Kabaja Musliima Eegu

“Guyyaa tokko Umar Ibn Al-Kaxxaab(RA) Abdullah Ibn Mas’uud(RA) waliin halkaniin manaa bahan. Fiimaa ibiddaa fagoo boba’u argan. Ifa ibidda sanii hordofuun mana kurraazin keessaa iftu bira gahan. Yommuu Umar kurraazi(duungoo) manaa iftu argu, manicha seenun namticha dullooma alkooli fi dubartii sirbaa isa bashannansiistu waliin arge. Namtichi odoo of hin beekin Umariin qabame. Umaris ni jedhen,”Wanta qaanessaa hanga halkan kanaa namticha dulloomaa du’a eeggatu irraa arge tokkollee hin jiru.” Namtichi dullooman kunis akkana jechuun deebisef,”Yaa Amiir al-Mu’iminiin(Yaa hogganaa mu’imintoota) wanti ati hojjatte kanarra qaanessaadha. Mana kiyya hayyama kiyya malee seente na basaaste. Islaama keessatti nama basaasun dhowwamaa mitii?” Umar dhugaa namtichi jedhe amanuun,uffata ofii ciniinaa fi booyaa akkana jedhe,” Haati Umar isa haa dhaabdu yoo Rabbiin naa hin araaramin.” Guyyaa sanii kaase namtichi walgahii Umar keessatti argamuu dhiise. Yeroon muraasni erga darbeen booda Umar namticha dulloomaa kana sarara dhumaa walgahii isaa keessa taa’u arge. İsattis haasawu kajeele. Namtichi kunii adabbii hamaa Umar irraa sodaataa of eegganoon Umaritti dhihaachun bira taa’e. Umar namtichi kuni gurra isaaf akka kennu gaafate. Ergasi akkana jedheen,”Tokkicha Nabiyyanaa Muhammad haqaan ergeen kakadhe,wanta halkan san sirratti arge eenyuttillee hin himne. Abdullah Ibn Mas’uud na waliin turettuyyu hin himne.” Namtichis akkana jedhee deebiseef,”Yaa Amiir al-Mu’iminiin Tokkicha Nabiyyana Muhammad haqaan ergeen(Rabbiin) kakadhe,anis gaafa ati natti seente kaase badii sanniitti hin deebine. “ Umaris Allahu Akbar jechuun sagalee ol kaase lallabe. Namoota kanniin lamaan jiddutti maal akka uumame walgahii keessaa eenyullee hin beeku.”1

Toleee… seenaa jireenya keenya jijjiruu danda’u dubbisne mitiree? Meeqa keenyattu ijaan akkanatti arguu dhiisi namarraa oduu guurun olii gadii afuufna. Ijaan arginaanin fa’a namtichaaf dhumatte jedhi. Addunyaan guutun akka beektu hawwinaaf. Hanga nama biraatti himnuuf obsa hin qabnu. Badii meeqa Rabbiin akka nuu haguuge sirritti hubanne? Nama badii dalagee takkamaan akkamitti rahmata Rabbii irraa ariinaa osoo rahmanni Rabbii bal’aa ta’ee jiru.

Yommuu namni tokko badii hojjatu mataa keenya malaayka of goone,isa immoo qaneessu fi itti kolfuu barbaanna. Ganamaan baane nama hundattu,”Dhageette sila wanta namtichi/dubartiin sun hojjate/hojjatte?” Kan oduu fuudhu qophaa’elle kokkolfaa fi hanga itti himamuuf jarjaraa, “Maaliidha,hin dhagannee,mee natti himi?” jedha. Har’a foon cimaa irra oolan argatan. Itti kolfaa fi kabaja isaa/ishii cicciraa ooludha. Kan lammata dhaga’ee suniis oduun isa gahe dhugaa yookiin dhara ta’uu osoo addaan hin baafatin kan biraatti deeme afuufa. Akkanatti ganda guutuu waliin gahaan. Namtichii dubbii isaanitin laamshayee manatti hafa. Sammuun isaa/ishii ni dooma. Kabajni narraa mulqamee akkamitti ummata keessa deema jedhe of dhiiphisa.
Yommuu cubbuu namoota arginuu yookiin nutti himamu tarkaanfiwwan fudhachuu qabnu:

