Hijaaba Mallatoo Kabajaa-Kutaa 2

Miidhaa hijaaba uffachuu dhiisu
Torbaan darbee faaydalee hijaaba eeruf yaalle turre. Hijaabni mallatto kabajaati.
“Yommuu ilmaan namaa Rabbii qofaa bitaman, harqoota gabrummaa fedhii isaani, sheyxaana fi namoota biroo jalaa bahan.” Namni yommuu Rabbiin alaa wanta biraati gabra ta’uu harqoota gabrummaa bilisummaa hin qabne jalatti kufa. Sheyxaanni, fedhiin isaati fi namoonni gabra godhatu. Rabbii qofaa bitamuun bilisummaa dhugaa argachuudha. Namni yommuu Rabbiin qofa gabbaruu gadi fageesse yaada, dhugaa fi sobaa addaan baafata, wanti hunduu isa funduratti ifa ta’a. Sheyxaanni fi gargaartonni isaa ilmi namaa Rabbii qofa gabra ta’anii bilisummaa isaani akka hin goonfanne halkanii guyyaa carraaqu. Sheyxaani keessa alaa daandii haqaa irraa nama jallisuuf murate ka’e. Takka si jallisuuf shakkii sitti darbaa, takkaa wanta fokkuu sitti miidhagsa. Takkaa salaata irraa duubatti si harkiisa. Carraaqin kuni hundi si jallisuun gabra isaaf akka taatu fi gammachuu akka dhabduufi. Kanaafu sheyxaanota namaati fi jinni itti qabsaa’i. Daandii qajeela irraa si dabsuun akka si hin hongeessine. Tolee hin jedhin.

Olala diinni kee ‘hijaabni uffata duubatti hafaadha, dubartii cunqursa’ jedhu dhageefachuun uffata kabajama ofirraa hin mulqin. Nama qullaa deemu caalaa namni duubatti hafaan eessa jiraa? Nama fedhii ofii, sheyxaana fi namoota gabra ta’ee caalaa namni cunqurfamaan eessa jiraa?

Dubartoonni hijaaba malee yaa’an dhiira ofitti harkisuuf wanti isaan hin hojjanne hin jiru. Looshinii, lipistikii, shittoo, ofitti dibuu fi uffata qonxee fi qaama ishii agarsiisu uffachuun qaama ofii gurgurtii. Of tottolchuuf sa’aati meeqa dawwitii funduratti fixxi, looshinii, shittoo, lipistikii, kophee qa’a qa’a jedhu bituuf qarshii hangamii qisaasessiti! Abeet! Gabrummaa akkamii! Mataa ofiiti osoo hin ta’in namaa jedhanii jiraachun!

Ati yaa obboleetti yoo hijaaba uffatte kana hundarraa bilisa taata. Namootaf osoo hin ta’iin jireenya mataa keeti jiraatta. Hijaaba keetti booni malee ittiin hin qaana’in. Yoo ati rifeensa mataa keetti wanta feete dibde eenyulle haguuggi kee sirraa baasun sitti hin kolfu. Luka keettis wanta feete yoo dibde namni kamu si hin beeku. Dubartiin hijaaba hin uffanne immoo ‘namni maal naan jedha, natti kolfan,…’ yaadota jedhaniin of dhiphisuun ba’aa hin dandeenye ofitti baachisti, gammachuu fi tasgabbii dhabdi. Yommuu namoonni ija itti bobaasanii ilaalan ‘Ah namoonni wanta badaa narratti arguu hin oolan’ jechuun galaana dhiphinnaatti of darbiti. Dubartoonni warra Dhihaa cunqursaa isaani jala bahanii hijaaba uffachuu jalqaban dhugaa kana sirritti hubatu. Hangam akka sobamaa turan Islaamatti erga seenanii booda argan. Hijaabni uffata cunqursaa osoo hin ta’in uffatta bilisummaa akka ta’ee sirritti hubatan.

