Qulqullinna Qalbii-Kutaa 2ffaa

Yeroo darban keessa dhibeewwan qalbii tuttuuquf yaalle turre. Muraasa isaani maqaa dhoofne turre. Qalbiin yeroo hundaa karaa adda addaatin dhukkubsatti. Garuu qaamni yeroo hundaa kan dhibamu osoo hin ta’in yeroo muraasa. Namni dhibee qalbiitin du’ee dhumni/ga’uumsi isaa nama sodaachisa akkuma kutaa 1ffaa keessatti jenne. Namni dhibee qaamatin du’ee yoo qalbiin isaa qulqulluu taate malkaa’inna ol’aanaa galmaan gaha. Aalimoonni tokko tokko akkana jedhu,”Dhibeen qalbii azaaba(adabbii) Rabbiiti, dhibeen qaamaa immoo rahmata Rabbiiti.” Sababni isaas dhibeen qaama cubbuu namarraa haaqa, dhibeen qalbii immoo cubbuu/badii namatti dabala. Qalbiin namticha yoo dhibamte namtichi cubbuu irratti cubbuu biraa hojjata. Kanaafu qalbii teenya qulqulleessuf carraaqun bu’uura milkaa’inna fi gammachuu jiruu fi jireenya keenyati. Yeroo ammaa baay’een keenya qalbii koo qulqulludha jenna malee dhibamte jenne qorsa itti barbaaduf hin fiignu. Tolee mee ammallee dhibee qalbii waliin mari’achuu itti haa fufnu.

Munaafiqummaa
Munaafiqummaa jechuun fuula lama ta’uu, garagaltoo lama ta’uu. As yoo dhufu nama kana fakkaachu, achi yoo dhaqu nama san fakkaachu. Keessi wanta hadhaa fi badaa osoo yaadu arrabaan nama sobuu. Keessi isaa hadhaa fi summiin kan guuttamee osoo ta’ee jiru arrabni isaa immoo akka sukkaraa mi’aawa. Ijjannoo fi kaayyoo gadii dhaabbataa hin qabu. Yeroo hundaa bakka faydan duniyaa jirtutti fiiga. Daangaa Rabbii fi gabroota Isaa eegutti haajaa hin qabu. Ani qofti haa argadhu,ani qofti haa jiraadhudha.  Dhugumatti dhibeen munaafiqummaa dhibee hamaadha. Baay’een keenya munaafiqummaa ofirratti hin beeknu.

Mallatoollen Munaafiqaa maal fa’a?
Abu Hureeyran(RA) akka gabaasanitti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
آيَةُ الْمُنَافِقِ ثَلاَثٌ إِذَا حَدَّثَ كَذَبَ، وَإِذَا وَعَدَ أَخْلَفَ، وَإِذَا اؤْتُمِنَ خَانَ
Mallattoolen munaafiqa sadii: Yommuu dubbatuu ni soba, yommuu waadaa seenu, (waadaa) ni diiga, yommuu amanamuu ni gana, ni kaada (amaanaa yoo itti kennite si hin deebisu, ‘natti hin kennine’ jedhe si gana.)” Sahih Al-Bukhaari 33
“Munaafiqni yommuu nama waliin mormuu amala fafee fi gadhee agarsiisa. Nama arrabsa.”  Namoonni akka isaanitti hin aarref yookiin akka itti gammadaniif yommuu sobu Rabbiin kakata.(ilaali suuraa At-Towbaa 9:56,62)

Yommuu salaataf deemu ni rincica. Salaata yoo fedhe ni salaata yoo fedhe ni dhiisa. 4:142
Dhugumatti munaafiqoonni Rabbiin ganu. Innis (mindaa dalagaa isaanitif) isaan gana. Yeroo gara salaata ka’an taatiyaahaa(rincicaa), nama agarsiifataa dhaabbatu. Xiqqoo malee Rabbiin hin faarsan (hin yaadatan).” Suuraa An-Nisaa 4:142

