Hama Ittisuuf

Yeroo darbee keessatti waa’ee hamaa fi jette jette ilaalchise irratti mari’achuun keenya ni yaadatama. Yeroo baay’ee hamni miidhaa baay’ee akka geessu hubanne irraa fagaachuf hin carraaqnu. İnuma akka madda gammachuutti fudhanna. Namoota lakkoofsa isaani baay’ee xiqqaatu hojii fafee kana irraa fagaata. Hama ittisuuf tarkaanfiwwan fudhachuu qabnu maal fa’aa?

1.Cimanii hojjachuu- Hojii malee taa’un hundee badiiti fi dhiphinnaati. Sammuun hojii gaarii hojjatee of bashanansiisu barbaada. Garuu yoo hojii dhabee akka ibiddaa of gubee fixa,ni cinqama. Hojiin sammuuf boqonnaadha. Namni dafqa ofiitin xaare of bulchuu boqonnaa sammuu yoo argatu kan osoo homaa hin xaarin hate fi sobee jiraatu immoo jireenya cinqii fi daraara jiraata. Yoo dalagaa gaggaarin of ko’oomsine(of hiine) cubbuu hojjachuuf yeroo hin qabnu, halkan hirraba gaarii rafna. Nama boqonna sammuu fi tasgabbii argatu taana.

Namni yoo hojii malee taa’u, hojii badaa hojii godhata. Hojiin badaan hojjatu hojii gaarii itti fakkaata. Diinagdeen duubatti akka hafnu wantoota sababa ta’an keessaa tokko cimne hojjachuu dhiisu fi dubbiin keenya hojii keenya caaludha. Baay’isne fi cimne hojjachuu dhiisne baay’isne haasofna. Namtichi bakka hojii yommuu deemu hojii irratti xiyyeefachu dhiise, hanqinnaa namaa irratti xiyyeefachuun hamataa fi kabajaa isaa cirataa kan oolu yoo ta’ee, hojii maalii hojjate jedhama ree? Hanga oduu faaydi hin qabne irratti yeroo ofii gubuu hojii osoo hojjate mataa ofiiti fi biyyaaf bu’aa akkam bareedu buusaa turee? Yoo wanta hojjatu dhabee kitaaba dubbisuun, sammuu fi jireenya ofii jijjiruu hin danda’uu?

Namni oduu baay’isuu firiin inni buusu garmalee xiqqaadha. Bakka kamuu yommuu deemtu cimte yommuu hojjattu, yeroo itti nama hamattu hin qabdu.

Kanaafu cimte hojjachuun hama irraa of tiiksi. Hanqinna namoota irratti mitii hanqinna fi hojii kee irratti xiyyeefachun jireenya kee foyyeessi.

2.Hanqinna ofii irratti xiyyeefachu– Namni hanqinna ofii dagatee hanqinna namoota irratti yommuu xiyyeefatu qilee baditti of darba adeema. Amala bofaa isa bira jiruu dagatee amala tiisisaa nama irra yommuu barbaadu, hangam akka of miidhaa jiru ni hubannaa miti ree? Kana jechuun summii ofi dagatee xurii namoota yommuu hordofuu miidhan isaa baay’ee guddaadha. Hanqinnaa kee irratti yommuu xiyyeefattu, of too’ataa adeemun jireenya kee fooyyesita. Hanqinna namaa irratti yommuu xiyyeefattu immoo namoota too’achu fi sakatta’uuf humni ati hin baasne hin jiru. Wanta si hin fayyannee fi hin galchineef sammuu kee dhiphista, yeroo kee gubda.

Shaakala

a.Hanqinna keetif of komadhu/ajiifadhu– yommuu hanqinna keetif of ajiifattu, jireenya kee foyyeessaa adeemta. Garuu of ajiifachuu dhiiste, hanqinna namoota irratti yoo xiyyeefate, gadda malee wanti ati argattu hin jiru. Fakkeenyaf, yommuu wanta badaa dubbattu, ‘Maaliif kana dubbadhe? Eenyu gammachisuuf? Wanta dubbadhef namni sun osoo dhaga’ee hin mufatu? Fi kkf” jechuun of komadhu. Ammaan booda jechoota akkanaa hin dubbadhu. Arraba kiyya eegun qaba.jedhi.

