Piroojektii Ramadanaa

Ramadaanni akka lakkoofsa hijriitti ji’a saglaffaa irratti argama. Ramadaanni ji’a kabajamaa Qur’aanni itti bu’ee fi leylat-ul qadr (halkan ji’aa kuma caaltu) of keessaa kan qabudha. Jinni Ramadanaa ji’aa rahmataa, barakaa fi jaalalaati. Ji’a diinni ilma namaa kan ta’ee sheyxaanni itti hidhamuudha. Sheyxaanni waan hidhamuuf namoonni ibaadatti ka’u, wanta gaariitti fiigu.

  1. Kaayyoo fi Bu’aa soomanaa

Kaayyoon soomanaa inni guddaan namoota beela dheebun miidhuf osoo hin ta’in, taqwaa (sodaa Rabbii) qalbii keessatti facaasu fi magarsuudha.2:183

Yaa warra amantan! Akka isin Rabbiin sodaattaniif Soomni akkuma warra isin duraa irratti barreefametti (dirqama ta’etti) isin irrattis barreefameera.

Kanaafu kaayyoon guddaan soomana akka Rabbiin sodaannu nu leenjisufi. Nyaanni yommuu baay’atu, hormonoonni xanna’achoota keessaa maddan fedhii kakaasun wanta badaatti nama dhiibu. Namni karaa haraamatin/dhorqaan fedhii ofii guttachuuf yommuu fiigu ibbida hamaa harkaan qabata. Soomni kanaaf fala isaaf ta’a. tokko hormoonota madda hir’isuun fedhii isaa qabaneessa. Lamaa sodaa Rabbii qalbii irratti facaasun badii irraa isa tiiksa.

Faydan sooma kana qofatti kan dhaabbatu osoo hin ta’in qaamafis fayyaadha. Qaamni yeroo hundaa dhangaale baay’ee kan fudhatu yoo ta’ee dhibee sukkaara fi furdinna daangaa hin qabnef saaxilama. Sababoota kanaaf doktoroonni yeroo amma soomatti nama ajajan. Soomni sammuu qara. Nyaanni fi dhugaatin yommuu baay’atu sammuun ni dugulti, gadi faggeessite yaadu hin dandeessu.

Kanaa fi kan kana fakkaatan fayda soomanni qaamaf kennu. Garuu faydan guddaan soomanaa qalbii namaa qulqulleessun sadarkaa horii irraa gara sadarkaa ol’aanu fi kabajamaatti ol kaasudha. Wanta lubbuun feetu daangessun barnoota fi leenji namaaf kenna. Namni yommuu fedhii lubbuu ofii jala deemu bolloo badii keessaa hin baanetti tara. Soomni wantee/gaashaa isaa ta’uun badii kana irraa isa tiiksa. Soomni addunyaa tana qofa keessatti mitii Aakirattis ibbida irraa nama tiiksa. Yommuu dheebun akkasatti nama gubuu warrii addunyaa irratti sooma turee balbala Jannataa Ar-Rayyaan jedhamuun seenun dheebu bahu.

Soomni karaa jaalala Rabbii ittiin argataniidha- namni dhooksan nyaate nan sooma jechuu danda’a. garuu namtichi Rabbii jedhe dhoksaatti wantoota kana irraa yommuu of qabu jaalala Rabbii argata.

2.Garaa fi qaama hormaata qofaa mitii qamoole biroos tiiksu

soomana yommu jedhamu yaanni jalqabaa matatti nu dhufu nyaata fi dhugaati irraa soomudha. soomni fudhatama argatuuf ulaagaalee lama guutu qaba.

a.Wantoota sooma cabsan irraa fagaachu– nyaata, dhugaati fi wal qunnamti saalaa irraa fagaachu. Obboroo irraa jalqabee hanga aduun dhiitutti namni wantoota kana irraa fagaachu qaba. Soomni nyaata, dhugaati fi wal qunnamti saalaa dhiisu qofa irraa kan ijaarrame miti. Qaamota biroos wanta badaa irraa akka sooman leenjisu barbaachisa. Ta’uu baannan beela dheebun of miidhu malee kaayyoo barbaadame galmaan hin gahu.

