Hama- kutaa 1ffaa

Hamni dhibee hamaa hawaasa kamuu huuba jiruudha. Badiwwan arrabaan dhufan keessa hamni iddoo ol’aana qabata.hamni miidha fi rakkoo hangana hin jedhamne geessa. Mee duraan dursine hamni maal akka ta’e haa ilaallu. Hiikkan isaa maalidha? Hiika isaa yoo hin beekin fi hin hubatin adabbii fi miidha inni fidu irraa baraaramu hin dandeenyu.

Hama (Ghiiba) jechuun bakka namtichi hin jirretti waa’ee isaa ilaalchise wanta inni jibbu yommuu kaastudha(dubbattuudha). Qaama isaa, haala amantii isaa, dhimma duniyaa isaa, bifa qaama isaa, amala isaa, qabeenya isaa,  ijjoolle ,abbaa ,niiti ,tajaajilaa ,hojjataa isaa , haala adeemsa isaa, haala seeqata fi kolfa isaa, haala uffannaa, fuulu guuru isaa fi kkf ilaalchise yommuu haala inni jibbuun kaastudha. Jechaanis, dubbiinis , barreefamaniis , mallatoonis yoo kaaste hundii isaanitu tokkoma.

Fakkenyaf qaama isaa ilaalchise ‘Inni ballaadha, ishiin fungaadha, dhandhoonnima tanaa hin geessu (garmalee gabaabdudha), ishiin/inni birbirsa,  fi kkf jette yoo hamattu cubbuu guddaadha.

Haala soraanna isaa ilaalchise “Inni bineensa, bideenni saani irratti hin hafu, nyaataf eenyullee isa hin dursu, bakka nyaata hundatti ni argita fi kkf

Haala amantii isaa “Inni cubbamaadha, bakka fokkuu hundatti ni argita, salaata sirnaan hin salaatu

Haala uffanna isaa “uffanni isaa xurii fi shamaadha, hin qulqulleefatu, yeroo hundaa uffatuma tokko uffata, fi kkf” jette yoo hamattudha.

Haala duniyaa fi qabeenya isaa, “Inni hiyyeessa, mana jigaa keessa jiraata, manni isaa akkasi akkasi fi kkf” jette yommuu kaastu hama ta’a.

Dubbiin kee hama ta’uu yookiin ta’uu dhiisu isaa salphatti hubachuuf

“Wanti dubbadhu yookiin barreessu yookiin mallattoon agarsiisu, nama san biratti jaallatamaadha moo jibbamaadha, namni sun osoo dhagayee yookiin as jiraate ni mufata moo hin mufatu?”

Jette of gaafachudha.

Abu Hureyran akka gabaasanitti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

‏ أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ صلى الله عليه وسلم قَالَ ‏”‏ أَتَدْرُونَ مَا الْغِيبَةُ ‏”‏ ‏.‏ قَالُوا اللَّهُ وَرَسُولُهُ أَعْلَمُ ‏.‏ قَالَ ‏”‏ ذِكْرُكَ أَخَاكَ بِمَا يَكْرَهُ ‏”‏ ‏.‏ قِيلَ أَفَرَأَيْتَ إِنْ كَانَ فِي أَخِي مَا أَقُولُ قَالَ ‏”‏ إِنْ كَانَ فِيهِ مَا تَقُولُ فَقَدِ اغْتَبْتَهُ وَإِنْ لَمْ يَكُنْ فِيهِ فَقَدْ بَهَتَّهُ ‏”‏ ‏.‏

 

Ghiiba (hamni) maal akka ta’e beektu?

Sahaabdonnis ni jedhan:”Rabbii fi Ergamaan Isaa hunda caalaa beeku.”

Ergamaan Rabbiis ni jedhan, “Obboleessa kee wanta inni jibbuun kaasudha (dubbachuudha)

Ni jedhame “Waa’ee isaa ilaalchise wanti ani jedhe obboleessa kiyya bira yoo jiraate hoo?”

Ergamaan Rabbis ni jedhan,

Wanti ati jettu isa bira yoo jiraate, dhugumatti hamatte jirta. Yoo isa bira hin jiraatin, dhugumatti maqaa xureessite jirta.” (Sahih Muslim)

Dhugumatti hadaasni kuni waa’ee hamaa ilaalchise hiika ifaa fi gabaaba ta’ee namaa kenna.

