Qulqullinna Qalbii-Kutaa 1ffaa

Qalbii ofii qulqulleessun maaliif barbaachise? Dhukkubni dhukkaba caalu dhukkuba qalbii akka ta’ee sirritti hubanne jirraa sila? Baay’een keenya qalbii teenya irraanfanne jirra. Xurii adda addaa irraa ishii qulqulleessu dhiisne addunyaa qofa jala fiigaa jirra. Galaana duniyaa tana jala lixne jirra. Gaafi qalbii ofii qulqulleessun maaliif barbaachise kan jedhutti yoo deebi’u, qalbii ofii qulqulleessun furtuu milkaa’innaati,tuqaa ka’uumsa jijjiramaati. Namni xurii akka munifiqummaa, of tuuluu, jibbaa, waanyoo, fi kkf irraa of qulqlulleessuf carraaqu dhugumatti ni milkaa’a. Namni lubbuu ofii qulqulleesse milkaa’e. Kan of dagate immoo ni hoonga’a. Qur’aanni kana nu mirkaneessa.87:14
“Dhugumatti namni of qulqulleesse milkaa’e” Suuraa A’ala 87:14

91:991:10

Namni ishii(lubbuu) qulqulleesse dhugumatti milkaa’e.
Kan ishii xureesse dhugumatti hoonga’e.” Suura Ash-Shams 91:9-10

Rabbiin suuraa namtichaa, qabeenya fi sadarkaa isaa kan ilaalu osoo hin ta’in qalbii fi hojii isaa ilaala. Hanga fedhe namtichi bareeda fi soreessa ta’ee garuu qalbiin isaa kan badde fi hojiin isaa gaarummaa irraa kan fagaate yoo ta’ee Rabbiin biratti gatii wayitu hin qabu. Hadiisa Abu Hureyran gabaasan keessatti Ergamaan Rabbii(SAW) akkana jedhu.

إِنَّ اللَّهَ لاَ يَنْظُرُ إِلَى صُوَرِكُمْ وَأَمْوَالِكُمْ وَلَكِنْ يَنْظُرُ إِلَى قُلُوبِكُمْ وَأَعْمَالِكُمْ ‏”‏
Dhugumatti Rabbiin suuraa fi qabeenya keessan hin ilaalu. Garuu qalbii fi hojiiwwan keessan ilaala.” (Sahih Muslim 2564)

Adeemsi fi haalli namaa kan tolu qalbiin yoo tolteedha. Yoo ishiin badde maaltu tola ree? Haalli jireenya namaa qalbii irratti hundaa’a. bareedinni fi fokkinni amalaa qalbii irraa burqa. Kanaafi Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
أَلاَ وَإِنَّ فِي الْجَسَدِ مُضْغَةً إِذَا صَلَحَتْ صَلَحَ الْجَسَدُ كُلُّهُ، وَإِذَا فَسَدَتْ فَسَدَ الْجَسَدُ كُلُّهُ‏.‏ أَلاَ وَهِيَ الْقَلْبُ ‏”‏‏.‏
Dhugumatti qaama keessa mudgaa(muraa fooniitu) jira. Yoo ishiin tolte qaamni guutun ni tola. Yoo ishiin badde qaamni guutun ni bada. Dhugumatti ishiin qalbiidha.” (Sahih Al-Bukhari fi Muslim)

Yoo qalbiin tolte arrabni ni tola, waan gaarii dubbata, waan badaa irraa fagaata. Yoo qalbiin tolte ijji,gurrii,harkii ni tolu. Ijji waan gaarii malee waan badaa hin ilaaltu; gurrii waan gaarii malee waan badaa dhageefachu hin barbaadu; harkii zulmii(miidhaa) hojjachuu irraa ni fagaata. Garuu yoo qalbiin badde, arraabni waan gaarii dubbachuu hin beeku, ijji waan badaa malee waan gaarii ilaalu hin feetu, gurri waan badaa malee waan gaarii dhageefachu hin fedhu. Kanaafi yoo qalbiin tolte qaamni guutun ni tola; yoo qalbiin badde qaamni guutun ni bada jedhameef. Kanaafu barbaachisummaa qalbii ofii qulqulleessu fi yoo qulqulleessu dhiisne immoo badiin hangam guddaa akka ta’e erga beekne, qalbii teenya qulqulleessuf carraaqu hin qabnu ree?

