Gaa’ila kee Baraaruf-Kutaa 1

Kaayyoon fuudha heeruma fedhii fooni guutu qofa osoo hin ta’in sanyii horachuu fi jireenya namaa itti fufsiisudha.Fuudhaa heerumni dhaabbata guddaa maatii, hawaasni,biyyi fi addunyaan ittiin ijaaramaniidha. Hundeen dhaabbata kanaa yoo hin tolin,maatii qofa osoo hin ta’in hawaasni fi biyyi ni diigama. Ijoolle fi dubartoonni rakkoo garagaraatif saaxilamu. Wantoota dhaabbata kana diigan mee muraasa isaani haa ilaallu:

1. Sodaa Rabbii fi sabrii/obsa dhabuu – sodaa Rabbii qabaachun mirgaa fi dirqama ofii akka beekan nama taasisa. Namni seera fi heera ittiin bulmaata Qur’aana fi Hadiisa godhate haala salphaan furmaata argata. Sababni isaas Rabbiin wanta ilma miidhu fi fayyadu hunda Qur’aana keessatti tarreesera. Namni sodaa Rabbii qabu haadha/abbaa manaa isaa/ishii hin miidhu, hin cunqursu. Daangaa walii eeggataa adeemu.

Namtichi tokko Hasan bin Ali(RA) akkana jedhe gaafate,”Intala takka qaba. Namoonni fuudhaf na gaafatu. Eenyutti haa heerumsiisu?”
Hasan akkana jedheen,”Nama Rabbiin sodaatutti heerumsiisi. Yoo ishii jaallate ni kabaja. Yoo ishii jibbe immoo hin miidhu.”

Daangaa Rabbii eegu fi mirgaaf dirqama ofii bahuuf obsa fi wal danda’u addaan hin cinnee barbaachisa. Wanta gaarii kamiyyuu hojjachuu fi wantoota gadhee irraa of tiksuuf sabrii barbaachisa. Yeroo haadha/abbaa manaa ofittii aaran, aarii ofii miciquu fi qabbaneessuf obsaa fi sodaa Rabbii barbaachisa. Namoonni baay’een yeroo dallanan wanta dubbatanii fi dalagan hin beekan. Wantuma afaanitti dhufee gadi haqqisuu. Boodarra akkana nan jette jirta jedhamanii yoo gaafataman, guyyaa adiin kaadu. Sababni isaas yeroo dubbatan san of hin beekan;dubbiin isaani summii akka taate osoo hin beekin gadii dhangalaasu. Salphinnaa fi gadi xiqqeenya dubbii isaani kan baran erga aariin qabbanaa’edha. Kanarraa kan ka’ee wal diiggaa fi wal hiikun dhufa. Sababa jechoota summii walitti dhangalaasaniif garaan isaani ni madaa’a, hariiroon isaani ni cita. Furmaanni keenya addaan bahuudha jedhu.

Kanaafu fuudha heerumni dhaabbata ol’aana maatii fi biyyi irraa ijaarramu beekne wantoota isa diigan irraa fagaachu qabna. Wanti haasofnu miira walii kan hin miine fi daangaa kan qabu ta’uu qaba. Yeroo aarru obsaan aarii keenya gadii liqimsuun daafaa fi miidhaa arrabaa keenya irraa dhufu salphatti hanbisuu dandeenya. Namni yoo cal’isee nageenyaa fi tasgabbii horata. Yoo dubbatee immoo nageenya yookaa jeequmsa buufata. Kanaafu wanta dubbannu madaalaa dubbachuun nageenya keenya eegu dandeenya.

Yeroo aarii osoo gonkumaa dubbachuu baatanii badii hammana hin jedhamnerraa nama tiksa.

