Ibidda Jaalala-Kutaa 1ffaa

Yeroo ammaa waa’ee jaalala yoo ka’u gariin ni jibbu gariin ni immoo ni jaallatu. Sammuu namoota gariitti jaalala jechuun wanta jibbamaa fi fokkuu waliin wal qabateedha. Sammuu namoota birootti immoo jaalala jechuun walqunnamtii saala qofaan kan wal qabateedha. Jaalalli wanta fokkus miti wal qunnamtii saalaa qofaan kan wal qabates miti. Jaalalli hiika bal’aa kan qabudha. Hiikni isaa garuu nama namaatti ni jijjirama.

Akkuma wantoonni hunduu daangaa qaban jaallallis daangaa qaba. Yoo garmalee xiqqaate jibbaa fi baditti jijjirama. Yoo garmalee guddattes wanta fokkutti nama harkisa. Har’a insha Allah ol guddate jaalalli akkamitti gara ibiddaatti akka jijjiramuu ilaalla.

Ibiddi jaalala akkamitti jalqabaa?

Jalqabni jaalala ija. Ijji ni ilaalti, ergasii yaanni sammuu keessatti ni bilchaata. Bilchinna yaada kanatu ibidda jaalala uuma. Onneen ibidda jaalalatin gubamuu jalqabdi yoo daangaa hin qabaatin. Umrii saalfannaa irraa eegale dargaggeessi/shamarreen qormaata jaalala waliin ni qabsa’a/qabsoofti. Qabsoo kana keessa yookaa moo’atutu jira yookin immoo moo’atamutu jira. Jalqaba jaalala irratti dukkanni baay’een nama marsuu danda’a. ınni ykn ishiin jaalalaan qabamnaan akkamitti akka too’atu yoo hin beekin rakkoo baay’eef saaxilamuu danda’u. Osoo hin beekin ibidda burtukaana se’anii harkaan qabatu. Ergasii gubaa fi laalaa isaa dhandhamu.

Nama jaalalaan qabamee kan Rabbiin rahmata godheef malee maraatan ykn ijjoollen wal fakkeessun ni danda’ama. Wanta maraatan yookiin ijjoollen hojjattu hojjata. Yaanni guutun isaaf/ishiif ta’a. akkuma duratti jenne ijji ni ilaalti, ergasii bilchinni yaada ni jalqaba. Halkanii guyyaa waa’ee isaa/ishii yaadun tarkaanfi itti aanu fudhatu. “Suuta suuta killeen lukaan deemti” jedhaa mitiiree Oromoon yommuu mammaaku yoo ani hin dogongorin? Suuta suuta jaalallis ibiddatti jijjirama. Ni ilaalta, yaada bilcheessita, walin haasawu barbaadda, ergasii sadarkaa itti aanutti darbita. Sababoonni gurguddoon ibidda jaalala namatti qabsiisan kanniini:

Hiriyyaa– Jaalala guutumaan guututti balleessun hin danda’amu. Nan balleessa jedhanii yaadunis gara hin taanetti nama oofa. Garuu daangaa akka horatu gochuun ni danda’ama. Daangaa kana darbuun gara ibiddaatti kan olguddisan keessaa sababni tokko hiriyyaadha. Yoo hiriyyaan kee jaalalle dhiira/dubartii (girlfriend/boyfriend) qabaate, atille akka isaa/ishii ta’uuf hawwuu dandeessa. Inumaa inni/ishiin akka kana gootu si kakaasti. Ati yoo ofirraa hin dhoowwin balaaf saaxilamuu dandeessa. Sheyxaanni sitti dhufuun si wasawasaa. ‘Ilaali hiriyyaan kee michuu(jaalalle) qaba. Ati maaliif dhabdaa? Waliin taphatu, waliin kokolfuu. Kana wanti namni hunduu hojjatu ati nama addaati?” siin jedha sheyxaanni namaa fi jinni.