1. Cubbuu keenya yaadachuu– cubbuun keenya cubbuu namticha sanii caaluu akka danda’u of haa yadachiisnu. Cubbuun nuti xiqqaa jenne yaanne Rabbiin birattii tarii guddaadha. Maarre maaliif gara cubbuu keenya mil’achu dhiisne gara cubbuu namaatti quba qabnaa? Osoo cubbuun keenya ifatti bahee keessi keenya hangam miidhamuu akka danda’u tilmaamne jirraa? Kanaafu cubbuu/badii namticha kanaa ifatti baasun garmalee miidhu akka danda’u maaliif hubachuu dadhabne ree? Rabbiin namticha kanaa araarame nuuf immoo araaramuu dhiisu danda’a. Namoota meeqatu jiruu osoo namoota gaarii jedhamanii yaaddamanu dhumtii isaani bade. Sababni kanaa inni tokko boonudha. Namoota cubbuu/badii hojjatan Rabbiin akka hin araaramnef godhanii yaadu fi mataa ofii immoo malaaykaa of gochuudha. Kanaafu namoonni yommuu dogongoranii cubbuu hojjatan, nullee ilma namaa ta’uu waliin dogongoruu akka dandeenyu yaadachuun isaan gadi xiqqeessu fi badii isaanii ifatti baasu irraa of haa qusannu.

2. Mindaa cubbuu namaa haguugu beeku– asitti wanta baay’ee hin jedhu hadiisa takkaan guduunfa. Innis: Abu Hureeyran(RA) akka gabaasanitti Nabiyyana Muhammad(SAW) akkana jedhan:

‏ مَنْ سَتَرَ مُسْلِمًا سَتَرَهُ للَّهُ فِي الدُّنْيَا وَالآخِرَةِ
Namni Musliima(cubbuu isaa) haguuge, Rabbiin addunyaa tanaa fi Aakiratti isa(cubbuu isaa) ni haguuga.” (Sunan Ibn Maaja)
Kanaafu Rabbiin cubbuu keenya ifatti baasu yoo nuu haguuge nuti immoo kan namoota biroo akkamitti haguugu dhabna ree? Hanga feene cubbuu hin hojjanne/hin hojjadhu jenne haa yaannu,guyyaa tokko dogongorre ni hojjanna. Guyyaa kana yoo Rabbiin nu sattarin(nuu hin haguugin) eenyutu nu haguuga ree? Salphinnaan haguugamuu wayyaa moo cubbuu namoota biroo haguugu wayya? Kanaafu afaan keenya haa qabannu,dubbii oli gadii afuufu irraa of haa qusannu.

3. Miidhaa arraba keenyan dhufu beeku– wanta hanga arrabaa fi qaama hormaata miidhaa namarraan gahuu hin jiru. Kanniin lamaan bakka sirriitti yoo fayyadamne bu’aa guddaa fi hangana hin jedhamne nu buusu. Namoota baay’ee ibidda azaabatti kan darbuu qaama hormaata fi arraba akka ta’ee ni dhageenya,ni dubbisna.

Abu Hureeyran akkana jechuun gabaasan. Nabiyyana Muhammad (SAW) waa’ee wantoota baay’innaan Jannata namoota seensisan yommuu gaafataman, “Taqwaa(sodaa Rabbii) fi husnul khuluq(amala gaarii)” jechuun deebisan. Akkasumas yommuu waa’ee wantoota baay’innan Jahannamiin namoota seensisani gaafataman, “Afaanii fi qaama hormaata.” Jedhanii deebisan.” Jami` at-Tirmizii

Kaanafu arrabni hundee badiiti fi gaariiti. Osoo oduu hin mirkaneeffatanii olii gadii yoo guurree gaabbiin hamaan boruu nutti dhagahama. Oduu namarraa fuune dubbachuun dura sirritti haa mirkaneffannu. Erga mirkanefanne boodayyu oduu san haasawuun faaydaa moo miidha qaba jenne addaan haa baasnu. Kabaja namaa kan namarraa mulqu yoo ta’ee haa cal’isnu. Keessa keenya kan odeessi,odeessi nun jettu gadi haa qabnu.

