Gola Seenaa Irraa Lakk.3

1.Dogongora ofii yommuu amantuu
Dubartiin takka seenaa ofii akkanatti ibsiti
Seenan kiyya ifaadha. Dogongora kiyya irraa akka barattaniif isinitti hima. Gaa’illi koo gamtoominna anaa fi abbaa mana jidduu kiyyaatin haala gammachuutin jalqabame. Dureessa hin turre, garuu wanta qabnutti kan gammannu turre. Intala garmalee jaalannu takka qabnaa turre. Marsaa jalqabaa gaa’ila keenya intala teenya raffisnee, salaatu,Rabbiin faarsu fi Qur’aana qara’aa turre.

Guyyaa tokko qusannaa keenya yommuu sakattaanu maallaqa hanga ta’e akka kufanne argine. Dhiirsa kiyyaan aksiyoona (sharing) dhala(ribaa) qabu akka binnu yaada itti dhiheesse. Bu’aa kanarraa argamuun jireenya intala teenya ni gargaarra. Wanta qabnu hundaa fi gurgurtaa faaya kiyyaa dabalatee aksiyoona kana irratti investii goone. Erga yeroon muraasni darbeen booda aksiyoonni ni küfe. Ni kasaarre. Liqaa baay’ee waliin hafne. Karaa badaa (badii ribaa) yommuu Rabbiin akkana jedhu barree:2:276

Rabbiin dhala (keessaa barakaa) ni haaqa; sadaqaa immoo ni guddisa. Rabbiin warra akkaan kafaraa, dilaawa hundaa hin jaallatu.” Suuraa Al-Baqaraa 2:276

Halkan tokko dhiirsa kiyya waliin mormii cimatti seenne. Akka na hiiku isarraa barbaade. Innis iyyuun, “Ati narraa hiikkamte… Ati narraa Hiikkamte..” nan jedhe. Anaa fi intalli koo garmalee boonne. Kanattu mataa kiyya keessa deema: Rabbiif ajajamuu irratti walitti dhufnee,Rabbiin diidun (daangaa Isaa darbuun) addaan baane.

Akkam nama gaddisiisaa! Barnoota meeqa baranna asirraa? 1. Wanta qabanatti quufu fi gammaduu. Osoo jarri lamaan kunii akkuma sanitti gammadanii Rabbii ajajamuu itti fufanii silaa wanti qaban ni dabalamaafi ture. Kanaafu yommuu bidiruu gaa’ila yaabbun wanti nyaannu fi dhugnu karaa halaalatin kan dhufuu ta’uu qaba. 2. Dhalli (ribaan) qabeenya fi nama akka addaan diigu ni hubanna. Dhallii liqaa keessaa hin baane fi ciqniitti nama dabarsa. Rabbiin waa’ee ribaa ilaalchise baay’ee nu akeekachise sababa inni miidha guddaa dhala nama irraan geessun. Namni karaa ribaatin qabeenya walitti kuusuf carraaqu nama qabeenya fi mataa ofii balleessuf carraaqudha. Kanaafu waxxee gaa’ila yommuu ijaaruf deemnu, galiin keenya karaa halaalaa qofaan kan dhufu ta’uu qaba. 3. Jireenya keenya keessatti karaa kaminiyyuu daangaa Rabbii darbuu irraa of tiiksuf of eeggannoon tarkaanfachuu qabna.

2.Iklaasa
Iklaasni galii argachuu fi rakkoon nurraa deemu keessatti shoora guddaa akka taphatu mata duree irratti mari’atamuudha. Damee iklaasa keessa tokko bakka namuu hin agarreetti hojii gaarii hojjachuudha.

Gaafa tokko ibn Mukandiir yeroo roobne dhabamu du’aayi gochuuf gadi bahe. Masjiida Ergamaa Rabbii(SAW) kan madiina keessatti argamuu, teessoo Ergamaa Rabbii biratti du’aayi osoo godhuu, namticha mataan gadi jedhee akkana jedhu arge. “Yaa Rabbii yeroon gogiinsaa kunii gabroota kee irratti ulfaate jira. Siin kakadhe dhugumatti isaani rooba ni fidda.” Sa’aa tokko keessatti dumeessi dhihaachu jalqabe. Yeroo gabaaban booda roobu jalqabe.

