Aarii Kee Too’achuuf

Aariin amala ilma namaa keessa tokkodha. Wanti tokko yoo badu ilmi namaa ni aaraa,ni gadda. Akkuma wantoonni hunduu daangaa qaban aarii fi gaddiis daangaa qabaachu qaba. Daangaan aarii kan hundaa’u nama aaruu san irratti. Namtichi garmalee aare yoo daangaa darbee ofiis miidhe namoota biroos miidha. Jiruu fi jireenya ilma namaa keessatti sababa aarii too’achuu dhabuutin rakkoon baay’een uumama. Sababa aarii too’achuu dhabuutin wal ajjeecha fi qabeenya barbadeessun dhufa. Sababa aarii too’achuu dhabuutin niiti fi dhiirsi waliin jiraachu dadhabu. Sababa aarii too’achuu dadhabuutin gochii fi jechii gaabbiin akka ibiddaatti nama gubuu ni uumama. Gaabbiin si keessaa hin baane,kan keessa kee gubuu sababa aarii too’achuu dhiisutin ni uumama. Kanaafu sababa aarii too’achuu dhabuutin gochaa fi jechoota keenyan garmalee akka hin seenofnee fi hin miidhamne maal gochuu qabnaa? Mee haa qaacessinuu.

1.Nyaata xiqqeessu– nyaata baay’isanii nyaachuun aariif sababa ni ta’aa sila jettanii dinqisifachuu dandeessu. Saayinsi biras osoo hin dhaqin gara biraas osoo hin deemin salphatti hubachuu dandeenya. Naannooma keessanirraa ka’aati mee mucaa hiyyeessa fi mucaa dureessa wal bira qabaa. Kamtu garmalee aara? Mucaa dureessa akka jettan nan abdadha. Sababni isaas mucaan kunii bakka wanta fedhe nyaate kan fedhe dhiisu,wanta fedhe hojjate kan fedhe dhiisu keessa jiraata. Rakkoon akka isa tuqxu hin barbaadu. Yoo rakkoon isa tuqxe yookiin aare akka qeerensaatti namarra koruuf deema.

Namni garmalee nyaata fi dhugaati yoo baay’ise rakkoo fayyaa fi xin-sammuu (psychology) baay’etiif saaxilama. Furdinna garmalee(obesity), dhibee sukkaraa fi kkf ni saaxilama,qaamni ni laamsha’a. Sammuun akka hin xinxallinee fi sirritti hin yaanne godha, ni dugulcha. Namni nyaata fi dhugaati baay’isu yommuu aaruu aarii isaa too’achuun itti ulfaata. Takkamaan ol danfa. Aarii isaa qabbaneessuf rakkoo baay’ee geessa. Nama ajjeessun aariin isaa waan irraa galu itti fakkaata. Warra dhihaa kan akka Ameerika osoo ilaaltanii sababa aarii too’achuu dadhabuutin ofii fi namoota biroo galaafatu. Kanaafu namni aarii too’achuu barbaadu nyaata fi dhugaati garmalee osoo hin baay’isin garmalees osoo gadi hin xiqqeessin haala madaalaman nyaate haa dhugu. Kana yaadadhu, garaan yoo nyaata fi dhugaatin guuttame sammuun sirritti xinxalluu fi gadi fageessite yaadu irraa ni cufamti. Miidhaa aariin dhufuu achii fageessite ilaalu hin dandeessu. Nyaata fi dhugaati gadi xiqqeesse jira. Ammas aarii koo too’achuu hin dandeenye furmaata biraa nutti himi mee jechuun keessa way oolaa?

2.Sheyxaana abaarrame Rabbitti mangafadhu – nyaata xiqqeessun qofti furmaata hin ta’uu. Aarii duuba dhaabbatee ibidda aarii kan qabsiisu beeku fi ofirraa ari’uun barbaachisaadha. Yommuu aartu eenyutu ibiddaa aarii sitti qabsiisaa? Eenyutu aarii kee qabbaneessuf wanta hamaa akka hojjattu si kakaasaa? İbidda aarii sitti qabsiisun wanta hamaa hojjatte dhumarratti akka of balleessitu kan si godhuu sheyxaanaa mitiiree? Yeroo aartu,”Namtichi kuni akkana siin jedhe yookiin akkana sitti hojjate ati cal’istee teettaa. Atillee wanta tokko irratti hojjadhu.” Kan sin jedhu sheyxaanaa miti? Atillee ergasii namtichaan,”Afachuu sii godha.” Jettaanii mitiiree? Kana irra ibidda aarii kan sitti qabsiisu sheyxaana osoo ofirraa aritee,nageenya fi tasgabbii argatta.

