Hijaaba:Mallattoo Kabajaa-kutaa1

Qananii lakkoofsa hin qabne kan Rabbiin ilma namaa irratti oole keessaa tokko uffatadha. Kaayyoon uffata qaama ilma namaa haguugun ho’a, qorra fi miidha adda addaa irraa eegudha, qaama namaa faayudha. uffanni kan nama faayu fi nama fokkisutu jira. Namni sababa uffataatiin ni kabajama yookiin ni xiqqeefama.

Uffata nama faayanii fi kabaja namatti uwwisan keessa tokko hijaaba. Dubartiin uffataan miidhagdi. Uffanni hundi immoo dubartii hin miidhagsu. ‘Qullaa deemun miidhaginna, uffata uffachuun fokkinnaa fi duubatti haftummaadha’ jetti gariin tan sheyxaanni dhamaase. “Miidhaginni ilma namaa uffata (haguugidha) miidhagini horii immoo qullaadha.”

Hijaabni amala horii irraa gara kabaja namummaatti ilma namaa olkaasa. Dubartiin yommuu hijaaba sirrii uffattu bareeddi, kabaja fi qulqullinna ofi tiiksiti. Qaama ofi namuma argiteetti hin gurgurtu. Ofii fi namoota biroo gara baditti hin harkistu. Hijaabni hayaa (qaani) dubartitti uwwisa. Hayaan damee imaanati. Namni haya qabu ni kabajama. Wanta fafee fi fokkuu hin raawwatu. Rabbiin nama hayaa qabu ni jaallata.

Rabbiin haala kanaan hijaabatti nu ajaja:33:59

Yaa Nabiyyicha niitolii keetiin, shamarran keetii fi dubartoota mu’umintootaniis jilbaaba(hijaaba) isaanii qaama isaanii irratti akka gadii buusan itti himi. Akka beekkamanii fi hin rakkifamnee kanatu irra dhiyoodha. Rabbiin Araarama, Rahmata godhaa ta’eera.” Suuraa Al-Ahzab 33:59

Dubartiin yommuu hijaaban faayamtu dhaabbannaa fi haalan ishii tola. Namni ni kabaja. Kan haalan isaa bade malee namni kabaja isii tuquuf kan deemu hin jiru. Ni saalfatu. Dubartiin hijaaba uffattu ofitti amanummaa horatti. Namuma argiteef tapha hin taatu. Meeshaa beeksisa fi gurgurtaa hin taatu. Qulqulummaa ofii eegun jireenya gammachuu jiraatti.

Dubartiin hijaaba hin uffanne immoo qaani waan hin qabneef akka feete taati. Sheyxaanni itti taphata. Taphaa dhiira taati. Kabaja fi ulfinna hin qabdu. Meeshaa beeksisaa fi gurgurtaa taati. Qaama ofii namuma argiteetti gurgurti. Ofii fi namoota biroo baditti harkiisti. Uffadhe jettii garuu qullaa deemti. Qullaa deemun faashina fi qaroominna jetti. Qaama qullaa ofii yommuu addunyatti agarsiistu gammachuu fi tasgabbii dhabdi. Tokko duuban hordofuun miidhaa hamaa irraan gaha. Miidhan hijaaba malee deemu himame hin dhumu.

Diinni ilma namaa kan ta’ee sheyxaanni ilma namaa qullaa oofun baditti isaan harkisuu barbaada. Yeroo ammaa hijaaba uffachuun akka yakkaatti qullaa deemun immoo akka qaroominnaatti gochuun ilma nama jaanjessa. Diinni Islaama keessattu Tsiyoononni uffata kabajamaa kana namarraa baasanii horiin ilma namaa wal qixxeessu barbaadu. Wanta fokkuu fi gadhee babal’isuun addunyaa too’achu barbaadu. Dubarti qullaa ofuun sanyii ilma nama balleessu fedhu. Ilmi nama karaa sirrii irraa jallatee yommuu bolloo jaahilummaatti (walaalummati) lixu uffata uffachuu dhiise qullaa deemu filata.

