Dhama’iinsa (Confusion)-Kutaa 1ffaa

Rakkoon guddaan yeroo ammaa dargaggoota muudataa jiruu dhama’insa fi hurrii jireenyati. Rakkoo keessa isaani jiruu furuuf karaa adda addaatin itti qabsaa’u yookiin immoo itti qabsaa’u dhiisun abdii kutu. Jireenyi addunyaa tanaa qullaa homaa of keessaa hin qabne itti fakkaata. Yaanni maaliif uumame jedhu mataa isaani reeba. Bombiin midiyaa kallatti garagaraatin itti roobu garam akka deemu qaban fundure isaani itti dukkaneessa.  Soba dhugaa, dhugaa soba fakkeessun sammuu isaani laamshessa jira. Haqa akka hin hubanne haguuggi itti ta’ee jira. Dargaggoonni garamitti haa goru, maal haa qabadhu, eessa haa deemu, kuni dhugaadha moo soba jedhanii dhama’an lakkoofsi isaani baay’eedha. Jireenya keessatti wantoonni baay’een nama dhamaasu danda’u. Rakkoon nama dhamaasa, hurrii namatti duucha.

In sha Allah har’a dhama’iinsa rakkoo diinagde nu muudatu osoo hin ta’in, dhama’iinsa keessa keenya muudatu waliin mari’an. “Jireenya kee keessatti garmalee maaltu si dhamaasa?”jedhe osoo isin gaafadhe deebin keessan maal ta’inna laata? Hundii keessanu deebii garagaraa qabdu.

Garuu akka xinxallii fi ilaalcha kiyyaatti namoonni baay’een rakkoo keessa kan ol baasani dubbachuu saalfataniin dhama’aa jiru. Rakkoon keessaa kuni maaliidha? Dargaggoonni baay’een waa’ee amantii haqaa (Islaama) ilaalchise ni dhama’u. Namni amantii Islaama yoo sirnaan qabate jireenyi isaa kan toltu fi miidhagdu. Namni imaana qabu balaan yoo itti bu’ee ni obsa, toltuun isa yoo qunnamte Rabbii galata galcha. Balaa fi toltuun isaaf gaariidha. Namni amantii Islaama hin qabanne immoo balaa fi toltuun isaaf badiidha. Balaan yoo itti bu’ee obsa hin qabu dhiphinnaa fi dararaan of ajjeessa. Toltuun yoo itti dhufte immoo Rabbitti kafaruun jireenya ofii balleessa. Amanti haqaa kan uumama namaa waliin adeemu kana akka qalbii namaa keessatti hidda hin qabanne wantoonni garagaraa nama dhamaasu. Isaan keessa mee muraasa haa ilaallu.

1.Qur’aana irraa fagaachu – Qur’aanni burqaa beekumsaati fi qajeelchati. Namni burqaa kana irraa garagalee gara madda biraatti yoo dabee wanti inni argatu dhama’iinsa fi hurriin itti bu’uudha. Namni Qur’aana qo’atuu fi hordofuu, “wanti hunduu isa funduratti ifa ta’a. Homaa isa hin dhamaasan; murtoo cimaa fudhachuuf wanti tokkolle duubatti isa hin harkisu; daandii fi kallattiin itti deemu harkaa hin badu. Kaayyoon isaa dhumaa maal akka ta’e ni beeka. Karaan kaayyo kanatti isa geessu qajeela akka ta’ee ni beeka”3:138

(Qur’aanni] kuni namootaf ibsa; warra Rabbiin sodaataniif immoo qajeelfamaa fi gorsa.” Suura Ali-Imraan 3:138

Namni Qur’aana dhiise fi irraa garagale immoo kana hundaa dhaba. Kallattii fi karaan inni hordofu qabu harkaa bada, ni dhama’a.Hundeen dhama’iinsi yeroo amma nu muudataa jiru sababa Qur’aana irra garagalleefi. Hin qo’annu, hin dhageefannu, hin barannu. Dhama’aan gariin itti lixe akkana jedha,” Namoota hundaaf  Qur’aana guutu qo’achuun hin barbaachisu. Gareen hagaa yoo qo’ate gahaadha.” Kuni jaahilumma (wallaalummaa) akkamiti badii! Guyyatti yeroo meeqa Fesbuuki gorogora oola ergasi Qur’aana qo’achuun hin barbaachisu jedha! Dhama’iinsa jechuun kana. Wanti faaydi hin qabne waliin yeroo ofii gubanii qajeelcha fi rahmata Rabbii irraa garagaluudha.

