Daandiin Haqaa kami laata?-kutaa 1ffaa

Dhalli nama ka’uumsa tokko irraa ka’ee gahuumsa isaa gahuuf daandii irra adeemu qaba. Daandiin irra deemu kun tarii waan gaarii fi milkaa’innatti isa geessa yookiin immoo badii fi kufaatitti isa geessa. Kanaafu dhalli nama daandii lama irra adeemaa jira jechuudha. Tokkoffaan daandii milkaa’inna fi gammachutti isa geessu, lamaffaan immoo daandii kufaati fi baditti isa geessudha.

Namni daandii lamaan kanniin keessaa tokko sirritti addaan baafate irra deemu dhabuu isaatin, jireenya dukkanaa fi dhama’iinsa hordofa. Yeroo sobni akkanatti baay’ate kanatti daandii haqaa addaan baafatanii irra adeemun tarii ulfaata ta’uu danda’a. Dhugumatti kan Rabbii gargaare fi qajeelche daandii haqaa addaan baafachu fi isarra deemun itti hin ulfaatu. Insha Allah har’a daandii haqaa kam akka ta’ee ragaa waliin irratti mari’anna.

Daandii Haqaa jechuun maal jechuudha?
Jalqaba irratti daandii jechuun karaa namni tokko ka’uumsa irraa ka’ee gahuumsa ofii itti gahuudha. Haqaa jechuun immoo wanta sobaa, jallinnaa fi dhara irraa bilisa ta’eedha. Jechoota lamaan kanniin yommuu walitti sufnu(finnu) daandii haqaa jechuun karaa qajeelaa wantoota fi yaadota sobaa, jallinnaa fi dhara irraa bilisa ta’ee namni tokko ka’uumsa irraa ka’ee gahuumsa ofii gahuuf karaa hordofuudha. Daandii haqaa kana irraa yoo jallate, namtichi ni badaa jechuudha. Kufaati fi dukkanatti kufa.

Namni hunduu akka yaada fi fedhii isaatti daandiin jireenya ani hordofu daandii haqaati jechuu danda’a. Addunyaa keessatti dhimma tokko irratti gonkuma haqni lama hin jirtu. Haaluma kanaan addunyaa keessa daandiin haqaa lama jiraachu hin danda’u, tokko qofatu jira jechuudha. Daandiin haqa tokko garuu daandiin sobaa baay’edha.

Amantii jechuun maal jechuudha?
Amanti jechuun haala, mala fi karaa jireenya namni tokko hordofuudha. Kanaafu amantiin daandii jireenyati jechuu dandeenya. Addunyaa keessatti namni hunduu wayitti amane bula. Amanti adda addaa qabachuu fi hordofuun jireenya ofi gaggeessa. Yookiin immoo wanta amanti jedhamu irraa fagaachun jireenya mataa ofii hordofa. Kanaafu namoota amanti irratti hundoofne bakka saditti qoodu dandeenya. Isaanis: Amanti haqaa kan hordofan, amanti haqa irra jallate kan hordofan, guutumaan guututti amanti irraa kan fagaatan ykn garagalan. Sadiin kanniin bal’innaan irratti marinna. Kanarraa mee haa jalqabnu.

Guutumaan guututti amanti irraa kan fagaatan
Warroonni kunniin warroota jireenya keessatti amantiin gonkumaa hin barbaachisu, Uuma wanti jedhamu hin jiru, dachii, samii fi wanti isaan jiddu jiruu akkanumatti tasa argame jedhanii warra mormaniidha. Warra kanaan etist jennaan. Amanti balleessuf wanti isaani hin hojjanne hin jiru. Daandiin isaan hordofan kuni daandii sobaa jalatti ramanna. Wanta aqliin (sammuun) namaa hin fudhanne odeessu. Teknoloojin of tuulun wallaalummaa hangana hin jedhamnetti lixani jiru. Mushrikoonni (namoonni Rabbitti waa qindeessan) Gooftaa tokkicha ardii samii kan uume Rabbiin ta’u ni amanu. Rakkinni mushrikoota garuu Rabbiin ala kan biraa gabbaruudha. Etiistin ammaa immoo kana hunda irra fokkachuu fi qilee wallaalumaatti lixuun Rabbiin hin jiru jedhu. Lilmoonu ofiin of uumu akka hin dandeenye osoo beekanu akkamitti dachii fi samiin hangana guddatan ofiin uumaman yookiin tasa argamanii? Kuni wanta sammuun namaa fudhatu sila? Dachii fi samii Rabbiin ala kan biraa eenyutu uumu danda’aa? Mormii fi falmiin warra jaanja’e kanaa uumamni fi sammuun namaa wanta fudhatu miti yoo sammuu fi qalbiin nama sanii hin cufamin.

