Arraba Kee Eeguf- Kutaa 1ffaa

Arrabni foon diimtu baay’ee laaftu, akka feete sochuuti fi dubbiif bu’uura tan taatedha. Arrabni meeshaa dubbiti. Arrabaan ala jechoota sagaleen baasun ni ulfaata. Haasofti arrabaan uumamu nama dubbatu irratti hundaa’e gariin isaani gaarii, gariin isaani immoo badaadha. Waa’ee badii arrabaa ilaalchise wanti baay’ee jedhame, wanti baay’een barreefame garuu dubbii fi barreefamonni sunniin hundii badii arraba keenya dhowwuu danda’aniiru? Eeti badii arraba keenya barreefamni yookiin dubbii namoota biraa kan dhowwuu osoo hin ta’iin matama keenyatu badii arrabaa dhowwuu qaba, matama keenyan arraba keenya lugaamu danda’a. Dubbii fi barreefamni namoota biroo qajeelcha fi akeekachisa nu kennuu malee arraba keenya lugaamu hin danda’an. Qajeelfamaa fi akeekachisa san fudhate arraba keenya bakka sirrii ta’eetti fayyadamu kan danda’u nuyi matama keenya.

Miidhaa Arrabaan Dhufu
Akkuma jedhamu arraba sirnaan yoo itti hin fayyadamin akka bineensa bosonaa miidhaa baay’ee geessa. Bineensa bosonaa yoo irraa hin dheessin yookiin yoo ofirraa hin deebisin miidhan isaa guddaadha. Haaluma kanaan arrabas yoo hin too’atin miidhan isaa kan bineensa bosonaa caala.

“Yaa ilma namaa arraba kee tiksi
Akka si hin ciniinne of eegi.
Dhugumatti inni bofa
Namoota meeqatu qabrii keessa jiru kan arraba isaanitin ajjeefaman
Namni Guyyaa Qiyaama qunnamti Rabbii sodaatee fi arraba ofii tiikse inni dhugumatti goota.”

Sababa arraba too’achuu dhiisutin hariiroon namoota ni miidhama. Lolli fi wal dhabbiin baay’een sababa arrabaatin burqu. Dhiigni namoota ni jiga, qabeenyi ni barbadaa’a. kana hundarra immoo dhuma namaatu nama gaddisa. Guyyaa Qiyaama sababa arrabaatin ibiddatti darbama.

Abu Hureeyran akka gabaasanitti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

‏ إِنَّ الْعَبْدَ لَيَتَكَلَّمُ بِالْكَلِمَةِ مِنْ رِضْوَانِ اللَّهِ لاَ يُلْقِي لَهَا بَالاً، يَرْفَعُ اللَّهُ بِهَا دَرَجَاتٍ، وَإِنَّ الْعَبْدَ لَيَتَكَلَّمُ بِالْكَلِمَةِ مِنْ سَخَطِ اللَّهِ لاَ يُلْقِي لَهَا بَالاً يَهْوِي بِهَا فِي جَهَنَّمَ ‏“‏‏.‏
“Dhugumatti gabrichi tokko jecha Rabbiin gammachiistu ni dubbata xiyyeefannoo osoo itti hin kenniin. Sababa saniin Rabbiin sadarkatti isa olkaasa. Dhugumatti gabrichi tokko jecha Rabbiin dallansiistu ni dubbata osoo xiyyeefannoo itti hin kenniin. Sababa saniin Jahannamitti darbama.” Sahih Al-Bukhaari

Meeqa keenyatu xiyyeefannoo osoo itti hin kenniin jechoota badaa haasawaa oolla.

Ergamaan Rabbii (SAW) dhaamsa kana nuu dhaamu:

وَمَنْ كَانَ يُؤْمِنُ بِاللَّهِ وَالْيَوْمِ الآخِرِ فَلْيَقُلْ خَيْرًا أَوْ لِيَسْكُتْ
Namni Rabbii fi Guyyaa dhumaatti (Guyyaa Qiyaamatti) amane waan gaarii haa dubbatu yookiin haa cal’isu.” (Sahih Al-Bukhaari, MUslim)

Hadiisni kuni wanta gaarii malee dubbachuu akka hin qabne nutti agarsiisa. Namni tokko dubbachuu kan qabuu yoo dubbiin isaa baay’een waan gaarii fi bu’aa of keessaa qabaatedha. Garuu dubbiin isaa gaarii fi badaan kan wal qixxaatu yookiin badaan gaarii kan caalu yoo ta’e cal’isutu caala. Sababni isaas, boodarra suuta suutan gara baditti nama oofa. Gara biraatin namni tokko dubbii isaa keessa badiin jiraachu yoo shakke haa cal’isu.