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ، عَنِ النَّبِيِّ صلى الله عليه وسلم قَالَ ‏ “‏ مَنْ لَمْ يَدَعْ قَوْلَ الزُّورِ وَالْعَمَلَ بِهِ وَالْجَهْلَ فَلَيْسَ لِلَّهِ حَاجَةٌ أَنْ يَدَعَ طَعَامَهُ وَشَرَابَهُ ‏”

Abu Hureeyraa(RA) akka gabaasanitti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

Namni dubbii sobaa(soba dubbachuu), soba saniin hojii badaa hojjachuu fi jechoota badaa namatti dubbatu hin dhiisin Rabbiin nyaata fi dhugaati dhiisu isaatti haajaa hin qabu.” Sahih Al-Bukhaari

Kanaafu ulaagan jalqabaa soomana keenya irraa ajrii(mindaa) argachuu fi taqwaa horachuuf garaa keenya nyaata dhugaati irraa eegu, qaama hormaata wal qunnamtii saalaa irraa fageessu, arraba keenya dubbii sobaa, jechoota badaa dubbachuu, nama arrabsuu, hama irraa tiiksu, gurraa keenya dubbii sobaa, muuziqaa, fi hama dhageefachuu irraa eegu, harka keenya hatuu, nama miidhu, nama fuudhu/itti heeruma danda’an harka fuudhu (cabbaxu) irraa tiiksu; ija teenya haraama ilaalu kan akka fiilmii, moovi, gaazexaa, inteerneti irraa eegu; luka teenya gara baditti deemu irraa tiiksu. Sooma nyaata dhugaati qofatti yoo daangeessine bu’aan keenya beelaa dheebun of miidhu malee wanta biraa ta’uu hin danda’u. Rabbiin sodaachuun garaa fi qaama hormaata nyaata dhugaati fi wal qunnamtii saalaa irraa tiiksu qofa osoo hin ta’in qaama guutu wanta badaa irraa tiiksu fi wanta gaarii hojjachuudha.

b.Ulaagalan lammaaf ‘Niyyaa’– niyyaan amantii keessatti iddoo guddaa qaba. Niyyaa bu’uura amantiiti. Namni niyyaa irratti hundaa’eti kan adabamuu fi badhaafamu. Niyyaan yoo hin tolin hojii gaariin isaa sun jalaa baddi. Niyyaan yoo tolte immoo hojiin gaarii inni hojjate isaa baay’ifamuun badhaasa guddaa argata. Kanaafu yommuu ibaadah kamuu hojjannu niyyaa keenya tolchuun dirqama.

Namtichi waan doktorri ajajeef sooma soomu danda’a, ulfaatinna qaama hir’isuuf soomu danda’a. Soomni akkanaa Rabbiif jedhee osoo hin ta’iin kaayyoo biraatif waan soomef fudhatama hin argatu. Soomana yommuu soomnu Rabbiif qulqulleessine soomu qabna.

Bakkii niyyaa qalbiidha. Arrabaan akkana godha, akkana hojjadha jedhanii dubbachuun hin barbaachisu. Qalbii keessatti boru Rabbiif jedhe akka soomu niyyachuudha.

Tarkaanfi gara jijjiramaa

Ramadaanni yuniversitii leenjii fi barnoota jechuu dandeenya. Namni yuniversitii kana seene leenjii fi barnoota malee yoo bahe, bu’aan inni argatu maaliree? Jireenya keenya keessatti of jijjiruuf tattaafi adda addaa goona. Tattaafin keenya hundii bu’a-qabeessa ta’uu dhiisu danda’a. waggaa keessatti ji’a tokko yeroo jireenya keenya itti foyyeessinuu fi jijjiruu argachuun carraa guddaa fi lamuu hin deebinedha. Namni carraa kanatti fayyadamuu Insha Allah ni milkaa’a. namni carraa kanatti osoo hin fayyadamiin hafe milkaa’innaa irraa duubatti hafa.

Akkuma duratti jenne kaayyoon sooma qalbii qulqulleessu fi sodaa Rabbii qalbii irratti facaasudha. Qalbii teenye qulqulleessine jireenya keenya foyyeefachuun yeroo hundaa nurratti dirqama. Karaa adda addaatin qalbii teenya xuriiwwan akka shirkii, nifaaqa, shakkii, jibba, waanyu, fi kkf irraa qulqulleessuf ni tattaafanna. Maloota kanniin keessaa soomni iddoo guddaa qaba. Kanaafu akkamitti jireenya keenya Ramadaana keessa fi booda sirreessu dandeenya?