Suleymaan bin Surad akkana jechuun gabaase:
“Gaafa tokko Ergamaa Rabbii(SAW) waliin osoo taa’u, namoonni lama wal lolan. Lamaan keessaa tokko garmalee aarun fuulli isaa diimate,hiddi dhiigaa isaa ol baye,(kana jechuun garmalee aare). Achii Ergamaan Rabbii(SAW) akkana jedhan,”Dhugumatti ani jecha takka nan beeka. Osoo ishii jedhe silaa aariin isaa irraa deema. أَعُوذُ بِاللَّهِ مِنَ الشَّيْطَانِ(Sheyxaana Rabbitti mangafadha) osoo jedhe aariin isaa irraa gala. Namoonni gariin namticha aare bira deemanii,Ergamaan Rabbii(SAW) “Sheyxaana Rabbitti mangafadhu.” Jedhanii jiru jedhanii itti himan. Namtichi aare kunis,”Maali ani maraatadhaa?” jedhe.” Sahih Al-Bukhaari 3282 volume 4

Kanaafu akka namticha kanaa ani maraatadhaa jenne mormuu dhiisne, yommuu aarru sheyxaana Rabbiitti mangafachuu qabna. Mangafachuu jechuun sheyxanaarraa Rabbiin tiikfama yookiin sheyxaana abaarrame irraa Rabbiin na haa tiksu jechuudha. Gabaabumatti Arabifaan “A’uzu billahi mina sheyxaani rajim” jechuudha.

3.Wudu’achuu fi salaata salaatu– dhugumatti wudu’achuu fi salaata salaatun aarii,gadda,dhiphinna fi dadhabinna qaama namarraa kaasa. Ani garmalee yoo dhiphadhu yookiin dadhabuu yoommuu wudu’adhe salaata salaatu akka waan ba’aan guddaan narraa bu’eetti natti dhagahama. Fuulli fi harkii bishaanin yommuu dhiqamuu,mataan bishaanin yommuu haaxawwamu, nageenyi fi tasgabbiin siif deebi’a. Aarii fi gadda keessa jirru keessaa bahuuf immoo salaata yommuu salaannu, yaada keenya walitti qabne salaata qofarratti xiyyeefachuuf carraaqu qabna. Yoo akkana hin godhiin ‘Salaata nan salaata garuu aarii fi gaddi narraa hin galu.’jenna. Rakkoon salaata osoo hin ta’iin nurra jira. Yaada fi xiyyeefannoon keenya salaata irratti osoo hin ta’iin wanta biraa irratti yoo ta’ee aarii fi gaddii keenya nurraa hin galu. Kushu’an (sodaa fi of gadi qabuun) fi yaada fi xiyyeeffannoo keenya walitti sassaabun salaata irra yoo goone aarii fi gaddii keenya nurraa gala.

4.Du’aayi gochuu– yeroo aaran du’aayi gochuun ni ulfaata. Garuu du’aayi gochuun immoo ba’aa aarii namarraa darba. Nama si aarse san yommuu abaartu sheyxaana gammachisaa jirta. Abaaru dhiiste osoo du’aayi gootefi sheyxaana ni aarsita,aarii kee ni qabbaneessita. Hadhaa jechoota namticha/dubartii sanii of keessatti gadi liqimsitee “Yaa Rabbii nama kana qajeelchi,badii isaatirraa na tiksi,imaana dabaliif…” osoo jette hangam aariin kee sirraa hir’ataa?

Yeroo ammaa kanatti du’aayi nama sanii gochuu dhiisi mataa keenyafu gochuun nutti ulfaata jira. Akka waan ala nutti lallabanii(waamanii) salaata erga xumurre fiigaa baana. Osoo salaata tasgabbiin salaanne,du’aayi goone hojii keenyatti bobbaane jireenyi keenya gammachuu kan qabdu taati. Yeroo hundaa du’aayi gochuu fi towbachuun (gara Rabbii deebi’uun) cubbuu keenya nurraa harcaasa,ba’aa jireenya nurraa hir’isa,aarii fi gadda keenya qabbaneessa. Kanaafu yommuu aartu du’aayi godhii. Jalqaba Rabbirraa balleessa keetiif araarama barbaadi. Ergasii dhiphinna keessa jirtu keessaa akka si baasu itti warwaadhu.

