Gaa’ila Duraa Gufuu kaasu lakk. 4

Gaa’ila duraa gufuu kaasu mata duree jedhu jalatti wantoota baay’ee waliin mari’achuun keenya ni yaadatama. Wantoota baay’ee akka baranne abdiin qaba. Warroonni fuutanii fi hin fuune qophiile kana dubbisuun jireenya keessan foyyeefachuuf akka carraaqa jirtan abdiin qaba. Hanga ammaa mata duree “gaa’ila duraa gufuu kaasu” jedhu jalatti seeronni mari’ataa turre kitaaba “20 Rules and Tools for a Great Marriage” jedhamurree fudhatamaniidha. Wantoonni kitaaba kanarraa fuudhannu haala armaan gadiitin xumuramu. Yaadonni kitaabicha irraa fudhataman mallattoo waraabbi (“..”) keessa kaa’amu. Ammaan booda waa’ee gaa’ila ilaalchise haala ilaale yookaa itti fufa yookiin nan dhaaba. Yookiin immoo darbe darbee haala barruun dheeratiin Sanbata yookiin Dilbata qopheessa. Hayyee itti haa fufnu…

1.Waliin hojjadhaa– yeroo jalqaba walitti dhuftan kaayyof walitti dhuftan; isin lamaanu kaayyoo wal fakkaata fi kaayyoo garagaraa qabdu. Kaayyoo keessan lamaanu bakkaan gahuuf tokkommaan baay’ee barbaachisaadha. Harkii wal dhiqaa jedhamaa mitiiree? Niiti fi dhirsi ijaarsa maatii ofii keessatti yoo wal hin gargaarin, tokko tokkorratti ba’a ta’a, wal diiggatu dhufa. “Quuncen wal gargaarte arba hiiti.”jedhaa mitiiree Oromoon yoo mammaaku? Jirenya keenya keessatti wal gargaarre fi wal qabanne yoo hojjanne waan gaarii buusna, tokkummaa fi jaalalli keenya ni dabala. Eeti jireenyi gaa’ila salphaa miti. Ijjoolle guddisuun,maallaqa argachuf carraaqun, rakkoole adda addaa waliin qabsaa’un malaa fi ogummaa gaafata. Malaa fi ogummaan kunniin kan argaman tokko qofaan kan bocaman osoo hin ta’iin hirmaanna namoota lamaani yookiin sanii ooliti. Barreessan kitaabicha as jalatti wanta jedhu qaba. Gaa’ila keessatti kanniin guuttadhaa jedha: Gumaacha + wal qunnamtii + waliin ta’uu (tokkummaa) + walii yaadu + iftoominna = walitti gammaduu. Gumaacha yommuu jennu lamaan keessanuu hojjachuu qabdu, itti gaafatamummaan keessan gargar haa ta’uu malee. Lamaan keessan wal gargaaru qabdu. Gumaachi isin lamaan irraayyu ni eeggama. Wal qunnamtii yommuu jedhu immoo lamaan keessan waliin haasawu fi mari’achuu qabdu. Yaada walirraa fudhachuun maatii keessan ijaaruf tattaafachuudha. Waliin ta’uu yoo jennu immoo lamaan keessanu kaayyoo kaatanif harka wal qabattanii hojjachuudha. Walii yaadu yoo jennu immoo tokko tokko mararfatuu, dogongora irra walii darbuu, walii araaramu fi yaada walii caqasuudha. İftoominna yoo jennu immoo lamaan keessanu mul’ataa fi kaayyoo ifaa qabaachudha. Isin lamaan jiddutti kaayyoo dhokataa osoo hin ta’iin kaayyoo ifaa qabaachun daandii tokkorra waliin deemudha. Kanniin yoo hojirra oolchine Insha Allah gaa’ila keessatti gammachuu ni arganna.

Shaakala
“Bakka isiniif yaadannoo ta’u tokko waliin deemun gummaacha armaan gadii waliin haasawaa.

  • Lafaa ka’anii xiyyeefannoon wal miidhu dhiisu.
  • Dugda walii eegu, wal utubuu
  • miira fi wal qunnamtii saalan wal amantummaa qabaachu,
  • waadaa eegu, amanamaa ta’uu
  • Wal hiikkan wal sodaachisu dhiisu, jireenya keessatti wal jaalachuu, Proojektii yookiin hojii tokko naannoo mana keessanni yookiin mana keessatti waliin hojjachuuf yaadu.”

Sagantaa baasun Qur’aana waliin qara’uu, hadiisa walii dubbisuu fi barnoota adda addaa waliin barachuu.