Miidhan hijaaba uffachuu dhiisu kana qofatti hin dhaabbatu zinaa fi wantoonni fokkuun akka babal’atan karaa bana. Dhibeen Eedisii lubbuu namoota miliyoona meeqaa galaafata jiru sababa zinaatinii mitii maa? Dubartiin hijaaba uffachuu dhiiste yommuu qullaa ala baatu qaama, sammuu, fayyaa fi jireenya ofii balaa irra buusaa jirti. Harkuma ofitiin dhiira ofitti harkisuun boodarra dhibeewwan garagaraatin reebamti. Boqonnaa sammuu fi tasgabbii dhabdi. Ulfa hin barbaachisneef saaxilamti.

Hijaabni qaama qofaa miti sammuu fi qalbiis faaya. Yommuu dubartiin qaama fi sammuu ofii wanta badaa irraa haguugdu, nama gamnaa(aaqila) taati. Sababni isaas badii fi cubbuun qaama fi sammuu namaa hadoochu. Kanaafu yommuu hijaaba uffattu hin qaana’in. Warroota sitti qoosanis jalaa hin dhagahin

Dubartiin meeshaa beeksisaa taati– yeroo amma beeksisin dubartii hin qabne beeksisa hin jedhamu. Kan naannoo hanqatee Tv, interneeti, Gazeexaa fi kkf irratti dubartiin namoota gammachisuuf qaama ofii gurgurtuu lakkoofsa hin qabdu. Dubartii akka namaati kabajaan waliin jiraachu dhiisanii akka meeshatti itti fayyadamuu caalaa cunqursaan ni jiraa? Cunqursaa kana bilisummaa jette lallabdi sheyxaanni fi deeggartoonni isaa.

Badiinsa fuudha heerumaa fi diigama maati- yeroo ammaa fuudha heerumni hafe namni akkuma horii jiraacha jira. Kaayyoon fuudha heeruma fedhii fooni guutu qofa osoo hin ta’in sanyii horachuu fi jireenya namaa itti fufsiisudha. Warroonni Dhihaa sababa dhabamiinsa fuudha heerumaa irraa kan ka’ee lakkoofsi dargagoota isaanii xiqqaacha adeema jira. Hundeen kanaa hundii duguugamuu aklaaqa fi dubartiin qullaa deemudha.

Erga maatiin ijaarrame boodayyuu rakkoon baay’een ni ka’a. Dubartiin faaya fi bareedinni ishii dhiirsa ofiitif qofa dhiiste nama biraatif yommuu agarsiistu,balaa ofii fi maatii ofitti waamaa jirti. Dhiirri biraa itti dharra’uun karaa dhiirsa fi ijjoolle ishii irraa ittiin addaan baasu barbaada. Yookiin zinaa ishii waliin dalaguun ilma nama biraa dhiirsi ishii akka guddisuu dirqama. Kuni balaa akkamii! Maatiin sababa kanaan bittinaa’an lakkoofsa hin qaban. Marree yaa obboleetti koo yoo hijaaba uffatte fi naamusa/qulqullinna kee eegde, maatii gaarii fi gammachuu qabu ijaarta. Hawaasa badii irraa baraarta.

Hundeen maatii fi hawaasa si akka ta’e beekun kabaja kee tiiksi.

Warroota hijaabaf namatti qoosan akkamitti ofirraa ittistaa?
Sheyxaanni ilma namaa gabroofachuuf wanta gaarii jibbisisaa wanta badaa immoo miidhagse namatti mul’isa. Qullaa deemu akka miidhaginnaa fi qaroominnaatti, uffata uffachuu immoo akka fokkuu fi duubatti haftummaa gochuun ilma namaa jaanjessa. Kaayyoon isaa kana:

“Dhugumatti sheyxaanni isiniif diina. Isinis diina isa godhadhaa. Hordoftoota isaas warra ibidda boba’a keessaa akka ta’aniif qofa isaan waama.” Al-Qur’an 35:6

Kaayyoon sheyxaana addunyaa aakiratti ilma namaa kasaarsudha. Qullaa isaan oofun zinaa fi badiif akka saaxilaman isaan gochuudha. Deggartoonni isaas miidiyaa fi karaa adda addaatin ilma namaa qullaa oofuf hijaabatti qabsaa’a jiru. Olala sobaa odeessun dubartiin kabaja, bilisummaa fi gammachuu akka hin arganne dhagaan isaan hin buqqisne hin jiru. Akka meeshatti fedhii ofiitif fayyadamuu barbaadu.