Karaa biraatin wanta hamatti dhiyaatu namiima (jette-jette) wanta jedhamutu jira. Namiima (jette-jette) jechuun dubbii garee tokkorraa yookin nama tokkorraa fuudhanii gara garee yookiin nama biraatti dabarsuudha akka lolli fi wal dhabbiin isaan jiddutti uumamuf. Dhugumatti kuni dhibee fi hadhaa hamaa hawaasa keenya miidha jiruudha. Ganama irraa eegale hanga galgalaatti hojiin isaa jette-jette, namoota walitti buusu malee wanta biraa kan hin hojjanne meeqa keenyatu jira.

Ulamaa’onni (hayyoonni) Islaama hamni fi jette-jetteen cubbuu gurguddaa keessaa akka ta’an kilaafa (wal dhabbii yaada) hin qaban.

Kanaaf ragaalen kannen armaan gadiiti:

Yaa warra amantan seehaa (mamii) hedduu irraa fagaadha. Gariin mamii dillidha (cubbuudha). Walis hin basaasina. Gariin keessanis garii hin hamatin. Tokkoon keessan foon obboleessa isaa osoo du’ee jiruu nyaachu ni fedhaa? (yeroo) san ni jibbitanii (isa jiraa hoo maaliif nyaachu feetani?) Rabbiin sodaadhaa. Rabbiin akkaan tawbaa qeebalaa, Rahmata godhaadha.  [Al-Hujuraat (49): 12

68:11

“Akkaan hamataa(maqaa xureessaa), walitti naqaadhaan akkaan deema kan ta’eef hin ajajamin.” [AI-Qalam (68): 11]

“Ibn Abbaasi fi Qatadaan akka jedhanitti hammaaz jechuun maqaa kan xureessudha.

Namiim jechuun immoo namni tokko namoota walitti naquu fi oduu baadhachuun hariiroo isaani balleessuf yommuu adeemudha, hariiroon isaani gaarii fi gammachiisaa ta’ee osoo jiru.”

104:1

Maqaa xureessitu fi hamattuu hundaaf badiin mirkanaa’e” (Al-Humazah (104): 1]

Hubachiisa xumurri armaan olii “Maqaa xurreessitu fi hamattu”jedhu saala kan addaan baasu miti. Dhiira fi dubartiif wal qixa.

Karaalee hamni adeemsifamuun

Hamni karaa adda addaatin adeemsifama. Isaan keessa hama arrabaa, hama qalbii, hama ijaa fi hama gurraati.

Hama gurraa – Gurri namarra oduu dhageefachuun oduu san arrabaan nama biraatti dabarsa. Yookiin nama biraattu osoo hin dabarsiin yoo hafe namticha hama keessati qooda fudhate jedhama. Gurraan hama san dhageefachuun yaada badaa nama saniif qabu qalbii keessatti bilcheessa. Ergasii gara gochaatti darbuu danda’a.

Hamni arraba immoo wantootuma armaan olitti kaasnedha. Wanta gurrii dhageefate yookiin ijji agarte yookiin immoo shakkii qalbiin bilcheessite, arrabni alatti baase dubbata.

Hama ijaa– ijaan yommuu nama tokko irratti wanta badaa argitu, qalbiin yaada badaa bilcheessu eegalti. Akeeku (Xiqasaa) kan jedhamu santu hamiidha. Fakkeenyaf yommuu namni tokko bututtu (uffata ciccita) uffate adeemu, ijaan nama san ilaalun nama si bira jiru akka ilaalu mataa itti raasta yookiin nyaara cinaa kee walitti suntursita.

Hama harkaa yookiin qubaa– yeroo amma hamni harkaa hamaa kanneen armaan olii caalaa jira. Qubbiin harkaa guyya guyyaan keyboordi waliin taphattu sunniin maal jedhaminna laata? Barreefamoonni karaa fasbuuki, whatsup, viber fi kkf barreefaman kan kabaja nama mulqan hama hin jedhamanii? Namni nu hin argu jenne waa meeqa barreessa oolla. Garuu osoo hin beekin of miidha jirra. Kanaafu wantoota akkanaa irraa of haa qusannu. Karaa biraatin qubaan namatti akeekun nama hamanna. Kanarraayif of haa tiksinu.