Mee mammaaksa Oromoo kanniin irraa haa barannu; “Karaa fi dubbii odoo arganuu irraa goranii. Cal’isaan olla waliin bulaa.”
Furmaata: namni hanga fedhe gadhee fi jibbamaa haa ta’uu guyyaa tokko nama gaarii fi jaallatamaa ni ta’a. Kunii immoo ta’uu kan danda’u carraaqi ofiitin amala moofaa ofirraa baase amala gaarii isa haarawa ta’ee yoo ofitti direedha. Kuni immoo ta’uu kan danda’u sodaa Rabbii fi obsa qabaachuf yoo carraaqedha. Sodaa Rabbii fi obsa qabaachuf beekumsa barbaadu,hiriyyaa gaaritti michoomu fi namoota gadhee irraa fagaachuuni. Namni akka mukaa jallatee kan hafuu osoo hin ta’iin jijjiramuu akka danda’u of amansiise gara hojiitti haa tiratu. Adeemsa of jijjiruu keessatti dogongorrii waan uumamuuf dogongoraa sodaate fi saalfate duubatti mucucaachu hin qabu.

2. Jarjaruu- Namoonni yeroo dhaabbata fuudhaa fi heerumaa dhaabuf hedan ni jarjaru. Dafee ishii/isa waliin wal haa argu jedhanii ariifatu. Maalummaa fi amala nama sanaa gadi dhaabbatanii hin xinxallan. Yookiin immoo fuudhaa heeruma hundeessuf haal dureen jalqabaa maal akka ta’ee sirritti osoo addaan hin baafatii wal fuudhutti fiigu. Yeroo baay’ee namoonni haal dureen jalqabaa kaadhimaa ofii itti filatan diinagdeedha. Haa ta’uu malee haal-dureen jalqaba kaadhimaa ofii itti filatan imaana fi aklaaqa gaarii akka ta’ee erga buufata dhaabbata fuudhaa heerumaa keessa seenaniin booda hubatu. Akkuma Oromoon jedhu ‘Jarjaraan re’ee hin horu.’ Namni jarjaruu wayittu hin bu’uu. Gadii dhaabbate bu’aa fi miidha wanta hojjatu sirritti hin xinxallu. Hanga wanta tokkotti bu’utti fiixe wanta sanaa qabate waliin kaachudha.

Namoonni gariin immoo dhaabbata fuudhaa heerumaa erga hundeessanii booda aarii isaani too’achuu hin danda’an. Wanta dubbataniif gatii hin kennan. Aarii ofii qabbaneessuf arrabaan haadha/abbaa manaa ofii duugu. Arraba ofii hidhu hin danda’an. Hanga wanta garaa keessa jiruu guutuu dubbatanii fixaniif jarjaru. Akkuma Oromoon jedhu, “Alanfatan malee liqimsuun yaadan malee dubbachun of balleessudha.”
Namni jarjaraan ofillee galaafate namallee galaafata. “Qoonqo jarjartuun abbaa huuti.” Jedha Oromoon.
Furmaata: “Osoo hin hubatin hin gugatin.”

3. Garmalee aaruu/dallanuu- Aarun uumama namaati. Haa ta’uu malee aarin daangaa hin qabne nama miidha. Wanta argan hundaaf aarun/dallanuun amala gowwaati. Akkasumas wanti garmalee barbaachisaan yoo badu cal’isanii ilaalu fi aaru dhiisun amala nama itti gaafatamummaa hin qabne fi doofadha. Fakkeenyaf,sababa birchiqoon cabdeef ganamarraa hanga galgalaa dallanuun amala nama gowwaati. Akkasumas yeroo amantiin ofii fi hordoftoonni isaa cunqurfaman aaru fi quqamuu dhiisun amala nama doofaa fi ittigaafatamummaa hin qabneeti. Sababa aaritin humni fi kaka’umsii ni uumama. Diina namatti dhufee ofirraa miliqsan.