Yommuu hojii gaarii osoo hin dalagin haftuu,”Osoo maal hojjadhu, hojiin kuni na jala darbee? Osoo maal hojjadhu salaanni na jala darbaa? Oduudha moo salaatatu caalaa? “jechuun yommuu of ajiifattu jijjiramaaf gara funduraatti tarkaanfataa adeemta. Namoota biroo osoo hin ta’in mataa kee too’ataa adeemta.

b.Hanqinna nama biraa yommuu argitu hanqinni/badiin kee kan isaa caaluu akka danda’u yaadadhu– namoonni hanqinna xiqqoo nama irratti yommuu argan, hanqinna ykn badii ofii kan gaara ga’u irraanfatanii foon namaa ciratu. Mataa ofii gonkumaa dogongora kan hin raawwanne godhanii ilaalu. Yommuu hanqinna yookiin badii nama tokko argitu, “Ilaali mee badiin kee hangam guddaa akka ta’ee? Rabbiin ifatti osoo baase hangam salphachuu akka dandeessu yaadadhu. Achi dhiisi wanta si hin galchine irratti maaltu si dhiphise. Too’ataa taate namoota irratti hin ergamne. Ofiyyuu hin too’anne nama too’attaa? ‘Qaallun ta ofiitu hin beektu ta ormaa raagdi’ jedhe Oromoon. Hanqinna teetu hin beektu ta ormaa odeessitaa?” jechuun nafsee tee ajiifadhu/waqqasi.

3.Hasanaanni kee nama sanii kennamu akka danda’u yaadachu– yeroo kamiyyuu yommuu nama miidhuf deemtu, mataa kee miidhaa akka jirtu yaadadhu. Ammaaf faayda xiqqoon sitti mul’achuu danda’a garuu boodde irratti miidhaa fi rakkoo yeroo dheeratif si saaxila. Namoota meeqatu haqa malee qabeenya namoota osoo saamanu boodden isaani kasaara fi salphinna ta’ee. Namoota meeqatu maqaa fi kabaja namaa osoo xureessanu boodde isaani salphinnaa fi xiqqeenya taate. Kuni adabbii addunyaati. Adabbiin aakhiraa hoo maal ta’inna laata?

Akkuma ati hanqinna namaa dhoksituun Rabbiin hanqinnaa kee dhoksa. Fuggisoo kanaa akkuma atii hanqinnaa namaa ifa baastun Rabbiin hanqinna kee ifatti baasun salphatta.

Namni addunyaa kanatti badii raawwatu fi murtii haqaa malee akkunamatti jiraate yommuu du’u, murtii jalaa miliqee jira ni jedhamaa? Guyyaan qiyaama kan dhaabbatuuf zaalimtoota (miidha raawwatoota) adabuu fi hojii gaarii hojjatoota badhaasufi. Meeqa kamtu seenaa keessatti badii fi hacuuca meeqa raawwate adabbii malee addunyaa keessaa baha. Kan hacuucamees murtii haqaa osoo hin argatin du’a. Kanaafu murtii haqaa dabarsuu fi mirga sarbamee deebifachuuf Guyyaan Qiyaama ni dhaabbatti. Kanaafi namni Guyyaa Qiyaamatti yommuu amanu nama miidhuf harka ykn arraba hin hiixatu/hin diriirsu. Guyyaa qiyaamatti amanuun ilma namaa amala horii irraa gara amala namummaatti olkaasa. Namtichi hojii kamifiyyuu of too’ataa fi of eeggataa adeema. Kuni jireenya madaalawaa fi gammachuu akka jiraatu isa taasisa. Namni guyyaa Qiyaamatti hin amanne immoo hojii fedhee yoo hojjate homaa itti hin fakkaatu.

Haaluma kanaan yommuu arrabaan nama miidhuf adeemnu, hojiin keenya nurratti galmeefamaa akka jiru ni hubanna. Kana yommuu hubannu arraba keenya daangaa qabsiisuuf carraaqna. Yommuu nama miitu, namtichi Guyyaa Qiyaama sirraa kafalachuu akka danda’u hubadhu. Hojiin gaariin hojjataa jirtuu mataa keetif osoo hin ta’in nama saniif hojjataa akka jirtu hubadhu.