Hama qalbii- waa’ee namoota biroo ilaalchise wanta badaa dubbachuu dhowwamaa akkuma ta’ee yaada badaa kuufachu fi bilcheessunis dhowwamaadha. Namtichi haala badaan nama tokko shakkuun ofumaa waa’ee nama sanii ilaalchise dubbii badaa mataa ofii waliin haasawa. Yaadni sammuu keessatti kuufatan gara baditti nama oofa. Hamaaf karaa bana. Shakkiin hundee hamaati. Yommuu nama shakkiitu gara qorannotti seenta. Insha Allah gara funduraatti bal’innaan ni ilaalla.

Wantoota hamatti nama kakaasan

Wantoonni baay’een gara cubbuu hamaa kanatti nama harkisu. Isaan keessaa mee muraasa haa eerru. Irraa of qusachuufis haa tattaafannu.

1.Aarii qabaneessuf– nama tokkoon yoo wal lolle hanga aarii keenya qabbanaa’u wanti nuti hin raawwanne hin jiru. Maqaa fi kabaja isaa xureessina. Garuu maqaa isaa xureessu fi kabajaa irraa mulqun gonkumaa aari keenya qabaneessu hin danda’u. Inuma aarii irratti aarii dabala, badii irratti badii dhala. Kana hundarra dallansuu ofii too’achuu badii baay’ee hanbisa.

Namni wanti isa gubu laphee isaa keessaa akka bahuuf nama hamatu dallansuu ofii too’ate hin jedhamu.”

Kanaafu hamachuu dhiisne dallansuu keenya too’achuuf haa carraaqnu mindaa Rabbirraa argachuu yoo barbaanne. Garuu kanaan ala foon obboleessa nyaachun bu’aa wayitu hin qabu. Yeroo dallansuu Aayat tanniin yaadachuudha.

Gara araarama Gooftaa keessan irraa ta’ee fi gara Jannata warra Rabbiin sodaataniif qophoofte kan bal’inni ishii akka samii fi dachii taatetti ariifadhaa.
Isaan warra yeroo gammachuu fi gaddaa arjoomaniidha. Kan dallansuu liqimsanii fi namootaf dhiifama godhaniidha. Rabbiin toltuu hojjattoota ni jaallata.”  Suuraa Ali-Imraan 3:133-134

2.Mannahaara bunaa fi oduu– kabaja namaa namarraa mulquuf koottu buna dhugna, ni taphanna jedhanii wal waamu. Ergasii foon namaa nyaatu eegalu. Hunduu oduu garagaraa fiduun ‘Ebalu akkas ta’ee bar!” jechuun wanta nama hin fayyanne irratti yeroo fi jireenya ofii gubu. Ni taphanna jedhanii cubbuu keessa borcamuun maal jedhamaa? Inuma “Astagfrullah, Rabbiin nuu haa araaraamu” jechuun foon namaa nyaachu eegalu. Kuni of sobuu malee wanta biraa ta’uu ni danda’aa sila?

3.Of olguddisanii namoota biroo gadi xiqqeessu– yeroo meeqa namoonni akka nu jajaniif mataa keenya olqabne namoota biroo gadii qabna. Akka namoonni nu dinqisifataniif hanqinna keenya daganne kan namoota biroo immoo ifatti baasun jaalala isaani argachuuf carraaqna. “ınni gowwoodha, homaa hin beeku, halkanii guyyaa rafa, dubbachuu hin danda’u fi kkf” jechuun kabaja namaa dhiinna. Osoo hin beekin ammas cubbuu kana keessatti irbamaa jirra. Kanaafu kabaja keenya olkaasuf jenne kabaja namoota biroo mulquu irraa of haa qusannu. Ta’uu baannan bakka gaabbin nama hin fayyannetti ni gaabbina, hasanaata (mindaa hojii gaggaari) teenya nama saniif dabarsinee kannina yookiin yoo hojii gaarii qabaatu baanne hojiin badaan nama sanii nutti fe’ama. Harka ofii namuu ni deefata. Cunqursaan hin jiru. Kanaafu nama hamachuun hojii gaggaarii kee dabarsitee hin kenniin.

