Tawbaa- Balbala Jijjiramaa fi Gammachuu-Kutaa 1ffaa

Ilmi nama jireenya isaa keessatti hojii baay’ee hojjata, gaariis ta’uu badaa. Ilmi nama hanga addunyaa tana keessa lubbuun jiraatu osoo hin dogongorin hin hafu. Dogongorri fi cubbuun hanqinnaa fi dadhabinna ilma namaa mul’isu. Osoo gara tawbaatti hin seenin duratti mee miidhaa cubbuun ilma namaa irraan ga’u gabaabinnaan haa ilaallu.

Cubbuu jechuun wanta qalbii nama nageenya fi tasgabbii dhowwudha. Namoonni akka hin agarre kan namtichi dhoksuudha. Fakkeenyaf zinaan (sagaagalummaan) qalbii nama nageenya fi tasgabbii dhowwa. Namoonni osoo arganii namtichi ni salphata, garmalee saalfata. Cubbuun xiqqaanis guddaanis haaluma kanaan nageenya fi tasgabbii nama dhowwuu. Kanaafu nageenya fi tasgabbii yommuu dhabdu, of sakatta’i, of qoradhu. Maal akka hojjatte ilaali. Qorsaa isaa immoo gara boodatti kan ilaallu ta’a.

Cubbuun miidhaa hangana hin jedhamne qaba. Mee miidhawwan cubbuu irraa dhalatan kitaaba “Al-Imaanu haqiiqatuh, khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal jama’a.” (Fuula 563-585) jedhamu irraa muraasa isaani haa ilaallu. Himoonni armaan gadii hundii kitaabicha irraa kan fudhatamanii miti. Namootaa ifa akka ta’uuf yaada kiyya itti dabale jira Arabiffa irra gara Afaan Oromotti hunda isaa hiikun ulfaata waan ta’eef.

Qalbii irratti miidhaa cubbuun fidu

1.Cubbuun fi badiin qalbii darara (gidira). Akkuma dhibeewwan adda addaa qaama miidhu cubbuunis qalbii miidha. Qalbiin ni dhukkubsatti. Ni dararamti, gammachuu fi nageenya dhabdi. Dukkanni cubbuu nama haguugun gara itti deeman nama wallaalchisa. Addunyaa fi aakhiratti sharriin (badiin) ni jiraa sila sababa cubbuutin kan dhufu malee? Sababa cubbuutin rakkoo fi dararaan namatti bu’a.

2.Beekumsa dhowwamuu- beekumsi dhama’iinsa fi jaaminsa irraa baraarun qalbii jiraachisa, argitu qomaa dukkana irraa baraarun ibsaa ta’aaf, qaama raati’insa fi dadhabinnaa irraa baraarun jabeenya ta’aaf, sammuuf boqonnaa fi gammachuu ta’a. qalbii dhukkuba irraa fayyisa. Beekumsi hogganaa hojiiti. Beekumsaan Rabbiif ajajaman, haraama fi halaala addaan baafatan, sadarkaa ol’aana addunyaa fi Aakhiraa ittiin gahan. Beekumsaan Rabbiin gabbaran, hariiro firummaa tiiksan. Beekumsi nuura (ibsaadha). Cubbuun ibsaa kana dhaamsa,argitu (basiira) qalbii jaamsa, karaa beekumsa cufa,madda qajeelinnaa (hidaaya) haguuga.

Dhugumatti kan jaamtu ija gubbaa tanaa miti. Garuu kan jaamtu onnee laphee keessa jirtuudha.” Suurat Al-Hajj:46

3.Addummeen (kophummaan) itti dhagahamu– cubbuun Rabbirraa nama fageessuun addummeen namatti akka dhagahamu taasisa. Qabeenyi hanga feete haa baay’atu yeroo hundaa dhiphinnaa fi kophummaatu itti dhagahama. Akkuma cubbuun baay’atuun kophummaa fi dhiphinni itti hammaata. Namoota waliin hariiroo gaarii hin qabu. Abbaa haadha, niiti yookiin dhiirsa, ijjoolle fi firoota waliin jiraachun itti jabaata. Kanaafu yommuu addummeen sitti dhagahamuu fi nyakkistu of qoradhu, cubbuu hojjatte yaadadhu.