Munaafiqoonni wanta badatti ni ajaju wanta gaarii irraa ni dhowwu. Sadaqaa kennaa yommuu jedhaman yaada qabeenya keenya ni hir’ata jedhu kuufachun kennu hin fedhan. Yoo kennanis fedhiin osoo hin ta’in jibbaa kennu. Rabbiin keessaa ala namaa beeku akkana nun jedha:9:67
Munaafiqoonni dhiirati fi munaafiqoonni dubartii gariin isaani garii irraayi. Waan jibbamatti ni ajaju waan gaarii irraa immoo ni dhorgu. Harka isaanii (waa kennaa) irraa ni deeffatu. Rabbiin ni dagatan,Innis isaan ni dhiise. Dhugumatti munaafiqonni isaanumatu finciltoota.” Suuraa At-Towbaa 9:67

Mallatoolle munaafiqummaa hanga kana erga hubanne, mataa keenya sakatta’uun hin barbaachisu ree? Ani amala munaafiqa qaba moo hin qabu jennu of gaafachu fi amala san sirreessuf carraaqu nu barbaachisaa mitiree? Ani mu’umina qulqulluu amala munaafiqummaa hin qabne jenne yoo ardii irra deemne sheyxaanni nu gowwoomsaa jiraa jechuudha. Balaan munaafiqaan dhufu balaa hangana jedhamuu miti. Sababa munaafiqaatin ardiin ni maanxofti, Islaamni akka hin babal’anne fi onnee namoota keessatti hidda akka hin qabanne ta’a, tokkummaan fi haqummaan akka hin uumamne gufuu ta’a. munaafiqni addunyaa aakiratti ni salphata.

Adabbiin Munaafiqaa maaliidha?
Addunyaa kanarratti munaafiqni qalbiin isaa goguu fi Islaama irraa fagaachun adabama. Dhugaa jiru arguu hin danda’u. Qalbiin isaa shakkiin tan guuttamtedha. Shakkiin shakkiirratti yoo dabalamee qalbii gogsa. Dukkana keessa akka raata’an nama godha. Adabbiin aakiraa immoo kana caalaa.4:145
Dhugumatti munaafiqoonni ibidda irraa sadarkaa gadii keessa ta’u. Tumsaas isaanif hin argitu.” Suuraa An-Nisaa 4:1459:68
Rabbiin munaafiqota dhiiraa, munaafiqota dubartii fi kaafirootaf ibidda Jahannam ishee keessatti kan hafan ta’anii beellameefi jira. Isheen isaanif gahoodha. Rabbiin isaan abaareera. Isaanif adaba itti fufatu jira.” Suuraa At-Towbaa 9:68

Maddoota munaafiqummaa
Munaafiqummaan maddoota garagaraa irraa burquu danda’a. Isaan keessaa hundeen munaafiqummaa wallaalummaa, fedhii ofii jala deemu, cubbuu fi hiriyyaadha. Wallaalummaa yoo jennu amantii ofii sirnaan beeku dhiisu, barachuuf qophii ta’uu dhiisu, osoo carraan waa’ee amantii ofii itti baratan baay’ee ta’ee jiru ‘Uff! Ani hin danda’u,yeroo hin qabu.’ Jedhanii dhiisu, jireenya aakiraa yeroo dheeraf turuu dhiisanii faaydama addunya jala fiigun amantii ofii irraanfachuu dhumarratti of irraanfachudha. Namni Islaama yoo beeke fi barate of beeka. Eenyummaa ofii kan beeku amanti kana yoo barateedha. Filoosofin yookiin tiyoorin gonkumaa qalbii teenya dhibeewwan garagaraa irraa fayyisuu keessatti shora wayitu hin taphatan. Yeroo ammaa haala nama gaddisisuun namoonni baay’een barnoota ammayyaaf lubbuu ofii kennanii barnoota Islaama guutumaan guututti irraanfatu. Bu’aan isaan argatan maaliree? Goginsa qalbii ,dhiphinna sammuu , jireenya dukkanaa hordofuu fi kkf adabbii isaani ta’eef. Wallaalumman madda badiiti, dhibeedha.

