Ibidda Jaalala-kutaa 2ffaa

Kutaa darbee keessatti ibiddi jaalala akkamitti akka jalqabamu ilaalle turre. Insha Allah har’a immoo maloota ittiin qabaneessan ilaalla.

Ibiddi yommuu qabatee balaa geessuf deemu bishaan itti naquun akka dhaamu taasifamaa mitiree? Akka ibiddaa jaalala guutumaan guututti dhaamsu osoo hin ta’in balaa akka hin geessine qabaneessun ni danda’ama. Wanti hubachuu qabnu jaalalli mataan isaa balaa osoo hin ta’in hojii namtichaatu balaa geessa. Namtichi yoo of too’ate balaan jaalalan  dhufu hin jiru. Namtichi garuu yoo of too’atu dadhabe akkuma arge ta’ee bu’aa hojii isaa ni dhandhama. Karaa jaalala ittiin too’atan baay’ee isaa barruule qorsa jaalala jettu jalatti kaasne turre. Kan armaan gadii akka dabalataati.

Towbaa– ilmi nama ni dogongora. Dogongore akka sheyxaana dogongora ofitti kan lixu osoo hin ta’in dogongora ofii erga baree karaa sirriitti kan deebi’udha. Dogongorte fuudha heerumaan dura hariiro haraama uumu dandeessa ta’a laata. Garuu yeroo muraasan booda hadhaan hariiro kanaa si dhukkubsaa adeemu danda’a. Hariiroo kana addaan kutuun nama sii ta’uu guyyaa Rabbii jedhe karaa halaalan fuudhu/itti heerumu barbaadda. Wanti ati hojjataa turte dogongora akka ta’e hubatte jirta. Kallatti jireenya keeti jijjiruun jireenya gammachuu jiraachu barbaadda. Falli kee maali ree yeroo kanatti?

Abshiir fallii ni jira yoo itti fayyadamte. Dargaggoonni baay’een ibidda jaalala kana qabaneessuf hariiroo uumuf tattaafatu. Erga hariiroo uumaniin booda rakkoo fi dhiphinna duraani caalaa dhiphinna biraa ofitti dabalu. Yeroof bakka tokko waliin ta’uun gammachuu argachuu danda’u. Gammachuun isaani kuni yeroo dheeraf osoo hin turiin gara hadhaa fi gaddaatti jijjiramaa. Jireenyi itti dukkanoofti. Fedhii gabaabdun sun dabarte jirti. wanti hafee gaddaa fi gaabbi qofa. ‘Ah osoo akkas hojjachuu baadhe silaa har’a akkana ta’a.’ jette iyyiti gaabbin nama keessaa.

Dhugumatti akkuma vaayrasin qaama namaa ajjeessu, cubbuunis sammuu namaa ajjeesa. Uumama namaa sirrii diigun tartiiba dhabsiisa, namtichi boqonnaa sammuu fi tasgabbii akka hin arganne taasisa. Sababa cubbuutin/dilliitin haqaa irraa qalbiin ni gogdi, gurri ni duuda, ijji ni jaamti, -wanta ishii fayyaduu fi toluu hin dhageessu,hin agartu, hin hubattu. Namtichatti ba’aa ta’u. Karaan hundarra gaarii cubbuu itti fayyisan towbaa dhugaa towbachuu, araarama Rabbirraa kadhachuu fi hojii gaarii baay’isanii hojjachuudha. Yommuu towban dhugaan, araaramni fi hojii gaggaarin walitti makaman madaa cubbuun uumame ni fayyisu, cubbuu ni haaqu. Uumama namaa sirrii fi tasgabbii dhabame ture ni deebisu. Kanaafu cubbuu yommuu raawwattu gara towbaa, araarama kadhachuu fi hojii gaarii hojjachuutti fiigi Insha Allah yeroo san gammachuu fi tasgabbii argattaati.