2.Amala keessan yaadadhaa,tiikfadhaa– akka jaalatamnuuf fuudha heeruma dura amala gaggaari baay’ee agarsiifanna, amala badaa baay’ee dhokfanna. Rakkoon keenya guddaan amala badaa qabaachu osoo hin ta’iin amala keenya jijjiruuf tattaafachuu dhiisu keenya. Akkuma kaleessa har’as nyakkisna, amala fafee adda addaa agarsiisna. Ilmi namaa ni jijjirama yoo jijjiramaaf ol ka’e. Barreessan kitaabicha akkana nun jedha,

Ati nama nama arrabsuu moo nama kabajuu?
Ati defensive (of eeguf takkamaan nama ol danfuu) moo nama sirnaan dhageefatudha?
Ati nama obsaati moo nama wanta barbaade hatamtamaan argachuuf obsa kan hin qabneedha?
Wanta qabdu nama waliin kan qoodu moo of jaallataadha?
Gaafilee kana fi kan kana fakkaatan of gaafachuun amala keenya sirreessuf haa carraaqnu.

Shaakala
Amala keenya sirreessuf waraaqa irratti amala badaa keenya haa katabannu. Ergasii amaloota kanniin sirreessuf of onnachiifne haa kaanu.

Dogongora keenya akka waan sirrii ta’eetti mirkaneessuf carraaqu osoo hin ta’iin dhiifama wal gaafachudha. Yeroo baay’ee dhiifama gaafachun akka gadi aantummaatti nutti dhagahama. “Dhiifama, balleessan kooti, damma koo naaf araaramii” Yoo jenne maaltu nurraa hir’ata.

Yeroo tokko namoota lamaan jiddutti walitti araarsuf osoo waliin haasofnu, “Dhiifama naa godhii, itti hin deebi’u” ima jedha ergasi hojjima wal fakkaatu hojjata jetti haati manaa. Dhugumatti dhiifama gaafachu jechuun ‘dogongore jiraa, itti hin deebi’u, naa araaramii.” Jedhanii irra darbuudha,dogongora wal fakkaatutti lamuu deebi’u dhiisudha.

3.Tv fi interneeti xiqqeessaa– yeroo ammaa tv fi interneeti hariiro namaa kukkutaa jira. Afaaniin walitti haasawu dhiisne walii barreessu filanna. Kuni immoo dandeetti wal hubachuu, dubbachuu fi wal jaallachu ajjeessa. Abbaan mana akkuma hojii irraa galeen tv fi interneeti jalatti yoo kufee fi maatii isaa quba yoo hin qabaatin balaa irratti isaan darbaa jira. Hariiroon isaani dadhabaa yoo ta’ee hunduu garuma arge deema. Wal hiikkan baay’een uumamaa kan jiran sababa interneetitin. Inni/ishiin interneeti irratti nama tokko waliin wal qunnamu. Ergasii shakkii fi ibiddi wal lolu isaan jiddutti dhooha. Tv fi interneeti nutu bulchuu qabaa malee isaan nu bulchuu hin qaban. Gabroota keenya ta’uu qabuu malee nutti gabroota isaani ta’uufi hin qabnu. Ani akka yaada kiyyaatti Tv gonkuma mana keessatti osoo argamuu baate jedha. Sababni isaas faayda isaa irra miidhaa isaatu caalaa. Mataa nama dhukkubsa, sammuu ijjoolle jaamsa, xinxallii isaani qancarsa. Kompitara binne wanta isaani fi nu fayyaduu CD yoo ilaalchisne santu caala. Oduu yeroo ammaa Tv irraa argannu oduu mataa nama hadoochan malee oduu dhugaati miti. Kanaafu itti fayyadama Tv fi interneeti daangeessun hariiro fi jaalala keenya cimsuu dandeenya.

4.Yeroo waliin taphattan horadhaa- yeroo kaadhimummaa yookiin akkuma wal fuutan, akkamitti akka waliin taphattan ni yaadattu yookiin immoo warrii hin fuune akkamitti isa/ishii waliin taphannu mataa keessatti yaadota adda addaa bocaa jirraa mitiree? Gaa’ilaan booda ji’oonni muraasni erga darbanii taphni sunii eessa dhaqeree? Yeroo amma waliin haasawuu fi taphachuu dhiisne ija keenya Tv fi interneeti irratti boobasna. Kuni immoo hariiro fi jaalala nu jiddu miidha.Shaakala:

    • Wantoota waliin taphattanii tarreessa. Garuu wantii waliin taphattan miira lamaan keessanii kan miidhu ta’uu hin qabu.
    • Oduu durii fi seenaa namoota darbanii walii odeessaa
    • Iddoole bashanana waliin bahaa, garuu wantoota faahishaa (fokkuu) irraa fagaadha fakkenyaf kan akka mana muuziqaa, biira,fi kkf