Yeroo sirnaan fayyadamuu– yuniversitii kana keessatti yeroo keenya sirnaa yoo hin fayyadamiin dorgommii ni dhabna. Yeroon bu’uura milkaa’inna addunyaa aakiraati. Akka imaam Ibn Al-Qayyiim jedhanitti namoota bakka saditti qoonne ilaalu dandeenya. Tokko nama Rabbii tolee jedhu fi itti buluudha. Kaayyoo uumameef beekun yeroo isaatti sirnaan fayyadama. Wanta Aakiraa isaa jalaa balleessu yookiin addunyatti fayda isaa hin buusne irratti yeroo ofii hin gubuu. Namni lammaffaan immoo nama Rabbiin irraanfate fi daangaa Isaa darbuudha. Namni kunii kaayyoo uumameef dagachuun addunyaa fi fedhii ofiitif gabra ta’a. Aakira quba hin qabu. Namni sadaffaan immoo nama hojii malee taa’udha. Namni akkana nama waa hundarraa hoonga’eedha. Takkaa addunyaa ofiitif hin carraaqu, takkaa aakiraaf hin dalagatu. Fedhii fi sheyxaanaf nama harka kenneedhe. Yeroo ofii bakkuma argetti guba.

Kanaafu nuti namoota gosoota sadan kanniin keessa gosa tokkoffaa ta’uu qabna. Ramadaanni gosa tokkoffaa keessaa akka taanuf ji’aa fi carraa nu dhufeedha. Ta’uu baannan gosa lammaffaa fi sadaffaa keessaa taana. Osoo itti fayyadamiin nu harkaa miliqa.

Yeroo keenyatti sirnaan fayyadamuun keeyri hanga dandeenyu walitti haa kuufannu. Yeroo keenya wantuma fayda nu hin buusne irratti yoo balleessine ji’aa Ramadaana fi jireenya keenya qisaasessine jedhama. Halkanii guyyaa filmii kan ilaallu, hirriba kan rafnu, yoo taane bu’aan Ramadaan irraa argannu maaliree?

Haala kanaan yeroo keenya sanganteessun bu’a qabeessa ta’uu dandeenya. Hojiiwwan gaggaarii Ramadaan keessa hojjanu fi galmaan gahuu barbaanne tarreessu. Hojiiwwan badaa yeroo keenya guban irraa fagaachuf carraaqi gochuu qabna. Hojii gaarii ta’anii garuu bu’aan isaani hangas mara hin taane yeroo keenya akka hin gubne of eggannoo gochuu qabna. Fakkeenyaf dubartoonni nyaata gosoota baay’ee fi mi’aawa qopheessuf yeroo ofii gubu. Kana irraa of qusachuun nyaata murtaa’a fi gahaa ta’ee qopheessun yeroo ofii qusachu danda’u. Nyaata baay’ee qopheessun tokko israafa (qisaasessu) ta’a, lama yeroo guba. Hanga nyaata san israafa godhanii osoo sadaqaa kennatanii mindaa akkamii argatu! Hanga nyaata gosoota baay’ee qopheessuf carraaqan osoo Qur’aana qara’anii mindaa akkam gaarii argatu! Kanaafu haawwanii fi obboleettiwwan teenya nyaata gahaa fi murtaa’a ta’ee qopheessun yeroo fi qabeenya ofii haa qusatan.

Yeroo geenya saganteessuf torbaan kana keessa maal hojjachuun qaba jenne lafa kaa’uchu dandeenya. Yeroo keenya bakka saditti qoodu dandeenya. Tokko yeroo ibaada- sa’aati 24 keessatti yeroo ibaada itti dalagannu murteessu. Lama yeroo galii fi rizqii teenya itti funaannu murteefachu. Sadii yeroo boqonnaa/hara itti galfannu murteessu. Yeroo baay’ee teenya boqonnaa irratti kan ajjeesnu yoo taane, oomisha malee hafna jechuudha. Ji’aa Ramadanaa kan keessa hanga danda’ameen yeroon ibaada irratti dabarsinuu yeroowwan hafan haa caalu. Kana jechuun boqonnaa hin fudhatin, rizqii kee hin funaannatin jechuu miti. Haala kanaan yeroo keenya yoo saganteessine bu’aa qabeessa ta’uu dandeenya.

Wanta hamaan yeroo ammaa yeroo guban keessaa namtichi halkan filmii ilaala yookiin caati qama’aa bulee guyyaa hirribaan dabarsa. Hojiwwaan naafila (dabalataa) hojjachuu dhiisi hojiwwan dirqamaa kan akka salaata osoo hin hojjatin oola. Namni akkana nama gosa sadaffaati. Kanaafu bartee kana jijjiruuf haa tattaafatu.