Amma ıbn Mukandiir aalimoota fi namoota gaggaari Madiina keessa jiran keessa of lakkaa’a türe. Garuu namtichii taqwaa qabu kan inni hin beekne fi du’aayin isaa fudhatamaa argatte kunoo as jira. Muddamuun namticha hordofee mana isaa dhaqee. Akkuma namtichi mana ofii seenen ibn Mukandiir balbala dhadhahuun itti seene. Yommuu mana isaa seenu meeshaalee xiqqoo fi namtichi hiyyeessa akka ta’ee hubate. Meeshaa bittaana’ee, harkaa shaakarraa’a, hojiin isaa qamadii tumuu fi hojii hiyyeeyin hojjatan isarratti arge. Ibn Mukandiir akkana jedhe gaafate, “Akkam jirtaa?” Namtichis gaafii isaa kabajaan deebiseef. Garuu nama alagaatin dinqisifamuun isaa isa dhiphise. Ibn Mukandiir dhiphinna isaa dafee hubatuun sababa isa daawwachuuf dhufee ibseef. Akkana jedheen,”Yeroo gabaaban dura kakuu Rabbiin kakatte dhagayee jira. Maallaqa hojii ulfaata kana jalaa baatun hin qabdu, akka hojii aakira irratti xiyyeefatuuf?”

Kunoo namtichi kuni argamee. Yoo namni alagaa ifatti isa baase beekkamaa ta’uuf deema. Namoonni nama Rabbiin sodaatu akka ta’eetti isa ilaalu. Ergasi Ibn Mukandiriin akkana jedheen,”Eenyuttillee nan hin himin,wanta uumames hanga ani du’uu eenyutillee hin dubbatin. Mana kiyyattis hin deebi’in. Yoo deebite namoota biratti beekkamaa na goota.” Ibn Mukandiir nama kamittu akka isa hin himne yookiin du’aayin isaa akkamitti fudhatama akka argatte eenyuttillee akka hin odeessine waadaa haa galuufi malee namtichi itti hin gammanne. Namoonni biroo waa’ee isaa homaa kan hin beekne haa ta’anii malee, Ibn mukandiir yommuu isa arguu nama Rabbiin sodaatu jedhee akka isa yaadu sodaate. (Ibn Mukandiir yommuu na arguu,”Namtichii kunii nama Rabbiin sodaatu”jedhe yaada.) Kanarraa kan ka’ee mana ofii gadi lakkisee gara magaalaa biraa deeme. Achiin booda namoota Madiinaa keessaa eenyullee eessa akka bu’e(deeme) isa hin agarre.   Yeroo baay’een booda yommuu namoonni seenaa isaa baran du’aayi isaa waan dhabaniif ni gaddan. Ibn Mukandiirin,‘Sababa isaatiin namtichii Madiina gadi fure’ jechuun ajiifatan.

Wanti seena kanarraa barannu namni Rabbiin sodaatu hojii gaarii kan hojjatu Rabbiif malee namoota fi beekkamtii argachuufi miti. Namoonni biroo hojii isaa gaarii arguu irraa ni jibba,akka argan hin barbaadu. Hojii gaarii hojjachuutti yommuu dhufuu dhimmicha Rabbii fi of jiddutti dhiisa. Sababa iklaasatiin abbootin salafaa keenya kan beekkamanii fi du’aayin isaani kan hin didamneef. Nutiis kanaaf carraaqu qabna.

3.Gufuuwwan
Wantoonni duubatti nama harkisan dhokataa fi ifatu jiru. Qalbiin gara Rabbii akka ol hin deemne fi karaa irratti hin qajeelle duubatti harkisuu. Wantoonni duubatti nama harkisan gurguddoon sadii jiru. Isaanis shirkii,bida’a (amantitti waan haarawa dabaluu) fi cunqursaa/badii. Gufuun shirkii towhiida qulqulluu qabaachun bada. Gufuun bida’a sunnaa Ergamaa Rabbii hordofuun bada. Gufuun badii immoo towbachuun (gara Rabbii deebi’uun) bada.

Gufuwwan kunniin gabrichaaf ifa hin ta’an hanga inni qophaa’a ta’uu fi Rabbiif ajajamu kan itti fufu yoo ta’ee malee. Yeroo inni Rabbiif ajajamuu itti fufu gufuwwan kunniin itti mul’atu. Sadarkaa murannoo fi iklaasa isaa irratti hundaa’un gufuwwan kunniin itti dhagahamu.(Salphatti badii ta’uu isaani ni beeka). Garuu yoo inni/ishiin tarkaanfi tokkoyyu gara Rabbii hin fudhatiin gufuwwaan kanniin hin argu/argitu.

