Gola Seenaa irraa lakk.2

Hasan Al Basri
Hasan al-Basri waa’ee of tuuluu ilaalchise akkana jechuun barattoota isaa gorse:
Naannoo gaarii yookiin naannoo namoonni Rabbiin sodaatan jiran keessa waan jiraattaniif of tuuluun of hin gowwoomsine. Bakki gaariin Jannataa caalee eessumaa hin jiruuti. Nabiyyanaa Aadam (AS) wanta namoonni hunduu beekan dhandhamee jira.

Waan baay’istanii ibaadaa gootaniif(Rabbiin gabbartaniif) of hin tuulinaa. Yeroo baay’ee isaa ibaadarratti erga dabarseen booda wanta sheyxaanni ta’e hubadhaa.(Namni tokko hanga fedhe osoo ibaada godhe(Rabbiin waaqefate) of tuulu hin qabu. Kan hanga sheyxaana kan Rabbiin gabbaru hin jiru türe. Sababa of tuulutin Jannata keessaa abaarramuun ari’ame. Kanaafu yommuu ibaada goonu(Rabbiin gabbarru) of tuulu irra of haa eegnu,balaan sheyxaana tuqxe nus akka hin tuqne.)

Namoota Rabbiin sodaatan waliin waan wal qunnamtaniif of ol guddistanii hin yaadinaa. Namni Nabiyyanaa Muhammad(SAW) caalaa Rabbiin sodaatu addunyaa irra hin jiru. Garuu kaafironni fi munaafiqoonni isa waan beekaniif irraa hin fayyadamne.

Jechoota Gamnummaa
Juneyda waa’ee Rabbii galata galchuu yommuu gaafatamu akkana jedhe,”Qananii Rabbii daangaa Isaa darbuuf/isa diduuf itti fayyadamuu dhiisudha.”

Abu Hamzah As-sumaali akkana jedhu,”Ali bin Husseen muraa daabboo sadaqaa kennuuf halkaniin dugdarratti baadhataa ture. Akkanas jechaa türe,”Sadaqaan dhoqsaan kennamtu dallansuu Rabbii dhaamsiti.” Amr Bin Saabit akkana jedha,”Yeroo Ali bin Husseen du’u, namoonni dhiiqan gadaannisa gurraacha dugda isaa irratti argan. Wanti gurraachi kuni maaliidha? Jedhanii gaafatan. Akkana jechuun itti himame,”Halkan halkan kuntaalan/dooniyaadhan qamadii baadhachuun jiraattota hiyyeeyi Madiinaatif hiraa türe.” Rabbiin nama akkana nuu haa godhu. Amiin

Gorsa Fudeyl Ibn Iyaad
Gaafa tokko Fudeeyl ibn Iyaad khuxbaa isaa keessatti akkana jechuun dargaggoo fi jaarsote gorse,”Yaa garee dargaggootaa! Midhaan lafaa ol guddachuun dura hanqinna baay’ee irratti arge jira. Yaa garee jaarsotaa,midhaan osoo hin gahiinin dura ni haamamaa sila? Maal eegdu sila? Sababa maalii dhiheessu heddu? Isin dargaggoo fi jaarsonni maal jettu yommuu Rabbiin waa hundaa beekuu akkana jedhu:35:37

“Isaanis ishee(İbidda jahannam) keessaa,’Yaa Gooftaa keenya isa duraan hojjachaa turreen ala toltu hojjannaa nu baasi.’ Jechuun ishee keessaa warwaatu. Sila umrii dheeraa namni gorfamuu fedhe isa keessatti gorfamuu danda’u isin hin jiraachifne? Akeekachiisaanis isinitti hin dhufne? Adaba Kiyya dhandhamaa miidhaa hojjattootaf tumsaan(gargaaran) hin jiru.” Suuraa Faaxir 35:37

(Kanaafu boru bakka gaabbiin nama hin fayyadnetti gaabbu fi iyyu irra har’a hojii gaarii haa hojjatannu. Umrii keenya wanta gaarii irratti haa fiixnu.)

