Boqonnaa Sammuu-Kutaa 3ffaa

Jechoota baay’ee google search irratti barbaadaman keessaa tokko ‘Boqonnaa Sammuu’ jecha jedhuudha. Yeroo darbee kutaa lama baase ture. Haa ta’uu malee namoonni garmalee waan barbaadaniif kutaa 3ffaa itti fufu dirqame. Kunoo kutaa sadaffaa dubbisuu itti fufaa.

1.Interneti fi Tv daangeessi– wantoota sammuu namaa diiganii fi jeeqan keessaa tokko interneeti fi Tv dha. Kunniin lamaan meeshaa waraana sammuu nama irratti banamaniidha. Midiyaan brainwash(yaada qabatan akka jijjiran godhuu meeshaa waraana isa badaa ta’ee jira.) dhugaa soba,soba dhugaa fakkeessun sitti dhiheessa. Sammuun tee akka jeeqamtu si godha. Oduun halkanii guyyaa mana keessa kaakisu sammuu keenya irratti miidhu hangam akka geessu sirritti hubanne jirraa? Sa’aati meeqa Tv jalatti diriirfanne akka teennu sirritti hubanne jirraa? Filmii waraana fi sodaa kan onnee nama dhoosan guyya guyyaan bahan hangam sammuu keenya akka jeeqan sirritti hubanne jirraa? Dhugumattii Tv fi interneeti irratti yeroo gubuun addunyaa hin jirre jiraacha jirra.

Interneeti irratti fedhii daangaa hin qabne argachuuf oli gadi fiigna. Chaatin as jira,nama beekkama ta’uuf dharra’uun asu jira. Har’a chaati yoo hin godhiin akka waa dhabnetti nutti dhagahama. Chaatin waan boqonnaa sammuu nu kennu nutti fakkaata garuu jala sammuu keenya nyaate fixaa jira,sammuun teenya akka jeeqamtu godhaa jira. Jechoota hin taane barreessun boodarra gubaa aarii fi gaabbitiin of gubna. suuraaleen interneeti irratti postii goonu hoo hangam sammuu keenya jeequ? Wanta barreessinu yookiin suuraa postii goonu namoonni Like yoo hin godhiin sammuun keenya hangam akka jeeqamu hubanne jirraa? Barbadaa’insa(bombardment) midiyaan nutti fide mee ilaala?

Eeti akkuma midiyaan faydaa qabuu miidhas qaba. Fayda fi miidhan isaa haala itti fayyadama keenya irratti hundaa’a. Midiyaa nutu too’achuu qabaa malee akkamitti inni too’ataa? Boqonnaa sammuu argachuuf midiyaa haala daangaa qabeessa ta’een fayyadamu qabna. Sa’aati 24 Tv fi YouTube jala ta’uun sammuu keenya dhoosu hin qabnu. Filmii warraa dhihaa ilaalun sammuu keenya maalif dhosnaa,boqonnaa maaf dhabsiifnaa,yeroo addunyaa gabaabdu tana maaliif qisaasessinaa? Filmii gara fokkoottu nama harkiisan ilaalun sammuu namaa jeeqa,dandeetti yaadu fi xinxalluu liqimsa,Rabbirraa nama fageessa,sheyxaanatti nama dhiheessa,qalbii namaa gogsa,walitti suntursa,jireenya dukkaneessa. Kanaafu Rabbiin sodaanne filmii ilaalu yoo dhiisne boqonnaa sammuu ni arganna.

Akkasumas sa’ati sa’aatin interneeti cheki gochuun sammuu keenya dhuffisuu hin qabnu. Wanta interneeti irratti hojjannu too’achu qabna. Chaati hir’isuu yookiin guutumaan guututti dhiisu,suuraa postii gochuu dhiisudha. Suuraa postii gochuun akka ijji nama sirra buutu si godha,keessa kee qoqora,boqonnaa sammuu si dhabsiisa.

Meeqa keenyatu beekkama ta’uuf interneeti irratti waa meeqa hojjanna. Like fi share baay’ee argachuuf waa meeqa goona. Mee waa’ee  beekkama ta’uuf dharra’uu abbootin salafaa keenya jedhan muraasa haa eerru.
“Ibrahim ibn Adham: Gabrichi beekkama ta’uuf dharra’u Rabbiif nama haqaa hin taane.
Dawud al-Ta’i– “Akkuma leenca irra dheessitu namoota irraayis dheessi.(Beekkama ta’uuf isaanitti hin fiigin)”
Bishr ibn al-Haaris: “Nama tokkoyyu hin beeku kan beekkamti jaallatu amantii isaa kan dhabe fi salphataa ta’ee malee. Namni Rabbiin sodaatu ummata keessatti beekkamaa ta’uuf hin dharra’u. Namni namoonni hunduu akka isa beekan jaallatu mi’aa aakiraa gonkumaa hin dhandhamu.”
Sufyan al-sawri: “Osoo beekkamaa hin ta’in aalima(hayyuu) ta’uu yoo dandeesse,akkas godhi. Dhugumatti namoonni wanta si keessa jiru yoo beekan foon kee nyaatu.”1

