Qulqullinna Qalbii-Kutaa 4ffaa

Marii qulqullinna qalbii Insha Allah har’as kunoo itti fufna. Qalbii qulqulleessun naafa keenya qulqulleessu caalaa iddoo qabachuu qaba. Yoo qalbiin tolte haalli namaa hundi tola. Qalbii qulqulleessun nageenya, tasgabbii, gammachuu fi milkaa’innaaf karaa bana. Namni osoo wal jibbuu, wal waanyu, boonu akkamitti gammachuu fi milkaa’inna dhugaa argachuu danda’aa? Bi iznillah har’as qulqullinna qalbii kutaa itti aanuu waliin mari’anna.

Waanyuu fi jibba
Wal waanyu fi jibbi dhibee hamaa keessa keenya huubaa jirudha. “Waanyu fi wal jibbuun haaddun /milaacin wal fakkaata.” Sababni isaas akkuma milaacin rifeensa haaddu waanyu fi jibbis obbolumma fi hariiro namoota jidduu haadu, balleessu. Waanyu fi jibbi hariiro kukkuta, firummaa balleessa, tokkummaa laamshessa, diinumaa burqisiisa. Sababni guddaan nuti humna dhabne akkanatti dhiitamneef wal waanyu fi wal jibbuudha. Duniyaan wal dorgomuun wal waanyu fi jibbuu eegalle. Obbolummaa caalaa addunyaaf bakka kennine. Akka rumicha raqa irratti wal nyaatu taane. Wanta xiqqoo fi yartuu irratti wal waanyinna, wal jibbbina. Eessaa haa dhufu ree tokkummaa fi humni. Diinni wanta xiqqoo nu jiddutti darbuun akka irratti wal lollu gochuun gara biraatin qabeenya keenya saamti. Agartanii tooftaa jarrii fayyadaman? Saroonni baay’een yommuu sitti duutan maal goota? Muraa fooni jala buuste wanta barbaadde fudhatte bira yoo dabarte hin dubbatan. Fuula sarreetti wanti wuddiin foon waan ta’eef kana yoo argatan sitti hin duutan. Haaluma kanaan fuula keenyatti addunyaan garmalee wuddii yoo taate diinni salphatti nu nyaata. Wanta addunyaa Musliima irratti ta’aa jiruu haa ilaallu.

Badiin wal waanyu fi jibbaan dhufu xiqqaa miti. Ergamaan Rabbii (SAW) gorsa akkana jedhu nu dhaaman:
“‏ لاَ تَبَاغَضُوا وَلاَ تَحَاسَدُوا وَلاَ تَدَابَرُوا وَكُونُوا عِبَادَ اللَّهِ إِخْوَانًا وَلاَ يَحِلُّ لِمُسْلِمٍ أَنْ يَهْجُرَ أَخَاهُ فَوْقَ ثَلاَثٍ ‏”
Wal hin jibbinaa, wal hin waanyinaa, walirraa hin dheessinaa, gabroottan Rabbii obboleeyyan ta’aa. Nama Musliima ta’eef obboleessa isaa guyyaa sadii ol oodun hin hayyamamu. “  (Sahih Al-Bukhari fi Muslim)

Namni akkuma wal jibbuu fi wal waanyun miidha baay’ee walirraan geessa. Sababa Kanaan gatii kafaluu hin dandeenye ofirratti baachisa. Kanaafu hariiron cimaan nu walitti hidhu garmalee wuddii fi qananii guddaa ta’ee osoo jiruu addunyaa badduu tanaaf maaliif wal jibbinaa, wal waanyinaa?

Maalirratti wal hinaafu dandeenya?
Qananii Rabbiin namaa kenne irratti wal jibbuu fi wal waanyun Rabbiin faalleessudha. Maaliif Rabbiin naafi miti namticha kanaa kenna jedhanii mormuudha. Wantoota lama irratti wal hinaafu dandeenya garuu wal jibbuu hin dandeenyu.

Abdullah Ibn Mas’uud (RA) akka gabaasanitti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
“‏ لاَ حَسَدَ إِلاَّ فِي اثْنَتَيْنِ رَجُلٌ آتَاهُ اللَّهُ مَالاً فَسُلِّطَ عَلَى هَلَكَتِهِ فِي الْحَقِّ، وَرَجُلٌ آتَاهُ اللَّهُ الْحِكْمَةَ، فَهْوَ يَقْضِي بِهَا وَيُعَلِّمُهَا ‏”‏‏.‏
Wal waanyun/hinaafun hin danda’amu wanta lama irratti yoo ta’ee malee: 1.Nama Rabbiin qabeenya kenneefi qabeenya kana karaa haqaa irratti baasu. 2. Nama Rabbiin Hikmaa (beekumsa Qur’aana fi sunnaa) kenneefi isaan kan murteessu yookiin kan ittiin hojjatu fi namoota kan barsiisu.” (Al-Bukhari fi Muslim)