Gorsa haati intala ofiitif heerumaan dura gorsite
Haarisa bin Amr mooti Kindah kan ta’e intala A’uf bin Muhillim fuudhuf kadhate. Haati intala tanaa guyyaa ishiin gara dhiirsa haarawa ishiitti fudhatamuu heddu akkana jechuun gorsite:

“Intala tiyya hoo mana itti guddatte kana gadi lakkiste mana namticha tanaan dura hin beeknu seenuf hedda. Ciimdi tanaan dura hin uumne uumu hedda. Garba isaa ta’i,inni garba si taa’ati. Amaloota 10 isaa eegi:
1,2- Haala keessa jirtutti gammaduun isaaf dhugaa ta’ii argamii. Isaaf ajajami
3,4- Ijaa fi funyaan isaa eeggadhu- haala badaa keessatti si hin argin,foolii urgaa’a malee fooli badaa sirraa hin urgeefatin.
5,6-yeroo hirribaa fi dhihanaa/nyaata isaa eegi. Beelli itti fufaan qaama namaa laamshessa/laaffisaati. Hirribni boqonnaa hin qabne aariif nama saaxila.( Obboleetii/obboolessa koo yommu gara hirribaa deemtan rakkoo darbee walitti kaasun hirriba wali hin dhowwinaa. Rakkoo keessan siree irratti mari’achuun ibidda walitti hin qabsiisina.)
7,8- qabeenya isaa eegi,maatii isaa kunuunsi. Furtuun qabeenya shallaggi gaariidha.(Kana jechuun qabeenyatti shallaggii fi safara gaariin fayyadamuudha,akkuma argan qisaasessu miti.) Furtuun maatii immoo karoora gaariidha.
9,10- Ajaja isaa hin didin,iccitii isaa ifa hin baasin. Kan jalqabaa onnee isaa hadheessa. Kan lammataa immoo si ganuu irraa hin baraaramtu.(Yoo wanta inni jedhu hundaa kan diddu taate onneen isaa ni madoofti. Yoo iccitii isaa ifa baaste si jibbuun intala biraa fuudhuf deema. Kanaafu iccitii isaa alatti hin bittineessin.)

Haadha Ijjoolle teeti sirritti filadhu
A’araabin(namni baadiyaa) tokko ijjoolle isaatin gafa tokko akkana jedhe,”Yeroo isin ijjoolle turtan yookiin guddattan qofa toltu isin irratti hin oolle. Isın dhalachuun dura toltuu isiniif oole jira.” Ijjoollenis akkana jedhan,”Dhugumatti yeroo ijjoollumaa keenya nu kunuunsite akka nu guddiste ni beekna. Garuu akkamitti nuti dhalachuun dura nu kunuunsu dandeesse?” Abbaanis,”Haadha isin hin miine yookin hin salphisne isinii file.” Jedheen. (Kanaafu haadha gaarii ijjoolle teetif fili. Atillee abbaa gaarii ta’uuf carraaqi.)
Nafsee ofii fedhii irraa ni dhoorge (dhoowwe)
Ibn Hazm akkana jechuun gabaasan,”Dargaggoon bareedan tokko hiriyyaa tokko qabaa türe. Wal jaalala keessa wanti of eeggannoo jedhamu jidduu isaaniti ka’e. Mucaan kuni gaafa tokko mana hiriyyaa isaa kanaa buluu barbaade. Halkan qixxe namtichii kuni wanta hatamtama tokkof gara alaa bahe. Yommuu garmalee turu borumtaa malee akka hin deebine ta’uu isaa hubatame. Garuu keessumaan isaa manatti hafe. Niitin isaas mana jirti,tan umrii dargaggoo kanaatin wal qixxaatu.

Yommuu jaarsi/dhiirsi ishii akka halkan kana hin deebine hubattu,qalbiin ishii dargaggoo kanaaf yaaddofte. Kutaa isaa seenun akka ishii fudhatu affeerte. Jalqaba irratti wanta ishiin jette raawwatuf yaade. Garuu aqliin(dandeetti yaadu) isaa itti deebite. Dhugumatti wanta hin beekkamne tokko hojjate. Quba isaa duungoo/shaama boba’aa irra kaa’u jalqabe. Qubni isaa ibiddaan haguugame. Yeroo kana guutu akkana ofiin jedha,”Dhandhami kana. Kuni ibidda Jahannamiin akkamitti wal qixxaataa?” Namtittiin gocha kana yommuu argitu ni rifatte. Garuu ammalle itti deebite ofitti affeerte,fedhiin isaas itti deebi’e. Haa ta’uu malee innis akkuma duraa quba isaa gubuu itti fufe. Yommuu bari’u qubni isaa tokko gubate akka dhume namni ragaa bahuu dandee’era.