Gara hojii gaarii fiigu, hojii badaa irraa dheessu

Hojiwwan gaariin hojii badaa haaqa. Akkuma Rabbiin Qur’aana keessatti dubbate:

11:114

Qaccee lamaan guyyaatii fi yeroo halkan irraa ta’ee salaata dhaabi. Toltuwwan hamtuu ni deemsisu (ni haaqu). Kuni warra gorfamaniif gorsa.” Suuratu Huud 11: 114

Abu Hureeyran (RA) akka gabaasanitti Ergamaan Rabbii (Salallahu Aleyh wasallam) akkana jedhu:
الصَّلَوَاتُ الْخَمْسُ وَالْجُمُعَةُ إِلَى الْجُمُعَةِ وَرَمَضَانُ إِلَى رَمَضَانَ مُكَفِّرَاتٌ مَا بَيْنَهُنَّ إِذَا اجْتَنَبَ الْكَبَائِرَ
Salaanni shanan, Jum’aa irraa jum’atti, Ramadaana irraa Ramadaanatti wanta(cubbuu) isaan jiddu raawwatamaniif kaffaaradha yoo namtichi badii gurguddoo irraa fagaate.” (Sahih Musliim)
Kaffaara-jechuun cubbuu/badii namarraa harcaasu.

Ramadaanni carraa guddaa hojii gaarii itti sassaabatanii fi hojii badaaf araarama Rabbirraa itti kadhataniidha. Ji’oota kudha tokko badiin dabarsan keessaa bahanii jireenya haarawatti ce’uuf Ramadaanni carraa hin argamneedha. Hojiwwan darban kee hanga fedhan badaa haa ta’an, ji’a kana keessa of jijjiruuf tattaafadhu. Balbala haarawa banuuf olka’i. Amala kee badaa jijjiruuf yuniversitii kana keessa seeni. Yuniveersiti kana keessaa yommuu baatu ammallee hojii badaa duraanitti hin deebi’in. Leenjii fi barnoota irraa argatte jireenya keessatti itti fufiinsa haa qabatan.

Ji’a kana keessatti maal jijjiruu barbaadda? Amala kee keessaa kamiin ofirraa baaste kamiin ofitti diruu barbaadda? Nama kan hamattu yoo taate kunoo Ramadaanni sii dhufee barnoota fi leenjii si kennuuf, fedhii kee too’achuun yoo sitti ulfaata kunoo Ramadaanni si dhufe furmaata si ta’uuf. Zikrii fi ibaada Rabbii irraa yoo fagaatte kunoo Ramadaanni si dhufe sheyxaana sirraa hidhuuf. Wanti hafe nafsee tee waliin qabsaa’udha.

Akkamitti jireenya kee jijjiruu fi foyyeessu dandeessa? Hojii gaaritti fiigun, hojii badaa irraa dheessun jireenya kee ni jijjira, ni foyyeessa. Hojiwwan gaggarin baay’etu jiru. Keessaa filadhu hanga humnii kee danda’ee dalaguuf tattaafadhu.

Hojiiwwan gaggaari keessaa salaata baay’isanii salaatu, Qur’aana qara’uu, zikrii gochuu fi beekumsa barachuudha. Salaata taraawi dhabbachuuf tattaafachu. Zikriin guddaan karaa Rabbiin ittiin yaadatan Qur’aana. Qur’aana qara’uun ajrii(mindaa) guddaa argachuu dandeenya. Qur’aanni mindaa argamsiisu qofaa miti jireenya ilma namaa jijjira. Yommuu Qur’aana qaraanu akka gazeexa kan dubbisnu osoo hin ta’in tadabura (xinxalliin) dubbisuuf yaalu qabna. Hiika isaa beekuf taattafachuu qabna.

Ji’a kana keessa Qur’aana qo’achuu, dhageefachuu fi xinxalliin dubbisuun jireenya kee jijjiruu dandeessa. Amala fi bartee badaa kee ofirraa baasu dandeessa. Sababni isaas Qur’aanni qalbiif qoricha.