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ، أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ صلى الله عليه وسلم قَالَ ‏”‏ أَتَدْرُونَ مَا الْمُفْلِسُ ‏”‏ ‏.‏ قَالُوا الْمُفْلِسُ فِينَا مَنْ لاَ دِرْهَمَ لَهُ وَلاَ مَتَاعَ ‏.‏ فَقَالَ ‏”‏ إِنَّ الْمُفْلِسَ مِنْ أُمَّتِي يَأْتِي يَوْمَ الْقِيَامَةِ بِصَلاَةٍ وَصِيَامٍ وَزَكَاةٍ وَيَأْتِي قَدْ شَتَمَ هَذَا وَقَذَفَ هَذَا وَأَكَلَ مَالَ هَذَا وَسَفَكَ دَمَ هَذَا وَضَرَبَ هَذَا فَيُعْطَى هَذَا مِنْ حَسَنَاتِهِ وَهَذَا مِنْ حَسَنَاتِهِ فَإِنْ فَنِيَتْ حَسَنَاتُهُ قَبْلَ أَنْ يُقْضَى مَا عَلَيْهِ أُخِذَ مِنْ خَطَايَاهُمْ فَطُرِحَتْ عَلَيْهِ ثُمَّ طُرِحَ فِي النَّارِ ‏”‏ ‏.‏

“Abu Hureeyraan akka gabaasanitti Ergamaan Rabbii(SAW) ni jedhan’ Hiyyeessi eenyu akka ta’ee ni beektu?’ Isaanis (sahaabonni) ni jedhan ‘Hiyyeessa jechuun nama nu keessaa dirhamas qabeenyas hin qabne.” Ergamaan Rabbiis ni jedhan ‘Dhugumatti ummata kiyya keessaa namni hiyyeessi nama Guyyaa Qiyaama salaatan, sooman, zakaan dhufuudha. Garuu nama kana arrabse, kana maqaa xureesse, qabeenya kanaa haqa malee nyaate, dhiiga kanaa jigse, kana rukute. Nama kanaaf hasanaata(mindaa hojii gaarii) isaatirraa ni kennamaaf, nama kaanifis hasanaanni ni kennamaf (Namoota inni miidhef hasanaanni isaa isaanii dabarfamee kennamaaf). Cubbuu isarra jiruuf harka osoo hin kafaliniin duratti hasanaanni isaa yoo dhumatte, cubbuun namoota sanii isaan irraa fuudhame isa (namticha kana) irratti fe’ama(kaa’ama). Ergasii ibiddatti darbama.” (Sahih Muslim)

Kanaafu yoo har’a namoota miidhu irraa of hin qabiin, boruu dhuma hamtuuf of saaxilaa jirraa jechuudha. Yeroo baay’ee jechoota afaani baatu wayittu hin lakkoofnu. Garuu fuulli namoota baay’ee ibiddatti akka gonbifamaniif sababa kan ta’u arraba. Wanti nu jennu hunduu ni katabama.

Shaakala- nama yommuu hamattu ykn maqaa xureessitu hasanaata kee nama saniif dabarsite kennaa akka jirtu yaadadhu.

Gaaf tokko namni tokko Hasan Al-Basritti dhufuun,”Na hamatte jirta.”jedheen. Hasan Al-Basriinis “Bakka hasanaata kiyyaa itti too’attu (na jalaa fudhattu) hin geenye” jedheen.

Ammallee nama tokkotti  ‘Ebaluu si hamate.” jechuun itti himame. Namtichi kuni temira qunnaa tokko waliin ergaa akkana jedhu ergeef,”Hasanaata kee akka kennaatti naa kennu kee dhaga’ee jira. Tola narratti oolte si deebisu barbaade. Garuu dhiifama, guutumaan guututti si kafalu dhabuu kootif.”

