Hama-kutaa 2ffaa

Jette jettee (namiimah)

Akkuma kutaa darbee keessatti ilaalu yaalletti jette- jette jechuun namni tokko namoota walitti naquu fi oduu baadhachuun hariiroo isaani balleessuf yommuu adeemudha, hariiroon isaani gaarii fi gammachiisaa ta’ee osoo jiru. Dhugumatti amalli gadheen akkanaa hawaasa keenya garmalee miidhaa kan jiruudha. Haalli namoota lama yookiin garee gaarii taanan jette jette itti fiduun karaa adda addaan isaan diigu barbaada. Niiti fi dhiirsi walitti tollaan waanyoon hanga isaan addaan baastu hirriba hin qabdu. Jette jettee itti guurun isaan addaan bittineessite.

Namoonni akkamitti jette-jetten wal bitteenessan seena odeessun waan barbaachisu natti hin fakkaatu. Sababni isaas, naannoo kamitti gochii kuni babal’ate waan argamuuf isaan irraa baranne jireenya keenya foyyeessu dandeenya.

Jette- jette oli gadii guurun addunyaa aakiratti nama adabsiisa. Namni jette jette guuru salphaata, faasiqa (fincilaa),kijibaa, waanyo, hofoffee (laflaafi) fi kkf jedhamee moggaafama. Namni jette jettee guuru ni jibbama, namni badheerraa (fagoo irra) isa/ishii xireefatu. Gammachuu fi nageenya dhaba. Wanta isa hin galchine keessa seenun keessa bahuuf rakkata. Osoo hin guutatiin guguta. Namni tokko “Isa hin amaniin, kijibaadha.” Osoo siin jedhee maaltu sitti dhagahamaa? Salphinni fi gadi aantummaan namatti hin dhagahamu? Dhugumatti kijibaan beekkamuun salphinaa fi gadi aantummaatu namatti dhagahama. Guddaa dhiisi daa’imnu namatti baaci. Balaan jette jettee fi hamaa kana kaa! “Odeessituun dhufte” yommuu jedhamtu maaltu sitti dhagahamaa? Namoonni ija kabajaatin nama hin ilaalan tuffii fi jibbaan yoo ta’ee malee. Haala adeemsa isaani ilaalanii jette jettee dhiisun ni danda’ama. Namni yoo si jibbee fi tuffate maaliif itti deemtaa? Tarii amala badaa keetiif si jibbee fi si tuffate. Amala kee sirreessi itti dhiyaadhu. Garuu yoo amala gaarii keetiif si jibbee fi si tuffate irraa fagaadhu inuma amala gaarii kee si jalaa balleesati.

Nama jette jette sitti guuru akkamitti ofirraa ittistaa?

Namni tokko jette jettee yommuu sitti fidu si jaallate osoo hin ta’iin si irraayis waa fuudhe nama saniin walitti si buusu barbaada. Akkuma armaan olitti jenne namni jette jettee guuru kijibaa, gantu fi faasiqa(fincilaa)dha. Inni/ishiin oduu kan sitti fiduuf si ganuuf, handaara qullatti si hanbiisuuf.

1.Kanaafu oduu isaa irraa fuute gugachuun duratti dhugaa yookiin soba ta’uu isaa addaan baafadhu. Rabbiin (Subhaanahu wa ta’aalaa (Qulqullaa’e fi Olta’e)) akkana jedha:

“Yaa warraa amantanii hoo,faasiqni(fincilaan) oduudhaan yoo isinitti dhufe wallaalumaan namoota akka hin miine fi wanta hojjattaniif akka hin gaabbine (oduu isaa) addaan baafadha.” Suuraa Al-Hujraat:6

Yeroo baay’ee namni jette jette namatti fidu namaa yaade yookiin badii hanbisuuf osoo hin ta’in aybii (hanqinna) namaa ifatti baasu fi salphisuuf. Nama san akka jibbituu fi hariiroon keessan akka dadhabuuf jette jettee sitti fida.

Namni nama salphisuuf hanqinna (aybii) namaa ifatti baasu guyyaa tokko ni salphata. 