Jireenyi warra eetisti hordofan jireenya dukkanaa fi dhiphinnaati. Jireenya horitiin kan wal qixxaatudha. Namni akka fedhetti fedhii fooni fi garaa guuttatu danda’a jedhanii lallabu. Dhiira fi dubarti akka horii walitti makamuun wanta fedhan hojjachuu danda’u jedhu. Hamilee, kabaja fi nageenya namaa diigun ilma namaa irratti ba’aa guddaa fidan. Warri kuni dhama’uun jireenya tuni kaayyoo malee uumamte jedhu. Rabbiin haala kanaan deebii isaani deebisaf:

38:27
Samii,dachii fi wantoota giddu lamaan isaanii jiran taphaaf hin uumne. Sun hubannoo warra kafaraniiti. Warra kafaraniif ibidda irraa laga hamaa ta’etu isaanif jira.” Suuratu saad:27

Kaayyoon jireenya waan harkaa badeef akkanumatti du’anii waan badan itti fakkaata. Taphaaf waan uumaman se’an. Kuni jireenya isaani jireenya dhiphinnaa fi gadadoo godha. Rabbiin(waa hunda irraa Qulqullaa’e fi ol ta’e) akkana jedha:
23:115
Sila Nuti taphumaaf waan isin uumnee seetu (yaaddu)? Ammas isin gara Keenyatti deebifamu dhabuu yaaddu?” (Suuraa Al-Mu’uminuuna:115)

Dhimmichi akka warri kafaran yaadani miti. Ilmi namaa kaayyoo guddaa tokkoof uumame. Ka’uumsa irraa ka’ee gahuumsa itti deemutti qaba. Namni gahuumsa itti deemu yoo sirritti beeke kaayyon jireenya maal akka taate beeka. Ta’uu baannan jireenya taphaaf uumamte jedha, dhama’iinsa fi dukkanatti lixa. Kaayyoon jireenya isaa ‘Rabbiin haqaan gabbaruu’, gahuumsi isaas du’ee kan hafu osoo hin ta’in madaalli haqaa akka dhaabbatuuf Guyyaa Qiyaama ni kaafama. Kuni sammuu namaa keessatti yoo bocame jireenyi isaaf ifa taati. Wanta oli gadi raata’u fi jaanja’uuf hin qabu. Eessarraa ka’ee garam deemaa akka jiruu fi kaayyoo jireenya ofii ni beeka. Namni daandii kana irraa yoo jallate kufaati fi badii malee wanti isa eeggatu hin jiru.

Ammas warri etistii jedhaman kunniin wanta geybii(wanta fagoo ijaan hin mul’annetti) hin amannu jedhu. Addunyaa irratti baay’innaan wanta ijaan agarru moo ijaan hin agarretu caalaa? Seenaa namoota darbanii ijaan ni agarraa? Wanta boru dhufu ijaan ni agarraa? Wanta namni biraa dukkanaa fi nurraa fagaate hojjatuu ijaan ni agarraa?  Fakkeenya kanaan wal bira qabuu dandeenya. Wanti ijaan agarru odola galaana irratti argamuun yommuu wal fakkaatu, wanti ijaan hin agarre immoo galaana odola (daseeti) kana marseen wal fakkaata. Yaanni kunii isini galee miti? Wanti ijaan arginu baay’ee xiqqaa akka lafa gogdu galaana jiddutti argamtuuti. Wanti ijaan hin agarre immoo garmalee baay’ee ta’uun akka galaanati. Wanta hundaa ijaan argine mirkaneefachu qabna yoo jedhan dhugaa ykn haqaa baay’ee irraa garagalu ykn didu jechuudha. Geybitti amanuu fi dhiisun dhugaa jiru hin jijjiru.Wanti fagoo jenne yaannu guyyaa tokko ni dhufa. Beekumsa addunyaa tanaa qofatti of daangeessun aakhiraa irraa of dagatoo ta’an.