5.Nyakkisuu fi mormii irraa fagaachu – namni yommuu aaru wanta jedhu hin beeku. Summii jechoota afaan isaati bahuu miidhaa turaa akka namatti fiduu danda’u yeroo aaruu gadi dhaabbate hin yaadu. Aarii ofii qabbaneessuf jechootuma arge dubbata. Aariin yommuu irraa galu ibiddi gaabbi keessa isaa gubaa. Yommuu aaran cal’isuu fi mormii irraa fagaachun miidhaa baay’ee hambisa. Yommuu aaran wal mormuu fi nyakkiisuun aarii dabaluu fi miidhaa biraa fiduu malee furmaata fidu hin danda’u. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana nun jedhu:
وَإِذَا غَضِبَ أَحَدُكُمْ فَلْيَسْكُتْ
Isin keessaa namni tokko yommuu aaree,haa cal’isu.Sahih al-Jami’; # 693

Kanaafu walitti nyakkisuu fi wal mormuun bu’aa kan fidu osoo hin ta’in miidha kan dhaluudha. Furmaata barbaaduf aariin yommuu namarraa galee waliin mari’achuudha. Yommuu aartu fi nama aarsitu nama sitti nyakkisuu fi si mormuu jalaa deemi. Yommuu aariin irraa gale itti deebi’i waliin mari’adhu. Aariin yommuu namarraa galuu namni kamuu balleessa ofii ni beeka. Amanuu fi dhiifama gaafatutu itti ulfaate malee. Balleessan kee yoo ta’ee dhiifama gaafachuu hin saalfatin. Dhiifama gaafachun miidhaa baay’ee hambisa. Dhiifama gaafachuu akka gadi aantummaatti hin ilaalin. Akkasumas namni yommuu dhiifama si gaafatu gogaa ta’uun(being rigid) ‘dhiifama gonkumaa si hin godhu’ hin jedhiin. Dhiifama gochuu fi gaafachuun aarii qabbaneessa,jireenya tolcha.

6.Seeqachuu- seeqachuun fuula ibsa,qalbirraa ba’aa kaasa. Yommuu abbaan ykn haati kee si arrabsan seeqachuun jechoota isaanii si irraanfachiisa. Nama si aarsu itti seeqadhu biraa deemi. Nama gowwaa irraa gara galii. Humna ykn gootummaa kee itti agarsiisuf yoo deemte ofii fi isallee miita. Ergasii gaabbi fi gatii baay’ee kafalta. Irraa garagaluu fi jalaa deemun furmaata keeti.

7.Dhaabbatu irra gadi taa’u yookiin ciisu–  asitti wanti jedhu baay’ee miti. Hadiisni tokko gahaadha. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhu:
إِذَا غَضِبَ أَحَدُكُمْ وَهُوَ قَائِمٌ فَلْيَجْلِسْ فَإِنْ ذَهَبَ عَنْهُ الْغَضَبُ وَإِلاَّ فَلْيَضْطَجِعْ
Isin keessaa namni osoo dhaabbatu aaree gadii haa taa’u,aariin isaa akka irraa galuuf. Garuu yoo irraa hin galiin haa ciisu.” Sunan Abi Dawud 4782

“Imam Al-Khaxxaab akkana jedhu,”Namni dhaabbatu bakka itti rukutuu fi balleessu danda’u dhaabbate. Namni taa’ee immoo hangas mara akkas hin godhu. Namni ciise immoo homaa hojjachuu hin danda’u(balaa hin geessu). Ergamaan Rabbii (SAW) nama aaretti akka taa’u yookiin akka ciisu kan itti himaniif tarii namni sun wanta boodarra isa seenussu akka hin raawwannefi. Allahu a’alam”1

8.Mindaa aarii too’achuun dhufu beeku–  akkuma wanta badaa irraa of tiiksun mindaa argannu aarii keenya too’achuufis mindaa arganna. Mindaan inni guddaan tokko jaalala Rabbii, lama addunyaa fi aakiratti jireenya gammachuu jiraachu,sadii miidhaa sababa aaritin dhufu hanbisu. Fakkeenyaf yoo aarii keenya too’anne maatiin keenya diigamuu irraa ni baraarama,nama biraa fi mataa keenya akka hin miine of gadi qabna. Kanaafu kuni mindaa addunyaa tana keessatti argannu mitiree?3:1333:134
Gara araarama Gooftaa keessan irraa ta’ee fi gara Jannata warra Rabbiin sodaataniif qophoofte kan bal’inni ishii akka samii fi dachii taatetti ariifadhaa.
Isaan warra yeroo gammachuu fi gaddaa arjoomaniidha. Kan dallansuu liqimsanii fi namootaf dhiifama godhaniidha. Rabbiin toltuu hojjattoota ni jaallata.”  Suuraa Ali-Imraan 3:133-134