Kanaafu dhama’iinsa, shakkii, hurri jireenya fi kkf ofirraa kaasuf gara Qur’aana deebine guyyaa guyyaan qo’achuun, barachuun furmaata ta’a. Ammas wanti tokko ni jira. Yommuu Qur’aana qo’annu, yookiin dhageefannu yookiin aalima irraa barannu sheyxaanni shakkii fi of tuulu nutti darbuun nu dhamaasu danda’a. Aaya takka yookiin guutu Qur’aana akka shakkitu si gochuu danda’a. yeroo kanatti kana yaadachu yookiin gochuu qabna.

1ffaa Aayatoonni (keyyatoonni) Qur’aana wal ibsu. Aaya tokko irratti ifa kana hin taane aaya biraa irratti bal’innaan ifa ta’a. Fakkeenyaf, Suura Faatiha keessaa aaya 7ffaa irratti “Karaa warroota tola irratti oolte nu qajeelchi.” Aaya kana keessatti warroonni Rabbiin tola irratti oole eenyu fa’a akka ta’an hin beeknu. Kanaafu eessa argannaa? Suura An-Nisa aayaa 69 ffaa irraa warroota Rabbiin tola irratti oole arganna. Nabiyyoota, saadiqoota (warroota haqa dhugoomsan), shahiidota fi saalihoota. Kanaafu aayatoonni Qur’aana waan wal ibsaniif shakkiin dhama’uu hin qabnu.

2ffaa Ibsa yookiin tafsiira Qur’aana kan argannu karaan lammafaan Ergamaa Rabbii (SAW) irraayi. Hadiisonni Rasuula Qur’aana ifa nu godhu. Hadisoota kanniin osoo hin ilaalin aayata Qur’aana mataa keenyan ibsuu yoo yaalle ammallee hurrii shakkiiti fi dhama’insatti kufna. 3ffaan Ibsa Qur’aana sahaabota irraa kan argannuudha. 4ffaa Ibsa Qur’aana taabi’oota fi aalimoota gurguddoo irraa kan arganuudha. Kanaafu yommuu sheyxaani waa’ee Qur’aana ilaalchise shakkii nutti darbuu dhama’uu hin qabnu. ‘A’uzubillahi mina sheyxaani rajiim’ jechuu fi du’aayi gochuun sheyxaana ofirraa ari’uu dandeenya.Garuu Qur’aana sirratti hubachuuf cubbuu irraa fagaachun garmalee barbaachisadha. Nuurri (ifni) Qur’aanati fi dukkanni cubbuu bakka tokko jiraachu hin danda’an.

Dhama’iinsi lamaafaan sheyxaanni nutti darbuu immoo of tuuludha. Yommuu Qur’aana qo’anne yookiin baranne hojii irra oolchu jalqabnu namoota kaannin tufachu eegalla. Akka keenyatti yoo hin yaadinii fi hin jiraatin addunyaa irraa akka badan barbaanna, akka namaatti isaan hin ilaallu. Qur’aana erga baranne hanga dandeetti keenya namoota barsiisudha malee of tuulu hin qabnu. Nutti carraa fi rahmata Rabbii arganne Qur’aana baranne namoonni baay’een carraa dhabanii Qur’aana osoo hin baratin hafan. Itti gaafatamummaan keenya Qur’aana akka hordofan dirqisiisu osoo hin ta’in ergaa itti geessudha. Fuudhatanii dhiisaniin mirga isaaniti. Kanaafu Qur’aanni kan ittiin of tuullu osoo hin ta’in kan ittiin of gadi qabnu ta’uu qaba. Nama rahmataa fi bal’isee  yaadu kan ittiin taanu ta’uu qaba malee namoota irratti gogaa ta’uu hin qabnu. Waa’ee of tuulu barruu ‘Qulqullinna Qalbii kutaa 3ffaa’ jalaa argachuu dandeessu.