2.Oduu nama kanarraa fuudhun nama san hin basaasin (duuka bu’uun hin sakatta’in). Sababni isaas, Rabbiin akkana jechuun nu ajaje jira:

“Yaa warra amantan seehaa (mamii) hedduu irraa fagaadha. Gariin mamii dillidha (cubbuudha). Walis hin basaasina.” [Al-Hujuraat (49): 12

Rakkoon keenya yommuu namni waa nutti himu yookiin nama shakkinuu, sirritti osoo itti hin xinxalliin nama qorachuu fi gochatti seenuf jarjarra. Ergasii wanta arrabni facaafte haamanna. Kanaafu furmaanni lammataa yommuu namni jette jette sitti fidu hin basaasin, hin shakkiin. Mee takkaa dhaabbanne haa xinxallinuu- nama san basaasun ykn duuka bu’anii qorachuun miidhaa malee bu’aan argamuu ni jiraa? Hariiro fi jaalalli keenya addaan citu malee bu’aan argamuu ni jiraa? Yeroo baay’ee jette jette miidha guddaa kan geessu malee bu’aa kan fidu miti.

3.Nama san gorsuu yookiin irraa fagaachu– namni tokko jette jettee yommuu sitti fidu gorsi. Hojiin jette jette badaa akka ta’e itti himi. Yoo dide hojii ofii itti fufe irraa fagaadhu. Kana hubachuu hin dagatin – jette jette namarraa guuru fi namoota shakkuun sammuu dhiphisa, nageenya fi tasgabbi nama dhabsiisa. Wanta si hin galchineef of dhiphisaa oolta.

Ani yeroo tokko tokko taphaaf hiriyyaa tokko bira nan dhaqaa türe. Garuu jette jette fi wanta hin taane yommuu natti haasawu isa bira dhaquu nan dhiise, badheematti yommuu wal agarru nagaha waliin jenna. Kuni anaaf boqonnaa sammuu fi tasgabbii naa kenna. Wanta na hin galchineef akka of hin dhiphisne naa taasisa.

4.Jette- jette erga namarraa fuute nama birootti hin dabarsiin– eebalu akkas akkas jedhe jette nama birootti kan dabarsituu yoo taate atille baditti seenta. Rakkoo keessaa hin baanetti kufta. Namarraa oduu yoo fuute, odeefannoon fayda yoo hin qabaatini fi miidhaa kan fidu yoo ta’ee cal’isi. Arraba kee hidhi.

Jette jettee fi hamni nageenya hawaasa qofa mitii nageenya dhuunfa irrattis miidha guddaa geessa. Yommuu nama hamattu fi jette jettee guurtu sammuun kee gammachuu fi nageenya dhaba. Gadi fageesse xinxalluu hin danda’u. Sababni isaas, yommuu guurin/xuriin gurra keessatti baay’atu dhageetti dhoowwu, wantoonni xuriin sammuu irra yommuu qubatan akkasuma sammuu dugulchu. Dagaaginna sammuuti fi gabbinna beekumsa qancarsu. Namni yeroo baay’ee oduu faaydi hin qabne odeessu sammuun isaa dadhabaa/laamsho ta’a. Hamni fi jette jetten guddinnaa hawaasicha gufachiisa. Miidhan hamaa fi jette jette baay’eedha. Mataa keenyaa beekne amala badaa kana irraa haa fagaannu.

Gosoota hamaa hayyamaman

Hamni hunduu dhowwamaadha osoo hin ta’in muraasni isaani barbaachisummaa irratti hundaa’un hayyamamoodha. Isaanis;

1.Cunqursaa– namni tokko yommuu nama cunqursu, waa’ee isaa ilaalchise mana murtiitti, jaarsatti yookiin nama furmaata isaa/ishii fiduu danda’utti komii dhiyeessun kan hayyamamuudha. Eebalu akkana na godhe, kana akka hojjadhu na dirqiisise, akkanatti mirga kiyya sarbee, haqa malee qabeenya kiyyaa fudhate jedhanii komii dhiyeessun ni danda’ama.