 Mindaan qalbiin teenya qulqulleessun argannu maaliidhaa?
Qalbii ofii qulqulleessun addunyaa aakiratti(jireenya booda) najaa (nagaha) bahuudha. Akkuma keeyyattoonni Qur’aana armaan olii nu dhaamanitti qalbii ofii qulqulleessun biyya lamaanittu milkaa’udha. Namni qalbii ofii xurii adda addaa irraa qulqulleessu nageenya,tasgabbii fi boqonnaa sammuu argata. Namoonni biroo xurii kanniin yommuu rakkatan inni immoo fayyaa argata. Addunyatti nageenya,tasgabbii fi jireenya gaarii gaggeessun yommuu badhaafamu Aakiratti immoo wanta kana caalu argata.20:7520:76

Namni mu’umina ta’ee dhugumaan hojii gaarii hojjataa gara Isaa(Rabbii) dhufes isaan sun isaaniif sadarkaalee ol’aantutu jira. Jannata qubsumaa kan jala ishii laggeen yaatutu isaanif jira. Ishee keessa yeroo hundaa jiraatu. Kuni mindaa nama of qulqulleesseti.” Suuraa Xaahaa 20:75-76

Dhukkuboonni qalbii maal fa’aa?
Nuti mataa keenyan dhukkuba ofirratti beekne yoo of fayyisuuf hin caraaqin eenyulle dhukkuba keenya beeke nu hin fayyisu. Hojii hojjannuu guutuun itti gaafatamoon nuhi. Gaariis badas yoo hojjanne numarratti deebi’a. Jireenya nageenya hordofuu fi qalbii fayyaa qabachuuf dhukkuboota qalbii addaan baasu fi faayyisuun baay’ee barbaachisaadha. Dhukkuba qalbii yeroo jennu yeroo baay’ee wanti mataa keenya qaxxaamuru heart attack (onneen dhiiga raabsu irraa hojii dhaabu)dha. Dhukkubni dhugaan ilma namaa huubaa jiru kana osoo hin ta’in dhukkuba afuurati(spiritual). Dhukkuboonni qalbii kana fakkaatu: Shirkii (Rabbiitti waa qindeessu, Isa waliin yookiin Isaan ala wanta biraa gabbaruu), shakkii, fuula lama ta’uu(munaafiqummaa), riyaa(na argaa), of tuuluu (kibr), jibba, waanyu, dhara yaadu, haafa’uu(greediness), doy’ummaa(stinginess), sobuu,gowwomsuu fi kkf.

Shirkii (Rabbitti waa qindeessu ykn Rabbiin ala wanta biraa gabbaru)
Shirkiin yakka yakka caaludha. Namni tokko nama ajjeessu yookiin gudeedu danda’a. garuu yakkii kuni yakka shirkiiti gadi. Sababni isaas, shirkiin mirga Rabbii Mootii moottota kan ta’ee dhiiba. Kan lammataa immoo mirga uumamtoota dhiiba. Mirgi Mooti mottotaa dhiibamuu wayya moo mirgi uumamtoota dhiibamu wayya? Kan nama uume,nyaachisu,obaasu, rakkoo keessaa kan baasu Rabbiin ta’ee osoo jiru Isa waliin yookiin Isaan ala kan biraa gabbaruun akkamitti badii xiqqaa ta’a ree? Si uume, nyaachise, wanta barbaaddu sii guute,ergasi Ana qofa gabbarii yoo siin jedhu,ati garuu kan si hin fayyanne fi hin miine yoo gabbartuu/waqeefattu, Gooftaa addunyaatti yommuu finciltu yakkii isaa hangam ulfaatadha? Yakki kana caale eessa jira laata? Qur’aanni zulmiin guddaan shirkii akka ta’ee nuu dhaama:31:13

Yeroo Luqman ilma isaa odoo gorsuu,’Yaa ilma kiyya Rabbiitti waa hin qindeessin. Dhugumatti shirkiin zulmii(badii,yakka,miidhaa) guddaadha.’ Jedhe yaadadhu.” Suuraa Luqmaan 31:13

Namni osoo shirkii hojjatu yoo du’ee gonkumaa Rabbiin hin araaramuuf:4:48
Dhugumatti Rabbiin Isatti waa qindeefamuu hin araaramu. Waan sanaa gadii nama fedheef ni araarama. Namni Rabbitti qindeesse dhugumatti cubbuu guddaa uumera.”Suuraa An-Nisaa 4:48

Garuu yoo gara Rabbii deebi’ee fi cubbuu shirkii dhiise, Rabbiin ni araaramaaf. Kanaan ala garuu Iyyasuus(nageenya isarratti haa jiraatu) gooftaa kiyya, ebalu goofta kiyyaa osoo jedhu namtichi yoo du’e ibidda malee wanti biraa wanti isa eeggatu tokkolle hin jiru

.5:72

Isaan Rabbiin Masiih ilma Mariyam jedhan dhugumatti kafaranii(kaadanii) jiru. Masiihis (Iyyasuus) ni jedhe:’Yaa ilmaan Israa’il! Rabbii Gooftaa kiyyaa fi Gooftaa keessan ta’e gabbaraa. Dhugumatti namni Rabbitti waa qindeesse Rabbiin isarratti Jannata haraama(dhowwaa) taasiseera. Teessoon isaas ibidda. Miidhaa raawwattootafis tuumsitoonni hin jiran.” Suuraa Al-Maa’ida 5:72