Ani yeroo tokko osoo paarki keessa taa’u jaarsi tokko dhufe akkana nan jedhe,”Maal eegdaa asi? Jaalalle dubartii tee eegdaa?” Ani “Lakki hiriyyaa kiyya eega. Ani jaalalle dubartii hin qabu.” jedhen. “Maaliif dhabdaa? Kunoo namni hunduu harka wal qabatee adeema. Hin agartu akkamitti akka waliin kolfan, taphatan, jireenya gammachuu jiraatu.” Naan jedhe. Anis “Jireenya gammachu maal jiraatu, hin argitu akkatti walitti nyakkisan.(dargageessi fi shamarri nu cinatti walitti nyakkisuu turan) Osoo wal hin fuudhin duratti jaalala isaani bakka hin taanetti qisaasessan. Nageenya fi tasgabbii dhaban. Ani Alhamdulillah tan walitti nyakkisu hin qabu. Jireenya tasgabbii fi nageenya jiraadha.”jedhen. “Dhugaa jette.” Jedhe narraa deeme jaarsi mataa arri.

Sheyxaanni namaati fi jinni haaluma kanaan wanta fokkutti nama kakaasu. Ati tole jette yoo hordofte dukkana keessaa hin baanetti seenta.

Hiriyyaan kiyya jaalalle dubartii/dhiira ni qaba/qabdi jechuun atille akka isaani ta’uuf yoo tattaafatte, laala fi gubaan cimaaa dhandhamta. Yoo tanaan dura wanta kanatti seente keessaa bahuuf ammarraa taatafadhu. “Hanga nikhaan walitti dhufnu obsi.” jedhiin.

Jireenya yuniversiti– Ijjolleen yommuu warra irraa fagaatan akka waan bilisoomanitti itti dhagahama. “Wanta fedhe yoo hojjadhe eenyulle na hin argu.”yaada jedhu kuufachun dargaggoonni/shamarran sobaman meeqatu jiru. Waggaa jalqabaa yommuu gara yuniversitii seenan wanti hunduu haarawa itti ta’a. Ga’eessi yuniversitii keessa türe shamarre haarawa dhufte akkamitti harkatti galfachuu akka qabu mala dhaha. Shamarrittin osoo hin beekin tasa harka isaatti kufti. Ergasii jireenyi dukkanooftu fi wal xaaxa itti taati. Balaa kana irraa baraaramuuf shamaritti eenyutillee fuula kennu hin qabdu. Dubartoota aklaaqa gaarii qabanitti maxxanuu fi salaata sirritti salaatu qabdi.

Karaa biraatin yommuu dhiira fi dubartiin walitti makaman, sheyxaanni gahee ofi taphata. Yuniversitiin iddoo bal’aa dhiira fi dubartiin walitti dhufaniidha. Tokko tokkotti ija bobaasa. Ibiddi jaalala cimaan asitti jalqabama. Dirreen waraana cimaan asitti adeemsifama. Eenyutu moo’ata ree laata? Sheyxaana moo nama sanii? Ni ilaalta dhiira fi dubartiin harka wal qabatanii yommuu yaa’an. Sheyxaanni kana bareechise fi faaye namatti mul’isa. Garuu keessi isaa gubaa fi laalan kan guuttameedha.

Warroota badii raawwatan ilaalun osoo anillee akka isaani ta’ee jechuun hin hawwin. Akkuma wanta badaa fi fokkuuf hawwitu akkasuma itti harkifamaa adeemta. Fuggisoo kanaa akkuma wanta badaa fi fokkuu jibbituun akkasuma irraa fagaata adeemta. Fakkeenyaf yommuu dubartii fi dhiirri hariiro haraamatin harka wal qabatanii yaa’an argitu, ‘Ah osoo anille akkana ta’ee!’ hin jedhin. Kana irra akkana jedhi,”Alhamdulillah Rabbii kanarraa na baraare galanni fi faarun hundi Isaaf haa ta’u. Osoo akka isaani kana ta’ee silaa badee mitii. Gammachuu fi tasgabbii eessaa argadhaa! Yaa Rabbii kanarraa na eegi. Alhamdulillah.” jedhi. Haala kanaan gammachuu fi tasgabbii argatta. Haraama irraa gonkumaa gammachuun dhugaa hin argamu gaabbi fi gadda malee.