2.Nama badii raawwatu gara karaa sirritti deebisuuf gargaarsa barbaadu– fakkeenyaf namni tokko yoo badii hojjatu ati mataan kee gorsitee yommuu deebi’u didu nama wanta inni hojjatu nama dhaabsisuu danda’u fi akka karaa sirritti deebisuuf gargaarsa gaafachuun ni danda’ama. “Namni kuni wanta akkana hojjata, gorse türe. Mee yoo dandeesse atillee gorsii karattı deebisi. “ jechuu dandeessa. Garuu kaayyoon kee hojii badaa isaa namatti himuun isa salphisuuf yoo ta’e dhowwamaadha. Niyyaan kee badii hanbisuuf haa ta’u.

3.Fatwaa barbaadu– yommuu Muftii (hayyuu fatwaa kennu) irraa namni tokko fatwaa barbaadu, miidha isarratti hojjatame dhiyeessun nama san komachuu danda’a. Fakkeenyaf “niiti/dhiirsi kiyyaa akkana akkana na godhe/goote, maal haa godhu?” jechuu. Daran gurraafis gaarii akka ta’uuf kallatti biraatin akkana jechuun ni danda’ama,”nama niitin/dhiirsa isaa/ishii akkana itti hojjatte(te) maal gochuu danda’a?”

4.Muslimoota badii akeekachisuf– yommuu namni tokko amanti irratti wanta hin taane odeessu fakkeenyaf hadiisa dadhabaa gabaasu yookiin ragaa sobaa bahuu nama san ifatti baasun hayyamamaadha namoonni isa hordofuun baditti akka hin kufneef.

Karaa biraatin namni tokko hariiro cimaa uumuf yommuu adeemu badii nama sanii beeksisuun hayyamamaadha. Fakkeenyaf namni tokko yommuu nama tokko fuudhu/itti heerumu hedu/heddu yookiin waliin daldaalu hedu, waa’ee nama sanii wanta beektu itti himuun dirqama. Waa’ee namticha sanii ilaalchise wanti ati beektu badaa fi boodarra nama san irratti miidha kan geessu yoo ta’e, osoo amala badaa isaa hin kaasin “Nama kana waliin dalaguun ykn itti heerumuun/fuudhun siif hin ta’u.” Yoo jetten gahaadha. Himoota akkanaatti fayyadamuun kaayyichi galma yoo hin gahiin, waa’ee namticha sanii bal’innaan ibsuun badii hanbisuun ni danda’ama.

Karaa biraatin yommuu namni tokko nama hannaan, sagaagalummaa, farsoo (alkooli) fi kkf beekkamuu irraa meeshaa bitu nama sanitti ibsuun dirqama, namni suni duraan yoo hin beekin. Meeshan kuni meeshaa hannaati hin bitin jechuuni dirqama. Sababni isaas, namtichi hannaan beekkamaadha. Ammalle meeshichi hir’inna kan qabu yoo ta’ee nama sanitti beeksisuun dirqama. Meeshicha sana bituun namtichi kan kasaaru yoo ta’ee fi ati rakkoo fi hir’inna meeshaa sani kan beektu yoo ta’ee, nama sanitti beeksisuun badii hanbisuun ni danda’ama.

Yommuu barataan tokko nama bid’aa yookiin nama jallataa irraa beekumsa baratuuf deemu, waa’ee namticha sanii ibsuun barataa san gorsuun dirqama. Gorsii kuni Rabbiif jedhanii ta’uu qaba malee waanyuuf ta’uu hin qabu.

Dhimmi dhuma immoo yommuu namni tokko hogganummaaf gahaa hin ta’in yookiin badii kan raawwatu fi haajaa kan hin qabne yoo ta’ee, waa’ee nama sanii ibsuun hogganummaa san nama dandeetti gahaa qabu akka gaggeessu gochuun ni danda’ama.