Imaamu Ash-Shaafi’i (Rabbii rahmata isaa haa godhu) akkana jedha: “Namni tokko yommuu haasawu fedhe, dubbachuun dura itti yaadu qaba. Wanta dubbachu hedu keessa yoo wanti gaariin jiraate haa dubbatu. Garuu wanta haasawu hedu keessa yoo shakkii qabaate cal’isu qaba, hanga dubbii isaa bareechisun shakkii ofii qulqulleessuti.”1

Wanta afaanitti dhufe hundaa yoo gadi furan arraabni miidhaa baay’ee geessa. Miidha arrabni fidu keessaa muraasa isaani mee haa ilaallu.

1.Dhiphinna– wanta afaanitti nu dhufe hundaa yommuu dubbannu boodarra dhiphinnaa fi rakkoo baay’eef saaxilamna. Wanta nuti dubbannu namoota gammachisuu fi kolfiisisuuf ta’a garuu dubbiin keenya miira nama sanii miidha. Namtichi nuti itti dubbanne nutti muufachuun hariiroo addaan kuta.

Dhiphinni karaa arrabaatin dhufu hangana hin jedhamu. Wanta tokko ni dubbatta ergasii gaabbi fi dhiphinni mataa kee guba. Jireenya koo keessatti dogongorri guddaan ani hojjadhe dogongora arrabaan raawwadheedha. Dhiphinnaa fi gaabbi hamaa sababa kanaan dhandhame jira.

Namoota meeqatu sababa kanaan rakkoo fi gaabbi hamaa dhandhamaa jiru! Yeroo teknolojiin akkanatti babal’ate kanatti jecha meeqa osoo hin hubatinii fi xiyyeefanno itti hin kenniin hafarsinaa. Chaati jenne halkanii guyyaa yommuu walitti quunu sammuun fi hariiron keenya hangam miidhamaa akka jiru hubanne jirraa? Wanti haasofnu fi barreessinu hundii galmee hojii keenyaa irratti galmaa’a akka jiru hubanne jirraa?

2.Wal jibbaa fi wal diiggaa– sababa arrabaatin wal jibbaa fi wal diiggan maatii, hawaasa fi biyya jiddutti uumama. Jecha takka xiyyeefannoo osoo itti hin kenniin dubbanna. Ergasii ibiddi jibbaa fi wal diigga boba’u eegala. Kanaafi Rabbiin akkana jechuun nuu dhaame:

17:53

Gabroottan Kiyya jecha hundarra gaarii taate akka dubbatan itti himi. Dhugumatti sheyxaanni gidduu isaani balleessa. Dhugumatti sheyxaanni ilma namaatif diina ifa bahaadha.” Suura Al-Israa 17:53

Sheyxaanni jechoota badaa akka dubbatan isaan gochuun wal dhabbii fi wal diigga isaan jiddutti facaasa. Kanaafu jecha gaarii dubbachuun yookiin cal’isuun badii kana hunda irraa nama tiiksa.

Wanta faaydi hin qabne dubbachuun maatii meeqatu diigame, lubbu meeqatu darbe. Seena fi manni haa lakkaa’u. Osoo itti hin yaadin jecha takka ni dubbatta ergasii manni fi hariiron kee ni diigama. Kana irraa baraaramuuf arraba ofii lugaamudha.

Sababoota dubbii akka baay’isan nama taasisan
Namoota gammachiisuu fi kolfisiisuuf– namoota gammachiisu fi kolfiisisuuf dubbii meeqa dubbannaa! Namoonni nu haa jajan jenne soba meeqa dhangalaasna. Ergamaan Rabbii (SAW) nama kolfiisisuuf jedhe nama soba dubbatu haala kanaan nu akeekachisu:

“‏ وَيْلٌ لِلَّذِي يُحَدِّثُ فَيَكْذِبُ لِيُضْحِكَ بِهِ الْقَوْمَ وَيْلٌ لَهُ وَيْلٌ لَهُ ‏”‏ ‏‏

“Ee badii isaa kan namoota ittiin kolfiisisuuf jedhe dubbii isaa keessatti kijiba (soba) dubbatu. Ee badii isaa! Ee badii isaa!” (Sunan Abu Dawuud)

Namoota kolfiisisuuf jenne interneeti irratti waa meeqa barreessaa oolla. Garuu bu’aan nuti argannu yeroo keenya gubuu, dhiphinna, gaabbi fi cubbuun nurratti barraa’udha. Namoota kolfiisisuuf jenne yommuu haasofnu, dubbiin keenya fokkataa ta’a, miira namaa hin hawwatu. Kanaafu namoota kolfiisisuuf jenne dubbii sobaa fi faaydi hin qabne fayyadamuu irraa arraba keenya haa eegnu. Wanta namoonni gadheen hojjatan akkeessu irraa haa fagaannu. Boruu gaabbi malee wanta biraa ta’uu hin danda’u.

