Salaata:Burqaa Gammachuu

SaalataSalaanni utubaale Islaama shanan keessa sadarkaa lamaffaa irratti argama. Nama Musliima ta’ee hunda irratti salaata shanan guyyaa guyyaan salaatun dirqama isarra kaa’ameedha. Salaanni burqaa gammachuu fi furtuu milkaa’innaati. Salaanni garmalee jabeefamuun yeroo kamiyyuu dhiifamu akka hin qabne Rabbiin nuu dhaama. Hattaa yeroo lolaa miilan yookiin yaabbiin osoo deemanu salaatu akka qaban Rabbiin dhaama. (ilaali Suura Al-Baqaraa 2:239) Rabbiin haala kanaan salaatatti nu ajaja:20:14
Ani Allaah dha. Ana malee dhugaan gabbaramaan hin jiru. Ana gabbari. Yaadannoo Kiyyaaf salaatas seeran salaati.” Suura Xaahaa 20:14
Garuu baay’een keenya salaata akkuma argine salaatun yookiin guutumaan guuttutti dhiisun addunyaa tana qofa ari’aa jirra. Sababa salaata dhiisutiin gammachuu fi tasgabbii dhabaa jirra.

Faayda Salaata irraa argannu
Salaanni burqaa gammachuu fi karaa gargaarsi Rabbii ittiin namaa dhufuudha. Salaanni jabeenya namaa kenna. Namni salaata yoo dhiise jabeenya dhaba.
Yaa warra amantan obsaa fi salataan gargaarsa barbaada. Dhugumatti Rabbiin warra obsan waliin jira.” Suuraa Al-Baqaraa 2:153

Namni salaata salaatu salphatti sheyxaanan hin adamfamu. Namni akkuma salaata sirnaan salaata adeemun Rabbitti dhihaacha sheyxaana irraa immoo fagaacha adeema. Salaanni toltutti nama kakaasa badduu irraa immoo nama dhowwa.
“(Yaa Muhammad) Kitaaba (Qur’aana) irraa waan gara kee buufame dubbisi. Salaata haqa isaa guuti salaati. Dhugumatti salaanni wantoota fokkatoo fi jibbamoo ta’an irraa nama dhorgiti. Zikrii (faaruu) Rabbiitu waan hundaa irra guddaadha.Rabbiis waan isin hojjattan ni beeka. “ Suura Al-Ankabuut 29:45

Amala mu’imintoota keessa tokko salaata sirnaa fi osoo addaan hin kutin salaatu, yeroo fi danbii isaa eegani salaatu. Warroonni kunniin warroota milkaa’aniidha.23:123:2
Dhugumatti mu’umintoonni milkaa’an. Isaan warra salaata isaani keessatti kushu’a qabaniidha.” Suuraa Al-Mu’uminuun 23:1-270:23

“Isaan  salaata isaani irratti gadi dhaabbatan.” Suuraa Al-Ma’arij 70:23
Kanaafu salaanni bu’uura milkaa’innaa fi gammachuuti. Namni sirnaan salaata yoo salaate addunyaa aakiratti milkaa’a. salaanni hojii fi yaada nama dhamaasu laaffisa. Ergamaan Rabbii(SAW) yommuu dhiphatan gara salaata fiigu turan. Yaaddo fi dhiphinni hunduu salaata keessatti furmaata argatu.

Rakkoo fi ba’aan xaxamaan salaatan furamu. Namni yommuu badii/cubbuu raawwatu ni gadda, gara bahuun dhaba. Dhiphinnaan liqimfama. Sababa kanaan warroonni dhihaa yookiin kan biroo karaa dhiphinna keessa ittiin bahan yoo dhaban xiyyitin of galaafatu. Namni Musliima ta’ee immoo gara salaata fiigun Rabbii ofitti iyyata. Kanaafu salaanni wal qabsiistu Goofta fi gabrichaati. Akkuma aaya armaan oliitti eerame yommuu obsaa fi salaatan gargaarsa Rabbi irraa barbaannu dhiphinni, yaaddon, rakkoo fi gadadoon keenya nurraa ka’u. Garuu yoo obsa hin qabaatinii fi salaata hin salaatin rakkoo, dhiphinni fi yaaddon keenya akkamitti nurraa ka’uu? Kanaafu osoo yeroo hundaa rakkoon, yaaddon, dhiphinni nu muudatanuu salaata dhiisun nurraa ni miidhagaa? Salaata yoo dhiisne akkamitti gargaarsa argannaa, dhiphinnaa fi yaaddo keessa akamitti baanaa?