2.Miidiyaa– maddi dhama’iinsaa inni lammafaan immoo miidiyaadha. Diinni fi waraanni guddaan yeroo amma Islaama fi ilma namaa guutu irratti banamee miidiyadha. Sheyxaana kana argate burraaqa. Ilma namaa jallisuuf duraanu kakate amma karaan bal’ate isaa baname jira. Sababa miidiyaatin dargaggoon gara deemu wallaale. Sobni fi dhugaan garmalee walitti naqamuu irraa kan ka’ee haqni awwaalamte.

Miidiyaan yommuu oduu sobaa namatti afuufu namoonni amantii ofii akka shakkanii fi irraa garagalan taasisa. Namni dhugaa fi sobaa osoo addaan hin baasin miidiyaa duuka bu’u hurri kana keessatti bade hafa. Oolola sobaa odeessun namoonni Islaama akka jibbanii fi irraa garagalan taasisa. Jireenya keenya keessatti miidiyan haqa Islaama ilaalchise gonkumaa kan nu shakkisiisu ta’uu hin qabu. Miidiyaan wanta feete yoo odeessite ifa Islaama balleessu akka hin dandeenye beeku qabna. Sobni hanga fedhe baay’atee fi humna kan qabu haa fakkaatuyyu malee hidda gadi dhaabbataa waan hin qabneef yeroo muraasan booda duguugame bada. Yeroon muraasni suni waggaa dhibbaa yookiin sani ol ta’uu danda’a. Rabbiin yeroo kennaaf. Yoo gara haqaatti deebi’u diidan ergasi duguuge balleessa. Mee ummata Nabiyyanaa Nuh (AS) ilaalaa. Waggaa 950 gara haqaatti isaan waame. Ni didan. Dhumni isaani maal ta’e ree? Addunyaa irraa adabbii Rabbiitin dugugamanii badan.

Kanaafu sobaan hurgufamuu fi dhama’u hin qabnu. Babal’inni sobaa fi wanta fokkuu nu dinqisiisu hin qabu.5:100

Jedhii: “osoo baay’inni wantoota fokkataa si dinqisiiseyyuu  fokkataa fi gaariin wal hin qixxaatan.”  Yaa warra sammuu qabdan akka milkooftaniif jecha Rabbiin sodaadha.” Suura Al-Maa’ida 5:100

Oduu sobaa miidiyaa irraa guurun Islaamni akkana akkana jechuu hin qabnu. Inni yeroo hundaa haqaa fi ifa. Sobni gonkumaa hin jijjiru. Tooftan yeroo ammaa miidiyaan fayyadamu nama Islaamatti waamu (daa’i) maqaa shororkeessa (Terrorist) itti maxxansuun namoota fafee waa’ee Islaama quba hin qabne namoota gaarii fakkeessun ummatatti dhiheessa. Yookiin immoo namoota fafee bombii harkaa ka’aani akka namoota galaafatu godhan. Ergasii kunoo Islaamni amantii badiiti jechuun oolola ofi gadi naqu. Halkanii guyyaa Islaama balleessuf dhagaan isaan hin buqqisne hin jiru. Garuu ta’uufi didde malee.

Kanaafu olola kanaan gonkumaa sobamuu fi dhama’uu hin qabnu.