4.Gowwomsuu fi baacuuf- namoota gowwomsuu fi kolfisisuuf kabaja namatti taphachuun garmalee sheyxaanni mi’eesse dhiyeessa. Nama kolfisisuuf kijiba meeqa namtichi lafalafaa oola. Wanta faaydi isaa hin buusnef garuu miidha isarratti fidu facaafataa oola. Hadiisa kana haa yaadannu

‏ وَيْلٌ لِلَّذِي يُحَدِّثُ فَيَكْذِبُ لِيُضْحِكَ بِهِ الْقَوْمَ وَيْلٌ لَهُ وَيْلٌ لَهُ ‏”‏ ‏.

“Ee badii isaa kan namoota ittiin kolfiisisuuf jedhe dubbii isaa keessatti kijiba (soba) dubbatu. Ee badii isaa! Ee badii isaa!” (Sunan Abu Dawuud)

5.Waanyuu– yommuu namni tokko namoota biraan faarfamu, namtichi isa waanyun arrabsuu fi kabaja isaa irraa mulquu eegala. Danfa isa keessa jiru arrabsuu fi hamachuun qabaneefachu barbaada. Hanqinna xiqqoo yoo irratti argee ‘Namni suni akkana, akkana..’ jechuun jaalala fi kabaja namoonni nama saniif qaban akka badu taasisuuf carraaqa. Namni nama waanyu kana haa beeku. Kuni gonkumaa firii isaa buusu hin danda’u. Nama Rabbiin ol qabee eenyullee gadii hin deebisu. Nama Rabbiin salphisee eenyule isa ol hin kaasu. Kanaafu waanyun dubbii dharaa hafarsuun miidha malee bu’aa wayitu hin buusu.

6.Yommuu namtichi yakkamuu- yommuu namtichi wayiin nyakkamuu maqaa keenya keessa baasuf carraaqna. Wanta hundaa namtichuma san irratti fe’uu barbaanna. Ani hin raawwane, isatu akkas godhe jechuun taaphella maxxansinaaf. Yoo nuti qooda keessa hin qabaatin “Ani hin raawwanne, isatu raawwatu.” Jedhanii haqaaf falmatuun wanta jiruu fi sirriidha. Garuu osoo qooda keessa qabnu, “Ani hin raawwanne, isatu akkas godhe.” Jechuun fe’aa keenya nama biraatti fe’uudha. Kuni dillii/cubbuudha. Yookaa wanta raawwanne amanu yookiin cal’isu.

7.Rabbiif jedhanii dallanuu– yommuu Rabbiif jenne dalannu haalli adeemsa keenya bu’aa caalaa miidha geessa. nama cubbuu rawwatu tokkotti yommuu dhufnu gorsuu dhiisne ni arrabsina yookiin namoota birootti hafarsina. Cubbuu isaa dhoksuufi dhiisne namoota birootti odeessun mataa keenyan cubbuu inni hojjate caalaa cubbuu biraa hojjanna. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana hin jenne?

Abu Hureeyran(RA) akka gabaasanitti Ergamaan Rabbii(SAW) akkana jedhan:

‏ مَنْ سَتَرَ مُسْلِمًا سَتَرَهُ للَّهُ فِي الدُّنْيَا وَالآخِرَةِ
Namni Musliima(cubbuu isaa) haguuge, Rabbiin addunyaa tanaa fi Aakiratti isa(cubbuu isaa) ni haguuga.” (Sunan Ibn Maaja)

Kanaafu yommuu namni cubbuu raawwatu arginuu yoo dandeenye harkaan jijjiruu, arrabaan gorsuu, yoo dadhabne immoo cubbuu isaa qalbiin jibbaa cal’isu. Cubbuu isaa namoota biroo akkeekachisuuf yoo ta’e, gaariidha. Ta’uu baannan garuu cal’isuun miidhaa baay’ee hanbisa. Tokko mataa keenya irratti nama hamachuun cubbuu hin baadhannu. Lama namoota birootti odeessun namtichi sun daran cubbuutti akka lixu hin goonu. Sadii namoonni biroo akka isa hin akkeessine ni baraarra.