Hanga feete cubbutti yoo dabarte sheyxaanni abdii si kuchisiisun galaana cubbuu keessa akka bololitu si hin taasisin.

(Yaa Muhammad) jedhi,”Yaa gabroota kiyya kan lubbuu ofii irratti daangaa dabartan! Rahmata Rabbii irraa abdii hin muratinaa(hin kutatinaa). Dhugumatti Rabbiin balleessaa hundaa ni araarama. Inni Araaramaa, Rahmata godhaadha. Gara Rabbii keessanii deebi’a, Isaafis ajajamaa odoo adabbiin isinitti hin dhufiniin duratti. Sana booda hin tumsamtanu.“ Suuraa Az-Zumar 39:53-54

Tasa duuti osoo hin dhufiin jireenya keessa jirru haa jijjirru. Duuti erga nutti dhufteen booda gargaarsa wayitu hin argannu. Mu’iminoonni (warroonni dhugaan amanan) wanta fokkuu hojjatan kanneen itti hin fufnedha. Dafanii dogongora ofii beekanii gara Rabbii deebi’uun jireenya ofii sirreefatu.

“Isaan warra yeroo waan fokkataa hojjatan yookiin lubbuu ofii miidhan Rabbiin yaadatanii badii/cubbuu isaanitiif araarama gaafataniidha. Rabbiin malee eenyutu badii/cubbuu araaramaa? Isaan osoo beekanu waan hojjatanirra (cubbuu ofitirra) kan hin turreedha. Isaan sun mindaan isaanii araarama Gooftaa isaanii biraa ta’ee fi jannata laggeen ishee jala yaatudha. Isaan ishe keessatti hafoodha.Mindaan hojjatootaa (jannata ta’uun) waa tole.” Suuraa Ali Imraan 3:135-136

Mee seenaa towbaa armaan gadii haa dubbisnu.

Adabbii Rabbii irra duuti Gaariidha
Yeroo tokko daldalaan sorreessi tokko mana isaa keessatti osoo hara galfatu nama balbala mana isaa dhahu dhagaye. Yommuu balbala banu intalli garmalee bareeddu jireenya isaa keessatti hin agarre arge. Ishiif dharra’ee gara keessaa akka seentu affeere. Haa ta’uu malee ishiin fedhii isaa guutuf tan dhufte osoo hin ta’in garmalee hiyyeetti waan taatef qarshii kadhachuuf akka naannoftu dirqamte. Kadhaa gargaarsa ishii osoo homattu hin lakkaa’in gara keessaa akka seentu sossobe. Sagalee ifaa fi kabajaatin akkana jette deebisteef, “Rabbii kiyya ganuu irra duuti naaf gaariidha.”

Erga kana jetten booda dhiiste biraa deemte. Garuu guyyaa muraasan booda ni deebite. Haalli ishii garmalee itti jabaate, ammalle gargaarsaf kadhatte. Akkuma dura namtichi daldalaan kuni deebima jalqabaa deebiseef.

Osoo imimmaan boqoo ishii irra gadi yaa’u gara mana isaa seente. Ammalle akkana jette itti warwaatte, “Rabbii jedhii na nyaachisi!”

“Lakkii! Hanga fedhii kiyya akka guuttadhuf naa hayyamtutti si hin nyaachisu,” jedheen namtichi.

Intallis “Duuti azaaba(adabbii) Rabbii caalaa gaariidha.” Jette itti iyyite.

Yommuu ishiin mana gadi lakkistee baatu, jechooni dhugaan ishiin dubbatte mataa namticha keessa qillisan. Jireenya dheeraa cubbuu raawwachuun erga jiraaten booda imimmaan gaabbi yeroo jalqabaaf ija isaatirraa dhangala’uu jalqabe. Gara Rabbii deebi’uun toowbate. Intalattis ni nyaachise. Yeroo muraasan booda intala tana fuudhun jireenya gaa’ila gammachuu waliin jiraatan.