Salaanni cubbuu namarraa harcaasa. Hojiin gaariin hojii badaa balleessa. Abu Hureeyran (RA) akka gabaasanitti Ergamaan Rabbii (Salallahu Aleyh wasallam) akkana jedhu:
الصَّلَوَاتُ الْخَمْسُ وَالْجُمُعَةُ إِلَى الْجُمُعَةِ وَرَمَضَانُ إِلَى رَمَضَانَ مُكَفِّرَاتٌ مَا بَيْنَهُنَّ إِذَا اجْتَنَبَ الْكَبَائِرَ
Salaanni shanan, Jum’aa irraa jum’atti, Ramadaana irraa Ramadaanatti wanta(cubbuu) isaan jiddu raawwatamaniif kaffaaradha yoo namtichi badii gurguddoo irraa fagaate.” (Sahih Musliim)
Kaffaara-jechuun cubbuu/badii namarraa harcaasu.
Yoo salaata hin salaatin akkamitti badiin keenya nurraa harca’u. cubbuun ba’aa qalbii irratti ta’uun gammachuu fi tasgabbii nama dhabsiisa. Ba’aa kana ofirraa buusun karaan tokkichi gammachu itti argatan salaata salaatun Rabbirra araarama (magfiraa) kadhachuudha. Ta’uu baannan ba’aan kuni guyyaa tokko nu galaafata akkuma namoonni amanti hin qabne yommuu dhiphatan of galaafatan. faaydan salaata lakkawame hin dhumu. Namuma salaatetu faayda fi mi’aa isaa dhandhama.

Miidhaa salaata dhiisu
Salaata dhiisun galaana dhiphinnaa fi yaaddo namatti bana. Namni yommuu Rabbiin irraa fagaatu wanti isa eeggatu jireenya dhiphinnaa fi rakkinnaati. Nyaanni qalbii zikrii waan ta’eef nyaata kana yoo dhabdu ni duuti yookiin ni dhiphatti. Namtichi gammachuu fi tasgabbii jireenya keessaa dhaba. Wanti ibidda jahannam maqaan isaa ‘Saqar’ jedhamutti nama geessu keessaa tokko salaata dhiisudha.74:4274:43
Warrii jannataa akkana jedhanii yakkamtoota gaafatu “Maaltu saqariin keessa isin seensise?
(Yakkamtoonnis) ni jedhu: “Nuti warra salaatan irraa hin turre.” Suuraa Al-Mudassir 74:42-43
Namni yommuu salaata dhiisu wanta gadhee hojjachuu jalqaba. Wanta gadhee hojjachuu hanga du’uu itti fufa. Ergasii dhuma hamatti isa geessa. Gaafin akkana jedhu ka’uu danda’a. warroonni salaata hin salaanne kan akka kaafirota, gariin isaani wanta badaa hin hojjatan, amala gaarii qabu. Kuni akkamitti ta’uu danda’a? Deebiin: gaarummaa isaani hin kaannu. Gaarumma osoo qabanuu badii fi wanti gadheen isaan hojjatanii fi hojjataa jiran maaliidha? Shirkii mitii, Rabbitti waa qindeessu? Badii fi amalli gadheen kana caalu eessa jiraa? Namni shirkii dalaguu nama zinaa raawwatu caala adabama. Shirkiin yakkaa fi badii hundaa caalu, zulmii guddaadha (ilaali Suura Al-Luqmaan 31:13)
Namni salaata yommuu dhiisu haalli jireenya wal xaaxa itti ta’a. yaaddo fi dhiphinna keessa bahuuf yookaa araadota akka sigaara, caati, alkooli fi kan kana fakkaataniin qabama yookiin immoo of galaafata. Kana irra osoo wudu’ate gara salaata deeme dhiphinni hunduu irraa adeema. Kanaafu salaata dhiisun addunyaa aakiratti balaa hamaaf nama saaxila.

