dhabde ree? Balaan balaa caaluu dallansuu Rabbii akka ta’ee ni beektaa mitiree? Dallansuu Isaa jalaa yoo baraaramte maal dhabderee? Duniyaan haa baddu boruu deebiti maaltu si gaddisisaa ree? Dhiisi wanta si darbeef hin booyin,hin gaddiin. Har’atti xiyyeefadhu. Waan gaarii hojjadhu ooli. Kanaatu gammachuu siif kenna.

6.Obsi yeroon booda dukkanni deeme ifni ni dhufaati– yoo bari’uuf ka’uu ni dukkanaa’aa miti ree? Rabbiin akkaaf akka marattu si qoraa, obsaan dabarsuuf qophaa’i. Kunii Sunnaa(karaa) Rabbiin godhe. Qormaata malee addunyaa irraa deemun hin jiru. Yoo akkana jedhu immoo hin rifatiin. Qoramuu waan dandeessuf of qopheessi,sabbata kee jabeefadhu siin jechaa jira.2:1552:1562:157

Dhugumatti Nuti wanta sodaa fi beela irraa ta’een, akkasumas waan qabeenya, lubbuu fi fuduraale irraa ta’e hirdhisuun isin mokkorra. Warra obsan gammachiisi.
Isaan warra yeroo balaan isaan tuqe ‘Dhugumatti nuti kan Rabbiiti, nuti gara Isaatti deebi’oodha.’ jedhaniidha.
Isaan warra faaruu fi rahmanni Gooftaa isaanii irraa ta’e isaan irra jiruudha. Isaan warra qajeelfamoodha.” Suuraa Al-Baqaraa 2:155-157

Kanaafu obsinee Rabbirraa araaraama,qajeelfama,waan toltu hin barbaannu ree? Wanta darbeef maaliif of dhiphisna. Qaawwa godhiif aarri si ukkaamsu si keessa haa bahu.

Dhihootti habaabon ni habaaba,gaddii ni deema, gammachuun ni diriira.”

7.Gara Rabbii garagaluun aarii fi gaddaa kee qabbaneessi– namni hanga fedhe yoo Rabbitti kafaree yoo rakkoon isa tuqxu gara Rabbii fiiga. Badii hojjataa turee hin yaadatu, Rabbitti lallabaa. Firaawnu anii gooftaa keessan na gabbaraa jedhee osoo dhaadataa jiruu yommuu galaanatti taruu “Dhugumatti Kan ilmaan israa’iil itti amanan malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirre amaneera. Ani Musliimota irraayi”jedhe Rabbitti iyyate. Suuraa Yuunus 10:90 Iyyannaa fi lallabbiin isaa maal isa fayyadaree? “Sila odoo duraan diddee balleessitoota irraa taate jirtuu amma amantaa? Har’a qaama keetiin (reeffa kee) akka namoota si boodaatiif mallattoo taatuf si bafna. Dhugumatti irra hedduun namoota mallattoo Keenya irraa dagatoodha. “ Suuraa Yunus 10: 91-92

Kanaafu firaawna irraa barnoota fudhachuun yeroon gara Rabbii haa deebinu. Dhiphinnii fi rakkinni hamaan osoo nu hin muudatiin Rabbii keenya yeroon haa beeknu.

Yeroo lafichoo(toltuu) Rabbii kee beeki,yeroo Rakkinnaa si dhaqqaabaati.”

Fuggisoo armaan olii kan ta’ee Rabbiin barnoota cimaa biraa nu barsiisa.21:8721:88

Zannuuniinis(Yuunusiniis) yaadadhu; yeroo inni dallanaa deeme fi Nuti homaa isarratti akka hin murteessine godhee yaade. Dukkana keessaa” Si malee dhugaan gabbaramaan hin jiru. Ati qulqulloofte. Dhugumatti ani miidhaa hojjataa irraa ta’een jira.” Jechuun lallabee.

Isaaf awwaanne cinqaa irraas isa baraarre. Akka kanatti mu’imintoota nagaha baafna(baraarra).” Suura Anbiyaa 21:87-88

Nabiyyanaa Yuunus(AS) yeroo ummanni isa ergaa isaa didu, dallanee isaan biraa ajaja Rabbii malee deemuf ka’e. Yommuu galanarra gahu qurxuummin guddaan isa liqimse. Dukkana sadii(garaa qurxummii,dukkana galaanati fi halkanii) keessa taa’ee Rabbitti lallabe. Rabbiin lallaba isaa awwaachuun cinqii kanarraa isa baraare. Sababni isaas Yuunus (AS) gabricha Isa gabbaru turee,yeroo toltu keessa Rabbii isaa beeke. Rabbiis yeroo Rakkinnaa isa dhaqqabe. Haalumaa kanaan mu’imintoota(warra amanani fi hojii gaarii dalagan) yeroo rakkoo dhaqqaba. Namni yeroo cinqii du’aayi Nabiyyanaa Yuunus(AS) haa jedhu.

Alhamdulillah waan toltuu hundaa gargaarsa Rabbiitin hojjanna. Dogongorri barrefama kana keessa yoo jiraate anaa fi sheyxaana irraayi. Rabbii fi Ergaamaan Isaa kanarraa bilisa. Yaa Rabbii dogongora keenya nuu araarami,warra dhiphatanii fi rakkina keessa jiran toltutti isaan baasi. Amiin. Yaada keessaniif sammubani@hotmail.com Hiikkaa keeyyatoota Qur’aanaa armaan olii “Hiika Qur’aana Kabajamaa Afaan Oromotiin,mana maxxansa Najaashi” fi “Sahih İnternational English Translation” irraa fudhataman.
Like www.facebook.com/jireenyabadhaatu

Print Friendly, PDF & Email
Obsa:Furtuu Milkaa'innaa fi Gammachuu-Kutaa 1ffaa

Leave a Reply