Gaa’ila Kee Baraaruf-kutaa 2

6. Sobuu fi wal amanuu dhiisu – Wal amanuu fi iftoominni bu’uura maatii tokkoti. Maatii tokko keessatti wal amanuu fi iftoominni yoo dhabamee, walitti bu’iinsaa fi addaan bittinaa’utu dhufa. Haadhaa fi abbaan yoo kan wal soban ta’an,ijjolleenis sobaa isaanirraa barachuun hawaasaa fi biyya irratti miidhaa guddaa dhaqabsiisu. Sobaan qabeenya ummataa saamu. Kana dhiisati qabeenya abbaa fi haadha ofii sobaan hatu. 

Dhugaa fi wal amanuun jiddu dhiirsaa fi niititi yoo dhabamee jaalalli isaani ni bada,wal diiggan ni dhufa. Wal amanuun inni guddaan siree irra dhiirsa/niiti ishii/isaa malee nama biraa waliin ciisu dhiisudha.Namoonni lamaan amaanaa kana tiksu kan danda’an yoo Rabbiin sodaataniidha. Amaanaa kana hanga tiiksanii amaanan biroo eegun salphaadha.
Wal amantumaan jiddu namootati kan badu yoo wal sobaniidha. Soobni hundee badii hundaati. Yommuu haati fi abbaan manaa wanta xiqqoo irratti wal sobuu jalqaban wanta guddaa irrattiis wal shakkuu eegalu.

Furmaata: Wal amanuu fi iftoominni akka hin banne namoonni wal sobuu fi wal gowwomsuu dhiisu qabu. Niitin dhiirsa kan sobduu fi gowwoomsitu yoo taate abbaan manaa ishii amaanaa armaan olii irrattiis shakkaa adeema. Kanaafu wal sobuu fi gowwomsuu dhiisanii jidduu ofii iftoominnaa fi waliin mari’achuun waliin jiraachu qabu. Niitin wanta xiqqoo badeef dhiirsi kiyya na ajjeessa jette sobuu hin qabdu. Dhiirsis wanta yartuu hundaaf ishii adabuu fi loluuni hin qabu. Wanta hundaaf kan nyakisuu/nyakistu fi arrabsuu/arrabsitu yoo ta’ee/taate amaanaan armaan olii akka jalaa miidhamu fi wal amanuun akka dhabamuu haa beeku/beektu. Dhumaratti rakkoon guddaan irra gahuu danda’a.

7. Dogongora ofii amanuu dhiisu- Namoonni tokko tokko akka waan samii irraa bu’aniititti sirrii fi dogongora irraa kan fagaatan godhanii of ilaalu. Gonkumaa waan dogongoran itti hin fakkaatu. Dogongora isaani yoo itti himan ni dallanu,ni mufatu. Namatti boonu. Dubbii namarraa fudhachuu hin beekan. Ana malee namni biraa sirriin hin jiru jedhanii yaadu. Wantoota dogongora ofii akka hin amanne godhan keessaa tokko,”Yoo dogongora koo amane namni maal naan jedha?;Namtittiin tunii matarratti na baati;” fi kkf jechuun namoonni dogongora ofii amanuu dhiisu. Kunii immoo rakkoon akka walitti xaxamuu fi furmaata akka hin arganne taasisa.

Har’a dogongoree jira ammaan booda itti hin deebi’uu yoo jedhu boruma nyakkisa ofitittii deebi’a. kunii afaanitti dhadhaa wal diibanii garaan walitti madaa’udha. Yerooma hunda dogongora wal fakkaatu hojjataa itti hin deebi’uu jedhanii sobuun garaan akka addaan citu godha,jaalala fi hariiron namoota ni miidhama. Namni dogongoraa fi miidhaa isaatirraa baruu qaba. Dogongora ofii qofarraa osoo hin ta’iin kan namoota biro irraayis barnoota guddaa barata. Maatii kana maaltu akkanatti addaan diige jedhe barnoota irraa fudhachuun diiggan maatii isaa keessas akka hin seenne of eggannoo gochuu qaba. Namni osoo ijaan arguu akkamitti boolla tokkotti kufaa? Wanta maatii san diige ilaale innis balaa sanirraa of hin qusatu?