Beekkamaa ta’uuf dharra’uun sammuu namaa jeeqa,iklaasa nama dhabsiisa. Namni Rabbiif dhugaa yoo ta’ee(iklaasa qabaate),boqonnaa sammuu argata,mi’aa imaana dhandhama. Sababni isaas namarraa osoo hin ta’iin Rabbirraa ajrii(mindaa) fi waan gaarii eeggata. Namoonni hojii isaa jaallatanii dhiisanii wanta isa dhiphisu hin jiru.

Kanaafu interneeti yeroo fayyadamnu daangaa qabaachu qaba. Da’awaa gochuu yoo barbaanne jalqaba mataa keenya jijjiruu nu barbaachisa,beekumsa kuufachuuf sirritti carraaqu nu barbaachisa. Dabalataanis hojii keenya keessatti iklaasa horachuu nu barbaachisa.

2.Hiriyyaa xiqqeessu– Hiriyyaa baay’isuun boqonnaa sammuu namaa hin kennu. Hiriyyaan hundii siif gaarii miti. Qananii ati argatte irratti si jibba,si waanya. Akka ol deemtu si hin fedhu. Summii badaa garaa keessatti baate deema. Karaa duubatti si harkisuun barbaada. Namootuma argitee waliin hiriyyoomuf hin deemin. Wanta keessa kee jiru guutu itti hin himin. Yeroo ammaa hiriyyaan kan qaaman wal agartuu qofaa miti kan facebooki fi whatsupp illee hir’isii. İnummaa madda boqonnaa sammuu nama dhabsiisu inni guddaan hiriyyoota interneeti irraati. Ergaa (Messaji) adda addaa sitti erguun sammuu kee jeequ. Yaada fi xiyyeefannoo kee hojii hojjataa jirtu irraa bittineessu. Ergasii bu’aa qabeessa waan hin taanef sammuun tee ni jeeqamti. Warroota facebooki fi whatsupp irratti si hin fayyanne haaqi. Garee fi peejiwwan wanta fokkutti malee wanta biraatti si hin kakaasne keessa bahi,unlike godhi. Interneeti irrattis ta’ee ganda keessattis hiriyyaa si fayyadu qabadhu. Kan si hin fayyanne yookiin kan sirraa hin fayyadamne achii dhiisi,baditti si harkisuu malee wanta biraa si hin godhan.

3.Qur’aana fi da’awaa dhageefachuu– Qur’aana dhageefachuun qalbii gogde jiisa,sammuu dhiiphatte bal’isa,ba’a ulfaatu laaffisa. Qur’aana dhageefachuu qofa mitii hiika isaa waliin dubbisuun jireenya laaffisa. Kaayyowwan buufama Qur’aana keessa inni tokko ilma namaa dukkana jaahiliyyaa (wallaalummaa) keessaa gara ifa Islaamummaatti baasudha. Namni ifa kana yoo dhabe dukkana jaahiliyyaa jiraata. Qur’aanni sammuu doomte qara. Qur’aanni nama wallaala gara gaarummaa fi qarootti jijjira. Addunyaa keessatti wallaalumma fi doofummaan hanga Araboota kan beekkamu hin jiru türe. Qur’aanni dhufnaan sabni addunyaa keessatti qarummaa fi qaroominnaan hanga Araboota fi warroota Qur’aanan bulaniin beekkamu hin jiru. Kanaafu Qur’aanni doofummaa gara qarummaa,lugnummaa gara gootummaa,gadda gara gammachuu, dukkana gara ifaa,jireenya nuffisisaa gara jireenya mi’ooftutti jijjira. Kuni immoo argamuu kan danda’uu yoo nuti gara Qur’aana deebine fi wanta isa keessa jiruu dubbisne xinxallinee fi hojii irra oolchineedha. Kanaafu boqonnaa sammuu yommuu dhabdu gara Qur’aana deebi’i,hiika isaa waliin dubbisuu fi dhageefachuuf yaali. Yoo kana hundaa dhabde da’awaa dhageefadhu. Boqonnaa sammuu argachuuf jette filmii yoo ilaalte bqonnaa sammuu dhabda. Sammuun tee akka fayyaa dhabdu godha. Garuu ergaa Islaama ati odiyoo fi vidiyoo irraa dhageefattu qalbii kee jiisa,sammuuf boqonnaa kenna.