Sababoota salaata nama dhiisisan (gachisisan)
Namoonni sababoota adda addaa irraa kan ka’e salaatu dhiisu.
Addunyaa ari’uu– namni kaayyoo guddaa addunyaa godhate salaatatti haajaa hin qabu. Halkanii guyyaa osoo addunyaaf dhiphatu jireenya isaa fixa. Addunya gabaabdu tanaaf gammachuu turaa dhaba. Salaata salaati yommuu jedhamu ani yeroo hin qabu jedha. Addunyaaf jedhanii yaadannoo Rabbii irraa garagaluun kasaara guddaaf nama saaxila.63:9
Yaa warra amantan qabeenyi fi ilmaan keessan zikrii Rabbii irraa isin hin dagin (hin garagalchin). Namoonni kana dalagan isaanumatu hoonga’oota.” Suuraa Al-Munafiquun 63:9
Addunyaaf jedhanii salaata dhiisun nama hoongessa. Meeqa keenya wanta hin fayyanne waliin osoo yeroo keenya gubnu salaata dhiisna yookiin sirnaan hin salaannu. Dhugumatti akkuma Rabbiin jedhe qabeenyi fi ilmaan qormaata gurguddoodha (64:15). Mobaayili fi interneeti osoo oli gadi oofnu salaanni nurra darba. Sheyxaanni nu hoongessuf bakka salaata wanta nu hin fayyannee fi fokkuu nutti bareechisa, salaata immoo akka gaaratti nutti ulfeessa.
Bakka deemu hunda telefoonni harkaa hin buutu.
Ana kuni naa hin galle
Teknoloji zikrii godhanne
Salaata daganne
Akkuma argine saganne
Lakkii kuni nu hin baasu
Yeroon gara Rabbii haa deebinu
Salaata sirnaan haa salaannu
Sheyxaana jalaa haa baanu

Namoota biroo ilaalu– yeroo ammaa namoonni akkuma jaama wal hordofu. Namoonni baay’een yoo hin salaatin ‘Ana maaltu na xaarse, kunoo namoonni baay’een hin salaatan. Warroota salaatan jijjirama irratti hin arginuu.’ Jechuun salaata irraa garagala. Guyyaa qiyaama namni hunduu wanta hojjataa tureen gaafatama. Namni tokko cubbuu nama biraa gonkumaa hin baadhatu. Salaata kan salaatu yookiin hojii gaarii kamiyyu kan hojjatu mataa ofii qofaafi. Namni qajeele mataa ofii qofaaf qajeele kan dabees mataa ofii qofarratti dabe (10:108). Kanaafu namoota biroo ilaalani dabuun gowwummaa fi of sobuu malee wanta biraa ta’uu hin danda’u.
Namni qabsaa’es kan inni qabsaa’u lubbuma isaatif. Rabbiin dhugumatti aalama hunda irraa dureessa. Isaan amananii hojii gaggaari hojjataniis badii isaani isaan irraa haaqna. Dhugumatti gaarii waan isaan dalagaa turanii isaan mindeessina (mindaa isaani kafalla).” Suuraa Ankabuut 29:6-7
Akkuma aaya kana keessatti ibsame Rabbiin salaata keenya irraa fayyadamaa miti. Nutu fayyadamtoota malee. Salaata yoo dhiisne wanti Rabbirraa hir’atu hin jiru, salaata yoo salaannes wanti Isaa dabalamuu tokkolle hin jiru. Nuti hiyyeeyyi yoo rakkanne fi dhiphanne Rabbitti iyyudha.