4. Obsuu fi Rabbiin sodaachu– yommuu nama badii hojjatu arginuu hanga nama biraatti himnuuf ni muddamna,obsa hin qabnu. Oduu san himuun gammachuun nutti dhagahama. Jalqabatti cubbuun gammachuu turtii hin qabne namaa kenna,dhumti isaa immoo gaabbi fi dhiphinna addaan hin cinne namatti fida. Mee xanxallaa yommuu jalqaba dubbannu gammachuun nutti dhagahama,garuu boodarra badii fi gaabbiin baay’een nutti rooba. Sababni kanaa inni guddaan obsa dhabuu fi wanta dubbannuuf gatii kennu fi madaalu dhiisudha. Dhuma wanta dubbannuu xinxallu dhiisudha. Ebalu akkana ta’ee jenne ganamaa hanga galgalaa gingilchina, borumtaa immoo hadhaa wanta gingilchaa turre ni dhandhamna. “Ah osoo dubbachu baadhe maal qaba” jenna.
Furtuu gammachuu keessaa tokko dubbii xiqqeessu fi cal’isa baay’isudha.

Abu Hureeyran akka gabaasanitti Nabiyyana Muhammad(SAW) akkana jedhan:
“‏ مَنْ كَانَ يُؤْمِنُ بِاللَّهِ وَالْيَوْمِ الآخِرِ فَلْيَقُلْ خَيْرًا أَوْ لِيَسْكُتْ ‏”‏ ‏.‏
Namni Rabbii fi Guyyaa Dhumaatti(Qiyaamatti) amane wanta gaarii haa dubbatu yookiin haa cal’isu.” (Sunan Ibn Maajah)

5. Addatti(kophatti) namoota cubbu hojjatan gorsuu fi akeekkachiisu– cubbuun dhoksatti yoo hojjatamuu abbicha qofa miidha. Garuu ifatti yommuu hojjatamuu ummata guutuu miidha. Sababa kanaan ummanni ni adabama. Sababa sagaagalummaan ifatti baheefii mitii dhibeen lakkofsa hin qabne akkanatti babal’ate. Nama cubbuu hojjatu yoo arginuu kabaja isaa eegaa jirra jenne bira darbuu osoo hin ta’in yoo dandeenye harkaan fi afaaniin jijjiruu,yoo dadhabne immoo hojii namticha sanii jibbuudha. Ummanni Israa’iil kan badaniif sababni guddaan tokko yommuu badiin hojjatamuu walitti cal’isudha,irraa walii hin dhoowwan.
Nama cubbuu hojjatu yoo arginuu yoo dandeenye kophatti isa gorsuu fi akeekachiisudha. Ummatatti badii isaa hafarsuu osoo hin ta’iin, gorsa gaariin qajeelchuf yaaludha. Badii isaa yoo namootatti odeessine sirumaa itti abaasaa malee irraa hin deebi’u. “Odeessite,maal narraa hir’iste.”jedha.
Gorsaa fi akeekkachisa didee yoo hojii badaa isaa itti fufe,irraa dheessudha,namoonni biroos akka itti hin dhihaanne akeekachiisudha. Kanarraa kan hafe badii nama sanii ummata keessa hafarsuun namoota biroos badii san akka hojjatan kakaasudha.
Seerri gabaaban kana,namticha/dubartii san gorsuu fi akeekachisuudha. Yoo dandeesse ogummaa fi dubbii gaariin gorsi. Yoo dadhabde immoo hojii isaa/ishii jibbii. Badii isaa/ishii namatti odeessun namoonni wanta akkasii akka raawwatan hin kakaasin. Dhumni namticha kanaa barnoota namoota biroof ta’a jette yoo yaadde himi. Ta’uu baannan cal’isi.

“Namni cal’ise baraarame.”

1-seenan seensarratti tuqame kitaaba Gems And Jewels  jedhamu irraa fudhatame fuula 34-35

Hanga Barruu biraatin walitti deebinutti Assalaamu aleykum wr wb. Turtii gaarii.

Gola Seenaa Irraa
Abshir Rakkoo Booda Toltii ni dhuftii
Kana Raabsi

3 comments

Leave a Reply

Your email address will not be published.