Gola Seenaa Irraa

Aaqilli/qaroon namaa tokko gafa tokko mucaa ofiitin akkana jedhe,”Ilma koo yommuu balaan sitti bu’uu garmalee aarte abdii hin kütin. Kuni dhugumatti Rabbii ofii ilaalchise yaada badaa qabaachutin wal qixxaata. Akkasumas diinaf gammachuu kenna. Namoota birootti hin baacin/itti of hin jajin. Dhugumatti yeroo maraa ani nama tokkotti baacu namni biraas akkasuma natti baaca. Addunyaa tana keessatti namni galte(target) xiyyoota wal duraa duban itti dhufaniiti. Gariin bira darbuu,gariin ni hanqatu(bira hin gahan),gariin mirgaa isaatti kufu,gariin bitaa isaatti kufu,gariin immoo isa waraanu. Beeki hojii gaarii kamifiyyuu mindaa(ajrii) ni argatta. Akkuma ati nama waliin daldaaltu,namoonnis akkasuma si waliin daldaalanii beeki.(Kana jechuun yoo nama kabajje namnis akkasuma si kabaja. Yoo hin kabajinis akkasuma isaanis si hin kabajan.) Namni haadha abbaa isaatif ajajame fi tola oolef ijjoollen isaas akkasuma ajajamuu fi tola ooluf. Haafa’uu fi hawwii qullaa irraa fagaadhu. Dhugumatti isaan lamaan kunniin jireenya tanatti hiyyummaa bakka bu’aniiti. Hanga dandeessu Rabbiin sodaadhu. Har’a kaleessarra,boru immoo har’a irra,dhokataa kee mul’ataa keetirra yoo wayyeessu/foyyeessu dandeette,godhi(hojjadhu). Hojii dhiifama gaafachu qabduuf of eeggadhu,eenyullee hojii gaariif gonkumaa dhiifama hin gaafatu.( Yommuu salaataf(sagadaaf) dhaabbattu salaata nama nagaya dhaammatu salaati;ammaan booda salaatu akka hin dandeenye akka waan du’u heddu godhii salaati. Haya(saalfannatti) maxxanii, namoota haya(saalfannaa) qaban keessaa tokko taatati. Namoota miidhaa irraan hin geessin. Kana irra, waan gaarii kenniif/godhiif; yoo dandeesse isaani araarami. Yommuu waa gaafatamtu doy’a hin ta’in. Yommuu namni tokko gargaarsaf si gaafatu duubatti hin harkifatin. Namni yoo doqna(doy’a) ta’e ergasii Rabbiin wantoota isatti dhiphisa. Nama kenneef immoo Rabbiin wanta inni kenneef bakka buusaf.”141

Daandii Musliima Jireenya Isaa keessatti -147

Jireenyi Musliima bu’uuraale torba(7) irratti kan dhaabbattu ta’uu qabdi. Kitaaba(Qur’aana) Rabbiitti maxxanuu yookin qabachuu, karaa Ergamaa Rabbii(SAW) hordofuu,wanta haalala ta’e nyaachu,namoota biroo miidhu irraa of qusachuu,cubbuu/badii irraa fagaachu,yeroo hundaa towbachuu(gara Rabbii deebi’u),mirga(haajaa) namoota biroo guutu. Muftiwwaan gurguddoon Islaama yeroo darbee fi kan ammaa jireenyi Musliima wantoota armaan olitti eerame irratti hundeefamu akka qabu mirkaneessan. Obboleessa/obboleetti Musliima bu’uuraale torbaan armaan olii kanniin irratti gadi dhaabbadhu,fedhii Rabbiitin hanga duutu.

Nageenyi Boru dhufa -148
Hogganaan dhugaan qajeele fi akka muftiitti kan ilaallamu Umar bin Abdul-Aziz kuxbaa(sermon) isaa kan dhumaa keessatti akkana jedhe,”Yaa namoota isin kaayyoo malee hin uumamne. Akkanumatti hin haftan osoo hin herreegamiin(wanta hojjattaniif osoo hin gaafatamiin akkanumatti hin dhiifamtan). Ga’uumsa dhumaa qabdan kan Rabbiin isin jiddutti murteessu hedu. Namni rahamtaa Rabbii kan waa hunda of keessatti qabateen ala jiru dhugumatti ni kasaara. Namni Jannata hanga samii fi ardii bal’attu seenu dhowwame kasaare. Beekkadhaa, nageenyi boruu nama Gooftaa isaa sodaate fi wanta baay’ee argachuuf wanta xiqqoo kan gurgureefi(jannata argachuuf nama hojii gaarii hojjateefi) – wanta badu wanta hin banne kan turuun kan jijjireefi. Isin keessaa ana caalaa nama cubbuu qabuu kan hin beekne ta’ullee ergaa kana isiniif dhaama. Anaa fi isinillee Rabbiin akka araaramu nan kadha. “ Kuni damboobummaa (humility) namoota hojii gaarii hojjataniiti. Rahmanni Rabbii warroota hojii gaggaari dalaganitti dhihoodha.