(Kanaafu gara dhumatti wanta barbaadu argate, garuu karaa halaala ta’een. Mee haa ilaallu seenaa kana irraa waa meeqa barannaa! Yommuu namni Rabbii jedhe waa badaa dhiisu Rabbiin waan gaarii bakka buusaf. Namtichi kuni Rabbii jedhe dhiise. Garuu boodarra karaa halaalatin walitti dhufani jireenya gammachuu jiraatan. Osoo fedhii ofii karaa haraamatin guuttate turee silaa intala tanalle lamuu hin argatu, ofiille jireenya gammachu hin qabne jiraataa ture. Nullee yoo Rabbii jenne hariiroo haraama irraa dheessine Insha Allah Rabbiin nama barbaanne sanitti nu fida yookiin nama san caalu. Intalli tuni mataa ofii fi namticha kanas baraarte badii irraa.Yaa obboleetti tiyya imaana akkanaa Rabbiin siif haa kennu.)

Kan Yeroo Hundaa Jiraatu Gonkumaa hin rafu

Lamaan isaanitu magaala xiqqoo namoota muraasa dhibbaatamatti lakkaawaman of keessa qabdu keessa jiraatu. Inni ishirraa jaalalan qabame. Maarree halkan tokkoo osoo ishiin adda deemtu arge. Hanga gara hundaatti ishiin siqxu hordofe. Yommuu ishitti dhiyaatu “Dubartinan si barbaada.” Jedheen.

Ishiinis,”Jalqaba deemi namoonni hunduu rafuu isaani ilaali.” Jetteen.

Innis deebii ishiitti gammaduun magaalatti keessa naanna’uun gara ishiitti deebi’ee “Namni hunduu rafan.” Jedheen.

“Rabbii (Azza wa jalla) hoo? Inni sa’aa kanatti rafaa jiraa?” jette gaafatte.

Innis,”Dubartii maal jechaa jirtaa?” jedhee itti iyye. “Dhugumatti Rabbiin hin rafu:gonkumaa mugaatinis hirribnis Isa hin qabu.”

Ishiinis, “Rabbii gonkumaa hin rafne nu arga osoo namoonni nu arguyyuu baatani. Isa hin sodaattu sila Kan hin rafne, wanti tokkollen Isa jala kan hin dabarree?” jetteen.

Namtichi imimmaan osoo ija isaa keessaa dhangala’uu ishii dhiise biraa deeme. Wanti sammuu isatti hafe fedhii gara Rabbii gonkumaa hin rafne fi wanti tokkolle jala hin dabarre deebi’udha. Gara Rabbii deebi’uun towbaa dhugaa towbachuudha.

Tolee seenan lamaan kanarraa waa baay’ee baranna. Dogongorte waa baay’ee jireenya kee keessatti hojjatte ta’a.  Ammarra hariiroo haraama keessa yoo jiraatte addaan kutuuf carraaqi. “Ni ulfaata addaan kutuu hin danda’u” jechuu dandeessa. Osoo haala kana keessatti duuti namatti dhufte adabbii ibiddaa addaan kutuun ni danda’ama ree? Akkuma namoota armaan olii Rabbii jedhii dhiisi waan gaarii argattaati. Gaddaa fi gaabbi addaan hin cinne irraa baraaramtaati. Halkaani guyyaa bilbila walitti qu’u fi meesaji walii ergu irraa baqqaa asitti ni gaha jedhiin. Jireenya cubbuu duraani dhiise jireenya haarawa jiraachu barbaada jedhiin. ‘Yoo hanga karaa halaalatin walitti dhufnu obsite, anillee ni obsa. Ta’uu baannan hayyee nagahatti.’ jedhiin.

