Jireenya Kee Haaromsi

Jireenyi ilma namaa guyyaa guyyaatti ni jijjirama. Yookaa badii irraa gara gaaritti yookiin immoo gaarii irraa gara baditti jijjirama. Jireenyi ilma namaa guutu wal fakkaata miti. Garin hiyyeessa, gariin dureessa, gariin gammadaa, gariin aarii fi gaddaan kan haguugameedha. Jireenya keenya guyyaa guyyaan yoo hin haaromsiin yookaa moofe nu jibbisisa yookiin immoo gara baditti ceena.

Jireenya keenya haaromsuuf bu’aa bayi baay’ee keessa darbuu qabna. Bu’aa bayi kana keessaa bahuuf obsaa fi gamnummaan tarkaanfachuu qabna. Yoo obsaa fi gamnummaan hin tarkaanfatin goodda irraa sululatti mucucaanne hafna. Yommuu jireenya keenya ni haaromsa jenne kaanu gufuwwan baay’ee fuundura keenyatti akka gaaratti ol tuulamanii argina. Tuulama gufuwwan kana sodaanne yeroo baay’ee jireenya keenya haaromsuu hin barbaannu. Wanta hojjachuu qabnu tarreessun dura gufuwwanii fi sababa hin barbaachisne tarreessina. “Kana hojjachuu na fedha garuu baay’ee ulfaatadha, yeroo hin qabuu,….” Jechuun jireenya keenya haaromsuu irraa mataa keenyan gufuu ofitti taana.

Jireenya keenya haaromsuuf tarkaanfiwwan hordofuu qabnu ni jiru. Isaanis:

1.Maal hojjachuu barbaadda, mee takkaa yaadi– maal hojjachuu akka qabnu fi sababa maalif dalaguu akka qabnu milkaa’inna keenyaf murteessadha. Rabbiin ilma namaatif filannoo kenne jira. Wanta ilmi namaa filate san irratti isa gadii dhaaba. Jallinna yoo filate jallinna irratti, qajeelumma yoo filate qajeelumma irratti isa gadi dhaaba. Qajeelumma filanne galmaan gahuuf yoo tattaafanne Rabbiin akka nu gargaaru waadaa nu gale jira.

Jireenya kee keessatti maal jijjiruu barbaadda? Mee takkaa yaadi. Mee maaltu keessa kee quuqa, ol akka hin deemne maaltu gufuu sitti ta’a? mee takkaa yaadi. Of jijjiruu yommuu jedhamu yaanni jalqabaa mataa keenyatti dhufu Qarshiidha. Akkana yaannan dogongorre jirraa yaada keenya haa sirreefannu. Tolee akkuma yaadde qarshii argatte haa jennu. Achiin booda maal hojjachuu yaadda? Namoonni baay’een qarshii yoo argadhe kana Rabbii jedhe nan hojjadha, gummaacha nan taasisa jedhu. Garuu yommuu qarshii argatan doy’a ta’anii hafu.

Sababni kanaa maal akka ta’e beektu? Sababni kanaa guddaan rakkoo keessaa caalaa rakkoo alatti xiyyeefachudha. Hundii keenya rakkoo garagaraa qabna. Keessi keenya dhibeewwan garagaraatin rukutama.

Yaanni keenya guddaan dhibeewwan keessa keenyaa qulqulleessu irratti yoo ta’ee insha Allah alli fi naannoon keenya tartiiba horatu. Yoo keessi namaa bade, namni tasgabbii fi nageenya dhaba maa hanga fedhe qabeenya haa qabaatu. Kanaafu gammachu fi milkaa’inna barbaannu argachuuf keessi kiyya akkami jenne of gaafachu qabna. ‘Keessi kiyya waanyo, jibba, gadoo qabachuu, tuffii, of tuulu, fi kkf’ kan guuttame moo kanarraa qulqulludha jenne of haa gaafannu.

Akkuma qulqullinna qalbii teeti irratti xiyyeefattuun akkasuma gammachuu fi milkaa’inna argatta. Fuggisoo kanaa immoo akkuma keessa kee dagattuun gammachuu fi milkaa’inna dhabda.