Qalbii teenya shirkii irraa qulqulleessuf carraaqu qabna. Hanga fedhe namtichi hojii gaarii haa hojjattu shirkiin hojii isaa guutu balleessiti. Dhukkubni shirkii qalbii jaamsa, ni dukkaneessa. Qalbiin yommuu shirkiin haguggamtu, hammeenya malee gara laafummaan irraa hin mul’atu, rahmanni irraa hin eeggamu. Mushrikoota(namoota Rabbiitti waa qindeessan) hangam qalbiin isaani akka jabaattu mee ilaalaa? Waan gaarii namaa yaadu hin beekan. Shirkiin madda cunqursaati fi gabrummaati. Namni Rabbiin ala wanta biraa gabbaruu ni cunqurfamaa, ni gabroofama. Osoo hanga fedhe bilisummaa argadhe jedhe lallabee yoo Rabbii tokkicha qofa hin gabbarin, gabrummaa fi wallaalummaa ofii malee wanta biraa lallabaa hin jiru. Namni Rabbiin ala wanta biraa gabbaruu gabrummaa namaa,sheyxaana, fedhii ofii, duniyaa jalatti kufa. Bilisummaa fi gammachuu hin argatu.

Rabbii tokkicha qofa gabbaruun akkam namatti tolaa! Rabbii tokkicha qofaa gabroomta. Kan gabroomtus faaydaa Isaatif osoo hin ta’iin faaydaa mataa keeti qofaatif. Isa qofa gammachiisuf carraaqxa. Yommuu Isa qofaa gabroomtu ba’aa meeqa ofirraa buustaa! Gabrummaa namoota,sheyxaana, nafsee fi kkf jala ni baata. Qalbiin tee nageenya fi boqonnaa argatti. Tikaa fi eeggumsa Rabbirraa argatta. Qalbiin tee hin jaamtu. Dandeetti xinxallii fi wantoota addaan baasu horatta.

Qalbiin dhukkuba shirkii irraa yoo qulqulloofte dhukkuboota biroo qulqulleessun ni salphata. Hiddi Laa ilah illaAllah (Rabbiin malee kan haqaan gabbaruu hin jiru) qalbii irratti sirritti lafa yoo qabate mukni asirratti biqiluu bu’aa baay’ee buusa. Habaabon hojii gaggaari asirratti daraaru. Firiin isaas guddaadha. Hojiin gaariin tunii Rabbiin biratti fudhatama argatti. Garuu hiddi Laa ilah illaAllah qalbii irra yoo hin jiraatin habaabon hojii gaarii maal irratti daraara? Dhaaba hin qabu. Hojiin gaariin achumatti coollage yookiin goge hafa. Rabbiin biratti gonkumaa fudhatama hin argattu.

Dhukkuba shirkii fayyisuuf gara Qur’aana qajeelu fi Sunnaa Ergamaa Rabbii(SAW) hordofuudha. Beekumsa shirkii qabaachun baay’ee barbaachisadha. shirkiin karaa adda addaatin namatti dhufa. Gosoota shirkii addaan baasne of eegganoon jireenya keessa tarkaanfachu qabna. Balaan shirkiin dhufu balaa hunda caaludha. Dallansuu Rabbii namatti fida, adabbii hamaan sababa isaatin nama tuqa. Ummatoonni darbaan sababa shirkiini mitii kan halaakaman(badan)! Gariin isaani bubbee hamaan,gariin isaani bishaanin,gariin sochii lafaatin,gariin isaani immoo iyyinsa hamaatin halaakaman. kuni hundii sababa shirkii fi cubbuu isaa gadiitin. Kanaafu qalbii teenya shirkii irraa qulqulleessuf carraaqi guddaa nu barbaachisa. Rabbiin shirkii dhokataa fi ifaa,kan nu beeknu fi hin beekne irraa akka nu eegu kadhachuu qabna.
يَا مُقَلِّبَ الْقُلُوبِ ثَبِّتْ قَلْبِي عَلَى دِينِكَ
“Yaa Kan qalbii Jijjirtuu hoo! qalbii koo Diinii(amantii) kee irratti gadi dhaabi.”3:8
Gooftaa keenya erga nu qajeelchitee booda onnee keenya dhugaa irraa hin jallisin. Si biraas rahmata nuuf kenni.Dhugumatti Ati akkaan kennaadha.” Suura Ali-Imraan 3:8
Yaa Rabbii qalbii teenya qulqulleessi,aybii(dogongora) keenya nu haguugi. Amiin Yaa Rabbii. Hanga torbaan kutaa itti aanun wal agarrutti Assalaamu aleykum wr wb
Like: www.facebook.com/jireenyabadhaatu

Qulqullinna Qalbii-Kutaa 2ffaa
Kana Raabsi

Leave a Reply

Your email address will not be published.