Zirkii fi hojii gaggaari– towbaan dhugaa fi araarama kadhachuun bu’aa kan buusan yoo hojii gaggaarii dalaguu baay’isaniidha. Diina ilma namaa kan ta’ee sheyxaanni ilma namaa jallisuuf halkanii guyyaa carraaqa. Rabbirraa isaan fageessun jireenya gaddaa fi badii akka jiraatan barbaada. Karaan sheyxaana ittiin moo’atan zikrii fi hojii gaggaari baay’isuudha. Yommuu Rabbiin yaadatan inni namarraa dheessa. Namni Rabbiin yoo dagatu garuu sheyxaanni hiriyyaa cimaa akka fedhe isa godhu ta’aaf. Wanta fokkuu guutu itti bareechisa. Waadaa sobaa waadaa seenaf. ‘Dargagummaa keetti fayyadami aboo, duuti ganaadha. Amma yoo hin fayyadamiin yoom fayyadamuuf? Boodarra ni towbatta fedhii kee guuttadhu.’ Jedhaan. Haala kanaan nama kasaarsa.

Akkuma zikrii baay’istuun sheyxaanni sirraa fagaata adeema. Bakka kamu, yeroo kamiyyuu keessatti zikriwwan garagaraa Rasuulli (SAW) jedhan arraba kee irratti deddeebisi jedhi. Fakkeenyaf:

لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللَّهُ، وَحْدَهُ لاَ شَرِيكَ لَهُ، لَهُ الْمُلْكُ وَلَهُ الْحَمْدُ، وَهْوَ عَلَى كُلِّ شَىْءٍ قَدِيرٌ

La ilaha illal-lahu wahdahu la sharika lahu, lahu-l-mulk wa lahu-l-hamd, wa huwa’ala kulli Shay ‘in qadir (Rabbiin malee kan haqaan gabbaramu hin jiru. Inni Tokkicha, shariika hin qabu. Taaytan(mootummaan) hundi kan Isaati, faarun hundi kan Isaati. Wanta hundaa irratti Inni danda’aadha.) Zikrii kana yommuu deddeebisne kan jennu taane sheyxaana ofirraa ariina jechuudha.

Zikrii kana malee kan biros jechuu dandeenya. Fakkeenyaf yommuu sheyxaanni fedhii kee kakaasun wanta fafeetti si harkisu, jedhi ‘Rabbi A’uzu bika min hamazaati shayaaxiin. Wa a’uzu bika rabbi a’yahaduruun.’

23:97

23:98

Jedhi ‘Gooftaa kiyya, ani hasaasa sheyxaanotaa irraa Sittiin mangafadha.Gooftaa kiyyaa isaan natti dhufuu irraa sitti mangafadha. “ Suuraa Mu’iminuun:97-98

Yommuu zikriwwan kanaa fi kanniin fakkaatan deddeebiste jettu Insha Allah sheyxaanni sirraa dheessa. Hojii gaggaari hojjachutti maxxani. Keessumatti dirqamoota Islaamni namarra kaa’e bahuun diina keenyatti qabsaa’u dandeenya. Salaata kan dhiisnu yoo taane diinaf irbaata taana, salphatti baditti kufna.

Gudunfaa

karaan badii fi wantoota fokkuu irraa ittiin dheessan gara Rabbitti dhiyaachudha. Rabbirraa fagaannan karaa sheyxaana badii fi gaddatti nama geessu qofatu jira. Rakkoo fi gadda addaan hin cinnetti nama darba. Haala jireenya keenya kan darbe badiin kan guuttame ta’uu danda’a. Garuu carraa jireenya keenya gara gaariitti jijjiru hardha ni qabna. Carraa kana duuti nu harkaa fudhachuu hin qabdu. Yeroon carraa kanatti fayyadamne gara Rabbii haa deebinu, jireenya keenya haa foyyessinu.  Hanga barruu biraatin walitti deebinutti Assalamu aleykum wr wb.

Like www.facebook.com/jireenyabadhaatu

Madda Seenaa Armaan olii: Stories of repentance

Zinaa(Sagaagalummaa)-Daandii Badii
Ibidda Jaalala-Kutaa 1ffaa
Kana Raabsi

13 comments

Leave a Reply

Your email address will not be published.