Qulqullina Qalbii-Kutaa 3ffaa

Insha Allah har’as dhukkuba qalbii fi qoricha ishii itti barbaaduf ni carraaqna. Yommuu namni dhukkuba qaamatin qabamuu ‘Ah, na dhukkube, gara mana yaalaa na geessaa, ogeessa natti barbaadaa…’jedhaa mitiree? Kan dhukkuba qalbiitin qabamee hoo maal jedhinna laata? Yeroo baay’ee dhibeen qalbii namatti hin beeksisu. Gadaa dhaloonni itti bade kanatti dhukkuba qalbii namni ofirratti beeke fayyisuuf carraaqu Insha Allah dhugumatti inni nama qaroo fi milkaa’uf carraaqudha. Jijjirama yeroo jedhamuu ‘Keessaa gara alaati’ moo ‘Alaa gara keessati’? Baay’een keenya jijjirama fiduuf ‘alaa gara keessatti’ carraaqa jirra. Kana jechuun keessa keenya osoo hin jijjiriin alaa fi naannoo keenya jijjiruuf carraaqna. Qabeenya baay’ee walitti kuusun ‘Abbaa Qabeenya’ akka jedhamnu barbaanna. Namoota biroo waliin wal dorgomuun takkamaan beekkamaa ta’uu barbaanna. Jijjiramni dhugaan dhufuu kan danda’uu ‘Keessaa gara alaatti’ jalqaba keessa kee qulqulleessuf carraaqi. Ergasii alaa fi naannoo kee sirreessun ni salphata. Of tuluun, sobuun, waanyuun, jibbii, dharrii dhibeewwan keessa keenyarraa burqanii mitiree? Dhibeewwan kanniin baadhanne osoo adeemnu alaa fi naannoo keenya jijjiruu dandeenya ree? Haayyee gara mata duree ijoo har’aa keenyatti isin haa dabarsuu.

Boonuu/Of Tuulu
Of tuulun amala fafee fi hin jallatamneedha. “Of tuulun (kibir) amala keessatiif kan ta’uudha. Amalli keessaa kuni gara alaatti ifatti bahuun qaamolen yoo hojjataman takabbur jedhama.” Of tuulun iblisaan jalqabamee. Ani isa olii, amaloota kana kana qaba jechuun wanta ajajame irraa garagale. ajaja Rabbii irraa fincile. Namni of tuulus haaluma kanaan ajaja Rabbii irraa fincila. badii hamaaf of saaxila.

Ergamaan Rabbii (SAW) waa’ee of tuulu haala kanaan nuuf ibsu:
عَنْ عَبْدِ اللَّهِ بْنِ مَسْعُودٍ، عَنِ النَّبِيِّ صلى الله عليه وسلم قَالَ ‏”‏ لاَ يَدْخُلُ الْجَنَّةَ مَنْ كَانَ فِي قَلْبِهِ مِثْقَالُ ذَرَّةٍ مِنْ كِبْرٍ ‏”‏ ‏.‏ قَالَ رَجُلٌ إِنَّ الرَّجُلَ يُحِبُّ أَنْ يَكُونَ ثَوْبُهُ حَسَنًا وَنَعْلُهُ حَسَنَةً ‏.‏ قَالَ ‏”‏ إِنَّ اللَّهَ جَمِيلٌ يُحِبُّ الْجَمَالَ الْكِبْرُ بَطَرُ الْحَقِّ وَغَمْطُ النَّاسِ ‏”‏ ‏.‏
Abdullah ibn Mas’uud (RA) akka gabaasanitti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: Namni hanga misqaala zarra (firii xaafii, hanga atami) kibir (boonuu) qalbii keessaa qabu Jannata hin seenu. Namtichi tokko ‘Namni tokko uffata gaarii fi kophee gaarii akka qabaatu ni jaallata. (Kuni boonuu ta’uu ni danda’aa?]’ jedhe. Ergamaan Rabbiis ni jedhan: Rabbiin bareedadha, bareedinna ni jaallata. Garuu kibir(boonun) jechuun haqa baxar (fudhachuu didu, tuffachuu, itti qoosu) fi namoota gadi xiqqeessudha.” (Sahih Muslim)