4.Zikriin of ko’oomsu– arrabni zikriin hin leenjifamiin oduu faaydi hin qabneen sakaalama. Yommuu arraba zikriin leenjistu, dubbii kee ni mi’aawa, of eeggachaa dubbatta. Arrabni fi qalbiin zikrii Rabbii irraa duwwaa yoo ta’an sheyxaanni wantoota faaydi hin qabne itti tuula. Ergasii nageenya fi tasgabbi dhabsiisa.

Shaakala

Yommuu bakka kamuu deemtu arrabni kee zikrii akka godhuu leenjisi. Fakkeenyaf yommuu uffata miiccitu, nyaata bilcheessitu, konkolataa irra teetu fi kkf hojjattu, jedhii

لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللَّهُ، وَحْدَهُ لاَ شَرِيكَ لَهُ، لَهُ الْمُلْكُ وَلَهُ الْحَمْدُ، وَهْوَ عَلَى كُلِّ شَىْءٍ قَدِيرٌ

La ilaha illal-lahu wahdahu laa sharika lahu, lahu-l-mulk wa lahu-l-hamd, wa huwa’alaa kulli Shey ‘in qadir (Rabbiin malee kan haqaan gabbaramu hin jiru. Inni Tokkicha, shariika hin qabu. Taaytan(mootummaan) hundi kan Isaati, faarun hundi kan Isaati. Wanta hundaa irratti Inni danda’aadha.)

Yookiin zikriwwaan biroo kitaaba Husnul Muslim jedhurraa argachuu dandeessa. Yommuu zikrii gootu qalbiin tee tasgabbiin guuttamti. Garuu zikrii irraa yommuu fagaattu sheyxaanni yaadota faaydi hin qabne fi hawwii sobaatin sammuu kee dhiphisa. Zikrii irraa fayyadamuuf hiika wanta jedhanii beekun arrabaan jedhaa qalbii keessatti immoo xinxalluudha. Arraba qofaan ta’ee qalbiin quba tan hin qabne yoo taate faaydan zikrii nutti hin mul’atu. Garuu jalqaba arraba zikriin leenjisuudha. Suutuma suutan qalbiis itti leenjisudha. Zikriin hunda caalu Qur’aana, isatti maxxanii.

5.Dubbii namatti fiduu keetiif atillee hin gammaduu nama saniis hin gammachiistu– yeroo baay’ee namoonni akka nutti gammadaniif dhagaan nuti hin fonqolchine hin jiru. Nama gammachiisuf waa baay’ee raawwanna. Haa ta’uu malee xaarin keenna bu’aa kan hin buusne ta’ee hafa. Nama gammachiisuf jenne ofii fi nama san baditti darbina. Yommuu hama namatti fiddu, namtichi/dubartittiin yeroo saniif sitti gammadu danda’a/dandeessi. Ergasii garuu jibba qalbii keessatti kuufataa adeemti. Yommuu hama namatti fiddu ni jibbamta. Namoota biraa dhiisi ofumaayyu of jibbita. Namni waan sitti hin gammanneef osoo dubbachuu baadhe jechuun gaabbita.

Shaakalaa- yommuu dubbii namatti fiddu, dubbii kee keessa faaydaa fi miidhaa isaa madaali. Miidhan isaa kan caalu ykn faaydas miidhas kan hin qabne yoo ta’ee cal’isi. Kabaja namoota biroo kan tuqu yoo ta’ee, hin dubbatin, cal’isi.

Sheyxaana Rabbitti mangafadhu- yommuu sheyxaanni wanta badaa akka dubbattu si wasawasuu (hasaasu) “A’uzu billahi mina sheyxaani rajim” jedhi.

Namoota irraa fagaachu– namoota oduu malee wanta biraa hin beekne irraa fagaadhu. Oduuf yommuu walitti qabaman, ati biraa deemte kitaaba yoo dubbistu yookiin hojii gaarii yoo hojjattu, nageenya fi tasgabbii akkamii argattaa?