Burqaan lammataa munaafiqummaa immoo fedhii ofii jala deemudha. Nafsiyaan wanta badaa fi gaarittis nama ajajji. Namni dandeetti fi filannoo wanta gaarii fi badaa addaan baasu kennameefi jira. Kana irratti dabalataan wantoota kanniin sirritti akka hubatuu fi daandii sirrii irra akka deemuf wahyiin ( Ergaan Rabbirraa karaa Ergamtoota Rabbiitin) isaa ergamee jira. Karaan badaa fi gaariin, ibiddaa fi Jannatatti nama geessan isaaf ifa godhamee jira. Ergaa kana fudhachuu fi dhiisun filannoo isaati. Ergaa kana yoo fudhatee fi hordofe ni milkaa’a. Garuu yoo dhiise fi fedhii ofii jala deeme adabbii hamaatu isa eeggata. Fedhii ofii jala deemun yookaa ergaa kana guutumaan guututti akka hin fudhanne nama dhoowwa yookiin immoo erga fudhatiini booda sirnaan akka hin hordofne nama taasisa. Fedhii darbitu tana guuttachuuf ergaa Rabbii miidhagaa kana maddittii achii dhiisa. Faaydaa addunyaa argachuuf amantii ofii gurgura. Faaydan yoo warra kaafiroota bira jiraatte isaanitti maxxana yoo warra Musliimota bira jiraatte immoo isaanitti maxxana. Takka as takkaa achi ta’a. Gadi dhaaba hin qabu. Qalbiin isaa haafa’insaa fi sodaan tan guuttamteedha.

Burqaan sadaffaa immoo cubbuudha. Cubbuu fi ifni beekumsa waliif diina. Tokko tokko balleessa. Bakka tokko waliin jiraachu hin danda’an. Namtichi yeroo hundaa cubbuu kan hojjatuu fi gara Rabbii kan hin deebine yoo ta’e qalbiin isaa ni daandi’oofti,ni dukkanoofti. Ifa beekumsa akka hin fudhanne cubbuun ni haguuga. Cubbuun dhugaa akka hin hubanne fi hin fudhanne nama godha. Dirqama Rabbiin namarra kaa’e akka hin hordofne gufuu hamaa namatti ta’a, akka gaaritti namatti ulfeessa. Shakkii fi dhama’iinsaf karaa bana.  Namni Guyyaa Qiyaama kan kijibsiisu yookiin dhufaati ishii kan hin amanne sababa cubbuu/badii inni hojjatuuni. Cubbuun immoo qalbii /onnee haguuga.

Kijibsiiftota Guyyaa sanii badiin mirkanaa’e. Guyyaa Murtii kanneen sobsiisaniif. Daangaa darbitoota, dillaawo ta’an malee namni ishii(guyyaa Qiyaama) kijibsiisu hin jiru. Yeroo keeyyattoonni Keenya isa irratti qara’amte ‘Oduu warra duriiti.” jedha. Haa dhorgamu! Wanti isaan hojjataa turan onnee isaani haguuge.” Suuraa Al-Muxaffifin 83:10-14

Maddii afraffaan immoo hiriyyaadha. Hiriyyaan jireenya keessatti yookaa gara badiitti yookiin immoo gara gaariitti nama qajeelcha. Namoonni yeroo baay’ee wanta hiriyyaan hojjatu hordofu. Hiriyyaan badaan qilee badiitti nama darba. Sababa hiriyyaatin haqa ibiddaa fi dhuma hamaa irraa isa bararuu dhiisa. Namni sababa hiriyyaatin imaana ofii dhaba. Hiriyyaan suuta suutan karaa qajeela irraa nama qola/buta. Hiriyyaan haqa akka hin hordofne gufuu namatti ta’a.