Hadiisa kana yoo ilaallu nuti eessa jirraa? Haqa fudhataa jirraa? Namni yommuu waa’ee Islaama nutti haasawu yookiin Qur’aanan nu gorsu isarraa ni fudhannaa? Of tuulun badaa fi dhuma hamatti nama geessu Ergaa Rabbii fudhachuu didudha. Qur’aana fi hadiisa fudhachuu didu fi itti qoosudha, ibaada Rabbii irraa garagaluu fi itti boonudha.  Dhugumatti Rabbiin warroota kanniini adabbii hamaa waadaa seenefii jira.31:7

Yeroo keeyyatoonni (Aayanni) Keenya isarratti dubbifamtu, akka waan hin dhaga’initti, akka waan gurra isaa lamaan keessa duudummaan jiru boonaa ta’ee irraa garagala. Adaba laalessaan isa gammachiisi.” Suuraa Luqmaan 31:7

“Gooftan keessan ni jedhe “Na kadhaa isiniifan awwaadhaa. Dhugumatti warroonni Ana gabbaruu irraa boonan salphattoota ta’anii Jahaannam seenuf jiru.” Al-Gaafir 40:60

Gosoota Boonu
Boonun gosoota baay’ee qaba. Isaan keessaa mee muraasa maqaa haa dhofnu.
1.“Akkuma armaan olitti jedhame yommuu namtichi haqa fudhatuu diduu fi haqa faalleessuf mormii sobaa yommuu dhiheessu namtichi kuni of tuulaa jira jechuudha.
2.Yommuu namtichi bareedinna, qabeenya, uffata gaarii,nyaata, mana ofii dinqisifachuun namoota biroo ol of guddisee of ilaaludha. Qabeenya ofii dinqisifachuun ani hundaa olii jedhe yommuu yaadu of tuulaa jira jechuudha.”

Qur’aanni namticha hiriyyaa isaatin qabeenyan of tuulaa itti haasawu haala kanaan nu hima. “
Inni fuduraa (firaafire) qabaa ture. Hiriyyaa isaa waliin osoo haasawu”Anatu qabeenyan si caala. Gosaanis sirra jabaadha.”,jedheen.” Suuraa Al-Kahf 18:34

Meeqa keenyatu qabeenya fi gosaan of tuula. Namoota nuu gadii akka namaatti isaan hin lakkoofnu. Gonkumaa qabeenyi qabnu nurra kan hin fudhatamne goone ilaalla. Qabeenya fi sadarkaa keenyan namoota miidhuf yaalla.
3.Beekumsaan of tuulu– namoonni tokko tokko akka waan waa hundaa beekanuu beekumsa xiqqishuu qabanitti of tuulu. Ni beeknaa malee hin beeknu hin jedhan.

Miidhaa fi dhuma boonu
Akkuma Aayatoota Qur’aana armaan olii keessatti ilaalle boonun badii guddaaf nama saaxila. Namni sababa of tuulutin haqa ibidarraa isa baraaru dhiisa. Haqaaf osoo hin ta’in jalqaba fedhii ofiitif bitama. Yoo haqa fudhate hordofe namoonni gadi na xiqqeessu danda’u, ani isa caalaa beekadha kanatu haqa natti himaa?’jechuun wanta isa fayyadu irraa dheessa. Yeroo amma garmalee nama ajaa’iba! Namoonni waa’ee Islaama yoo itti haasayan, “Aalimni keenya nu barsiisu heda, daawwan kee hin dhumu, tan akka teeti tanatu Islaama natti himaa, wanta jettu nan beekaa maal natti odeessita…” jechun dhugaa irraa garagalu. Garuu osoo waa’ee kubbaa miilaa yookiin sayintistii tokko itti haasayin gurra qeensani dhageefatu, wanta isaan hin fayyanne irratti sa’aati gubu. Kana of tuulu jechuun. Gorsa nama fayyaduu irraa garagalanii oduu hin fayyannen sammuu ofii xureesudha. Gorsa gaaritti gurra cufatu, oduu jireenya isaani keessatti homaa hin daballeef gingilchaa gurraa banatu. Miidhan kanaa maal ta’e ree?