Fuudhaa heeruma keessatti aarin barbaachisa miti jechuu keenya osoo hin ta’in daangaa qabachuu qaba. Wanta xiqqoo abbaan/haati manaa balleesse/balleessiteef aarin mataa of bobeessun bu’aa tokko hin qabu. Akkuma Ergamaan Rabbii (SAW) jedhan:
لَيْسَ الشَّدِيدُ بِالصُّرَعَةِ إِنَّمَا الشَّدِيدُ الَّذِي يَمْلِكُ نَفْسَهُ عِنْدَ الْغَضَبِ
Namni cimaan(kan humna qabuu) nama wal’aanson cimaa ta’ee osoo hin ta’iin,nama yommuu dallanu nafsee ofii too’atedha.” Sahih Muslim 2609

Kanaafu namni hanga fedhe humnaa fi qabeenyan cimaa yoo ta’ee, aarii ofii yoo hin too’atin inni nama gadiidha.

Aarii kee wal danda’uun hidhi. Aarin sareen wal fakkaata. Yoo gadi lakkiste miidhaa baay’ee geessa.” Ibn al-Qayyiim

Namni fuudhaa heeruma keessatti jireenya gaarii hawwu aarii ofii gadii qabuu fi too’atu qaba. Wantoonni baay’een isa aarsu fi ibiddi mataatti qabsiisu danda’u. Haa ta’uu malee gatiin wantoota badee fi aarii too’achuu dhiisu irraa miidhaa dhalatu gadi. Wanti bade duubatti hin deebi’uu. Garuu,jechoonni aariin dubbataman manatti ibidda qabsiisu. Dhaabbata bu’uuraa fi hundee biyyaa kan ta’ee maatii diigu,addaan facaasu.
Kanaafu fuudha heeruma milkaa’innaa fi gammachuu qabu jiraachuf namni tokko aarii ofii gadi qabuu fi too’achuu qaba. Gatii fi miidha wanta aaruf sanii beeku qaba. Wanta yartuu hundaaf aarun amala gowwaa akka ta’ee haa xinxallu. Barruu “Aarii Kee Too’achuuf’ jettu haa dubbisu.

4.Wanta hundaaf walitti qanyiisu/nyakanyaku- Namoonni tokko tokko nyakkisuun akka waan isaan waliin dhalatee wanta yartuu hundaaf osoo nyakanyakanii sammuu ofii dhoosu. Wanti xiqqaa fi guddaan isaan biratti walqixa. Wanti xiqqoon yoo badde manatti ibadda qabsiisan. ‘Maaliif akkana ta’ee? Maal osoo hojjattu kunii bada?maa akkana hin gootu? Akkamitti akkana jetta erga balleessite raawwatte booda?’ gaafilee kana fi kan kana fakkaatan dhiihessun balaa wanta badee caalaa fidu. Cal’isanii furmaata barbaadu dhiisanii sababa adda addaa walitti xaxu. Walitti nyakanyakuu irraa kan ka’ee halkanii guyyaa manni ni dukkanaa’a. Harmeen koo akkana jedhu turan,”Manni ciqiciqii bar mana dukkanaati. Nageenyi hin jiru. Rabbummaan mana keessan mana ciqiciqii hin godhiin. Niiti gaarii isinitti haa qabu. Duniyaan hanga feete haa baay’attu manni ciqiciqii mana dukkanaati” Manneen baay’ee irra deeme yoo ilaalu manni ciqiciqii(nyakanyaka) qabu mana dukkanaa akka ta’ee sirritti naa galte.

Fuulan walitti toluun qabeenya kamiyyuu caalaa mi’aawadha.

Manni nyakanyaka qabu ijjolleen seeran akka hin guddanne godha. Nageenyaa fi tasgabbii manaa balleessa. Yoomuma nageenya argadha jette/jedhe yaaddofti/yaaddawa. Furmaanni isa dhuma wal hikkaa akka ta’eetti yaadun maatii ofii bittineessu.

