Ibidda Jaalala-kutaa 2ffaa

Kutaa darbee keessatti ibiddi jaalala akkamitti akka jalqabamu ilaalle turre. Insha Allah har’a immoo maloota ittiin qabaneessan ilaalla.

Ibiddi yommuu qabatee balaa geessuf deemu bishaan itti naquun akka dhaamu taasifamaa mitiree? Akka ibiddaa jaalala guutumaan guututti dhaamsu osoo hin ta’in balaa akka hin geessine qabaneessun ni danda’ama. Wanti hubachuu qabnu jaalalli mataan isaa balaa osoo hin ta’in hojii namtichaatu balaa geessa. Namtichi yoo of too’ate balaan jaalalan  dhufu hin jiru. Namtichi garuu yoo of too’atu dadhabe akkuma arge ta’ee bu’aa hojii isaa ni dhandhama. Karaa jaalala ittiin too’atan baay’ee isaa barruule qorsa jaalala jettu jalatti kaasne turre. Kan armaan gadii akka dabalataati. Read more

Ibidda Jaalala-Kutaa 1ffaa

Yeroo ammaa waa’ee jaalala yoo ka’u gariin ni jibbu gariin ni immoo ni jaallatu. Sammuu namoota gariitti jaalala jechuun wanta jibbamaa fi fokkuu waliin wal qabateedha. Sammuu namoota birootti immoo jaalala jechuun walqunnamtii saala qofaan kan wal qabateedha. Jaalalli wanta fokkus miti wal qunnamtii saalaa qofaan kan wal qabates miti. Jaalalli hiika bal’aa kan qabudha. Hiikni isaa garuu nama namaatti ni jijjirama. Read more

Jireenya Kee Haaromsi

Jireenyi ilma namaa guyyaa guyyaatti ni jijjirama. Yookaa badii irraa gara gaaritti yookiin immoo gaarii irraa gara baditti jijjirama. Jireenyi ilma namaa guutu wal fakkaata miti. Garin hiyyeessa, gariin dureessa, gariin gammadaa, gariin aarii fi gaddaan kan haguugameedha. Jireenya keenya guyyaa guyyaan yoo hin haaromsiin yookaa moofe nu jibbisisa yookiin immoo gara baditti ceena. Read more

Salaata:Burqaa Gammachuu

SaalataSalaanni utubaale Islaama shanan keessa sadarkaa lamaffaa irratti argama. Nama Musliima ta’ee hunda irratti salaata shanan guyyaa guyyaan salaatun dirqama isarra kaa’ameedha. Salaanni burqaa gammachuu fi furtuu milkaa’innaati. Salaanni garmalee jabeefamuun yeroo kamiyyuu dhiifamu akka hin qabne Rabbiin nuu dhaama. Read more