Ani hundaa olii jechuun dhaadachuu, beekumsa xiqqoo qabaniin ani beekadha jedhanii balbala beekumsaa fi gammachuu ofirratti cufuu ta’e.  Haqa namaa fi ofii hin bekan. Haqa malee nama miidhu.

Dhibee of tuulu kana baay’een keenya ofirratti hin beeknu. Namoota meeqa gadi xiqqeessina. Yaada walirraa fudhachuu hin barbaannu. Tan akka teeti tanatu na gorsa waliin jennaa mitiree yommuu of tuullu? Faayda waliirraa argachuu qabnu osoo hin argatin jaamaa taane hafna.

“First seek to Understand, then to be understood”
Jalqaba hubachuuf fedhii qabaadhu ergasii akka hubatamtuuf fedhi.

Kana jechuun jalqaba namoota biroo wanta isaan jedhan sirnaan dhageefadhu, itti hin boonin; ergasii immoo namoonni akka si hubataniif sirnaan itti haasayi. Dhibeen keenya guddaan kana- sirnaan wal hin dhageefannu, wal tufanna, yaada walii hin kabajnu, yeroo hundaa yaada kiyyatu caala, anatu beekumsa isaa caalaa qaba jenna. Mee yommuu walitti haasofnu osoo wali hin tufatin sirnaan wal haa dhageefannu. Wanta hin beekne walirraa baranna, wal kabajna, jaalalli nu jiddutti ni uumama. Ergamaan Rabbii(SAW) Musliimoota dhiisati yommuu mushrikoonni itti haasayan sirnaan dhageefatu. “Haasawa kee fixxe.” Jedhuun. Ergasii yaada ofii dabarfatu. Haala kanaan mushrikoota moo’atu.

Tokkummaan akka hin uumamneef sababa kan ta’uu keessaa tokko of tuulu, wal tuffachuu ,wal dhageefachuu dhiisu, yaada walii kabajuu dhiisudha.

Dogongora walirra barbaadun karaa nama san ittiin gadi xiqqeessinuun barbaanna. Dogongora keenya ifatti kan mul’atu dhiisne kan namoota biroo kan hin mul’anne barbaadun, ebalu nama akkasiti, jenna. Dogongora namoota ilaaluun kan keenya immoo dagachuun maleykaa goone of ilaalun namoota biroo gadi xiqqeessina. Kuni immoo baditti nu geeessa.

Sababa of tuulutin namoonni daangaa namoota biroo darbu. Kan humna qabu dadhabaa irratti ijjata. Garuu dhumni namticha of tuulu salphinnaa fi kasaaradha. Ergamaa Rabbii(SAW) akkana jedhan:
“‏ يُحْشَرُ الْمُتَكَبِّرُونَ يَوْمَ الْقِيَامَةِ أَمْثَالَ الذَّرِّ فِي صُوَرِ الرِّجَالِ يَغْشَاهُمُ الذُّلُّ مِنْ كُلِّ مَكَانٍ فَيُسَاقُونَ إِلَى سِجْنٍ فِي جَهَنَّمَ يُسَمَّى بُولَسَ تَعْلُوهُمْ نَارُ الأَنْيَارِ يُسْقَوْنَ مِنْ عُصَارَةِ أَهْلِ النَّارِ طِينَةِ الْخَبَالِ ‏”
Warroonni of tuulan suuraa namaatin guyyaa Qiyaama mixii fakkaatanii walitti sassaabamu (kaafamu). Gara hundaan salphinni isaan haguuga; mana hidhaa Jahannam keessa jiru Buulas jedhamutti harkifamu. Ibiddi garmalee hoo’an isaanirratti olbaha. Xiinatal Khabaal (dhangala’oo fooli badaa qaama warroota Jahannam keessaa yaa’u) obaafamu (akka dhugan taasifamu). “  (Jaami’a At-Tirmizi )