Yommuu hijaaba of faayte deemtu kan aqlii isaa gadi aanaa ta’ee sitti baacu danda’a. jechoota fokkuu dubbachuun keessa kee miidhu danda’a.

Duraan dursinee wanti beeku qabnu Islaama qabnaan qormaanni nu muudatu akka danda’u sammuu keenya keessatti galchuu qabna. Qormaata kana yoo dabarre milkaa’inna addunyaa aakiratti arganna. Namoonni sitti baacu fi kolfuun qormaata akka ta’ee beekun amantii keetti daran qabachuu qabda. Namoota warroota amananitti baacanii fi kolfan Rabbiin haala kanaan ibsa:

Dhugumatti isaan dilaawwan(yakkamtoonni) warroota amananitti kolfaa turan. Yeroo isaan bira darban wal akeeku. Yeroo gara maatii isaani deebi’aniis gammadaa deebi’u. Yeroo isaan arganiis “Dhugumatti isaan kun jallattoota.”jedhu. Too’attoota ta’anii isaan irratti hin ergamne. Har’a (Guyyaa Qiyaama) isaan amanan kaafirootatti ni kolfu. Sireewwan irra ta’anii ilaalu.” Suuraa Al-Muxaffifin 83:29-35

Kanaafu dhaamsa hundarra miidhagaa kana sammutti galfachuun yoommu kaafironni nutti baacan ijjannoo fi murannoon keenya laamshayuu hin qabu. Hijaabni kee kabaja kee akka ta’ee beekun warraa gowwaaf gurra hin kenniin. Isaan waliin mormuu dhiisiti jalaa deemi. Sareen dutte duttee yoo afaan dhukkubu ni cal’isti.

Hijaaba kee akka ofirraa mulqitu diina alaa qofaa miti diinni keessas si qora. Yommuu hijaaba uffatte deemtu sheyxaanni akkana jechuun si wasawasuu danda’a,”Shammarran qullaa deeman kanniin hin ilaaltu akkamitti akka miidhaganii deeman? Dhiirri ishii ni jaallata, garuu kan si jaallatu hin jiru. Aboo shamarrumma keetti fayyadamii. Kolfii taphadhu. Hijaaba kana achi lafa godhii.” Jechoota akkana sheyxaana keessaa qofaa mitii sheyxaana nama haaluma kanaan sitti hasaasu danda’a. Qormaanni kee guddaan kana. Yoo moo’atte dabarte Insha Allah jireenya gammachuu akkamii jiraattaa! Yoo küfte sheyxaana hordofte immoo abeet! Gaddaa fi jeequmsa akkamitti kuftaa!

Yommuu yaadonni fokkuun akkana sammuu kee qaxxaamuru “A’uzubillahi mina sheyxaani rajiim.” Jedhi.

Hiriyyoota kee filadhu– jireenya keessatti hiriyyaan kee murteessan. Sababa hiriyyaatin dubartiin biqiltuun karattı gogde hafte meeqatu jirti. Sababa hiriyyaatin hamileen ishee cabe manatti hafte meeqatu jira. Haala isaani osoo qoratanii nama boochisa, nama gaddisiisa. Atillee namoota akkanaa yoo argitee yookiin seenaa isaani dhageesse barnoota irraa fudhachuun jireenya kee tolfadhu.

Shamara hijaaba ofirraa mulqitee akkuma argite dhiira waliin taatu dhumni ishii maal akka ta’e ilaali. Sarara kana osoo dubbistuu atille qormaanni kuni si muudatu danda’a. yeroon hin dabarre dafii gara Rabbii deebi’i osoo duuti hin dhufiin. Haala jirtu kana keessa bahuun fuula haarawa jireenya keeti bani. Towbaan, araarama Rabbirraa kadhachuu fi hojiwwan gaggaari hojjachuun furmaata siif ta’u.