5.Yommuu namtichi hojii badaa yookiin bid’aa(wanta haarawa amantitti dabaluu) ifatti baase hojjatu dubbachuu

Fakkeenyaf yommuu namtichi alkooli ifatti dhuguu, qabeenya namoota saamuu, gibira/tax gibiraa seera malee dabaluu, waa’ee isaa dubbachuun ni danda’ama. Garuu hanqinnaa isaa kan biraa dubbachuun dhoowwamaadha yoo ramaddii armaan olii jala hin seenin.

6.Nama tokko ibsuu– namni tokko maqaa dabalataan (nickname) ummata keessatti kan beekkamu yoo ta’ee, waa’ee nama sanii dubbachuu ni hayyamama. Fakkeenyaf,” namticha okkoluu, kan ija tokko, gurraan kan hin dhageenye san fi kkf” jechuun nama san addaan baasu fi ibsuuf jechoota akkanaa yoo itti fayyadaman dhowwamaa miti. Garuu nama san xiqqeessu, arrabsuu fi itti kolfuuf yoo ta’ee dhowwamaadha.

Yommuu qajeelfamoota armaan olii hordofnu tokkoffaa iklaasa qabaachu qabna kana jechuun niyyaan keenya Rabbiif jenne badii hanbisuuf kan deemnu ta’uu qabna malee badii san caaluu kan fidu ta’uu hin qabu. Dubbachuun kee badii (fitnaa) san caalu kan fidu yoo ta’e cal’isuun furmaata gaariidha. Fakkeenyaf nama tokko hariiro fuudhaa heeruma yookiin daldala uumuf yommuu adeemu, nama san waanyuun wanta hin taane yoo gorsine dhugumatti badii hamaa(fokkuu) rawwataa jirra. Dhugumatti kuni badii hawaasa keenya keessatti babal’ate argamuudha. Nama saniif waan gaarii yaade osoo hin ta’in isa gara duubatti harkisuu fi hariroo gaarii akka hin uumne dubbii sobaatin dhamaasa. Kanaafu Rabbiin sodaadhu gocha akkanaa irraa of eegi.

Qajeelfamoota armaan olii yommuu hordofnu wanti dubbannu dhugaa ta’uu qaba. Sobaan namoota walitti buusu fi fitnaa babal’isuun faaydaa maalii buusaa?

Gudunfaa

Jette-jette maal akka ta’ee fi miidha isaa, akkamitti akka ittisan ilaalle jirra. Akkasumas hama hayyamaman ilaalle jirra. walumaagalatti jette jette fi hama hin hayyamamne irraa dheessun mataa keenyaf, maatii fi hawaasaf nageenya, tasgabbii, guddinna badhaadhinnaa fi milkaa’innaaf balbala bana. Sababni isaas, namni yommuu nama hamatuu fi jette jette olii gadi guuru yeroo fi sammuu ofii gubuun milkaa’innaa fi gammachuu dhaba, guddinna irraa duubatti hafa. Biyyoota guddatan kamuu yommuu ilaallu yeroo ofii sirritti fayyadamu. Isaan duniyaa gabaabdu tana galmaan gahuuf yeroo isaani yoo akkanatti fayyadaman nuti hoo kan Aakhira zalaalami galmaan gahuuf yeroo teenya akkamitti fayyadamaa jirraa? Kanaafu jette jettee fi hama irraa fagaachun gammachuu fi milkaa’inatti si baasa. Guyyaa nama waliin oduu osoo hin baay’isin ooltu gammachuu akkami akka argattu mee ilaali! Akkasumas guyyaa oduu baay’istu hangam akka jeeqamtu mee ilaali! Namni miidha kana hubatu jette jettee fi hamaa irraa fagaachun itti hin ulfaatu. Eeti oduu irraa fagaachun nama hundaaf wal qixaa miti. Kanaafu mala hama itti ittisan beekun barbaachisaa miti ree? Insha Allah torbaan ni ilaalla. Hangasi Assalamu aleykum wa rahmatullahi wa barakaatuh.

Kitaabota wabii

Backbiting and Its Adverse Effects

Guarding the Tongue

Hama Ittisuuf
Hama- kutaa 1ffaa
Kana Raabsi

One comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.