Furmaata: Ilmi namaa kamiyyu dogongora irraa kan hin fagaanne namni tokko dursee beeku qaba. Kuni dogongora kiyyaa mitii jedhe akka dhagaa goggu hin qabu. Namoota saalfate,’Namni maal naan jedhan?,Namtittiin tunii matarratti na baati.’ jedhe dogongora ofii amanuu dhiisu hin qabu,dogongora ofii amanuu qaba. Namni maatii ofii diigu fi dararuu hin saalfatuu akkamitti dogongora ofii amanuu saalfataa! Dogongora ofii amanuu isaatiin sadarkaan wayitu akka irraa hin hir’anne inumaa akka dabalamuuf haa hubatu. Namni Rabbii jedhe gadii of qabe,dhiifama nama godhee fi of tuulinsa isaa gadi qabe Rabbiin sadarkaa isaa akka ol kaasu haa beeku/tu. Namoota Rabbii jedhanii gadi jedhanii, namaa dhiifama godhanii fi of tuulinsa isaanii achii gatan Rabbiin akkamitti sadarkaa isaanii akka itti ol kaase haa qoratu/qorattu.

8. Kan ani jedhe malee kan biraa hin ta’uu jechuu (being stubborn)– Maatiin mana maree guddaa rakkoo fi furmaanni mariin hiikamu fi argamuudha. Mariin immoo kan gaggeefamuun yaada nama tokko fudhatanii kan biraa achii gatanii miti. Yaanni namoota lamaa hanga fedhe gargar haa ta’uu lachuu bu’a qabeessa akka ta’eetti yaadamu qaba. Yaada rakkoo furuu fi furmaata ta’uu danda’utti dhihaatu fudhatanii kaan immoo akka utubduutti itti fayyadamuu barbaachisadha.

Yaanni kee sirrii miti,achii gati,koo qofatu sirridha,fudhachuu qabda jedhanii namatti fe’uun cunqursaadha.

Haadha warraa waliin mari’atanii murtoo tokkorra waan gahaniif akka salphinaatti ilaalun aadaa duubatti hafaa fi dogongoraati. Dubartittinis yeroon yeroo dimookraasiti jette wanta hundaa ofii kan murteessitu fi dalagdu yoo taate miidhaa baay’eef akka of saaxila jirtuu haa beektu.

Innis akka daa’ima waa hin beeknetti ishii ilaale wanta hundaa ofii murteessu hin saalfatu? Ishiinis maatii keessatti qooda guddaa akka qabdu haa hubatu. Maatii tokko keessatti miseensi kamiyyuu qooda mataa ofii qabaachu qaba. Tokko akka harreetti hojjate kan biraa taa’ee akka bineessatti yoo nyaate, wal qixxumaan ni dhabama,jaalalli fi hariiron isaani dadhabaa adeema. Wanta kamiyyuu irratti wal gargaara kan adeeman yoo ta’an jaalalli fi hariiron isaani ni cima.

9. Dubbii hin taane namarraa guuru, wal hamachuu – Sheyxaanni hanga ilma namaa wal lolchisisu fi karaa haqaa irraa maqsutti boqonnaa hin fudhatu. Sheyxaanni kan jinni fi namaatu jira. Aslimaa hiikkan sheeyxaanaa ‘Wanta gara gadhee fi badiitti nama yaamudhu.’ Namoonni waliigaltee fi wal taa’insa maatii tokko yoo argan ni waanyu. Karaa ibidda mana isaanitti qabsiisan barbaadu.

Mee seena takka tan Shek Muhammad al-Arifin haasawu isinii haa odeessu. Dargagoota sadii kan garmalee wal jaallatantu ture. Isaan keessaa tokko dubartii Qur’aana haffastee fi Imaana qabdu fuudhe. Kaadhimtoonni haarawa wal fuudhan kunniin garmalee wal jaallachuu fi wal ta’uu jalqaban. Hiriyyoonni isaa tunniin itti hinaafanii karaa isaan addaan baasaniin barbaadan. Akkana waliin jedhan,”Yeroo inni diida deemu ‘Namni tokko dhufee konkolaatan mana keeti haadha manaa tee fudhate waliin deeman.’ haa jennuun” Akkuma waliin mari’atan godhan. Hirriyyoota isaa keessa tokko dhufee oduu armaan olii itti odeesse. Innis deeme hiriyyaa lammataa yoo gaafatu oduu wal fakkaatu innis itti odeesse. Namtichi kunii haadha manaa ofiitti galee, “Maaliif konkolaatan nama akkanaa waliin deemta?” jedhe itti ka’ee. Haati manaas “Ani nama Qur’aana haffasee akkamatti akkana hojjadhaa?” jetteen. Innis wanta ishiin jettu jalaa hin dhageenne lubbuu ishii galaafate. Seenan tunii shek Muhammad Al-Ariifin mana hidhaa keessa deeme sababa itti hidhamanii hidhamtoota osoo gaafatu dargageessi kunii seenaa armaan olii odeessef. “Amma murtii du’aa eeggachaa jira.” Jedheen.

