Gamnummaa Abdullah Ibn Mas’uud

Jechamoota Abdullah ibn Mas’uud(Rabbiin Isarraa haa jaallatu) keessa tokko, namtichi tokko majliisa(iddoo namoonni walitti qabamanii taa’an) dhufe akkana jedhe,”Ani warroota harka mirgaa keessaa osoo hin ta’in warroota Rabbitti dhihaatan keessaa tokko ta’u barbaada. Abdullah Ibn Mas’uudis akkana jedhe,”Haa ta’uu malee gabrichi yeroo du’ee lamuu akka hin kaafamne kan hawwutu as jira.”(Mataa ofiitin jechuu isaati)

Guyyaa tokko gara alaa bahe. Namoonni muraasni isa hordofanii duuka deeman. “wanti barbaaddan jiraa?” Namoonnis “Lakki, si duuka deemu barbaanne (hordoftoota kee ta’uun).” Jedhaniin. Innis akkana jedhen,”Deebi’aa,of salphisaa jirtu,analle salphisu heddan.” (Itti fufe) akkana jedhe,”Osoo waa’ee mataa kiyyaa ani beeku isin beektanii silaa awwaara/daaraa mataa koottii naqxu turtan.”

Mee ilaala gamnummaa(qarummaa) isaa. Meeqa keenyattu hordoftoota kumaatamatti lakkaawwaman horachuuf olii gadi kaanna/fiignaa. Beekkamaa ta’uuf waa meeqa goona,amala nu bira hin jirre agarsiisun namoota biratti fudhatama argachuuf carraaqna. Kana irraa kan ka’e hojii keenya keessatti iklaasa dhabna. Ofii fi isin waqqasuu asumatti dhaabe gara jechoota qaroo Ibn Mas’uuditti nama barsiisanitti isin haa dabarsu.

Abdullaa Ibn Mas’uud(RA) akkana jedha:

Halkanii guyyaa keessa akkuma deemtun umriin kee hir’ataa,hojiin kee galmaa’a adeema,duuti tasa sitti dhufti. Namni hojii gaarii facaafate gaarummaa haamata. Namni hojii gadhee facaase immoo gaabbi(seena’u) haamata. Namni kamiyyuu wanta facaafate walitti qabata(haamata). Yoo isaa hin qaddaramiin/hin murteefamiin namni tokko carraan nama suuta deemaa biras hin darbu,nama dafee deemus hin dhaqqabu

Namni hojii gaarii hojjatu Kan isaaf laaffise(hayyame) Rabbiin akka ta’e beeku qaba. Namni hojii badaa irraa tikfamees kan isa tiikse Rabbiin akka ta’e  beeku qaba.(Kana jechuun anatu hojii gaarii kana hojjate,hojii badaa irraa of tiikse jedhe namni tokko of tuulu hin qabu. Kana irra Rabbii hojii gaarii akka hojjatu laaffisee fi hojii badaa irraa tiksee galata galchu qaba.)

Namoonni Rabbiin sodaatan bulchitoota,Muftoonni(muftii) hoggantoota. Isaan hordofuun gaarummaa kee dabala.

Dubbiin hundarra dhugaa ta’e Kitaaba Rabbiiti(Qur’aana), jechi hundarra sirrii taate jecha taqwaa(sodaa Rabbiiti),amantiin hundarra caalu amantii Nabiyyanaa Ibraahimi(kana jechuun amanti Islaama),sunnaan hundarra caalu sunnaa Nabiyyanaa Muhammad(SAW),qajeelchi hundarra caalu qaleelcha Nabiyyootati,haasofni hundarra kabajamaa Rabbiin yaadachuudha,galmeen hundarra caalu Qur’aana,wanti hundarra gaarii immoo firi isaati(Qur’aanati). Wanti hundarra badaan bid’aadha (amantitti wanta haarawa dabalu). Wanti xiqqaan garuu quubsaa(gahaa) ta’ee wanta baay’ee garuu nama jeeqaa ta’erraa gaariidha.(Kana jechuun qabeenyas ta’ii wanta biraas baay’ate nama jeequ irra xiqqaate garuu gahaa kan ta’etu caala.)