4.Kitaaba dubbisuu– Kitaabni galaana beekumsaati. Kitaabni hundii fayda wal qixaa hin kennu. Gariin faydaa osoo hin ta’in miidhaa sirraan gaha. Kitaabota addunyaa aakiratti nu fayyadan dubbisuuf carraaqu qabna. Namoonni yeroo baay’ee fedhii kitaaba dubbisuu hin qaban. Wanta faaydi hin qabne irratti yeroo isaani gubu. Bartee kitaaba dubbisuu uummachuu qabna. Kitaaba dubbisuun sammuu qara. Firii/bu’aa kitaaba irraa argamuu ilaalchise hayyoonni akkana nun jedhu:

Abu ‘Abdullah Muhammad bin Isma’il al-Bukhari akkana jedhamee gaafatame: Maaltu sammuu nama jabeessa/qara?
“Yeroo hundaa kitaaba keessa ilaaludha(dubbisuudha)” jedhe deebisef.
Jechoota gamnaa biroo waa’ee gaarummaa kitaaba dubbatan:
Kitaabni dhiphinna nama dubbisuu irraa oofa. Yommuu namtichi dubbisu dadhabbiin isaa ni bada.
Kitaaba waliin yoo kophaa taate hiriyyaa akkam bareedu argattee!; dhara sitti yaadu irraa hin sodaattu yookiin si hin jeequ.
Kitaabni dubbataa fi hiriyyaa akkam bareedhaa! Yommuu hiriyyaan kee si nuffisisuu(jibbisisuu) kitaaba waliin kophatti bahuu dandeessa.
Kitaabni icciti kee ifa hin baasu,of tuulaa miti;gamnummaa fi qajeelumma isarraa ni argatta…”2
Kanaafu kitaaba dubbisuun dhiphinna sammuu irraa gara boqonnaa sammuutti nama ceesisa.
5.Sheyxaana Rabbiitti mangafachuu–  sheyxaanni yaada badaa sammuutti darba. Yaada saniin sammuu keenya dhiphisna,boqonnaa dhabna. Sheyxaanni karaa adda addaatti yaada badaa fi shakkii nutti darba. Fakkeenyaf yeroo aarru wanta badaa akka hojjannu nu dhiiba. Erga wanta badaa raawwanne booda gaabbi fi dhiphinnaan jireeya keenya duumessa. Sheyxaana jala bahuuf isa waliin qabsaa’u osoo hin ta’iin, Rabbiitti isa mangafachuu fi du’aayi gochuudha. Namoonni gariin sheyxaana Rabbitti ima mangafannaa nurraa hin deemu jedhu. Ibn Jawziin(Rabbiin rahmata isaa haa godhuu) akka jedhanitti “sheyxaanni nama sanirraa dafee deemu fi dhiisun sodaa Rabbii namtichi qabu irratti hundaa’a. Seyfiin sirritti yoo qaramte takkaan morma diinaa(aduwwii) irraa darbiti. Haaluma kanaan taqwaan (sodaan Rabbii) namtichi qabu cimaa yoo ta’ee akkasuma sheyxaana haade ofirraa dabarsa. Yoo laafaa ta’ee immoo akkasuma sheyxaanni dafee irraa hin deemu. “ kanaafu imaanni keenya cimaa yoo ta’ee sheyxaana salphatti ofirraa aarina jechuudha. Imaana keenya dabaluuf guyyaa guyyaan beekumsa amanti İslaama dabalatuu qabna.

6.Mormii fi nyakkisuu–  waa’ee kanaa barruu “Aari kee Too’achuuf” jettu jalatti argachuu dandeessu.

7.Piknik bahuu– piknikii jechuun hiriyyoota waliin iddoolle seena-qabeessa yookiin qabeenya uumama daawwachuuf gara alaa bahuudha. Qalbiin yommuu wantoota Rabbiin uume ilaaltu ni gammaddi,boqonnaa argatti. Iddoolle faahishaa (wantoota fokkuu) itti hojjatamuu deemu irra laggeen,bosonaa,idoolle seena qabeenyi deemun sammuu namaa bashanansisa. Yeroo gara bosonaa fi laggeeni deemnu of eegganoon guddaan nu barbaachisa. Fedhii gabaabdu darbituu jenne boqonnaa sammuu fi gammachuu turaa dhabuu hin qabnu. Gara bosonaa fi laggeeni saalaa faalla waliin walitti makamne deemu hin qabnu. Kuni badii guddaa namatti fida. Hanga Torbaan mata duree biraatin walitti deebinutti Assalamu aleykum wr wb

Boqonnaa sammuu ilaalchisee email kanaan na qunnamuu dandeessu sammubani@hotmail.com

Like: www.facebook.com/jireenyabadhaatu
wabii/References:
1.https://www.kalamullah.com/personality22.html
2.https://www.kalamullah.com/ilm31.html

Gola Seenaa Irraa Lakk.3
Aarii Kee Too'achuuf
Kana Raabsi

5 comments

Leave a Reply

Your email address will not be published.