Suuta jechuu- dhugumatti ilmi namaa jarjaraa ta’ee uumame. Yeroo baay’ee wanta tokko galmaan gahuuf ni jarjarra. Ergasii miidha isaa ni dhandhamna. Yommuu dubbii namarraa dhageenyu osoo sirritti addaan hin baafatin, namoota birootti dabarsuuf muddamna. Ergasii ibiddaa gaabbitin of gubuudha. Kanaafu jireenya madaalamaa fi gammachuu jiraachuf afaanin hin jarjarin. Dubbachuun dura itti yaaduf carraaqi. Dhugumatti dubbachuun dura itti yaadun wanta takkaan galma gahuu miti. Warraaqsa fi qabsoo barbaachisa. Akkuma armaan olitti jenne ofi ajiifachu fi arraba daangaa qabsiisun kan galma gahuudha. Beekumsa barbaadun kanaaf furmaata ni ta’a. sababni isaas akkuma beekumsi dabaluun arrabni wanta hin taane dubbachuu irraa gabaabbataa, sammuun bilchaata adeema. Dubbachuun dura itti yaadun bilchinna sammuu agarsiisa.

Miidhaa hamaa beeku– yommuu nama hamattu tasgabbii fi nageenya akka dhabduu, hariroo fi jaalalli akka baduu, jeequmsi fi jibbi akka uumamu beekun arraba kee hama irraa ittisuu dandeessa.

Hama irraa towbachuuf

Hanga ammaa hundii keenya namoota baay’ee hamanne jirra, maqaa fi kabaja isaani xureessine jirra. Boru bakka qabeenyi fi ijjoollen nama hin fayyanetti qabamuun dura har’a ba’aa keenya ofirraa buusu dandeenya. Karaan ba’aa kana ofirraa buusnu towbaa dhugaa gochuudha. Yeroo baay’ee tawbaa yommuu jedhamu afaanuma qofaan ‘Astagfurallah’ jedhanii hojii badaa ofii itti fufuu akka ta’etti yaaddama. Kuni yaada dogongoraati. Tawbatte (gara Rabbii dhugaan deebite) taanan hojii badaa kee dhiisu qabda. Ta’uu baannan uffata miicani osoo hin uffatin dhoqetti darbuun, ammalle ergasi miicun, ammalle ergasii dhoqqetti darbuun faaydi ni qabaa sila yeroo fi humna ofii gubuu malee? Kanaafu tawbaan teenya fuudhatama argachuuf ulaagale (sharxii) armaan gadii guutu qabna.

  1. Hatamtamaan cubbuu san dhiisu
  2. Rabbirraa araarama kadhachuu
  3. Cubbuu san waan hojjataa tureef gaabbiin(nadam) itti dhagahamuu
  4. Cubbuu sanatti lamuu akka itti hin deebine murannoo fi kutannoo qabaachu.(Lamuu itti hin deebi’uu jedhe kutannoon cubbuu san dhiisu.)
  5. Cubbuun inni dalagee namoota irratti yoo ta’e nama sanii wanta jalaa fudhate deebisuufii yookiin araarama gaafachu.(kaasaa kafaluufi).

Yommuu nama hamattu obboleetti/obboleessa kee araarama gaafadhu osoo dhimmicha itti hin beeksisin. Garuu araarama isa/ishii irraa gaafachuun miidha kan geessu yoo ta’ee, isaaf/ishiif du’aayi gochuun gahaadha. Namoonni tokko tokko yommuu “Akkana akkanatti si hamadhe, naa araarami”jettuun garmalee aarun miidhaa guddaa geessu danda’u. Kanaafu isaani du’aayi gochuun ni gaha jedhu aalimonni Islaama.Fakkeenyaf “Yaa Rabbii araaramiif” jechuu dandeenya.Garuu du’aayi teenya onnee irraa haa taatu,tan arrabaa qofaa hin ta’in.

Alhamdulillah waa’ee hamaa ilaalchisa asirratti xumurama. Maalota armaan olitti fayyadamuun hama xiqqaate xiqqaatu hir’isuun ni danda’ama. Insha Allah torbaan mata duree biraatin hanga walitti deebinutti Assalamu aleykum wa rahmatullahi wa barakaatuh.

Daandiin Haqaa kami laata?-kutaa 1ffaa
Hama-kutaa 2ffaa
Kana Raabsi

One comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.