Nafseen ati badii irraa baraarte bulchiinsa ati too’achu hin dandeenye caalti. Gaabbin hundarra badaan gaabbi Guyyaa Qiyaamati. Dogongorri hundarra badaan dogongora qajeelfamaan booda raawwatameedha. Qabeenyi hundarra caalu qabeenya nafseeti. Rizqiin(sooranni) hundarra caalu taqwaadha. Quufni(content) qalbii hunda caalu yaqiina(dhugaa ta’uu amanu),haqa shakkuun kufriidha. Ballaan hundarra badaan jaamu qalbiiti (qalbiin ballaa ta’uudha). Weeyniin kuufama badiiti. Dubartiin taqwaa(sodaa Rabbii) hin qabne waxmadii sheyxaanati. Dargaggummaan gosa maraatuti.

Cubbuun hamaan sobuudha. Namni namoota dhiifama godhe, Rabbiin nama sanii dhiifama ni godha. Namni aarii ofii too’ate Rabbiin mindaa isaa kenna,namni namaa araaramu Rabbiin ni araaramaaf. Namni yeroo balaa obsuu Rabbiin wanta bade san bakka ni buusaf. Bu’aan hamaan/badaan dhala/ribaadha. Nyaanni/sooratni hamaan qabeenya yatiimaa nyaachudha. Wanti nafse kee quubsu siif gahaadha. dhumni hunda keessani qabriidha. Wantoonni dhuma isaani irratti hundaa’u. Duuti hundarra kabajamtuun du’aa shahiidati(karaa Rabbii irratti ajjeefamuuti). Nama boonu Rabbiin ni salphisa. Namni Rabbiin dide sheyxaanaa ajajama.

Namni aango ofititti fayyadame namoota biroo miidhu Rabbiin isa ni salphisa. Namni sababa taqwaa qabuun of gadi qabee Rabbiin sadarkaa isaa olkaasa.

Namoonni jechamoota gaarii baay’ee qabu. Namni jechoonni isaa hojii isaa waliin walii galan inni wanta gaarii badhaafame. Kan jechoonni isaa hojii isaa falleessan kan ta’e immoo of arrabsaa jira.

Namticha dadhabaa,akkunamaan yeroo gubu,argu nan jibba. Yookaa jireenya duniyaati hin hojjatu yookiin immoo jireenya aakirati hin hojjatu.

Saalata akkuma salaattun balbala Rabbii dhahaa jirta. Namni balbala Rabbii dhahe Rabbii ni banaaf.

Namtichi beekumsa argate hundaa ni dagata jechuun ni danda’ama sababa cubbuu hojjateen.(Cubbuu fi beekumsi walii diina. Tokko tokko balleessa. Namni cubbuu yoo hojjate beekumsi isaa hin qabamu.)

Qalbiin namaa marsaa lama keessa dabarti. Isaanis gochaa fi gocha dhabuu. Yeroo gochaa qalbii kee barbaadi,yeroo gocha hin qabne immoo qalbii kee too’adhu.(Kana jechuun yeroo hojii tokko hojjattu niyyaan kee maal akka ta’e qalbii kee gaafadhu. Yeroo wanta hojjattu dhabdu immoo wanta badaa/haraama hojjachuu irraa of qusadhu,qalbii kee too’adhu.)