Gara hiriyyaatti yoo deebinu, isaan hordofuun qullaa hin deemin gatii baay’ee kafaltaati. Osoo dhibeen qabamte hiriyyaan har’a ati duutuf achii garagalte si ilaaltu hin jirtu. Maatii kee qofatu si waliin rakkata. Hiriyyoota wanta gadhetti si harkiisan irraa fagaadhu keessattu kaafiroota. Kaafira jette amantii kee dhabuu dandeessa. Hiriyyaa gaarii fi amantii kee irratti si jajjabeessitu qabadhu.

Amantii kee barachuuf tattaafadhu– akkuma amantii kee barattuun imaanni fi ijjannoon kee dabalaa adeema. Guyyaa guyyaan karaa adda addaatin akkuma barachuuf taatafattuun diina keessaa fi alaa moo’ata adeemta.

Guduunfaa
Hijaabni mallattoo kabajaati, mallattoo gadi aantummaati miti. Hijaabni karaa bilisummaa ofii ittiin gonfatan, cunqursaa miti. Hijaabni qaama qofaa mitii sammuu fi qalbii badii irraa haguuga. Hawaasni tokko qilee wallaalummati fi sadarkaa horiitti kan kufuu yommuu shirkiin, zinaa fi wantoonni fokkuun babal’ataniidha. Badiin kunniin ilma namaa ajjeessu. Shirkiin uumama ilma namaa (fixraa) sirrii ajjeesun dandeetti yaadu, xinxallu, ilaalu dukkaneessa. Zinaan immoo hawaasa ajjeessa. Sanyiin ilma namaa qulqulluun akka itti hin fufne taasisa. Guddinnaa fi qaroominna laamshessa. Gammachuu, nageenyi fi tasgabbiin akka badu taasisa. Zinaaf kan karaa banuu immoo dhiira fi dubartiin akka fedhan yoo ta’aniidha. Dubartiin qullaa deemun aklaaqni yoo badee ilmii namaa gara badiinsa gulufaa jiraa jechuudha. Aklaaqni keenya baduun adabbii Rabbiif akka hin saaxilamne qabsoo guddaa nafsee fi sheyxaana waliin gochuu qabna. Wantoota gaariitti wal kakaasun wanta badaa irraa wal dhowwun badii irraa wal baraaru dandeenya.

Osoo isin gadi hin lakkisin wanta gabaabdu asitti dabalu barbaada. Innis ulaagale hijaaba. Hijaabni ulaagale ja’a qaba. Isaaniis:

  1. Hanga uffatamu- dirqama kan ta’ee harkaa fi fuula malee guutumaan guututti qaama guutu dhoksu qaba. Aalimoonni gariin harkaa fi fuula uffachuun dirqama akka ta’eetti gorsu.
  2. Haphii ta’uun qaama kan agarsiisu ta’uu hin qabu
  3. Uffanni uffatamuu qaamarra kan gadi furamu ta’uu qabaa malee boca qaama kan agarsiisu ta’uu hin qabu.
  4. Uffanni uffatamu calanqisun saala faalla kan harkisu ta’uu hin qabu. Fakkeenya uffata barrabaru
  5. Saala faallatiin kan wal fakkaatu ta’uu hin qabu. Surree fi iskartiin jilbaa olitti hafu walirra uffatamuun hijaaba ta’uu ni danda’aa sila?Gonkumaa hijaaba ta’u hin danda’u.
  6. Uffanni uffatamuu kan warra kaafirotatiin wal fakkatu ta’uu hin qabu keessattu mallatto kan agarsiisu.
    Alhamdulillah waa’ee hijaaba ilaalchise har’aaf asirratti xumurama. Insha Allah hanga guyyaa biraa walitti deebinutti Assalamu aleykum wr wb.

Like and share https://www.facebook.com/jireenyabadhaatu/

Hijaaba:Mallattoo Kabajaa-kutaa1

Leave a Reply