Interneeti– dirreen waraana hundaarra caalu interneetidha. Interneeti fi telefoonni fageenya dheeraa walitti dhiyeessu. Sababa interneeti fi telefoonan as teette nama bahargama jiruun jaalala isaatin/ishiitin miidhamu dandeessa. Interneeti bakka wantoonni fokkuun baay’een itti kuufamaniidha, akkasumas wanti gaariin keessatti argamaniidha. Gubaan jaalalaa cimaan sababa interneetitin dhufa. Sababni isaas tsiyoononni (gareen yahuudota Zionist) fi gargaartoonni isaani Araboota irraa, Turkoota irraa, Hindoota fi kkf irraa aklaaqa(moral) ilma namaa balleessuf, akka horii wal qunnamtii saala babal’isuuf kaayyoo ofii godhatan. Vidiyoo fi suuraa wantoota fokkuu hojjachuun interneeti fi karaa adda addaatin raabsu. Kaayyoon isaani sammuu fi aklaaqa isaani laamshessun addunyaa too’achudha. Ijji yommuu vidiyoo sanniin ilaaltu sammuun ni laamshaya, waa sirritti gadi fageesse yaadu fi xinxallu hin danda’u, onneen ibiddaan waxalamti, laala fi gubaan cimaan itti dhagahama, tasgabbii fi nageenya dhabdi.

Vidiyoo sanniin ilaalun ibiddi jaalala waan hir’atu itti fakkaata. Sirumaa ni dabalaa malee gonkumaa hin hir’atu. Namtichi yommuu filmii wal qunnamtii saala ilaalu maal argataa? Tasgabbii fi nageenya dhabuu malee? Halkan hirriba malee buluu, sammuun halkanii guyyaa jeeqamu, suuran sun sammutti yommuu dhufu onneen walitti sunturu fi cinqamu tasgabbii dhabdi. Abeeta! Filmii kana ilaalun laala fi gubaa akkamii dhandhamaa jiruu.

Akka obboleessatti yaanni fi gorsii obboleewwan wanta kanaan rakkatanii dhaamu, Rabbiin sodaadha, “Inni na ilaala jira boruu badii hamaatu na eeggata”ofiin jedhaa. Boruu qofaa miti har’aa adabbii cimaa dhandhamu. Nageenya fi tasgabbii dhabuun, jeeqamuun adabbii mitii? Bakka filmii fokkuu san ilaaltan vidiyoo nageenya fi tasgabbii isinii kennu ilaalaa fakkeenyaf vidiyoo da’awaa, nashiida, Qur’aana fi kkf. Sheyxaana badii sanitti isin harkisuu hin dhagahinaa. “A’uzubillahi mina sheyxaani rajiim (sheyxaana abarramee irraa Rabbiin tiikfama)’ jedhi. Bal’innaan barruu ‘Qorsa jaalala kutaa 1ffaa fi 2ffaa’ ilaali.

Ibiddi biraa karaa interneetin dhufuu chaati fi bilbila. Namni ati hin beekne, ‘Si jaaladhe’ jechuun ergaa si erga. Namni kuni nama akkami jechuun qorachuu eegalta. Chaati fi wali bilbiluu jalqabdu. Ibiddi qabachuu jalqaba. Dafte yoo hin dhaamsin nama guba. Jeeqamuun tasgabbii dhabda. Ammas namoonni kanaan rakkatan lakkoofsa hin qaban. Yerooma inni/shiin si jaaladhe jedhu/jettu, akka homaa hin uumamnetti achumatti hidda kutuudha. Chaati fi walii bilbiluu dhiisudha. Namni kunii qalbii fi jireenya keetti taphachuuf adeema ta’a. Yoo fuudha fi heeruma qophii hin ta’in yaadota akkanaa hin kessumeessin. Insha Allah torbaan hanga kutaa 2ffaan walittti deebinutti Assalaamu aleykum warahmatullahi wabarakaatuh.

Kitaaba Jaalala buusuf linkii armaan gadii tuqii

https://sammubani.files.wordpress.com/2017/10/ibidda-jaalalaa-fi-dawa-isaa.pdf 

Ibidda Jaalala-kutaa 2ffaa
Qorsa Jaalalaa-Kutaa 2ffaa

26 comments

Leave a Reply