3.Warraa dhihaa hordofuu fi akkeessu– ammallee dhama’iinsi fi rakkoon guddaan nu muudataa jiruu sababa warraa dhihaa hordofuu fi akkeessuti. Haala jireenya Ergamaa Rabbii dhiisne haala jireenya isaani hordofuun of dhamaasa jirra. Ergamaan Rabbii (SAW) kana nu mirkaneessu. Abu Sa’id Al-Kudri akkana jechuun Ergamaa Rabbii irraa gabaase:

لَتَتْبَعُنَّ سَنَنَ مَنْ كَانَ قَبْلَكُمْ شِبْرًا شِبْرًا وَذِرَاعًا بِذِرَاعٍ، حَتَّى لَوْ دَخَلُوا جُحْرَ ضَبٍّ تَبِعْتُمُوهُمْ ‏”‏‏.‏ قُلْنَا يَا رَسُولَ اللَّهِ الْيَهُودُ وَالنَّصَارَى قَالَ ‏”‏ فَمَنْ ‏”‏‏.

Dhugumatti karaa warroota isiniin duraa taakku taakkun, ciqilee ciqileen ni hordoftu osoo bolloo lootu seenaniyyuu isaan ni hordoftu (waliin ni seentu). Ni jenne,’Yaa Ergamaa Rabbii, Yahuudota fi kiristaanota (jechuu keeti)?’ Ergamaan Rabbis ni jedhan, ‘(Isaan yoo hin ta’in) eenyu ree?” (Sahih Al-Bukhaari)

Warroota kanniin hordofuun baditti of darba jirra. Sheyxaanni karaa badii ni bareechisa daandii tolaa immoo ni fokkisa. Haala kanaan baditti nama harkisa.

Inumaa tokko tokko yoo dhama’uu fi jaanja’uu, ‘Islaama hordofuun duubatti haftummaa fi hiyyummaaf nama saaxila. Warra dhihaa hordofuun qaroominnaa fi guddinna.’ Jedha. Namni sammuu qabuu ‘Qullaa deemun qaroominnaa, uffata uffachuun duubatti haftumaadha.’ Ni jedhaa sila? Guddinna teknoolojiitin hanga fedhan samii haa tuqan hamilee fi amalli isaani garuu horiin wal qixxaata. Warra dhihaa caalaa bakki sagaagalummaa fi wanti fokkuun itti babal’ate ni jiraa?  Kanaafu akkamitti karaa isaani hordofuu filannaa? Teknolojiin isaan har’a ittiin boonan boru ni bada. Fooqi fi guddinni isaan odeessanis boruu daaraa ta’a.

Teknolojii isaan irraa fudhanne itti fayyadamuu dandeenya garuu toofta fi mala jireenya gonkumaa isaan irraa dhaalu hin qabnu. Malaa fi toofta haala jireenya isaani dhaalun kan Ergamaa Rabbii dhiisun dukkanaa fi dhama’iinsa malee wanta biraa ta’uu hin danda’u. Mee ilaali warri dhihaa hangam akka dhama’an. Dhiphinnii fi rakkoon xin-sammmuu (psychology) isaan reebaa jira. Haqaan ala wanta biraa hordofuun dogongora, jallinnaa fi dhama’iinsa malee wanta biraa ta’uu hin danda’u.10:32

“Sun Allaah, Gooftaa keessan, kan Dhugaati. Dhugaa (haqa) booda jallinna malee maaltu jira? Akkamitti irraa garagalfamtu?” Suura Yuunus 10:32

Har’aaf asirratti nu gaha. In sha Allah torbaan kutaa lammaffaa qabadheen hanga dhihaadhu assalaamu aleykum wa rahmatullahi wa barakaatuh.

Hubaciisa: Ad(beeksisni) armaan gaditti yoo mul’atan ani kan asirratti maxxanse osoo hin ta’in WordPress tu qarshii argachuuf maxxanse. Asirraa kaasu yoo barbaadan Adblock kana fayyadamu dandeessu warroonni kompiyutara fayyadamtan. Warroonni telefoona fayyadamtan osoo ilaalin bira darbaa.

Dhama'iinsa-Kutaa 2ffaa
Gola Seenaa Irraa Lakk.3
Kana Raabsi

Leave a Reply

Your email address will not be published.