10:57

Yaa ilmaan namaa! Dhugumatti gorsi Gooftaa keesssan irraa taate, waan qoma keessa jiruuf qoricha tan taate, mu’imintootaf qajeelfamaa fi rahmata tan taate isinitti dhufte.” Suurat Yuunus 10:57

Wanti qoma keessa jiru shirkii, shakkii, nifaaqa, jibba, waanyu, wallaalummaa fi kkf dha. Qur’aanni wantoota akkanaa irraa hayyama Rabbiitin nama fayyisa. Namni dhibeewwan kanniin irraa fayyuuf Qur’aanatti gore dhugumatti ni milkaa’a. kan kanaan ala wanta  biraatti gore yommiyyuu furmaata hin argatu. Kanaafu Qur’aana barachuun, qo’achuun jireenya keenya jijjiruu fi foyyeessu dandeenya.

Yoo Qur’aana qara’uu hin dandeenye taate bartee kitaaba dubbisuu uummachuuf carraaqi.

Piroojektiin Ramadaana kana qofatti kan dhaabbatu miti. Sadaqaa kennuun balbala haarawa banachuu dandeenya. Sadaqaan hojii badaa haaqxi, qabeenya barakaa itti afuufti, ibidda irraa haguuggi taati. Jaalala namtichi qabeenyaf qabu hir’isuun qalbii qulqulleessiti. Hanga dandeenye harka keenya diriirsuun warroota rakkatan gargaaru dandeenya. Ifxaaraf namoota affeerun mindaa walitti sassaabu dandeenya.

Piroojektiin Ramadaana ammas kanatti kan dhaabbatu miti. Wanta kennan yoo dhaban, Qur’aanas qara’uu yoo dadhaban, qaama ofiitin namoota miidhu irraa eegun piroojektii guddaadha. Arraba ofii hidhuu fi eegun, ija ofii tiiksun, harka badii irraa qabuun, gurraa badii dhageefachuu irraa baraarun piroojekti Ramadaana isaan gurguddoodha.

Nyaata, dhugaati, interneeti fi Tv daangaa isaani murteessu– Piroojektiwwan armaan olii fi kan biroo galmaan gahuu kan dandeenyu wantoota kanniinif yoo daangaa murteessineedha. Yommuu lulluqannu garmalee yoo nyaanne fi dhugne salaata akka hin dhaabbanne gufuu nutti ta’a. Guyyaa guutu interneeti fi Tv irra yoo oolle keyrii Ramadaanni fide dhabna. Kanaafu wantoota kanniinif daangaa murteessun milkaa’u dandeenya.

Gudunfaa

Ramadaanni ji’a rahmataa, magfiraa(araaramaa), jaalala fi namoonni ibidda irraa ittiin baraaramaniidha. Ji’a balballii keeyri itti banamtuudha. Namni carraa kanatti fayyadamu milkaa’innaa fi gammachuu argata. Kan carraa kan qisaasesse immoo keyrii osoo hin habuqatin harka qullaa hafa. Kanaafu hanga dandeenyun carraa arganetti fayyadamuun warroota milkaa’an keessaa ta’uuf haa tattaafannu. Ramadaanni nyaata dhugaatin kan dabarsinuu osoo hin ta’in hojii gaarii hojjanne mindaa itti argannu haa ta’u.

Hanga torbaan mata duree biraatin walitti deebinutti assalamu aleeykum wa rahmatullahi wa barakatuh.

Kitaabilee wabii:

EssentialsOfRamadhan By Tajuddin B.Shu’aib

Inner dimensions of the prayer By Imaam ıbn Al-Qayyim

Qormaata Biyyoollessa fi Kan biroof Milkaa’uf
Salaata:Burqaa Gammachuu
Kana Raabsi

5 comments

  • peejii kana kanin argadhe guyyaa har’aati jechuun November 04\2016.DHugaa dubbachuuf hangan gammade anaa fi rabbiin qofatu narraa beeka .Har’allee Yoomilli galanni keessan Rabbumarraa qofa haa ta’u yoon jedhu har’aaf commentii tokkos kennuu hin fedhu yeroo itti aanuuf garuu ergan weepsaayitii (ergaa) kana ergan gadi fagenyaan qoradheee booda isinittiin deebi’a.Har’aaf asumarratti na haa gayu .Peejii keessan lamaan tokko post gochuun koos hin dagatamu.
    UMER DERE
    PUNJABI UNIVERSITY;INDIA, PATIALA irraa

  • Galatooma Jazaakumulaah nuuf jiraadhu barnoota baay’ee arkannee ittii fuufii……….

  • Rabii Irra Wanti Garii Siif Haa Dhufuu!

Leave a Reply

Your email address will not be published.