 4.Bu’aa Cubbuu /badii dhiisu

Rabbiin Gooftaa Addunyaa guutuu kan ta’e faarfamee. Osoo bu’aa cubbuu dhiisu hubanne silaa cubbuu raawwachuu ni dhiisna. Namni cubbuu/badii raawwachu yommuu dhiisu faaydawwan armaan gadi argata. Cubbuu dhiisun– arjoominna namtichaa olkaasa,kabaja eega,qabeenya tiiksa,jaalala uumamtoota akka qabaatu godha, karaa jireenya gaarii jiraata, qaamaf boqonnaa,qalbiif jabeenya fi gammachuu, ruhiif boqonnaa,lapheef mirqaansu kenna. Salphinnaa fi gadhummaa irraa nama baraara, gadda fi dhiphinnaa xiqqaa akka qabaatan nama godha, nafsee salphinna irraa dhowwuun kabaja laataf. Dukkana cubbuu irraa garagaluun ifa qalbii eega, karaa kaafirotatti hin mul’anne qalbitti agarsiisa, soorata inni gonkumaa hin yaanne Rabbiin fidaaf, wanta kamuu kaafiroota irratti ulfaata ta’ee ni laaffisa,

Namni yommuu cubbuu dhiisu namoonni isa tajaajiluuf, jaalala fi hiriyummaa isaa argachuuf wal dorgomuu,dhimma isaa ni guutuf, yommuu maqaan isaa baduu ni tiiksuf(inni nama wanta akkasi hojjatu miti jechuun maqaa isaa eeguf), Rabbiitti ni dhiyaata, sheyxaanarraa ni fagaata. Du’a hin sodaatu. Kana irra Rabbiin wal qunnamuu fi ajrii(mindaa) argachuuf yaaddawa. Ija isaatti addunyaan tunii baay’ee xiqqoodha,aakiraan immoo garmalee guddoodha. Mi’aa Rabbii ajajamuu fi imaana ni dhandhama, malaaykonni du’aayi isaa godhu. Beekumsi,hubannoon, imaanni isaa, Rabbiin wal qunnamuuf dharra’uu, Isa jaalachuu fi gammachuun towbaa ni dabalamaaf.

Yommuu gabrichii cubbuu dhiisu kunniin bu’aa addunyaa kanarratti argamuudha. Kan aakiraa hoo maal ta’inna laata? Yommuu inni du’u malaaykonni oduu gaarii Rabbiirraa itti beeksisu. Oduun gaariin kunis jannata galuu fi sodaa fi gaddii irraa deemudha. Mana hidhaa addunyaa tanaa dhiise gara Jannataa deema. Guyyaa Qiyaama yeroo namoonni fuuran /dafqii irraan garagaluu inni gaaddisa Arshii jalatti baqata. Yommuu isaan lixan inni immoo garee namootaa Rabbii sodaatanii fi milkaa’an waliin  harka mirgaatin fudhatama. Rabbiin akkana jedha:62:4

Kuni tola Rabbiitti. Isa abbaa fedheef kenna. Rabbiinis abbaa tola guddaati.” Suuraa Al-Juma’a 62:4

Alhamdulillah Rabbiin nama iklaasa qabaatu,cubbuu irraa fagaatu,Jaalala Isaati fi jannata argatu nu haa godhu. Amiin. Hanga torbaan mata duree biraatin walitti deebinutti assalamu aleykum wr wb.
Kitaabota wabii
1,2 Gems And Jewels Fuula 257, 298-300
3,4 alfawaid  Fuula 254-256, 259

Dhama’iinsa (Confusion)-Kutaa 1ffaa
Boqonnaa Sammuu-Kutaa 3ffaa
Kana Raabsi

2 comments

  • waaley kumassalaam
    waraah matullaahi
    wa barkaatuh
    maasha allah
    rabbiin isinirraa haa jaallatu
    rabbiin galata keessan jennatuma haa taasisu
    Page keessan kana irraa hedduu barnoota argachaa jira akka kootti
    rabbiin beekumssa ittiin isin milkeessu ammallee dabalee isiniif haa kennu
    جزاك الله خيرا يا

  • W.wr.wb rabbiin sirra ha jaalattu

Leave a Reply

Your email address will not be published.