Furmaata: nyakanyakuun miidhaa malee bu’aa tokko kan hin buusne ta’uu dursinee beeku qabna. Sammuu ofii cinquu fi dhuuffisuu malee furmaata gonkumaa ta’uu hin danda’u. furmaanni harka kaadhimtoota lamaani jira. Dubbii gaarii walitti haasawu fi waliin mari’achuun rakkoo ofii haala salphaan hiikkachuu danda’u. Wanta badeef arraba ofii lugaamun furmaata hundaa caaludha. Kanaan ala garuu lukkuun kormaan hanga fedhe yoo kaakkise killee buusu hin danda’u. Hanga fedhan yoo walitti kaakkisan/nyakkisan furmaanni tokko dhufuu hin danda’u. Kanaa mannaa waliin mari’achuun rakkoo fi furmaata tarreessudha.

5. Shakkii fi hinaafa daangaa hin qabne – Wal shakkuun amala ilma namaati. Haa ta’uu malee akkuma wantoonni hunduu daangaa qaban shakkii fi hinaafnis daangaa qaba. Haadha warra tiyyaa shakkuu fi hinaafu mirga qaba jenne sobaa hin jirre irra kaa’un cubbuudha. Wanta sheeyxaanni nutti hasaasu hunda dhugaa goone fudhachuun haadha warraa keenyarratti summii dubbii dhangalaasun jaalala fi hariiroo jiddu keenya kutuudha. “Osoo hin guuttatin hin gugatin.”,jedhe Oromoon. Wanta shakkinu san osoo sirritti addaan hin baafatin cal’isneetumaan fiigun miidha baay’eef nama saaxila. Kuni soba moo dhugaa,dhara moo haqa jenne xinxallu qabna.

Furmaata: niiti ykn dhiirsa ofii shakkuu fi hinaafun wantuma jiru ta’ee daangaa isaa qabsiisun dhaabbata jireenya akka hin diigne godha. Yoo niitin tee nama tokkotti bilbilte, ‘Edaa atii nama akkanaa waliin jirta!’ jettee shakkiin maqaa wal xureessun duratti suuta fi mariin wal gaafachu barbaachisa. Wantoota shakkii namatti naqanirraa fagaachudha. Shakkiin wal amanamummaa jiddu namoota lamaani balleessa. Kanaafu,mobiyilii niiti teeti guyyaa guyyaan gorogortee ‘Kana maaliif bilbilte? Kuni eenyudha? Ati edaa nama biraa waliin jirta’ jechuun jaalala fi wal amantummaa jidduu keessanii qancarsa. Shakkiin gara morkiitti nama oofa. Akka ati aartuf qofa niitin/dhiirsi kee wanta garagaraa sirratti hojjatti/ta. Shakkii badaa irraa of tiiksuf sheeyxaana abaarameerra Rabbitti mangafadhu. Sababni isaas sheeyxanni haati fi abbaan manaa wal shakkanii akka wal diigan barbaada. Yommuu abbaa/haadha manaa kee wanta badaan shakkitu akkana jedhi, “A’uzubillahi mina sheyxaani rajim’ sheeyxaana abaarramerraa Rabbiin tiikfama. Dubbii dhugarraa fagaate namootarraa fudhachun mana keetti lolaa fi dallansuun ibidda hin qabsiisin. Wanta shakkitu san dubbatuun dura dhugaa yookin soba ta’uu isaa sirritti itti xinxalli. Shakkii kee namuma argitetti hin odeessin sitti kolfaniiti.

Kutaan 1ffaan asirratti xumurama. Insha Allah kutaa 2ffaa Torbaan dhufa waliin ilaalla. Hangasi Assalamu aleykum warahmatullahi wa barakatuh. Namoota dabarsuun fuudha heeruma isaani badii irraa akka baraaran gummacha godhaaf.

like https://www.facebook.com/jireenyabadhaatu/

Gaa'ila Kee Baraaruf-kutaa 2
Gaa’ila Duraa Gufuu kaasu lakk. 4

One comment

Leave a Reply