30:7

Isaan jireenya duniyaa irraa gubbama(zaahira) beeku. Isaan Aakhiraa irraa immoo daguu keessa jiru.” Suurat Ar-Ruum:7

Namni namumaan isaa kan tolu yoo geybitti amaneedha. Mallatoolen meeqa isaan fundura osoo ciistu irraa garagalan.

12:105

Mallatoole meeqa samii fi dachii keessa irraa kan garagalan ta’anii ishii irra taranii(bira darbanii). “  Suura Yuusuf:105

Mee haa xinxallinuu mallatoole dachii fi samii keessa jiran. Aduu fi ji’a yommuu ilaallu gara Rabbii akeeku. Ampuulin mataa ofiitinu ifee hin dhaamu. Kan duubaa ibse dhaamsutu jira. Aduu fi jiiynis ajaja Rabbitiin adeeman. Samii utubaa malee dhaabbattu, tan cabaa fi qaawwa wayitu hin qabne mee haa ilaallu. Urjii samii keessatti bittinoofte faaya taatuf mee haa ilaallu. Kana hunda Eenyutu akkanatti tartiiba qabsiise? Yommuu mallatoole kanniin ilaalle xinxallinuu, ‘ajiiib! Rabbiin waan hundaa irraa qulqullaa’e” jenne Rabbitti amanuu fi gabbaruu malee filannoo biraa hin qabnu.

67:3

(Rabbiin) Isa samii torba wal jalaa gubbaan uumedha. Uumaa(kalqii) Ar-Rahmaan keessatti wal dhabbii homaatu hin agartu. Mee agartuu(ija) tee gara samii deebisi. Dhoohaa(baqaqiinsa) wayii ni argitaa?” Suura Al-Mulk:3

Sila gara samii gubbaa isaanii jirtu, tan uraa homaatu hin qabne, akkamitti akka ishee ijaarre fi miidhagsinee hin ilaalle? Dachii diriirsinee gaarren dhaabbatoo ishee keessatti gadi suuqne, akaaku biqiltoota babbareedoo hunda irraa ishee keessatti magarsine. Gabricha tawbatuuf hubannaa fi gorsa akka ta’uuf (kana goone).” Suura Qaaf:6-8

35:3

Yaa ilmaan namaa! Ni’imaa(qananii) Rabbii ofirratti yaadadhaa. Sila Rabbiin ala uumaan (Khaaliqni) biraa kan samii fi dachii irraa soorata isiniif kennu ni jiraa? Isa malee gabbaramaan haqaa hin jiru. Kanaafu akkamitti Isa irraa garagaltu?” Suura faaxir(35):3

Mallatoole kana hunda osoo arguu namni akkamitti Rabbiin didaa, irraa garagalaa? Kanaafi adabbiin nama Rabbitti kafaree adabbii hundaa caaludha. Rabbiin samii irraa bishaan buuse, dachii keessatti biqiltoota gosa adda addaa biqilcheefi yommuu nyaachisu, ilmi namaa immoo galata galchuufi dide yommuu Rabbitti kafaruu, adabbiin namoota kanniini hangam guddaa akka ta’ee yaadun hin ulfaatu.

Ammas warrii daangaa darbee kuni Guyyaa Qiyaama garmalee didu, itti hin amanan. Warri kuni ka’uumsa ofii beekanii gahuumsa ofii wallaalan. Sababa kanarraa kan ka’ee garri itti deeman itti dukkanaa’e. Dhalli namaa seenaa keessatti hangam akka wal cunqursan ni dhageenya, ni agarra, ragaa baha jirra. Kan hacuuces, kan hacuucames haqa fi murtii sirrii osoo hin argatin addunyaa irraa godaanu. Kanaafu Guyyaa fi bakki madaalli fi murtiin haqaa itti dhaabbatu hin barbaachisu ree? Garmalee, garmalee barbaachisaadha malee. Guyyaan madaalli fi murtiin haqaa itti dhaabbatu suni Guyyaa Qiyaamati.