Faaydaa hijaaba

1.Badii irraa nama tiiksa- dubartoonni lama tan hijaaba uffattu fi iskartiin deemtu waliin karaa dheeraa osoo deemanu dhiirri osoo itti dhufe, tamtu jalqaba salphatti gudeedama? Tan iskartii uffattu mitii? Karaa dheeraa dhiisati hawaasa keessattu dubartoonni qullaa deeman gudeedda fi rakkoole biroof salphatti saaxilamu. Qormaanni guddaan yeroo amma dargoogata hadoocha jiru qormaata dubartii irraayyi. Sababni isaas dubartiin yommuu qullaa deemtu dhiirri ija itti bobaasun keessa isaa miidha. Dubartiin qullaa deemtu tuni gara baditti isa harkiisti.

Suuraa fi vidiyoon halkanii guyyaa miidiyaa irratti gadi furaman waraana caalaa sammuu nama hadoocha jiru. Osoo dubartiin hundii hijaaba uffatte silaa zinaa fi wantoonni fokkuun garagaraa akkanatti ni babal’ataa? Yaa obboleetti tiyya yommuu hijaaba uffattu mataa keeti fi obboleeyan kee badii irraa tiiksa jirta. Namni baditti nama harkiisa baditu isa eeggata. Nama badii irraa nama baraaru immoo tola fi gaarummatu isa eeggata. Warroota maraatanii qullaa deeman akkeessun uffata kabajama hijaaba ofirraa hin mulqin kabaja dhabdaati. Faashina jette surree fi uffata qonxee fi maxxanne ofitti hin dirin ni salphattaati.

Hijaaba ofirraa mulquu jechuun kabaja ofirraa mulquu jechuudha.

Yommuu hijaaba uffattu dhiirri akkuma argee si waliin ta’uu irraa ni salfaata.

2.Faaya qaamati– dubartiin hijaaba uffattu garmalee miidhagdi. Yommuu hijaaba ofirraa mulqitu qaamni ishii ifatti baha. Yeroo san ni fokkatti. Rifeensa qullaa yommuu ol dhaabde deemtu akkam fokkatti, yommuu hijaaban haguugdu immoo akkam miidhagdi! Mee ilaali yaa obboletti surree fi uffanni qonxeen akkamitti akka dubartii fokkisu. Yommuu hijaaba uffattu immoo lu’ula’a(lul) galaana keessa baate fakkaatti (fakkii irratti kan agartu kana), garmalee miidhagdi. Sheyxaanni fi deggartoonni isaa miidhaginna kana namarraa baasun qullaa nama oofu barbaadu. Kanaafu yaa obboleetti tiyya sheyxaana fi deeggartoota isaa tolee jechuun qullaa hin deemin qaamni kee ni fokkataati. Warraa faashina jedhanii baditti nama waaman akkessuu fi hordofuun galaana salphinaatti hin lixin. Dubartii meeqatu salphate hijaaba ofirraa baaste qaama ofii osoo gurgurtuu!

3.Faaya sammuuti fi qalbiiti- warroonni ‘Hijaaba uffachuun duubatti haftummaadha, qullaa deemun qaroominna’ jedhan warroota galaana wallaalummaa fi baditti lixaniidha. Sammuun isaani sodaa Rabbii irraa qullaadha. “Yommuu namtichi taqwaa horatu, qullaa sammuuti fi qaama ofii haguuga.” Akkuma Qur’aana keessatti eerame uffanni hundaa caalu uffata taqwaati (7:26). Yommuu taqwaan qalbii keessatti hidda qabatuu, namtichi cubbuu raawwachuu fi qullaa deemu irraa ni saalfata (ni saalfatti). Abdurahman Ibn Aslam akka jedhanitti,’Namtichi yommuu Rabbiin sodaatu, qullaa ofii ni uwwisa(haguuga). Kanaafu uffata taqwaatin of haguuga.” Yommuu sammuun taqwaa irraa qullaa taatu, qaamni akkamitti haguugamaa? Sheyxaanni fi deeggartoonni isaa taqwaa (sodaa Rabbii) qalbii irraa haaqun, ilma namaa akka hori taasisu fedhan.