Maal asirraa barattan? Wanti keessa koo rukute hima dhumaa Umar bin Abdul-Aziz jedhedha. Eessa jirra nuti? Hojii gaarii tokko hojjanaani fi bu’aan isaa nuu fi namoota irratti mul’annaan, maal ofiin jenna,namoota biroo hoo akkamitti ilaalla? Kaliifan kuni ummata dura dhaabbate,”Nama na caalaa cubbuu/badii qabuu isin keessaa hin beeku.” Nuti garagaltoo kanaa immoo  “Nama na caalaa hojii gaarii hojjate hin jiru.”jenne yaadnaa mitiree? Cubbuu keenya daganne hojii keenyan of tuulla. Yaa Rabbii dhukkuba kanarraa nu fayyisi,nu qajeelchi,nuu araarami.

Maalik Ibn Dinaar -151
Gaafa tokko Maalik ibn Dinaar barattoota muraasa isaatin akkana jedhe,”Yommuu jabaachu/gogoga qalbii keessanii,laafinna qaama keessanii fi xiqqeenya soorata keessanii hubattan, waa’ee wanta isin hin galchine akka dubbattan beekaa.”

Jechoota hikmaa(wisdom) -157
Yommuu ibn A’un namticha biraatti nagaha dhaamu,akkana jedheen,”Sirratti sodaan Rabbii(taqwaan) haa jiraatu,nama taqwaa qabuuf addummeen (kophummaan) itti hin dhagahamu.”

Zayid bin Aslam akkana jedha:”Nama Rabbiin sodaatu namoonni isa jaallatu osoo san dura jibbaniyyuu.”
Imam Sawriin(Rabbiin rahmata isaa haa godhu) Ibni Abi Zaa’ibin akkana jedhe:”Yoo Rabbiin sodaatte Inni siif gahaadha,namoota hin barbaaddu. Yoo namoota sodaatte,isaan si hin quubsan yommuu hirkannaa guutu Rabbirraa ati qabduun wal bira qabamu”

Suleeymaan bin Dawuud akkana jedhe,”Wanta namootaa kenname nuufis kan akka isaaniti fi san caalu nuu kenname. Wanta namoonni beekan nutis ni beekna. Garuu wanta sodaa Rabbii dhoksaa fi ifatti,haqummaa yeroo gammachuu fi gaddaa,madaalama yeroo durummaa fi hiyyummaa caalu hin agarre.”

Dhiirsa Filachuu-171
Namtichi tokko Hasan bin Ali(RA) akkana jedhe gaafate,”Intala takka qaba. Namoonni fuudhaf na gaafatu. Eenyutti haa heerumsiisu?”
Hasan akkana jedheen,”Nama Rabbiin sodaatutti heerumsiisi. Yoo ishii jaallate ni kabaja. Yoo ishii jibbe immoo hin miidhu.”

Kanaafu yoo abbaa taatee intala qabaatte,ishiif yaadi nama Rabbiin sodaatutti heerumsiisi. Yoo ati immoo intala dhiirsa barbaadatu taate nama Rabbiin sodaatu barbaadadhu,yoo si jaallate si kabajaa,yoo si jibbe immoo si hin miidhuti. Tolee obboleetti too!

Caaltuu Dubartoota(The Best of Women) -174
Namni baadiyaa tokko kan dubartoota waliin muxannoo qabuu waa’ee dubartoota gaafatamee. Akkana jedhe,”dubartiin gaariin dheertu yommuu dhaabbattu,beekkamtu yommuu teettu,dhugaa tan dubbattu yommuu haasoftu. Ishiin yommuu aartu aariin ishii dafee kan irraa galu,kolfi ishii seeqata bareedadha(beautiful smiling). Yommuu waa hojjattu haala gaariin hojjatti.Dhiirsa ofiiti ni ajajamti,mana ofitti maxxanti. Ummata ishii keessatti ni kabajamti garuu sammuu ofii keessatti homattu of hin lakkooftu. Nama kan jaallattu fi bilchaattudha. Wanti ishii hunduu gaariidha.”

Hiriyummaan akkana ta’uu qaba -176
Abu Dardaa(RA) niiti ofiitin akkana jedhe,”Yommuu anaa aaru argite,aarii koo qabbaneessi. Yoo ati aartu aarii kee ani sii qabbaneessa. Akkana ta’uu baannan maalif walitti saahibomna(hiriyyoomna) ree?” Yommuu jechi kuni İmaam Zuhri gahu,akkana jedhe,”Hiriyummaan akkas ta’uu kan qabuudha.”

Kitaaba wabii
Gems And Jewels lakkoofsonni armaan olii fuula kitaabichaa agarsiisu

Hanga barruu biraatin walitti deebinutti Assalamu aleykum wr wb. Turtii gaarii

Gamnummaa Abdullah Ibn Mas’uud
Kabaja Musliima Eegu
Kana Raabsi

Leave a Reply

Your email address will not be published.