Daandii Haqaa

Akkuma kutaale darban keessatti jenne daandiin haqaa lama ta’uu hin danda’u tokko qofa malee. Daandiin haqaa tokko ta’uun namatti dhiphachuun namoonni muraasni kan irra deeman osoo hin ta’iin daandii bal’aa dhala namaa guutu keessumeessu danda’uudha. Daandiin kuni nama kamuuf kan ta’uufi kan gahuudha. Daandiin haqaa kuni bal’achuu qofaa mitii ifaa fi qajeelummaan kan guuttameedha. Nama of balleessu fi kufaati mataa ofi irratti fidu barbaade malee eenyullee daandii kan irraa hin goru. Daandiiwwan yeroo darbani jireenya keenya keessatti akka nu hin baasne ilaalle jirra. hanga fedhan daandiwwan sunniin bareeda haa fakkaatanii garuu dhumni isaan itti nama geessan hamaadha. Addunyaa gabaabdu tanaaf jedhe namni daandii san hordofuu danda’a. Haa ta’uu malee adabbiin inni dhandhamu Rabbi qofatu beeka. Addunyaa tana keessattu hangam xin-sammuu (saykolojiin) rakkataa akka jiran ni agarra. Kuni azaba (adaba) duniyaa tanaati. Rabbiin akkana jedha:

“Warri abbooti kitaaba (yahudoota fi Kiristaanota) fi mushrikoota irraa kafaran ibidda jahannam keessatti hafoo ta’anii jiraatu. Warri sun isaanumatu irra hamtuu uumamaati.” Suura Al-Bayyinah:6

Hanga ammaa daandii haqaa nu baasu kamiin akka ta’e qorachuuf carraaqa turreera. Daandii kamtu nu baasa ree? Daandii kamtu nageenya, tasgabbii, gammachuu fi milkaa’inna addaan hin cinne nu kennu danda’a? Eeti daandiwwan gagabaaboon fayda armaan olii yeroo gabaabaf nu kennan baay’eedha. Nuti immoo faaydaa yeroo gabaabaf turu osoo hin ta’in kan yeroo dheeraf turu barbaanna, akkasi mitiree? Kanaafu faaydaa yeroo dheeraaf turu argachuuf daandii haqaa faaydaa san nu kennu danda’u beekuu, qorachu fi hordofuu qabna. Rabbiin akkana jedha:

10:25

“Rabbiin gara mana nageenyaatti waama. Nama fedhes gara karaa qajeelatti qajeelcha.” Suura Yuunus:25

Daandiin haqaa suni kamidha ree laata? Daandiin haqaa yookiin karaan qajeelan suni Rabbiin qofa gabbaruudha.

19:36

“Dhugumatti Rabbiin Gooftaa kiyyaa fi Gooftaa keessani. Kanaaf Isa qofa gabbaraa. Santu karaa qajeeladha.” Suura Mariyam:36

36:61

“Ana (Rabbii) [qofa] gabbaraa, kanatu karaa qajeeladha.” Suuraa Yaasin:61

Rabbiin qofa gabbaruun gabrummaa nafsee ofii, sheyxaana, ilma namaa fi kkf jala nama baasun bilisummaa dhugaa nama goonfachiisa. Namni nafsee ofii fi sheyxaana jala yoo deemu, garri itti deemu itti dukkanaa’a. sababni isaas, ifa ittiin deemu hin qabu. Namni tokko jireenya tanaa fi tan dhuftu keessatti ifa ittiin deemu argachuuf Rabbiin qofa gabbaruu (itti buluu) isa barbaachisa. Ta’uu baannan ifa kana hin argatu.