Yoo aarii keenya gadi qabne jaalala Rabbii keenyaa yoo arganne maal dhabne ree? Aarun wanta bade tokko gonkumaa duubatti hin deebisnu. Humna fi yeroo keenya gubuu malee. Yoo aarii keenya too’anne immoo nama cimaa jedhamna. Akkuma Ergamaan Rabbii (SAW) jedhan:
لَيْسَ الشَّدِيدُ بِالصُّرَعَةِ إِنَّمَا الشَّدِيدُ الَّذِي يَمْلِكُ نَفْسَهُ عِنْدَ الْغَضَبِ
Namni cimaan(kan humna qabuu) nama wal’aanson cimaa ta’ee osoo hin ta’iin,nama yommuu aaru nafsee ofii too’atedha.” Sahih Muslim 2609

9.Miidhaa aariin dhufu beeku– yeroo baay’ee yeroo aarru, miidhaa isaa gadi fageessinee hin hubannu. Aarii too’achuu dadhabuutin meeqa kamtu lubbuu ofitii fi lubbuu namoota meeqaa galaafate. Lubbuu niiti/dhiirsa ofii meeqatu galaafate. Mee seena takka tan Shek Muhammad al-Arifin haasawu isinii haa odeessu. Dargagoota sadii kan garmalee wal jaallatantu ture. Isaan keessaa tokko dubartii Qur’aana haffastee fi Imaana qabdu fuudhe. Kaadhimtoonni haarawa wal fuudhan kunniin garmalee wal jaallachuu fi wal ta’uu jalqaban. Hiriyyoonni isaa tunniin itti hinaafanii karaa isaan addaan baasaniin barbaadan. Akkana waliin jedhan,”Yeroo inni diida deemu ‘Namni tokko dhufee konkolaatan mana keeti haadha manaa tee fudhate waliin deeman.’ haa jennuun”  Akkuma waliin mari’atan godhan. Hirriyyoota isaa keessa tokko dhufee oduu armaan olii itti odeesse. Innis deeme hiriyyaa lammataa yoo gaafatu oduu wal fakkaatu innis itti odeesse. Namtichi kunii haadha manaa ofiititti galee, “Maaliif konkolaatan nama akkanaa waliin deemta?” jedhe itti ka’ee. Haati manaas “Ani nama Qur’aana haffasee akkamatti akkana hojjadha?” jetteen. Innis wanta ishiin jettu jalaa hin dhageenne lubbuu ishii galaafate.

Dargaggoon kuni mana hidhaatti galee adabbii du’aa eeggata. Aarii ofii too’achuu dhabuu isaatirraa kan ka’ee fi dubbii hin taane fuudhun lubbuu ofiiti fi kan haadha manaa ofii galaafate. Dhugumatti ciminni wal’aanson yookiin wanta ulfaata ol kaasun osoo hin ta’iin aarii too’achuun. Ergamaan Rabbii (SAW) kana nuu dhaamu: “Namni cimaan(kan humna qabu) nama wal’ansoon cimaa ta’ee osoo hin ta’iin,nama yommuu aaru nafsee ofii too’atedha. Jecha akkam miidhagu!

Aarii kee wal danda’un hidhi. Aariin sareen wal fakkaata. Yoo gadii lakkistee miidhaa baay’ee geessa.” Imam Ibn Al-Qayyim

Gudunfaa
Aarii too’achuu yeroo jennu gonkumaa aaruu hin qabnu jechuu keenya miti. wanta aaruu fi aaruu hin qabneef sirritti addaan baafachu qabna. Aariin daangaa yoo darbee cunqursaa fi miidhaa geessa. Gonkumaa yoo hin aarinis salphinnaa fi gadi aantummaa ta’a. Fakkenyaaf osoo namoonni daangaa Rabbii darbanuu aaruu dhiisu fi isaan waliin wanta isaan raawwatan raawwachuun gadii aantummaadha. Walumaagalatti yommuu aarru miira keenya too’achuun tarkanfii barbaachisaa fudhachu fi furmaata fiduuf carraaqudha. Tarkaanfi barbaachisa yommuu jedhu yeroo aarru sanitti osoo hin ta’iin aariin erga nurraa gale booda. Namni murti kennu yommuu aaru murtii akka hin kenniine dhowwamee jira waan ta’eef. Kanarraa kan hafee aarii keenya qabbaneessuf miidhaa ofii fi namoota irraan geessu hin qabnu. Rabbiin nama aarii ofii too’atu nu haa godhu. Amiin

Hanga torbaan mata duree biraatin walitti deebinutti Assalaamu aleykum wa rahmatullahi wa barkatuh
wabii
https://www.kalamullah.com/personality20.html

Boqonnaa Sammuu-Kutaa 3ffaa
Gola Seenaa irraa lakk.2

One comment

Leave a Reply