Warroonni Guyyaa Qiyaamatti hin amanne namni erga du’ee daaraa ta’ee booda akkamitti lamuu deebifama jedhanii mormu. Gara Qur’aana yommuu deebinu deebi gahaa isaanif kenna.

Ni jedhu: “Sila nuti erga duunee lafee fi bututaa(tortoraa) taanee booda uumama haarawa taane ni kaafamnaa?” (Yaa Muhammad) jedhiin “Dhagaa yookiin sibila ta’aa. Yookiin uumama qoma keessan keessatti kaafamuun guddatu ta’aa (kaafamuun keessan hin hafu).” Ergasi “Eenyutu nu deebisa?” Jedhu. “Isa yeroo jalqabaa isin uumedha.”jedhiin. Mataa isaanii sitti raasu. Ni jedhus “Inni suni yoomi ree?” “Dhiyoo ta’uun mirkanaa’adha.”jedhiin.”  (Suura Al-Isra:49-51)

Dhugumatti Qiyaaman dhuftuudha;ishee keessa shakkiin wayitu hin jiru. Dhugumatti Rabbiin namoota awwaala keessa jiran hundaa ni kaasa.” Suuraa Al-hajj:7

Uumamni keessani fi kaafamni keessan akka lubbuu tokkitii malee hin taane. Dhugumatti Rabbiin Dhaga’aa, Argaadha.” Suura Luqmaan:28

Sila namni lafee isaa walitti hin qabnu yaadaa? Eeyyen [walitti ni qabna]. [Nuti] qubbeen isaatu akka turanitti deebifne sirreessu irratti danda’oodha.” Suura Al-Qiyaama:3-4

Sila namni akkanumaan dhiifamu yaadaa? Sila inni bishaan saalaa kan dhangalaafamu irraa hin turre? Ergasii dhiiga ititaa ta’ee, [achi nama godhee] uumee guute. Isa irraas cimdii lama dhiiraa fi dhalaa taasise. Sila [Rabbiin akkas godhe sun] du’aa jiraachisu irratti danda’aa mitii?“Suura Al-Qiyaama:36-40

Namoota kanniin hundaa uumu fi lamu kaasun wanta Rabbitti ulfaatu miti. Samii fi dachii uumunu itti hin ulfaanne nama kaasutu itti ulfaataa? Isaan uumu fi kaasun akka lubbu takka uumu fi kaasuti. Rabbiin wanta tokkoon “Ta’ii” jennaan yeroma san ta’ee argama. Kanaafu erga du’aniin booda kaafamun wanta shakkii wayitu qabu miti.

Aayatoonni waa’ee guyyaa Qiyaama dubbatan lakkoofsi isaani baay’edha. Kanaafu warrii eetisti fedhii ofi jala deemanii fi kanneen biroo Guyyaa Qiyaamatti amanuu irraa akka nu hin jallisne. Rabbiin(subhaanahu wa ta’aala) haala kanaan nuu dhaama:

Dhugumatti Qiyaaman dhufaa jirti. Akka lubbuun hundii waan hojjatte mindeefamtuuf jecha ishee dhoksuuttin dhihaadha.Namni isheetti hin amaniin, kan fedhii isaa hordofe ishee irraa si hin garagalchin! (Yoo isa hordofte) ni baddaa.” Suuraa xaahaa:15-16

Akkuma yeroon darbuun mallatoole Guyyaa Qiyaama argaa adeemna. Dhugumatti wanta Ergamaan Rabbii (saw) dubbatan ija keenyan argine jirra. Mallatoolleen kunniin imaana keenya fi yaqiina (dhugaan amanu) Aakhiraaf qabnu kan dabalaniidha. Mallatoole Guyyaa Qiyaama mee haa xinxallinuu. Ajjeechaa baay’achuu, zinaan (sagaagalummaan) babal’achu, dubartiin qullaa deemu, kijibaan amanaa ta’ee namni amanamaa fi dhugaa akka sobamaatti fudhatamuu, fi kkf. Kuni hundii garam deemaa jiruu? Yommuu mallatoole kanniin irratti yeroo fudhatte xinxallitu gara hojii gaaritti fiigda, hojii badaa irraa ni dheessita dhufaatin Guyyaa Qiyaama shakkii waan hin qabneef. Sababni isaas, mallatoole Guyyaa Qiyaama argite jirta. Kanaafu maaltu hafe ree mallatoole gurguddoon dhufuu fi Guyyaan Qiyaama dhaabbachuu malee? Itti xinxallii!!!! Mee Aaya tana dubbisi