Mee ilaalaa dubbii hin taane namarraa guurun miidha guddaa akka namatti fidu. Hanga fedhe namni walitti haa hiriyyoomu niiti/dhiirsa caalaa hiriyyaan garmalee namatti aanu hin jiru. Niiti /dhiirsa ofii nama biraa irratti hamachuun fi maqaa balleessun jibbisiisadha moo jaallatamaadha? Eeti furmaata argachuuf namni walitti himata. Haa ta’uu malee maqaa wal xureessun gonkumaa furmaata fiduu hin danda’u rakkoo xaxuu malee. Hanga ilma namaa walii falfaalaa fi rakkisaan hin jiru. Yoo dheebotte beelofte,yoo dararamte rakkatte malee toltuu fi wal ta’iinsa namaa hin fedhan. Wanti gaariin isaan gaddisiisti wanti badduun si qunnamu isaan gammachiisti. Seenan armaan olii akka fakkenyatti tuqne malee hawaasni baay’een dhibee kanaan kan madaa’edha. Dubbii sobaa fi dharaa namarraa guuranii ofii fi maatii ofii dararu. Osoo hin hubatin gugatan. Akkamitti qalbii namaa madeessa,akkamatti nama seenessa dubbii hamtuu namarraa guuranii wal diigu fi miidhaa walirraan geessun!

Furmaata: Ammas mammaaksa Oromoo irra deebi’uun,”Osoo hin guuttattin hin gugatin.” jenna. Hanga feete namatti hiriyyoomi dubbii namarraa fuutu sirritti osoo hin hubatin murtoo tokko irra hin gahin. Dubbiin sunii dhara yookin dhugaa ta’uu isaa sirritti hubadhu. Wanti sitti himame hanga fedhe si haa aarsu osoo hin hubatin lolaa fi dallansuun manatti ibidda hin qabsiisin. Tasgabbaa’i boodarra ni gaabbitaati. Niiti/dhiirsa kee caalaa hiriyyaan gaariin sitti dhihaatu hin jiru. Dubbii namarraa fuute san isa/ishii waliin mari’achuun soba yookin dhugaa ta’uu sirritti addaan baasi. Furmaata kanaa mee jecha Rabbiitin haa gudunfuu:

49:6

“Yaa warraa amantanii hoo,faasiqni oduudhaan yoo isinitti dhufe wallaalumaan namoota akka hin miine fi wanta hojjattaniif akka hin gaabbine (oduu isaa) addaan baafadha.” Suuraa Al-Hujraat : 6 Hiikka jecha ‘Faasiqni- kaadi, fincilaa’

10. Wal tuffii fi of tuulu– Dhiiben wal tuffii fi of tuulu hawaasa kamiyyuu keessatti babal’ate kan argamuudha. Namoonni baay’een qabeenyan of tuulu, akka waan zalaalamii waliin jiraatanitti. Namoota kaannin immoo homattu hin lakkaa’an. Qabeenyi amaana Rabbiin itti kenne akka taate hin beekan. Waa’ee qabeenyan of tuulu asumatti dhaabne wal tuffii dhiirsa fi niiti jiddu mee haa ilaallu.
Wal tuffiin hir’inna,walitti dallanuu,anatu caala ofiin jechuu fi kkf irraa madda. Haati manaa hir’inna wayii dhiirsa irratti yoo argituu tuffachuu jalqabdi,itti of tuulti. Hir’inni amala namoota ta’ee osoo jiruu akka waan ofii hir’inna wayitu hin qabne of ilaalun namoota biraa tuffata/tuffatti. Namni hunduu kennaa addaa Rabbirraa isaa kenname qaba. Ilmi namaa guutu fi hir’innarraa kan fagaate miti. Hanga fedhe beekumsa haa qabatu wanti hin beekne lakkaawwame hin dhumu. Hanga fedhe quufaa fi qabeenya haa qabaatu,qabeenya dabalataa barbaaduf gadi hin ta’uu. Kuni hundii hir’inna ilma namaa agarsiisa. Kanaafu,hir’inna keenya walirratti ilaalun wal tuffachuun doofummaa fi wallaalummaa calanqisiisa.