Akkamitti salaata irraa gammachu arganna
Salaata irraa gammachuu argachuuf carraaqqi fi obsa nu barbaachisa. Namoonni tokko tokko salaata salaatani wanta barbaadan yoo hin argatin salaata ni dhiisu. Yookiin immoo salaata yeroo rakkoo yookiin ji’a ramadaana keessa qofa salaatu. Salaanni ispoorti gadi jenne ol jennu osoo hin ta’iin sarara wal qunnamtii Rabbii fi gabroota jidduti. Maqoo(haasawa) Rabbii fi gabricha jiddutti adeemsifamuudha. Salaata keessatti yommuu suuraa faatiya qaraanu maqaa Rabbiitin jalqabna, itti aansine galata Isaa galchina. Maqaale babbareedan Isa faarsina. Mooti guyyaa Qiyaama akka ta’e Maaliki yoomidin jechuun ni mirkaneessina. Si qofa gabbarra, Si qofa irraa gargaarsa barbaanna jechuun gabrummaa namoota fi wantoota biroo irraa of bilisoomsina. İtti aansine daandii qajeela irraa akka hin dabne ‘karaa qajeelatti nu qajeelchi’ jenna. Daandiin qajeelaniis karaa warra dallansuun Rabbii itti bu’ee kan akka yahuudota fi warra beekumsa malee jallatee kan akka nasaara (kiristaanota) osoo hin ta’iin karaa Ati tola irratti oolte kan akka Nabiyyoota, shahiidota, saadiqoota fi warroota saalihoota nu qajeelchi jechuun Rabbii keenyatti warwaanna. Kanaafu gammachuun kana caalu eessaa dhufaa? Rabbii galata galchuun, Isa faarsun, Isa qofa gabbaruun, Isarraa gargaarsa kadhachuun, karaa qajeelatti akka nama qajeelchu itti warwaachun gammachuu akkami! Yommuu gara sujuuda bu’an dhiphinnaa fi ba’aa akkamitu namarraa ka’aa!

Salaata irraa gammachuu argachuuf dambilee salaata eeganii salaatudha. Hiika wanta jennu baruuf tattaafachu qabna. Yommuu hiika suura faatiyaa fi kan biroo sammuu keenya keessatti finne salaannu, salaata irraa gammachu arganna, mi’aa isaa ni dhandhamna. Yommuu salaata salaannu yaadota duniyaa irraa garagaluuf carraaqu qabna. Salaata qofa irratti xiyyeefachuuf yommuu carraaqnu gammachuu fi milkaa’inna arganna.

Akkuma salaata xumurren olkaane fiigu hin qabnu. Tasgabbiin gadi teenne zikrii fi du’aayi gochuudha. Balleessa keenyaf yommuu Rabbirraa araarama kadhannu, rakkoo fi dhiphinna keenyaf yommuu Isatti warwaannu ba’aan nurraa bu’a, gammachuu arganna. Salaata ima salaata wanta fedhu argachaa hin jiru jechuun abdii kutuu hin qabnu.

Saalata akkuma salaattun balbala Rabbii dhahaa jirta. Namni balbala Rabbii dhahe Rabbiin ni banaaf.” Abdullah ibn Mas’uud

Burqaan gammachuu salaataa
Salaatan milkaa’innatti baataa
Dhiphinnaa fi rakkoo irraa baraaramtaa
Wanta fokkuu fi jibbamoo irraa fagaattaa
Namoota filatamoo keessaa taataa
Siinqin kee kan aakira salaata
Sila harka qullaa du’uu feetaa?
Hin dhiisin gonkumaa salaata
Ani kana si dhaama akka obbolessatti
Fudhachuu fi dhiisun mirga keeti
Assalamu aleykum siin jedhaa asumatti
Hanga guyyaa biraa walitti deebinu nagahatti

Print Friendly, PDF & Email
Zikrii fi Du’aayi Salaataa

7 comments

Leave a Reply