Kuni hundi sababa isaan addunyaa irratti garmalee of tuulanii fi daangaa darbaniif. Of tuulun daangaa Rabbii nama wallaalchisa. Namoota irratti daangaa akka darban nama godha.16:29
Ishee keessatti kan haftan ta’aati balbaloota Jahannam seenaa,”isaanin jedhama. Dhugumatti teesson warroota boonanii waa fokkate!” Suura An-Nahl 16:29

Qoricha of tuuluu
Hirriba itti lixne keessaa dammaqne of tuuluf qoricha yoo itti barbaanne ni arganna. Dhibee of tuulu fayyisuuf:
1.Of beeku– ani eenyu jedhanii of gaafachu barbaachisa. Eessarra dhufe, garamitti deemaa jira, eessan jira jedhanii of gaafachudha. Bishaan furrii fakaatu irraa uumame. Kanaafu anaaf of tuulun ni malaa? Amma bakki jiru eessa? Humna kiyya qofaan as gahe? Humnaa fi beekumsa kiyyaan as gahe, qabeenya argadhe yoo jedhe, wanta Qaarun irra gahe hubachuun qaba. Qaarun qabeenya baay’een kennameef. Sadaqaa kennadhu yoo jedhamu, ‘Sadaqaa maalii! Kuni qabeenya kiyya, humnaa fi beekumsa kiyyaan argadhe’ jedhe of tuule. Dhumni isaa maal ta’e ree? Isaa fi qabeenya isaa ardiin akka liqimsitu Rabbiin godhe. Kanaafu wanta Rabbiin naa kenne irratti akkamitti boonaa? Yeroo fedhe narraa fudhata. San booda harka qullaa hafa.

Beekumsaanis akkamitti boonaa? Meeqa kamtu beekumsa qaba osoo jedhu maraata ta’e. Beekumsi ani argadhees Rabbirraayi, yoo fedhe sammuu irraa ni haaqa. Kanaafu of tuulun akkamitti naaf malaa/ta’aa? Jenne of haa gaafannu. Mee naannoo keenya haa mil’annu namoonni of tuulan dhumni isaani maal akka ta’e. Gariin dhibeedhaan rakkatu, gariin qabeenyi qaban guutun jalaa barbadaa’a, gariin salphinna keessaa hin baanetti taruu… Baruumsa isaan irraa fudhachuun gadi of qabuu qabna.

2.Cubbuu fi dogongora ofii waliin ko’oomu– namni cubbuu ofii yoo irraanfatu fi dogongora namoota yommuu barbaadu, boonaa ardii irra adeema. Namni cubbuu ofii yommuu beeku hangam akka dadhabaa ta’e ni beeka. Hojii gaggaari baay’ee yommuu hojjattu sheyxaanni cubbuu kee si irraanfachisuun akka boontu si godha. Ergasii waxmadii isaa keessa seenta. Namoota si caalan akka tufattu si taasisa. Yaada isaani akka hin fudhanne si godha. Karaa kanaan sheyxaanni namoota amantii keessaa isaan baasa. Kanaafu hojiin kee baay’ee yommuu sitti fakkaatu cubbuu kee yaadadhu of gadi qabi. Namoonni baay’een hojii gaarii si caala akka hojjatan yaadadhu. Hojiin gaariin kamiyyuu ati hojjattu mataa keetif carraaqa akka jirtu beeki- sadaqaa yoo kennatte guyyaa Qiyaama mindaa argachuuf deemta, namoota karaa sirritti yoo qajeelchite boru mindaa argatta. Kanaafu mataa keetif carraaqa jirta. Hojii gaarin of tuulun nuuf ni malaa ree?