(Fedhiin kunoo akkanatti gubaa ibiddaa caalaa. Namni gubaa kana obsaa fi sodaa Rabbiitin dabarse dhugumatti isaaf jireenya gammachuu fi kabajaatu jira. Namni kuni osoo fedhii isaa haala kanaan guuttate silaa jireenya isaa keessatti gadi aantummaa fi salphinni itti dhagahame türe. Fedhii ofii qadi qabuuf quba ofii waan gubeef salphinni gonkumaa itti hin dhagahamu,sirii kabajni ni dabalamaaf. Namoonni ni kabaju. Kanaafu fedhii keenya Rabbii jenne gadi haa qabnu.)

Namoonni si haa jajaniif dogongora obbooleessa/obboleetti keeti ifa hin baasin
Gaafa tokko Al-Kisa’i fi Al-Yazid mootii Al-Rashiid funduratti walitti qabaman. Waqtiin salata Maghriba yommuu gahu nama tokko isaan keessa imaam kan ta’uu danda’u filatan. Filannoon wanta ulfaata hin turre. Sababni isaas Qaari beekkamoo yeroo sanii torban keessaa tokko Al-Kisa’in as jira. Salanni jalqabamee Al-Kisa’in suuraa al-faatiya erga qara’een booda suuraa Al-Kaafirun qara’u itti fufe. Suuran tun gabaabdo ijjoollen baay’een matatti qabatan(haffazan) haa taatu malee Al-Kisaa’in yommuu qara’u ni dogongore. Yommuu salaanni dhumate Al-Yazid dinqisifannaa guddaa agarsiisun,”Imaamni fi qaarin magaalaa Kufa dogongora raawwatu isaatin jaanja’e. Suuraa Al-Kaafirun irraanfate.”jedhe.

Yommuu salaanni Ishaa’i gahu,Al-Yaazid homaa osoo hin eegin ofii isaati imaama ta’uuf gara funduraatti tarkaanfate. Yommuu salaanni jalqabamu,sagaleen isaa hollachuu eegale. Qur’aana keessa suuraa salphaa namni kamu yaadatu danda’u tan taate suuraa Al-Faatiya irraanfate.

Yommuu salaanni dhumate Al-Kisa’in gara Al-Yazid garagaluun akkana jedheen,”Arraba kee qabi,hin dubbatin. Ta’uu baannan qormaatatti kufta. Dhugumatti namni namoonni biroo isa haa jajaniif dogongora nama biraa ifatti baase qormaamatti kufuun isaa waadaan isaa galame jira.”

(Kanaafu namoonni nu haa jajan jenne dogongora namoota biroo yoo ifatti baasne badii fi salphinna guddaa ofitti fidaa jirra. Nu hunduu ni dogongora. Dogongora irra walii darbuu qabnaa malee guddinna keenya agarsiisuf ummatatti labsuu hin qabnu.)

Bu’aa sadaqaa kennuun qabdu
Bulchaan Ijibt guyyaa tokko nama ibn Al-Furaat jedhamu waame. Yommuu walitti dhufan,bulchaan akkana jedhen,”Ani yeroo hundaa yaada badaa siif qaba. Jibba hamaa ani si qabu irraa kan ka’ee si qabee biyya tanarraa si ari’uuf shira shiraa türe. Garuu wanta na dhowwee ni beektaa? Halkan baay’eef abjuu keessatti si arga. Akka si bira hin geenyef muraa daabbootti fayyadamte duubatti na qabda. Yommuu waardiyoota koo akka si ajjeessan sitti ergu, rukuttaa isaani daabboo saniin ofirraa dhoofta. Sababa daabboo saniitin seyfiinis,xiyyis si hin dhaqqaban. Seenaa daabboo kana duuba jiru amma mee natti himi.”

Ibn Al-Furaat ni jedhe,”Yaa bulchaa! yommuu ijjoollumaa kooti haati koo halkan maraa natti dhufuun muraa daabboo boraati koo jala gooti turte. Yommuu bari’u bakka kiyyaa sadaqaa kennaa turte. Hanga duutu gocha kana hin dhaabne. Anillee gocha kana itti fufuun muraa daabboo boraati jala godhe ganama yommuu bari’u sadaqaa kenna.” Bulchaan wanta dhaga’ee kanaan miirri isaa baay’ee tuqame. Akkana jedhe,”Ammaan booda si miidhu dhiisi wanta hamaa sitti hin yaadu. Waan gaarii si yaada. Baay’ee si jaaladha.”