Asirratti wanti hubachuu qabnu yommuu namoota gosa lamaa kanniin hinaafnu qananiin Rabbii akka isaan irraa deemu hawwuufi osoo hin ta’iin akka isaani ta’uuf hawwuudha. “Osoo Rabbiin akka namticha kanaa na godhe silaa anis akka isaa sanitti waan gaarii hojjadha” jedhanii hawwuudha malee osoo namticha kanarraa qananiin tuni deemte jedhanii hawwuu miti. Warroota kanniin jibbuu fi miidhaa irraan geessuf carraaqun hin danda’amu. Akkas gochuun amantii ofiti fi of balleessudha.

Haa ta’uu malee yeroo ammaa kana gosni akkanaa nu keessa hin jiru. Addunyaa irratti wal waanyu fi wal jibbuudha.

Miidha wal waanyu fi wal jibbuu
Akkuma duratti jenne wal waanyu fi wal jibbuun tokkumaa fi hariiro namoota jiddu kukkuta. Amanti tokko keessatti gareewwan baay’een akka uumamu taasisa. Kuni immoo gara jallinnaatti nama geessa. Namni wanta hundarratti nama waanyu fi jibbuu hin guddatu. Nageenya fi tasgabbii hin argatu. Yeroo hundaa yommuu qananiin Rabbii namaa dhuftu ni gadda, yommuu balaan namatti bu’uu immoo ni gammada. Wanta hin arganneef keessi isaa boba’a. Halkan hirriba malee bula.

Waanyu fi jibbii qalbii irratti ba’aa ta’a. Qalbii gogsa, walitti suntursa. Dogongora ofii dhiisanii dogongora namoota irratti akka xiyyeefatan nama godha. Hamaa fi jette jetteef karaa bana. Maqaa wal balleessu fi xureessun hanga dhiiga wal jiigsutti nama geessa. Sababni guddaan yeroo ammaa akkanatti dhiigni namoota nagahaa addunyaa irratti dhangala’aa jiruu hundeen isaa maalidha beektu? Wal waanyu fi jibbaa mitiree? Wal waanyu fi jibbii hangama fokkuu akka ta’e mee haa hubannu.

Namni waanyu fi jibbuu of malee eenyulle hin miidha. Qabeenya namoota biroo akka badu osoo hawwuu qabeeyi isaa bada. Bu’aan inni argatu tokkolle hin jiru. Waanyoon nama tufatti. Wanta isa fayyadu namarraa hin fudhatu. Beekumsa fi karaa haqaa yoo isatti agarsiisan haqaa malee of tuulun irraa garagala. Ergasii baditti of darba.

Ergamaan Rabbii (SAW) erga Madiina dhufanii booda wanti Yahuudota akka isatti hin amanne dhoowwe waanyuu fi jibbuudha. Nabiyyanaa Muhammad Ergamaa Rabbii akka ta’ee fi Islaamni haqa akka ta’ee sirritti beeku. Wanti haqa akka hin fudhanne fi itti hin bulle isaan dhowwe garuu waanyu fi jibba. Nu keessaa mitii akkamitti Araboota keessa baha jedhanii waanyu. Dhumni isaani maal ta’ee ree? Dallansuu Rabbii fi adabbii hamaatu isaan eeggata. Kanaafu wal waanyu fi wal jibbuun dallansuu fi adabbii Rabbiitti nama geessa. Kana beekne amala kanarra of haa qulqulleesinu.

Waanyu fi jibbii guddinnaaf gufuu ta’a. Namoonni yoo tokkooman qaroominna ijaaru. Waanyu fi jibbii tokkumaan akka hin uumamne gufuu waan ta’uuf guddinna diinagde fi hawaasummaa qancarsa.

Qoricha Waanyu fi jibbaa
Akkuma dhibeewwan kaani waanyu fi jibbis qoricha qaba. Qoricha kanniin seeran yoo fayyadamne insha Allah ni fayyina.