8.Way miskiin jechuu– nama sani yaadda’u fi gara laafun yeroo meeqa maqaa isaa kaasun,”Ebalu miiskina (hiyyeessa). Haala badaa keessa jira. Nama gargaaru hin arganne. Olii gadii janja’aa jira….”jenna. niyyaan keenya isaaf yaaduf ta’ee osoo jiru garuu haalli adeemsa keenya badaadha. Maqaan isaa kaasun kabaja isaa irraa mulqina. Nama san yoo dandeenye gargaaru, yoo dadhabne immoo cal’isu.

9.yeroo bilisaa- Cubbuun yeroo bilisaa keessatti raawwatamu hangana hin jedhamu. Wanta hojjannu yoo dhabne gara oduutti fiigun cubbuu ofirratti feena. Arraba keenya hidhuu dhiisne wanta hin barbaachinse odeessina. Ergasii rakkoo, dhiphinnaa fi gaabbi keessa hin baanetti seenna. Garee (group) uumun yeroo keenya gubna. wanti fesbuuki, whatsup, viber irratti barreessinu yoo fayda hin qabaatin boruu miidha hama nu dhandhamsiisu akka danda’u sirritti hubanne? Kan boruu dhiisi har’aa miidha hamaa dhandhamaa jirra. Hariiroon fi jaalalli namoota addaan citu, sammuun boqonnaa dhabuu fi kkf miidha hama irraa dhalataniidha.

Yeroo bilisaa keenyatti barnoota Islaama barachuu, Qur’aana fi yunivarsii(hawaa) nu marsee jiru irratti xinxalluun barnoota baay’ee cuunfachuu dandeenya.

Yeroo bilisaa wanta hin taane irratti gubuun boruu gaabbin of gubuudha.

Har’a akkuma argine yeroo keenyatti taphannee boru guyyaa Qiyaamaa akkana jechuuf teenyaa sila?

89:23

89:24

Guyyaa san jahannamis ni fidama. Guyyaa san namni ni yaadata. Yaadannoon guyyaa sanii maal isaaf godha ree?
Ni jedha “Odoo jiruu kiyyaaf (waan gaarii) dabarfadheen hawwa.” Suuraa Al-Fajr 89:23-24

10.Ol guddinaa barbaadu (seeking favour) – namtichi hogganaa isaa irraa ol guddinna argachuuf nama biraa qeeqa. Soba fi hanqinna adda addaa itti maxxansuun ta ofiti ol guddinna barbaada. Kun wanta waajiroota fi dhaabbilee adda addaa keessatti babal’ate argamuudha. Namtichi kana hojjatu rizqiin (sooranni) isaa Harka Rabbii akka jirtuu haa beeku. Osoo ol guddadha jedhe kabaja namoota biroo dhiitu guyyaa tokko bakka maletti kufuu akka danda’u haa yaadatu.

11.Of jajuu fi hanqinna ofii wallaalu– namoonni akka nu jajaniif hanqinna mataa keenya irraanfanne namoota biroo qeequtti kaana. Dhibee kana irraa fayyuuf yeroo hundaa hanqinnaa fi cubbuu keenya yaadachuudha. Cubbuun nuti hojjanne namoota biroo caalu akka danda’u of haa yaadachiisnu.

Dogongorri yoo uumame narraa fi shira sheyxaanati. Rabbii fi Ergamaan Isaa kanarraa bilisa. Yaa Rabbii dogongora keenyaf nuu araarami. Mata dureen hama kanatti hin dhaabbatu. Insha Allah torbaan itti deebina. Hanga sanii Assalamu aleykum wr wb.

Kitaabile wabii

  1. Backbiting and Its Adverse Effects- By Husayn Al-Awayishah INTERNATIONAL ISLAMIC PUBLISHING HOUSE
  2. Tafsiir Ibn Kasiir- Darussalaam
  3. Guarding Tongue- Darussalam
  4. Hiika Qur’aana kabajamaa Afaan Oromotiin- Mana maxxansa Najaashi
Hama-kutaa 2ffaa
Arraba Kee Eeguf- Kutaa 1ffaa
Kana Raabsi

Leave a Reply

Your email address will not be published.