Rabbiin waa’ee Munaafiqoota yommuu dubbatu akkana jedha:2:14
Yeroo warra amanan qunnamaniis ‘Nuti amanneera.’jedhu. Yeroo sheyxaanota (hoggantoota) isaani waliin kophaa ba’an immoo ‘Dhugumatti nuti isin waliin jirra; nuti isaanitti qishnummaa (qoosa) godhuuf akkas goone ‘ jedhu.” Suuraa Al-Baqaraa 2:14

Qoricha Munaafiqummaa
Munaafiqummaan dhibee salphaa miti. Umar Ibn Al-Khaxxaab(RA) dhibee munaafiqummaatin of shakkuun Huzeeyfa(RA) kan galmeen munaafiqota isa bira jiru gaafataa ture. ‘Maqaan kiyya galmee Munaafiqoota keessa ni jiraa sila?” jedhe Huzeeyfaa gaafata. Huzeeyfaniis “Lakki hin jiru.” Jechaani ture. Dhibee kana ofirratti beekne fayyisuuf carraaqi gochuu qabna. Namni munaafiqa ta’ee gonkumaa dhibee kanarraa hin fayyuu jechuu keenya miti. Qoricha isa barbaachisu yoo argate ni fayya. Qorichi munaafiqummaa:

Beekumsa dhugaa barbaadu– beekumsi dhibee qalbii kamiyyuu fayyisuu danda’u beekumsa Qur’aana fi Sunnah Ergamaa Rabbiiti(SAW). Qur’aanni qalbii dhibamte kan fayyisuudha. Beekumsa kana argachuuf yeroo murteessufii, qalbii teenya akka fudhattuuf banaa gochuu , niyyaan (xiyyeefannoon) dhageefachuu yookiin dubbisuu, wanta baratame hojii irra oolchuf kaka’umsa qabaachu. Guyyaa guyyaan beekumsa waa’ee Islaama dabalachuuf carraaqun nurra jira. Beekumsa kana yoo arganne kan baraaramnu. Hanga feene yeroo hin qabnu jenne haa yaadnu guyyaa tokko duniyaa tanna gannee ni deemna. Amanti keenya karaa adda addaatin barachuuf yeroo murteessufi qabna. Yeroo teknoolojiin akkanatti babal’ate kanatti yoo amanti keenya barachuu dhiisne sababa Rabbiin fuunduratti dhiheessu hennu maalidhaa? Guyyatti vidiyoo Islaama tokko hanga dhumaa obsaa fi xiyyeefannoon haa ilaallu /dhageefannu yookiin kitaaba haa dubbisnu yookiin bakka da’awan kennamutti haa hirmaannu. Yoo akkana goone Insha Allah dhukkuba qalbii irraa ni fayyina.

Cubbuu irraa fagaachu– akkuma durattu jenne cubbuun  qalbii haguuga. Ifa akka hin agarre taasisa. Akkuma cubbuu irraa fagaannu fi gara Rabbii dhiyaachaa adeemnun akkasuma dhibee qalbii irraa fayyaa adeemna. Filmii fi moovin guyya guyyaan ilaallu qalbii teenya akkamitti hin jaamsinee, akkamitti hin dukaneessinee? Sobni, nama gowwomsuun, hanni fi kkf akkamitti hin gurraachesinee? Dhugumatti cubbuuwwan kunniin qalbii teenya ni gurraachessu, ni jaamsu, shakkiin qalbii akka haguugu taasisu, dandeetti dhugaa fi soba addaan baasu qancarsu. Dandeetti xinxalli fi ol fageessanii yaadu ajjeesa. Gabaabumatti cubbuu irraa yoo dheessine dhibee qalbii miidhu irraa nagaha baana.