Dubartiin yommuu qaama ofii hijaaban haguugdu, sammuu fi qalbii ofii immoo taqwaan faaytu dhiirri dhibee fedhiitin hin dhukkubsatu. Dubartiin yommuu qullaa deemtu sammuu fi qalbiin ishii akka ona/duwwaa ta’etti itti dhagahama. Cubbutti waan harkifamtuuf sammuu fi qalbiin tasgabbii fi gammachuu hin argatan. Qaama ofii addunyatti agarsiisun namoonni akka dinqisifatan waan barbaadduf eenyulle yoo ishii hin dinqisifatin aarii fi jeequmsan sammuu ofi gubdi. Jeequmsi, gaddii, cubbuu fi aariin dandeetti xinxallu fi yaadu ajjeesu. Ati yommuu hijaaba uffattu badii kanniin irraa baraaramun dandeetti yaadu fi xinxallu kee ni gabbifatta.

Seenaa keessatti dubartoota Islaamaf gummacha guddaa gumaachan ilaali mee! Aalimonni fi Imaamonni gurguddoon harka dubartootatti guddatanii addunyaa jijjiran. Yeroo amma kanattis dubartoonni gummacha guddaa taasisa jiran lakkoofsa hin qaban. Fakkeenyaf  hiika Qur’aana afaan ingilizi “Sahih International”  jedhamu kan qopheessan dubartoota. Hiikni kuni baay’ee salphaa fi addunyaa irratti fudhatamaa guddaa kan argateedha. Kanaafu hijaaba uffachuun sammuu kee qara, qalbii tee faaya,qaroominna ijaara. Hijaaba ofirraa hin mulqin dhalootatu badaa.

4.Burqaa gammachuuti- cubbuu fi badiin burqaa gaddaa fi jeequmsaati. Gaarummaa fi naamusni immoo burqaa gammachuu fi milkaa’innaati. Dubartiin hijaaba yommuu uffattu qaani horatti, akkuma argite hin taatu. Cubbuu irraa of qabdi. Hijaaba uffachuun zinaa, gudeedda fi wantoota fokkuu irraa baraaramti. Kunii immoo gammachutti ishii geessa. Kanaafu hijaaba uffachuun badii irraa si baraarun gammachuu fi milkaa’inna dhugaa argatta.

5.Garmalee barbaadamta- dhugumatti dubartoonni hijaaba uffatanii fi namuusa ofii eegan garmalee barbaadamu. Fuudhaf kan dhufu lakkoofsa hin qabu. Yommuu ati ala kee hijaaban, keessa kee immoo taqwaan of faaytu, namni hunduu ‘Ah osoo dubartiin tunii harka kiyyatti galte.” Jedhe sitti dharra’a. Ati uffataa hijaabati fi taqwaa uffannaan dubartiin akka teeti qaalin(wuddiin) hin jirtu. Garuu ati hijaaba ofirraa mulqite akkuma argite yoo taate namuu si hin barbaadu, kabaja fi gatii dhabda. Dhiirri si jaallate osoo hin ta’iin qabeenya kee jaallate sitti deema. Ergasii qabeenyi kee yoo dhume sirraa dheessa.

Alhamdulillah Rabil Aalamin. Kutaa 1ffaan asirratti xumurama. Insha Allah torbaan hanga kutaa 2ffaan walitti deebinutti Assalamu Aleykum wa rahmatullahi wa barakatuh.

Like and share  https://www.facebook.com/jireenyabadhaatu/

 

Hijaaba Mallatoo Kabajaa-Kutaa 2

3 comments

Leave a Reply