Namni kaafirri fayyummaa qaama kan qabu ta’uu danda’a garuu qalbii garmalee dhibamte qaba.  Mu’uminni qalbii garmalee fayyaa taate qaba garuu qaaman ummata keessaa dadhabaa ta’uu danda’a.  Rabbiitti kakadhe, yoo qalbiin teessan dhiibamtu taate garuu qaamni keessan fayyaa ta’e, Rabbiin biratti isin ilbiisota gadi. (Yoo akkana jedhu hin rifatin. Qalbii teenya dhibeewwan garagaraa irraa fayyisuuf haa carraaqnu. Fakkenyaf jibba,waanyu,shakkii, fi kkf. Namni qalbii ofii qulqulleessuf carraaqu dhugumatti Rabbiin ni gargaara. Fayyaa qaama caalaa fayyummaa qalbiitif xiyyeefanno haa kenninu. Sababni isaas milkaa’inni fi gammachuun keenya fayyummaa qalbii irratti hundaa’a. Jibbaa fi waanyu irraa gammachuu fi milkaa’inni ni argamaa sila?)

Cubbuun/badiin wanta kamiyyuu qalbiitti hin tolledha. (wanti badaan tokko namtichatti gaarii fakkaata garuu qalbiin sababa hojii saniitin rahaa(boqonnaa) dhabdi)

Mil’ata kaminiyyuu sheeyxaanni si sossoba. ( wanta siif haraama ta’e yommuu ilaaltu sheyxaanni si sossoba. Sababa ilaalcha keetin si sossobuun zinatti si geessu danda’a. Kanaafu filmii, interneeti,gazeexa,kitaaba fi kkf irratti dubartii qullaa yommuu ilaaltu sheyxaanni si sossobaa akka jiru beekkadhu.)

Dachii keessatti wanti arraba caalaa hidhamu qabu hin jiru.

Tarii fedhiin tokko gaddaa yeroo dheeraa namatti fidu danda’a.

Yeroo dhumaatti ummaanni nu dhufu kan hojiin isaani hundarra gaariin qur’aana wal jiddutti qara’uu fi qaarii(nama qur’aana qara’u) badaa dhageefachudha. (Dhugumatti wanti jedhame dhufe. Namoonni sagalee Qur’aana qara’uutin beekkamaa ta’uuf olii gadi kaatu. Fuula Rabbii dhiisanii jaalala namoota argachuuf waa meeqa hojjatu. Hiika Qur’aana beeku fi itti fayyadamuuf carraaqu dhiisani sagalee bareedan qara’uuf carraaqu. Sababa kanaan kan ka’ee ifa isa keessa jiru osoo harkaa qabanuu itti hin fayyadaman. Kanaafu qur’aana yeroo qaraanu niyyaa keenya haa tolchinuu. Fuula namoota osoo hin ta’in Fuula(jaalala) Rabbii argachuuf qara’uu qabna. Beekkamaa ta’uuf yoo qaraane bu’aan keenya maaliree? Beekkamaa ta’uun maal nuuf dabalaa?)

Eenyullee waa’ee amantii ilaalchise hin akkeessin. Yoo inni amane atillee ni amanta. Yoo inni kafare atillee ni kafarta. Yoo nama akkeessu barbaadde namoota du’an akkeessi, kan lubbuun jiru badii irraa hin tiikfamuuti. ( Namoota gaarii dhumni isaani tole akkeessi yoo nama akkeessu barbaadde. Kottee isaani hordofuun deemi. Seenaa isaanii qoradhu, baradhu duuka bu’i. Sababni isaas, isaan wanta gaarii hojjataa turan,haala gaarii irratti du’aniis,dhumni isaani kan bareededha. Kan jiru immoo dhumni isaa toluu fi baduun isaa hin beekkamu.)

Har’aaf asirratti nu gaha hanga torbaan barruu biraatin walitti deebinutti Assalaamu aleykum wr wb. Yaadonni hammattu keessa godhe yaadota kooti. Dogongoraa yoo argitanii fi yaada kennu yoo barbaaddan email kanaan na qunnamu dandeessu sammubani@hotmail.com

Kitaaba wabii alfawaid Fuula 244-250

Gola Seenaa irraa lakk.2
Gola Seenaa Irraa
Kana Raabsi

Leave a Reply

Your email address will not be published.