Namoota kolfiisisuuf jenne kabaja nama meeqa dhiinnaa. Nama tokkorratti hanqinna wayii arginaan “ewwaa arganne wanta irratti kolfinuu”. Hanqinna keenya irraanfanne kan namoota irratti kolfina. Karaa biraatin namoonni nuu haa jajanii fi kolfan jenne wanta nu bira hin jirre odeessuf carraaqna. Kunis baditti nama geessa.Kanaafu guyyaa har’aa gaabbi fi dhiphinnaan, Guyyaa Qiyaama immoo ibiddaan gaggabuu irra har’a osoo arraba keenya tiikfanne maal isinitti fakkaata?

Wanta dhagahan hundaa hafarsuu– wanta dhagahan hundaa osoo hin guutattin fi hin hubatin namoota birootti dabarsuun badii baay’ee fida. Akkuma wanta dhageettu hundaa namatti dabarsuuf jarjartuun kijibaa jedhamaa adeemta. Namoonni si amanuu dhiisu, si jibbu. Kanaafu wanta gurratti nu bubbisuu hundaa dabarsuun dura gadi dhaabbanne itti haa xinxallunu. “Wanti inni natti hime kuni dhugaadha moo soba? Yoo soba ta’ee namoota birootti dabarsuun miidhaa malee maal fiida? Yoo dhugaa ta’ee immoo namoota birootti dabarsuu keessa fayda isaati moo miidhaa isaatu caalaa?” jenne of haa gafannu.

Dallansuu– maddi biraa dubbii akka baay’isnu nu taasisu dallansuudha. Yommuu dallannu wanta dubbannu hin beeknu. Aarii keenya qabbaneessuf wantuma afaanitti nu dhufee dhangalaasna. Dubbiin keenya miidha baay’ee erga geessen booda gaabbii fi dhiphinnatti tarra. Baay’inni dubbii yeroo dallansuu miidha malee wanta tokko jijjiruu akka hin dandeenye beekudha. Yeroo dallansuu cal’isuun summii arrabaa irraa tiikfamuudha.

Shakkii- karaa biraatin yommuu nama shakkinuu sheyxaanni jechoota baay’ee sammuu keenya keessatti oomisha. Wanta gonkumaa ta’uu hin dandeenye guutu ta’uu akka danda’u godhee nutti agarsiisa. Ergasii yaada fi shakkii keenyan wanta nutti dhufee haasofna. San booda summii arrabaatin faalamna. Insha Allah shakkii bal’innaan ni ilaalla.

Hama– hamni madda badiiti. Madda dubbiin baay’ee fi sobni irraa burquudha. Hamni mata duree xiqqaa waan hin taanef Insha Allah guyyaa biraa itti deebina.

Har’aaf asirratti nu gaha. Torbaan hanga kutaa itti aanun hanga walitti deebinutti Assalamu aleykum wa rahmatullahi wabarakaatuh

Kitaaba wabii

1.Guarding the Tongue (Golden Advice series- Darussalam Publishers)

Hama- kutaa 1ffaa
Qormaata Biyyoollessa fi Kan biroof Milkaa’uf
Kana Raabsi

2 comments

  • DHUGUMMAA DUBBACHUUF WAAN JEDHEEN SII GAALATEFADHU HIN QABU,MAALIF HOJII BAAY`EE NAMAA BOONSUU FI NAMAA BARSIISUU AKKAASI ONLINE IRRAATI GADI DHIISUKE FI JECHOONI ATII FILAATE BARRESITE BAAY`EE NAA GAMMACHISU DHA.KARAA LINK KEE http://WWW.SAMMUBANI.COM FI FACEBOOK PAGE KEE JIREENYA BADHAATU(BLESSED LIFE) JEDHUU SEENANI DUBBISA JIRAA. KANAAF QALAAMNI HIN GU`IIN ,ITTII FUFFII… SINIIN JEDHAA.

Leave a Reply

Your email address will not be published.