1.Sheyxaana fi yaadota babbadoo Rabbitti mangafachuu fi du’aayi gochuu– sheyxaanni kaayyoon isaa qalbii namoota irratti jibba darbuun isaan addaan fageessu fi bittineessudha. Karaan hundarra gaariin sheyxaanatti qabsoofnu beekumsa barbaadu fi Rabbiin isarraa akka nu eegu kadhachuudha. Yommuu sheyxaanni akka nama wanyitu fi jibbituu sitti hasaasu, ‘A’uzubillahi mina sheyxaani rajim- Sheyxaana abaarrame irraa Rabbiin eeggama’ irra deddeebi’i jedhi. Kana qofatti hin dhaabbatinii du’aayi godhii. Jedhii,’Yaa Rabbii qananii baay’ee naa kennite jirta. Galannii sii haa galu. Waanyu fi jibbaa qalbii tiyya keessaa qulqulleessi.” Mee takkaa addatti bahii akkana ofiin jedhi,”Alhamdulillah, Rabbiin qananii meeqa naa kenne kan ani ofirratti hin beekne. Duniyaa baddu tanaaf akkamitti nama waanya, jibbaa? Eenyutu duniyaa tana waliin zalalaami jiraata? Marre duniyaa takka badde dhuftu waliin maaltu na dhiphise? Hundi keenya gara addunyaa biraatti godaanuf deemna. Marree ganda saniif qophaa’un narra hin jiru? Yaa nafse tiyya achii gati waanyu fi jibba! Dalagadhu hojii gaggaari duuti sitti dhufuun dura.”

2.Miidha waanyu fi jibbaa hubachuu– waanyu fi jibbii wanta qaban nama jalaa balleessa. Barataa taate yoo waanyite fi jibbite beekumsi akka si hin dabalamne gufuu sitti ta’a. Qabeenyaf nama yoo waanyitu qabeenyi kee barakaa akka hin arganne ta’a. Gaddii fi dhiphinni si haguuga. Kanaafu miidha waanyu fi jibbaa baruun qalbii teenya irraa qulqulleessuf haa carraaqnu.

3.Nama san eebbisuu– namni tokko qananii wayii yommuu argatu eebbisuun sitti ulfaatu danda’a. Garuu hadhaa waanyu fi jibbaa liqimsuun nama san eebbisi. Mashallah Rabbiin siif haa dabalu jedhiin.

4.Hamaa, shakkii fi jette jette irraa dheessu– namoonni yommuu wal hamatanii fi maqaa wal xureessan jibbii fi wal waanyun jidduu isaanitti uumama adeema, ija badiitin wal ilaala adeemu. Hamaa fi jette jettee irraa fagaachun sammuuf boqonnaa, jireenyaf tasgabbii kenna. Akkuma namoota irraa jette jettee guuraa adeemtun namoonni si jibbaa fi amanamummaa dhabaa adeemta. Dubbii dhugaa hin taane namarraa fudhuun hariiro addaan kutta. Ergasii gatii ulfaata kafalta. Wanta jetteef jireenya kee keessatti osoo gaabbitu oolta. Kanaafu hamaa fi jette jettee irraa fagaachun waanyu fi jibba irraa nama fageessa.

5.Dogongora ofii irratti xiyyeefachuu– yommuu dogongora kee dagatte dogongora namoota irratti xiyyeefattu nama san jibbaa fi diinummaa uumaa adeemta. Dogongora xiqqoo irratti xiyyeefachuun hariiro cimaa addaan kutta. Kana jechuun nama wanta gadhee hundaa raawwatu hin jibbinii jaaladhu jechuu miti. Jibbii fi jaallali daangaa qabu. Nama gadhee jibbuu fi irraa fagaachun wanta jiruudha. Gara biraatin nama amalli isaa gaarii ta’ee garuu tasa yoo dogongora raawwate dogongora saniif jibbuu hin qabnu. Garuu dogongorri isaa suni cubbuu gurguddaa ta’uu hin qabu. Fakkeenyaf zinaa, hanna fi kkf.

6.Qananii qabanitti gammaduu- Qananii qabnutti yoo gammanne fi Rabbii galata yoo galchine Rabbiin irratti nu dabala. Waanyu fi jibbuun qananii Rabbiin nama tokkoof kenne gonkumaa irraa hin hambisnu. Hayyama Rabbii malee eenyulle nama miidhu fi fayyaduu hin danda’u. Qananiin nuti waanyinu suni namtichaaf badii ta’uu dandeessi. Rabbiin beekumsa fi ogummaan rizqii namoota hira. Hiree nu kennamte tanatti Rabbiin galateefachuun waanyu fi jibba qalbii irraa haa qulqulleessinu.

Gudunfaa
Jibbii fi waanyun daangaa qabu. Nama badii hojjatu hundaa jaalachu qaba yoo jenne kuni uumama keenya waliin wanta deemu miti. Nama hundaa jibbu qabna yoo jenne ammas uumama keenya faalleessa. Jireenya keessatti nama jibbinuu fi jaalannu, maaliif akka jibbinuu fi jaalannu addaan baafachu qabna. Walumaagalatti dhibee jibbaa fi waanyu obbolummaa keenya jiddu jiruu fayyisuuf carraaqu qabna. Rabbiin dhibee kanarraa nu haa fayyisu. Amiin.

Dhama'iinsa-Kutaa 2ffaa
Qulqullina Qalbii-Kutaa 3ffaa
Kana Raabsi

5 comments

Leave a Reply

Your email address will not be published.