Hojii gaarii san kan hojjatu mataa keetin osoo hin ta’in hayyama Rabbiitin akka ta’e hubadhu. Cubbuu irraas kan eeggamte rahmata Rabbiitin akka ta’e beeki. Namoota meeqatu cubbuu keessatti borcamuun jireenya isaani balleessaa jiru. Osoo rahmanni Rabbii si bira jiraachu baate silaa atillee akka isaani akka taatu yaadadhu. ‘Rabbii kanarraa na baraaref galanni haa galu.” Jedhi. Hangam dadhabaa akka taate hubadhu. Cubbuu irraayis eeggamu hin dandeessu rahmanni Rabbii si bira yoo hin jiraatin, hojii gaariis hin hojjattu Rabbiin yoo hin hayyamiin. Hangam dadhaboodha nuti! Kanaafu of tuulun nuuf ni malaa ree?

3. Dogongora ofii amanuu– namoonni yommuu dogongoran yaada sadarkaan kiyya ni hir’ata jedhuun dogongora ofii sirrii akka ta’ee mirkaneessuf carraaqu, hin amanan. Kuni immoo of tuuludha. Yommuu dogongorte,’Dogongorri kiyya, amane jira.’jedhii yeroodhan rakkoon akka hin uumamne balbala itti cufi. Hin mormiin. Sadarkaan kee gadi hin bu’u hin sodaatin.

4.Miidhaa of tuulu hubachuu– dhumni namoota of tuulanii maal akka ta’ee hubachuun of tuulu irraa fagaachu dandeenya. Dhumni isaan dhaqabe nullee akka hin dhaqabne barnoota irraa fudhachuu qabna.

5.Du’aayi gochuu– sheyxaanni karaa hin beekamne adda addaatin nama gowwomsa. Sheyxaana irraa tiikfamuuf karaan tokkichi du’aayi gochuu, Rabbiiti mangafachuu fi beekumsa barbaadudha. Yommuu sheyxaanni akka of tuultu si taasisu, “A’uzu billahi mina sheyxaani rajiim.” İrra deeddebi’i jedhi. Badi asii jedhiin. ‘Yaa Rabbii boonu irraa na tiksii. Sheyxaana irraa na tiksii.” Jedhii Rabbitti warwaadhu.

6.Ol guddisanii of yaadu dhiisu– karaan biraan sheyxaanni nama ittiin gowwomsi, ‘Ani beekadha, yaadni kiyya hunda caala, ani nama hundarra gaariidha…’yaadota jedhan qalbii irratti darba. Yaadonni akkana yommuu sitti dhufan A’uzu billahi mina sheyxaani rajim’ jedhi. Sammuu fi gurra kee banaa godhii yaada namoota biroo dhageefadhu. Of gadi qabi. Namni akkuma Rabbii jedhe of gadi qabuun sadarkaa fi jaalalli isaa dabalamaaf. Kan of tuulu immoo wanti inni argatu jibbaa fi salphinna. Namoota waliin barnoota irraa fudhachuuf yookiin gara daandii sirritti qajeelchuf yoo ta’ee malee guddinna kee itti agarsiisuf isaan waliin hin mormiin.
Barreefama har’aa Aayatoota Qur’aanatiin gudunfa.31:1831:19
Boonaa maddi boqoo kee namoota irraa hin garagalchiin. Dachii keessas of tuulaa hin deemin. Dhugumatti Rabbiin of tuulaa, of dhaadaa hundaa hin jaallatu. Deemsa kee keessatti giddu galeessa ta’i; sagalee keetis gadi qabi. Dhugumatti irra jibbamaan sagalee sagalee harreeti.”  (Suuraa Luqmaan 31:18-19)

Alhamdulillah Rabbil Aalamiin. Yaa Rabbii qalbii teenya boonuu irraa qulqulleessi. Warroota si jadhanii gadi of qaban keessaa nu taasisi.

Qulqullinna Qalbii-Kutaa 4ffaa
Qulqullinna Qalbii-Kutaa 2ffaa
Kana Raabsi

Leave a Reply

Your email address will not be published.