Rabbiin (qulqullaa’e fi olta’e) akkana jedha:

“…Nama Rabbiin ifa isaaf hin taasisin, ifni homaatu isaaf hin jiru.” Suura An-Nuur:40

6:122

“Sila namni du’aa turee ergasii isa jiraachifne ifa isaaf goone fi [ifa] saniin namoota keessa deemu, akka fakkii nama dukkana keessa jiru kan ishee keessaa hin baane ta’aa? Akka kanatti kaafirootaf wanti isaan dalagan miidhagfame.” Suura Al-An’aam:122

Jechi “Ifa” jedhu “imaana”. Namni imaanni osoo qalbii isaa keessatti hidda hin qabatiniin dura du’aa ture, qalbiin isaa tan duutedha. Akkuma imaanni dabaluun qalbiin isaa jiraata adeemti, ifni imaana isaaf ifaa adeema. Eessaa ka’ee garam akka deema jiru ifa imaanatiin ilaala. Namoota keessa ifa imaanatin adeema. Namni ifa kana hin arganne immoo dukkana keessatti hafa, ni raata’a. Keessaa bahuun hin jiru. Kanaafu namoonni kunniin lamaan wal qixxaatu ree? Tokko ifa imaanatiin deema, kan biraa immoo dukkana kufrii fi shirkiitin adeema.

Kanaafu daandiin haqaa daandii ifaati. Namni daandii haqaa kana irra deemu ifaa ibsate deemaa jiraa jechuudha. Daandii haqaa kana irra deemuf qajeelfama nu barbaachisa akkuma namni karaa dheeraa fi biyya hin beekne deemu kaartaa isa barbaachisu. Akkamitti Rabbiin akka gabbarru yoo hin beekiin akkamitti daandii haqaa irra deemu dandeenya ree? Kanaafu daandii haqaa irra deemuuf qajeelfamni tokkichi nuti hordofuu qabnu Islaama. Rabbiin (Qulqullaa’e fi olta’e) akkana jedha:

6:153

Dhugumatti kuni karaa Kiyya isa qajeeladha, isa hordofaa. Karaa Rabbii irraa isin baasanii karaa hedduu hin hordofinaa. Inni(Rabbiin) kana akka muttaqoota (warra Rabbi sodaatan) taataniif isiiniif dhaama.” Suuraa Al-An’aam:153

Islaaman ala karaa biraa hordofuun daandii haqaa irra deemaa jirra yoo jenne dogongorre, jireenya keenya qisaasessa jirraa jechuudha.

Islaama

Islaama jechuun Rabbiif buluu, ajajamu, harka kennu yoo ta’uu Musliima jechuun immoo nama Rabbiif ajajamu jechuudha. “Islaamni Nabii Muhammadin (SAW) hundeefame.”jechuun yaada dogongoraa fi haqa irraa fagaatedha. Islaamni Nabii Muhammadin yoo kan jalqabame ta’ee, nabiyyoonni yookiin namoonni Nabii Muhammad duraa eenyuuf ajajamaa turan? Nabii Nuh, Ibraahim, Muusa, Iisa fi kkf eenyuuf ajajamaa turan? Rabbiifi mitii? Nabiyyoonni hundi isaanitu Rabbiif ajajamoo turan. Kanaafu namoota Rabbiif ajajaman (Musliimota) turan jechuudha. Amantiin isaanis Rabbiif ajajamu (Islaama) turee jechuudha. Kanaafu Nabii Muhammad (SAW) amanti Islaama kan jalqabe osoo hin ta’iin kan itti fixe jechuudha.

Nabiyyoonni Nabi Muhammad (SAW) duraa seerota adda addaa ummata isaanitif ta’uu fi maluu qabu turan. Garuu hundii isaanitu kaayyoo wal fakkaata qabu. Innis Rabbiin gabbaruu fi ummata isaani gara “Tokkichummaa Rabbitti (Tawhidatti)”  waamudha. Nabiyyana Muhammad(SAW) seera guutu hanga Guyyaa Qiyaamatti ilma nama kamifiyyuu ta’uu Rabbiin kenneefi. Isaan booda nabiyyiin dhufu hin jiru, Qur’aana boodas kitaabni Rabbiin biraa bu’u hin jiru. Kanaafu ilmi namaa seera Rabbiin buuse kanatti buluun of baraaru yookiin irraa garagaluun of halaaku (balleessu) danda’u. Islaaman ala Rabbiin biratti amantiin fudhatama argatu tokkolle hin jiru. Rabbiin akkana jedha:

3:85

“Namni Islaaman alatti amantii biraa barbaade isarraa hin qeebalamu (hin fudhatamu). Aakhirattis inni warra hoonga’an irraayi.” Suuraa Ali-imraan:85

Dhugumattii haada (funyoo) Islaama hin cinne qabachuun of baraarudha. Rabbiin (Qulqullaa’e fi olta’e) akkana jedha:

 31:22

“Namni hojii toltuu (iklaasan (qulqullumman) Rabbiif jedhe fi Ergamaa Rabbii hordofuun) hojjataa fuula isaa gara Rabbiitti kenne(Tokkichummaa Isaatti amane fi Isa qofa gabbare) dhugumatti funyoo cimaa qabateera; booddeen wantoota hundaatu gara Rabbiiti.” Suuraa Luqmaan:22

Funyoo kanaan alaa kamitu ilma nama baraaru danda’aa?

Gara Islaamatti erga seenten booda dhama’iinsi tokko tokko si muudachu danda’a. Gareewwan adda addaa jiraachun, Muslimoonni akkanatti cunqurfamuun, Muslimoonni itti gaafatamummaa ofii bahuu dhabuu fi amala badaa agarsiisun, ifa Islaama sitti dukkaneessu danda’a. Rakkoole fi dhama’iinsa kunniin gonkumaa haqa Islaama jijjiru hin danda’an. Yeroo baay’ee nuti amantii yookiin hamilee osoo hin ta’in wantoota namoonni hojjatan ilaalun isaan hordofna, murtii dabarsina. Namtichi wanta badaa yoo raawwate amantiinis badaa jenna. Namoota ilaalun Islaama ilaalchise murtii fi yaada sobaa kan qabannu yoo ta’ee dogongorre jirra. Rabbiin kana nu akeekachisa.

6:116

Yoo irra hedduu namoota dachii keessa jiraniif ajajamte, karaa Rabbii irraa si jallisu. Kan isaan hordofan shakkii qofa. Isaanis kijibdoota malee homaa hin taane.” Suuraa Al-An’aam:116

Waa’ee Islaama ilaalchise wanta midiyaan odeessitu yoo hordofne yookin ajajamneef, daandii haqaa irraa baana. Sababni isaas midiyaan harkii caalu kijibdoota, haqa awwaalu, sobaa fi shakkii hordofu.

Shakkii fi dhama’iinsa keessaa bahuuf furmaanni keenya gara Qur’aana fi sunnaa Ergamaa Rabbii (SAW) deebi’uudha. Gareewwan adda addaa Islaama keessatti yommuu uumamani fi wal dhaban arginu hadiisa kana yaadachuun hojii irra oolchun dhama’iinsa fi kufaati irraa fagaachu dandeenya.

عَنْ أَبِي نَجِيحٍ الْعِرْبَاضِ بْنِ سَارِيَةَ رَضِيَ اللهُ عَنْهُ قَالَ: “وَعَظَنَا رَسُولُ اللَّهِ صلى الله عليه و سلم مَوْعِظَةً وَجِلَتْ مِنْهَا الْقُلُوبُ، وَذَرَفَتْ مِنْهَا الْعُيُونُ، فَقُلْنَا: يَا رَسُولَ اللَّهِ! كَأَنَّهَا مَوْعِظَةُ مُوَدِّعٍ فَأَوْصِنَا، قَالَ: أُوصِيكُمْ بِتَقْوَى اللَّهِ، وَالسَّمْعِ وَالطَّاعَةِ وَإِنْ تَأَمَّرَ عَلَيْكُمْ عَبْدٌ، فَإِنَّهُ مَنْ يَعِشْ مِنْكُمْ فَسَيَرَى اخْتِلَافًا كَثِيرًا، فَعَلَيْكُمْ بِسُنَّتِي وَسُنَّةِ الْخُلَفَاءِ الرَّاشِدِينَ الْمَهْدِيينَ، عَضُّوا عَلَيْهَا بِالنَّوَاجِذِ، وَإِيَّاكُمْ وَمُحْدَثَاتِ الْأُمُورِ؛ فَإِنَّ كُلَّ بِدْعَةٍ ضَلَالَةٌ”.