Sila Qiyaaman tasa Isaanitti dhufu malee maal eegu? Mallattooleen ishii dhufaniiru. Yeroo ishiin isaanitti dhufte gorfamuun isaanii akkamitti isaaniif ta’a?” Suura Muhammad (47):18 dabalataanis suura Al-An’aam (6): 158 ilaali

Guyyaa Qiyaama kijibsiisuun (itti amanuu diduun) badii hamaaf addunyaa fi aakiratti nama saaxila. Namni guyyaa Qiyaamatti yoo hin amaniin addunyaa keessatti akka fedhe ta’uun of balleessa. Yaanni “Boru kaafame hojii kootif adabama yookiin badhaafama”jedhu sammuu isaa keessa waan hin jirreef, akka fedhetti badii hojjachuun jireenya isa dhiphisa, gaddaa fi aaritti of darba. Rakkoo addunyaa tana keessatti isa muudatuuf garmalee aarun abdi kuta Guyyaa Qiyaama mindaa sabrii waan hin abdanneef. Hawwii fi abdii ofii meeshama addunyaa tanatti gabaabsa, wanti inni ijaan hin argine baay’ee fi gudddaa akka ta’ee gadi fageesse hin yaadu. Wantuma ijaan arguu qofa irratti xiyyeefata. Aakiraa immoo ni dida.

Namni guyyaa Qiyaamatti amanu immoo tasgabbii fi nageenyi itti dhagahama. Rakkoo fi daraara addunyaa tana keessatti yommuu muudatu mindaa sabrii fi adabbii Guyyaa Qiyaama yaadata. Daraaran addunyaa tanaa adabbii guyyaa Qiyaamatin wal bira yommuu qabamuu baay’ee xiqqaadha. Kanaafu daraara addunyaa tanaa irratti sabbaruun itti hin ulfaatu. Hojii gaariis yommuu hojjatuu mindaan guddaan boru akka isa eeggatu ni abdata. Hojii badaa irraas qaamota ofii eega boruu waan itti gaafatamuuf. Kuni hundii jireenya isaa gammachuu fi tasgabbii itti facaasu.

Gudunfaa
Yeroo amma akkuma guyyaan darbuun wantoonni imaana keenya sochoosani fi hurgufan akkasuma baay’ata adeemu. Sheyxaanni fi gargaartonni isaa daandii haqaa irraa ilma namaa jallisuun addunyaa fi aakiratti akka dararamaan isaan gochuudha. Wanta fokkuu babal’isuun ilma namaatti bareechisanii mul’isuu. “Amantii hordofuun si hin barbaachisu, guddinna irraa duubatti si harkisa, gara keenya koottu.” Jedhanii lallabu. Daandii qajeela fi haqaa irraa gara daandii jallataa fi sobaatti ilma namaa ceesisu. Namni daandii haqaa fi qajeela kana hordofuu dhiise daandii jallataa isaani hordofe badii malee wanti isa eeggatu tokkolle hin jiru. Kutaa kana Jecha Rabbitin gudunfa.

20:124

Namni yaadannoo (Qur’aana) Kiyya irraa garagale- dhugumatti jireenya dhiphotu/rakkotu isaaf jira. Guyyaa Qiyaama ballaa/jaamaa goone isa kaafna.” Suura Xaahaa:124

Torbaan hanga kutaa 2ffaa wal deebinutti assalaamu aleykum wr wb

Daandiin haqaa kami laata- kutaa 2ffaa
Hama Ittisuuf
Kana Raabsi

Leave a Reply

Your email address will not be published.