(Kanaafu sadaqaa kennutti haa fiignu. Sababa sadaqaatin Rabbiin qabeenya namaa dabala, badii namarraa tiiksa.)

Karaa sheyxaanni nama sobu
Sheyxaanni karaa sadiin nama soba:
Tokko: baay’innaa fi afoolessitu/baraaxu; wanta barbaadan caalaa qabaachuf carraaqu. Daballiin kuni kan sheyxaanni qalbii namaa ittiin seenudha. Kanarraa of eeguf fedhii lubbuu hundaa guutuu irraa of eeggannoo gochuudha. Fakkeenyaf kan akka nyaata,hirriba, boqonnaa fi kkf.( Asitti jedhamu kan barbaadame fedhii kanniin guutuun dhowwamadha jechuu osoo hin ta’iin daangaa hin darbiin,garmalee hin baay’isin jechuu isaati. Yoo daangaa dabartee fi baay’iste ,sheyxaanni qalbii kee seenun si laamshessa.) Yoo balbala kana cufte sheyxanarraa ni baraaramta.
Lama: dagatuu/dhiisu- Namni Rabbiin yaadatu dallaa zikriitin(yaadannoo Rabbiitin) ni tiikfama. Yommuu zikrii kana dhiisu diinaf(Sheyxaanaf) balbala dallaa banaafi jira. Diinni kunis ni seena. Ergasii isa achi keessaa baasun ni ulfaata.
Sadii: wanta isa hin galchine keessa galu. (Namni wanta isa hin galchine hundatti yoo harka naqee, sheyxaanni salphatti isa qabata.)

Jechoota gadi fagoo Ibn Al-Qayyim
Ibn Al-Qayyiim(Rabbiin rahmata isaa haa godhu) akkana jedhu:”Yommuu gabrichi ganamaan ka’uu fi yaanni isaa guutuun akkamitti akka Rabbii ajajamuu fi gammachisuu yoo ta’ee, Rabbiin dhimma isaa ni guutaf. Wantoota dhiphinna isatti fidan irraa ni oofa. Akkasumas Rabbiin qalbii nama sanii akka Isa qofa jaalattu, arrabni akka Isa yaadatu,qaamni akka Isa qofa gabbaru godhaaf. Garuu yommuu gabrichi Rabbii halkan isa haguuge bari’uu fi yaanni isaa hundii waa’ee duniyaa yoo ta’ee,Rabbiin ba’aa gaddaa,dhiphinna fi rakkoo akka baadhatu nama kana godha. Rabbiin mataa namticha kanaatti isa dhiisa,gargaarsa Rabbii hin argatu. Qalbii isaa ni ko’oomsa(biizi godha) waan inni Jaalala Rabbii osoo hin ta’iin jaalala uumamtootin of qabeef.

Rabbiin arraba namticha kanaa yaadannoo Isaa irraa ni qaba waan inni uumamtoota waliin garmalee ko’oomeef. Qaamni isaa ajaja Rabbii irraa duubatti harkifata waan inni fedhii ofii jala deeme fi tajaajilef. Akka beelada geejjiba namoota tajaajiluf ba’aa guddaa baadhatu innillee ba’aa guddaa ofirratti baachisa. Namni kamiyyuu ibaadaa Rabbii,Isaaf buluu fi jaalala Isaa irraa garagalee, jaalala,tajaajila fi gabrummaa uumamtoota jalatti kufa.

Rabbiin akkana jedha,43:36 “Nama yaadannoo(Qur’aana kanaa fi ibaadaa) Rahmaan(Allah) irraa garagalee, sheyxaana isaaf ramadna. Inni isaaf hiriyyaa dhihoodha.”  Suuraa Az-Zukruuf 43:36

Alhamdulillah. Hanga barruu biraatin torbaan walitti deebinutti Assalamu aleykum wr wb. Turtii gaarii.
Like www.facebook.com/jireenyabadhaatu
Kitaaba wabii
Gems And Jewels

Aarii Kee Too'achuuf
Gamnummaa Abdullah Ibn Mas’uud

Leave a Reply