Namni dogongora (aybii) namaa barbaadu dhiise kan ofii irratti xiyyeefachuun sirreessuf carraaqu dhugumatti Insha Allah gammachuu fi milkaa’inna ni argata. Namni of irraanfate dogongora nama irra barbaadu immoo jireenyi isaa jireenya moofati. Nama waan gaarii hojjatu tuqaa gurraatti yoo irratti arge, isa gadi xiqqeessu fi jibbuun amala isaati.

Walumaagalatti keessa keenya jijjiruu irratti yoo xiyyeefanne, jireenya keenya haroomsa adeemna. Akkuma hanqinna keenya barbaadun sireessuf carraaqnuun goodda milkaa’inna fi gammachu irra ijjachaa adeemna.

2.Gufuwwan gaara sitti fakkaatan san tuqii– Yommuu jireenya keenya haaromsuuf kaanu, gufuwwan baay’ee of dura tuulla, dhiibban alaas nu dura tuula. Gufuwaan gaara nutti fakkaatan kana tuqu ni sodaanna. ‘Off ni ulfaata hin danda’u’ jechuun irraa garagalla. Gufuwwaan fundura keetti tuulaman sanniin mee tuquuf yaali. Fakkeenyaf qalbii tee waanyu, jibba, nama hamatu irraa qulqulleessuf kaate haa jennu. Gufuwwaan akka qalbii tee hin qulqulleessine si godhan maal fa’a? tarreessi! ‘Ani qalbiin tiyya garmalee badde jirti nama waanyu, jibbuu, hamachuu hin dhiistu’ jettaa mitiree? Guyyaa tokkon qalbii tee qulqulleessun ni ulfaata akkuma guyyaa tokkoon mana ijaarun ulfaatu.

Gufuwwan kanniin suuta suutan kaasuf guyyaa guyyaan carraaqi. Arrabni kee nama hamatu barate, yookiin cal’iseetumaan odeessa haa jennu. Amala kana jijjiruun gammachuu argachuu barbaaddaa, mitiree? Gufuun si dura jiru maaliidha? Namni oduu sitti fidu gufuu tokko, namni ati oduu itti fiddu gufuu lamataati, osoo hin guutatin shakkiin odeessun gufuu sadafaati. Akkamitti jijjirta ree kanniin? Jalqaba nama oduu sitti fidu irraa dheessi. Lama oduu nama biraatti fiduu irraa arraba kee qabi. Sadii ija shakkiitin nama hin ilaalin. Afur hanqinnaa fi balleessa baay’ee akka qabdu yaadadhu. “Qaallun taa ofitu hin beektu taa ormaa raagdi.” Jedhaa mitiree Oromoon yoo mammaaku. Atillee dogongora kee hin beektu tan ormaa raaguf deemtaa ree? Nafsee ‘aybii namoota odeessi’ siin jettu saniin,’Cal’isi! teetu hin beektu tan ormaa raagda, mee ilaali hanqinna fi balleessa ati qabdu. Cal’isi maaltu si galche waa’ee namaa?’ Jedhiin.

Kuni akka fakkeenyati. Jireenya kee akka hin haaromsine gufuwwan adda addaa qorachuun tarreessi. Fundura keeti kaasuf carraaqi .

Erga gara jijjiramaa seenten boodas gufuwwan baay’een duubatti si harkisu. Gufuwwan duubatti si harkisan hanbisuuf carraaqi. Osoo deemtu si kuffisi, osoo hin beekin yookiin osoo beektu. Kufte achitti hin hafinii olka’i. Fakkeenyaf rakkoo dargaggootaa yeroo ammaa keessaa tokko ibidda jaalalati. Nama tokko waliin hariiro haraama ni uumu. Ibidda kanatti erga seenanii booda, jireenya isaani akka hin haaromsine duubatti isaan harkiisa. Miseeji fi bilbilli halkanii guyyaa sammuu fi yeroo isaani guba. Dhiisus barbaadu garuu hin ta’uuf. Akkanumatti jireenya nuffisiisa jiraatu. Insha Allah mata duree ‘Ibidda Jaalala’ jedhu jalatti bal’innaan ni ilaalla. Walumaagalatti gufuwwan dubatti nu harkisan  dhiisuf carraaqun jireenya keenya haaromsu dandeenya.