5.Posotivii yaadaa– namoonni wanta gaarii kuma osoo namarratti arganuu yoo wanta badaa/dogongora tokko namarratti argan nama badaa akka ta’etti nama yaadu. İja baddu ittiin argan malee gaarii ittiin argan hin qaban. Niiti/dhiirsi keenya karaa tokkoon ilma namaa waan ta’eef/taatef badaa/hanqinna qabaachu danda’a/dandeessi. Garuu gara biraatiin wantoota nama dinqisisan gaarii baay’ee qaba/qabdi. Yeroo hundaa tuqaa gurraatti yoo walirra barbaanne jireenya boqonnaa fi nageenya hin qabne jiraanna. Kana irra Ergamaan Rabbii (SAW) wanta nu gorsan osoo dhageenne maal qabaa? Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

لاَ يَفْرَكْ مُؤْمِنٌ مُؤْمِنَةً إِنْ كَرِهَ مِنْهَا خُلُقًا رَضِيَ مِنْهَا آخَرَ ‏”‏

Dhiirri amane dubartii amante jibbuu hin qabu. Yoo amala ishii tokko jibbe, amala biraa ishii itti gammada.” Sahih Muslim- 1468

Rabbiin akkana jechuun nu gorsa:

4:19Yaa warra amantan dubartii dirqamaan dhaalun isiniif hin eeyyamamu. Yoo hojii fokkataa raawwachuun isaani ifatti beekkame malee. Garii waan mahrii (kennaa) isaanif kennitanii fudhachuuf heeruma isaan hin dhorginaa. Akkataa gaariin isaan waliin jiraadha. Yoo isaan jibbitaniis (obsaa); waan tokko isin kan jibbitan Rabbiin isa keessa keyrii hedduu godhuun ni kajeelama.” Suuraa An-Nisaa 4:19

6.Wal lolli keessan madaalama haa ta’uu– takkaa dhiirsa fi niitin wal lollaan dogongora mataa ofii hubachuu dhiisanii, tokko tokkotti quba baasa. Balleessan kiyyaa miti keeti jedha. Walitti dhara yaadun ni jalqabama. Halkanii guyyaa kan walitti nyakkistan yoo ta’ee ijoollen ni rifatu. Nageenya dhabu. Yommuu wal lollu tokko tokkorratti quba qabuu dhiisne osoo dogongora keenya lamaanu hubanne salphatti rakkoo keenya füruu dandeenya. Yommuu wal loltan oduu alatti hin baasina, ofuma jiddutti furaa. Gariin namaa niitin tiyya akkana akkana jedhe namuma argetti hima. Nama furmaata si hin finne yookiin wanta gaariitti si hin qajeelchine rakkoo kee itti hin himiin. Mata duree oduu mana bunaa taatati.

Barreessan Kitaabicha sirnoota wal lola torba lafa godha. Isaanis:
“a.Yeroo fi bakka sirrii filadhu– yeroo dadhabbii, dhiphinnaa wal hin lolinaa. Ummata fi ijjoolle biratti wal hin lolina. Ummata keessatti wal lolun nama qaanessa, ni salphisa. Ijjoolle funduratti wal loluun immoo miira abbummaa fi haadhumma shaakareessa, nageenya dhabsiisa.
b.Kabaja agarsiisi– walitti iyyuun rakkoo babal’isa malee hin füruu. Wanta dubbattuufis of eeggadhu. Wal lolun nama rukutu osoo hin rakkoo rukutuudha.
c.Yeroo tokkoof dhimma tokko furuuf carraaqa– dhimma tokko osoo hin furiin gara dhimma biraatti darbuun rakkoo babal’isa. Yeroof rakkoo tokko irratti waliin mari’achuu fi furmaata fiduuf walii galaa.
d.Ammarratti dhaabbadhaa– yeroo baay’ee yommuu wal lollu wanta duraani wal yaadachisuun wal madeessan, furmaata fiduu dhiisne rakkoo babal’isna. Wanta darbee irraanfadhu ammarratti xiyyeefadhu.
e.Dubbii addaan hin kutiin– namoonni yommuu wal lolan sirnaan wal dhageefachuu dhiisanii wantuma ofii fedhan haasawu. Kuni immoo furmaata hin ta’uu. Hanga inni/ishiin fixattu obsi. Wanta ishiin/inni jedhu sirnaan dhageefadhu. Ergasii atillee dubbii kee itti fufii. Haala kanaan furmaata fidu dandeenya.
f.Furmaatan fixi- furmaata fiduun ni ulfaata. Haa ta’uu malee sirnaan wal dhageefachuun, wal kabajuun, yaada walirraa fudhachuun, yaada tokko irratti walii galuu fi walii araaramuun furmaata irra gahuun ni danda’ama.
g.Wal lolaan booda haaromsi– kana jechuun erga lolli dhaabbateen booda tokko tokko dhiifama gaafachuu, dubbii gaarii walitti haasawu, wal dhungachuu, jireenya haarawa gara funduraatti waliin jalqabuuf tattaafachudha.”