“Abu Najiih al-irbaadi ibn Saariya (RA) akkana jechuun gabaase: Ergamaan Rabbii (SAW) gorsa qalbiin sodaan guuttamtu, ijji imimmaan dhangalaastu nu gorsan. Ni jenne: “Yaa Ergamaa Rabbii gorsa dhumaa (addaan bahiinsaa) fakkaata mee nu gorsi.” Ergamaan Rabbiis ni jedhan: “Taqwaa (sodaa Rabbii) akka qabaattan, hoggana(amiira) keessan osoo gabrichaa ta’eeyyu akka dhageettanii fi ajajamtaniif isiniif dhaama(gorsa). Dhugumatti namni isin keessaa umrii dheeraa jiraatu wal dhabbii baay’ee ni arga. Sunnaah kiyyaa fi sunnaah Khulafa ar-Raashidiin kan namoota qajeelchan hordofaa. Sirritti qabadhaa, itti maxxanaa (qaarriffaan cinaana qabadhaa). Amantii keessatti wantoota haarawa uumaman of eeggadhaa.  Dhugumatti bid’aan (amantii keessatti wanti haarawa uumame) hundii jallinna.” Hadiisa 40 An-Nawawi: lakk. 28

Sunnaah Ergamaa Rabbii (SAW) yoo cininnee qabanne dhama’insaa fi bida’aa jalaa baana. Ta’uu baannan banne hafna. Ergamaan Rabbii hadiisa kana fakkaatu keessatu akkana jedhu:

قَدْ تَرَكْتُكُمْ عَلَى الْبَيْضَاءِ لَيْلُهَا كَنَهَارِهَا لاَ يَزِيغُ عَنْهَا بَعْدِي إِلاَّ هَالِكٌ

Daandii adii (ifaa) halkan isaa akka guyyaa isaa ta’e irratti isin dhiisaa jira. Ana booda eenyulle isarraa hin jallatu kan baduu hedu malee.” (Sunan Ibn Maajah)

Islaamni daandii ifaati. Namni daandii kana irraa jallate nama of balleessuf deemu malee nama milkaa’uf deemu miti.

Gudunfaa
Daandiin haqaas daandiin dharaas ifa. Keessaa filate irra deemun mirga abbaati. Eenyulle itti hin dirqisiisu. Yeroo baay’ee daandii haqaa irra deemun akka ibidda irra deemu itti fakkaachun namoonni baay’een isarra deemu jibbu. Eeti daandii haqaa irra deemun carraaqqi fi qabsoo guddaa barbaachisa. Daandii dharaa ykn jallinnaa irra deemun baay’ee salphaa fi faayda baay’ee waan nama kennu fakkaata. Garuu dhumni inni itti nama geessu hamaa fi adabbii ibiddaati. Fuggisoo kanaa daandiin haqaa immoo faaydaa fi milkaa’inna zalaalamiitti nama geessa. Jahannam iddoo gahuumsa fi dhumaa daandii jallinaati. Jannani immoo iddoo gahuumsa fi dhumaa daandii haqaa ykn qajeelati. Yoo daandii haqaa irra sirritti gadi dhaabbatte deemte Insha Allah dhumni kee Jannata. Daandii haqaa hordofuuf Rabbiin haqaan gabbaruu, Qur’aana fi sunnaah barachuu, qo’achuu, qorachu, hordofuu fi qabachuu, wantoota fi warroota Qur’aana fi sunnah faallessan irraa fagaachu, hojii gaggaari iklaasa fi shari’aa waliin kan deemu hojjachuu, daandii qajeela irratti Rabbiin akka si jabeessu kadhachuu, obsa qabaachu barbaachisa. Akkuma iklaasan (Rabbii qofaa jette) hojii gaggaari baay’iste hojjattuu fi obsituun akkasuma daandii haqaa irratti jabaata adeemta.  Rabbiin gara karaa qajeelatti hunda keenya haa qajeelchu.Amiin. Yaa Rabbii dogongora keenya nu araarami.

Tawbaa- Balbala Jijjiramaa fi Gammachuu-Kutaa 1ffaa
Daandiin haqaa kami laata- kutaa 2ffaa

Leave a Reply