Towbaa fi hojii gaggaari– qalbiin teenya cubbuu gargaraatin erga gurraachofte booda karaan nuti ishii ittiin dhiqnu fi miidhagsinuu towbaa (gara Rabbii dhugaan deebi’u fi hojaa badaa san dhiisu) fi hojii gaggaari hojjachuudha. Towbaa fi hojii gagaarin ba’aa cubbuu namarraa buusa. Erga gara Rabbii deebine booda hojii badaa duraan hojjataa turre dhiisun gara hojii gaarii fiigudha. Towbanne yoo hojii gaarii hin hojjatin carraan gara hojii badaa sanatii deebi’uu baay’ee guddaadha. Towbachuun jireenya fafee duraan hordofaa turan dhiisanii boqonnaa haarawa jireenya gaarii banuudha. Hojii gaggaari hanga humna keenya kan hojjannuu yoo taane dhibee qalbii irraa insha Allah ni fayyina. Fakkeenyaf soomu, sirnaan (kushu’an) salaatuf carraaqu, sadaqaa kennu, rakkattoota gargaaru fi kkf.

Hiriyyaa badaa irraa fagaachu– hiriyyaa gara zikrii Rabbiitti nu kakaasu qabaachu fi hiriyyaa gara baditti nu harkisuu irraa fagaachun dhibee munaafiqummaa irraa fayyuu ni dandeenya.

Tawwakula fi du’aayi- Mataa keenya qofaan dhibee munaafiqummaa ta’ii kan biraa irraa of qulqulleessu hin dandeenyu gargaarsi Rabbii nu bira yoo hin jiraatin. Garuu dhibee keenya fayyisuuf yoo carraaqne, Rabbitti yoo hirkanne fi du’aayi yoo goone Rabbiin akka nu gargaaru waadaa nu gale jira.29:69

Warroota Nuuf qabsaa’an- dhugumatti karaa Keenyatti ni qajeelchina. Dhugumatti Rabbiin warroota hojiiwwan gaggaarii hojjatan waliin jira.” Suuraa Al-Ankabut 29:69
Yaa Rabbii qalbii teenya qulqulleessi.

Gudunfaa
Dhibee munaafiqummaa irraa qulqullaa’uf yeroo hundaa of eeggannoon tarkaanfachuu qabna. Dhibeen kuni hamaa akka ta’e beekne qalbii teenya isarraa qulqulleessuf carraaqi addaan hin cinne taasisu qabna. Dhibee kanarraa qulqullaa’uun sammuu keenyaa nageenya, jireenya keenyaf tasgabbii, kabaja keenyaf faaya ta’a. Munaafiqummaan nama salphisa. Namni hanga fedhe nama jalaa miliquuf haa tattaafatu garuu Rabbiin jala miliquu hin danda’u. Rabbiin yeroo hundaa akka nu argu beekne keessa keenya ala caalaa bareechisuf carraaqu qabna. Alhamdulillah har’aaf asirratti nu gaha torbaan hanga kutaa itti aanun walitti deebinutti Assalamu aleykum wa rahmatullahi wa barakaatuh. Hiikkan keeyyatoota Qur’aana armaan olii ‘Hiika Qur’aana Kabajamaa Afaan Oromotin’ irraa fudhatame.

Hubachiisa: qabiyyee website kanarratti argaman hayyama barreesatin ala yookiin madda osoo hin eerin guutuman guututti kopy paste gochuun yookiin maxxansuun dhowwadha.Warroonni osoo madda hin dhiheeyissin copy paste godhan hamilee barreessaa akka miidhu fi faayda namoonni argataa jiran akka dhabsiisa jiran beekun gocha kanarraa of haa qusatan. Karaa kaminuu share gochuun walii dabarsuun ni danda’ama madda eerun. Button Facebook, Google+, Twitter armaan gaditti argaman tuquun share walii gochuun ni danda’ama.

Qulqullina Qalbii-Kutaa 3ffaa
Qulqullinna Qalbii-Kutaa 1ffaa

One comment

Leave a Reply