7.Araaramii- namoonni jechootan qalbii yommuu wal madeessan walii araaramun itti ulfaata. Ammatti araaramu hin danda’u jedhu. Madaa kee gadi liqimsuu fi amala niiti/dhiirsa keeti beekun araaramiif. Araaramun qofti gahaa mitii yoo gadoon qalbii keessaa hin bahiin. Wanti darbee gonkumaa duubatti akka hin deebine beekun jireenya, jaalala fi hariiro haarawa jalqabuuf qophaa’a. Erga walii araaramtanii booda irra deddeebitanii dogongora wal fakkaata hin raawwatinaa. Akka walii hin araaramne wantii godhu keessaa niitin/dhiirsi amala badaa san ofirraa mulquu dadhabuudha. Kanaafu amala keenya foyyeessuf guyya guyyaan carraaqu qabna.

8.Yeroo wal fakkaatu gara siree deemaa

9.Hiriyyaa– jireenya namaa keessatti hiriyyaan murteessadha. Nama kamiin waliin hiriyyoomu akka qabnu yoo addaan hin baasin gufuu baay’etu nu muudata. Barreessan kitaabicha ammas wanta nuun jedhu qaba. Hiriyummaan armaan gadii gaa’ila kee miidha yoo daangaa hin qabaatin:
a.Hiriyyaa dhabuu– guutumaan guututti hiriyyaa dhabuun gara biraatin utubdu dhabuudha. Niiti/dhiirsi wanta hundaafu wal eegu jechuudha. Kanaafu jireenya keessatti guutumaan guututti hiriyyaa dhabuun hin barbaachisu. Garuu hiriyyaa gaarii filachuun barbaachisaadha.
b.Hiriyyaa garagaraa– dhiirsis hiriyyaa dhiira, niitinis hiriyyaa dubartii addaa qabdi. Kunii baay’ee gaariidha. Haa ta’uu malee yeroo niiti/dhiirsa waliin dabarsan caalaa hiriyyaa waliin dabarsuun jireenya gaa’ilaa balaa irratti darba. Asitti of eeggannoon gochuu qabnu niiti/dhiirsa keenya hiriyyaa keenya caalaa jaallachuu qabna. Dursi niiti/dhiirsa keenyaaf ta’uu qaba.
c.Hiriyyoota negaativii– hiriyyoonni haala gaarii fi bu’a qabeessa ta’een yoo dhiibba nurratti godhan gaarii fi gammachiisadha. Garuu wanta fafee jireenya gaa’ila keenyatti yoo fidan yeroon irraa dheessudha. Maqaa niiti/dhiirsa keenya kan xureessan yoo ta’an yeroon irraa fagaachudha. Hiriyyoonni yeroo dargagummaa garmalee osoo wal jaallatanuu ergasii maatii yoo gadhatte fi haala gaariin jiraachu jalqabde, si waanyu. Karaa si balleessaniin barbaadu. Kanaafu hiriyyoota akkana of eeggachuu qabna.
d.Hiriyyaa saala faallaa– saala faalla waliin hiriyyoomu fi garmalee itti dhihaachun guyyaa adiin manatti ibidda qabuudha. Hiriyyaa saalaa fallaa waliin hiriyyoomun wal shakkii fi waanyun akka uumamu taasisa. Kuni salphatti jireenya gaa’ila bittineessa. Kanaafu gowwaa hin ta’in.
e.Hiriyyoota baay’ee– hiriyyoonni baay’een immoo yeroo fi annisaa kee gubuu. Rakkoo adda addaa jireenya kee keessatti uumu. Oduu garaa garanaa olii gadii fuudhun si balleessu. Kanaafu hiriyyaa baay’ee qabaachu irraa of qusachuun maatii gaarii ijaaru dandeenya.

Hiriyyaan gaariin si jajjabeessa, yoo mukoofte si abdachiisa, karaa sitti agarsiisa, wanta gaaritti si kakaasa, utubduu si ta’a. Walumagalatti hiriyyaan keenya jalqabaa niiti/dhiirsa keenya ta’uu qaba. Wanta hundaa isa/ishii waliin mari’anna, miira keenya waliin kan qoodannudha. Asirraa kan hafan hiriyyoota sadarkaa lammataati. Hiriyyoota sadarkaa lamaanu haala gaariin filachuu qabna.

Alhamdulillah Rabbil Aalimin waa’ee gaa’ila ilaalchisa asirratti xumurama. Insha Allah gara funduratti bal’isuun haala kitaabatin akka maxxansuu abdii guddaa Rabbirraa qaba.
Like www.facebook.com/jireenyabadhaatu

Gaa'ila kee Baraaruf-Kutaa 1

2 comments

Leave a Reply