3.Summii “Hin danda’u” jettu of keessaa baasi- Jireenya keenya akka hin haroomsine summii kan sitti ta’uu tokko gaale, “Hin danda’u, yeroo hin qabu, garmalee ulfaata fi kkf’ jettudha. Summiiwwan kanniin mataa kee keessaa haaquf carraaqi. Sammuun kee hin dandettu, ni ulfaata yommuu siin jedhu, hojjachuu jalqabi. Hojicha tuqi. Irra deddebi’i hojjadhu. Ammas irra deebi’i hojjadhu hanga wanta tokkotti baatutti. Eeti adeemsa kana keessatti ni dogongorta.

Dogongorri kee kan irraa barattu malee kan duubatti si harkisu hin ta’in.

Sababa dogongora keetin qaana’uun achitti kufte hin hafin. Namni dogongora tokko malee takkaan milkaa’u akka hin jirre beeki. Ammalle hojjadhu, dogongoruu dandeessa, ammallee hojjadhu kasaaru dandeessa, ammalle hojjadhu wanti yaadde si ta’uu dhiisu danda’a. dogongora kanniin yommuu uumtu karaan ati hordofaa jirtu akka si hin baasne sitti akeeka, gara funduraatti karaa kana hordofuu akka hin qabne sitti agarsiisa. Gabaabumatti yaada hin danda’u jechuun sammuu kee cufuu dhiisiti wanta si harka jiruun wanta hojjachuu dandeessu dalaguun sammuu fi ija kee banii, jireenya kee haaromsi.

4.Namoota biroo waliin of bira of hin qabin- Wantoonni akka ol hin guddanne nama qancarsan keessaa tokko namoota nu olii ilaalun, uff akkamitti bakka kana gaha, nama akkanaa ta’uu hin danda’u jechuun sammuu fi ija keenya cufna. Wanti beeku qabnu namtichi sun takkaan bakka san hin geenye. Akkuma keenya kaleessa innis nama dadhabaa fi waa hin beekne türe. Sababa carraaqqi isaatin Rabbiin ol guddise. Innis carraaqe bakka kana gahe. Nu hoo maaltu nu dhowwa? Yeroo wal qixaa qabna. Guyyaa takkaan utaale achi hin geenye.

Carraaqi sa’aati sa’aati, guyyaa guyyaa , torbaan torbaani, ji’a ji’aa, wagga waggaa walitti kuufamanii milkaa’inna ijaaru.

Atillee guyyaa guyyaan yoo carraaqxe Insha Allah guyyaa tokko milkaa’innaa fi gammachuu barbaaddu ni argatta.

Gudunfaa
Jireenya keenya guyya guyyaan haaromsuuf carraaqun milkaa’innaa fi gammachutti nu geessa. Haroomsi guddaan haroomsa qalbiiti. Qalbiin motora jireenyati. Yoo ishiin badde wanti hunduu ni bada. Yoo ishiin tolte wanti hunduu ni tola. Qalbii keenya qulqulleessuf yoo carraaqne jireenya keenya haaromsaa jirra jechuudha. Fuggisoo kanaa immoo qalbii teenya yoo irraanfanne jireenyi keenya moofa fi jibbisisaa ta’aa adeema,mitiree?
Insha Allah hanga torbaan mata duree ‘Ibidda Jaalala’ jettuun walitti deebinutti Assalamu aleykum wr wb.

Kuni websaayiti haarawa waan ta’eef barruule dabalataa www.sammubani.wordpress.com irraa argachuu dandeessu

Daandiin Haqaa kami laata?-kutaa 1ffaa
Kana Raabsi

Leave a Reply

Your email address will not be published.