Namni qaruute fi beekan osoo mataa ofiiti hir’innaa fi dogongora qabaatu hir’innaa fi dogongora namoota ilaale nama hin tuffatu. Wanta gaarii ofii hojjatuuf ofi hin tuulu. Gara niiti fi dhiirsaatti yoo deebine isaan lamaan wanta hundaan wal fakkaatanii hin uumamne. Innis ishiinis dandeetti fi beekumsa garagaraa qabu. Ishiin dubartiidha gatii hin qabduu jedhee yoo dhiirsi tuffatee eenyutu gatii kenneefi haadha ijjoolle isaa taatif ree? Ittigaafatamummaa inni baadhachuu hin dandeenye eenyu haa baadhatuf ree? Hanga feete hir’innaa fi dogongora haa qabaattu wanta ishiin irraa dandeette inni gonkumaa hin danda’u. Akka fakkeenyatti yoo fudhanne, osoo ishiin manaa jalaa baate daa’ima isaa eenyutu harma hoosisaaf? Kanaafu itti gaafatamummaa fi gahee ishiin qabdu hubachuun tuffii fi of tuulu manaan alatti ofirraa haa baasu. Dhiirsa qofaa miti niitinis dhiirsa ni tuffatti. Kuni nama laamshayaa wayii hin tolle jette bakka itti tuffattutu jira. Isa akka meeshaa achii keette ittigaafatamumma fi ba’aa hundaa ofirratti baachisu barbaaddi. Dubbiin kana osoo hin ta’iin ittigaafatamummaa fi gahee isaani mana keessatti lamaanu taphachuu qabu.

Furmaata: akka furmaatatti jedhe kan kaa’u namni tokko dhibee of tuulu,wal tuffii fi kkf fayyuu kan danda’u soda Rabbii yoo qabaatedha. Sodaa Rabbii immoo kan qabaatu yoo Isa beekedha. Kan ittiin Isa beeku immoo yoo kitaaba Isaa kan ta’ee Qur’aana yoo qo’ate fi itti buleedha. Namni of tuulu namni meeqa akka isa caalu haa beeku. Hanga fedhe of haa tuulu irra ijjatee ardii baqaqsuu fi ol dheeratee gaaran wal qixxaatu akka hin dandeenye haa hubatu. Wanti inni ittiin of tuulu harka isaa akka hin jirree haa xinxallu. Qabeenyan yoo of tuule bubbeen yookiin roobni sa’aati walakkaa akka jalaa balleessu haa qoratu. Beekumsaan yoo of tuule dhibeen gosa takka daqiiqaa muraasa keessatti akka irraafachistuu fi jalaa haaqxu haa xinxallu. Namoonni gara baay’een milkaa’inna guddaa galmaan gahan kan of hin tuulle fi nama hin tuffannee ta’uu isaanii haa qoratu. Ammas furmaata kanaa jecha Rabbiitin xumura: 17:37

Of tuulaa ardii irra hin deemin. Dhugumatti (of guddisuu keetin) ardii hin urtu. Dheerattes gaaran wal hin qixxooftu.” Suuraa al-Israa :37

Alhamdulillah mata dureen kuni asirratti xumurama. Insha Allah hanga torbaan mata duree biraatin walitti deebinutti Assalamu aleykum wr wb.

Linkii armaan gadii tuquun barruu tana downlod gochuu fi nama dabarsuu dandeessu. gaa’ila baraaruf

 

 

Zinaa(Sagaagalummaa)-Daandii Badii
Gaa'ila kee Baraaruf-Kutaa 1
Kana Raabsi

Leave a Reply

Your email address will not be published.