4.Sodaa Rabbii qalbii keessatti laaffisa– mu’imintoonni Rabbiin saalfachuun cubbuu irraa dheessu. Guddinnaa fi kabaja Rabbiif maluu yaadachuun wantoota inni dhowwe irraa fagaatu. Adabbiin Rabbii hamaa akka ta’e ni beeku. Garuu cubbuun yoo qalbii irratti baay’ate ishii haguugun sodaa Rabbii (taqwaa) qalbii namtichaa keessatti laamshessa, Rabbiin saalfachu fi sodaachun namtichi cubbuu irraa hin dheessu. Rabbiin guddaan qabaa (adabbii) hamaan qabuu akka danda’u hin hubatu.

5.Cubbuun fedhii waan gaarii hawwuu (iraada) laamshessa. Yommuu cubbuun qalbii irratti baay’atu fedhii (iraada) tawbaa laaffisa. Namtichi tawbachuu hin fedhu. Sobaan arrabaan astigfurullaah jechuun cubbuu raawwachu itti fufa. Cubbuun sheyxaanni akka nama booji’u, nafsee wanta badatti nama ajajjuuf hidhama akka ta’an nama taasisa.

6.Yommuu namtichi cubbuu irra deddeebi’e hojjatu itti mi’aayu fi jaallachuun ittiin of dhaadata, itti of jaja. Wanta badaa hojjate gaarii fakkeessun itti boona. Kuni hangam qalbiin cubbuudhaan akka ajjeefamte agarsiisa.

7.Yommuu cubbuun baay’atu qalbii cufa. Keyri fi sharriin, dhugaa fi sobni harkaa wal dhaha. Namtichi dhugaa fi sobaa addaan baafachun itti uulfata. Gaafila (of dagataa) keessaa ta’a. qalbiin dhugaa hubachuu irraa ni haguugamti.

Yeroma isaan jallatan Rabbiin onnee(qalbii) isaani jallise. Rabbiin ummata finciltoota hin qajeelchu.” Suurat As-Saf:5

8.Cubbuun adeemsa qalbii gara Rabbii fi Aakhiraa laaffisa, ni sakaala. Duubatti buuta yookiin akka dhaabbattu taasisa. Gara funduratta tarkaanfi akka hin fudhanne karaa cufa. Qalbiin gara Rabbii kan kalooftu xaa’a(Isa ajajamuu) fi taqwaan (Isa sodaachuni). Qalbiin yommuu cubbuun dhibamtu dandeetti gara Rabbii kalaa’u (dhiyaachu) laamshessa. Rabbii ajajamuun akka gaaraa itti ulfaata.Rabbii ajajamuu diduun immoo hariroo gabrichaa fi Gooftaa isaa jiddu jiru balleessa. Yeroo san namtichi badiif of saaxilaa jiraa jechuudha. Rabbiin qalbii isaa irratti sodaa darba. Nageenya fi tasgabbii hin qabu. Kanaafu yommuu wanti hunduu si sodaachisu fi si shakkisiisu bu’aa cubbuu keeti akka ta’ee yaadachuun of qoradhu, cubbuu akkami akka raawwatte of sakatta’uun irraa fagaachuf carraaqi. Cubbuu fi badii hojjatanii sodaa fi cinqiin jiraachutu caala moo cubbuu fi badii dhiisanii fi Rabbii ajajamuun nageenya fi tasgabbiin jiraachutu caalaa?

9.Cubbuun dandeetti qalbii wanta fokkuu jibbuu fi xayyafuu ajjeesa. Hundee wantoota keeyri kan ta’e hay’aa (qaanii) qalbii irraa haaqa. Namtichi wanta fokkuu hin jibbuu, hin xayyafu. Inuma itti bareeda. Namoota biroo wanta faahisha (fokkuutti) waama.

10.Cubbuu fi badiin qalbii irratti sodaa, shakkii, abdii kutuu fi tasgabbii dhabuu darba. Nama cubbuu raawwatu yeroo hundaa sodaan, shakkiin, abdii kutuun, nuffiin, tasgabbii dhabuu fi kkf haguugame argite. Kanaafu miironni kunniin yommuu sitti dhagahaman ammalle of qoradhu.

Rabbii ajajamuun mooraa Isaa keessa seenudha. Namni mooraaa Rabbii keessa seene namoota adabbii addunyaa fi Aakhiraa irraa tasgabbii fi nageenya argatan keessaa ta’a. Namni mooraa Rabbii keessaa cubbuu hojjachuun bahe immoo sodaa fi dhiphinni gara hundaan isa marsu.

Namni Rabbiin sodaatu, Rabbiin wanta hundaa keessatti tasgabbii fi nageenya kennaaf. Namni Rabbiin hin sodaanne fi daangaa Isaa darbuu immoo, Rabbiin wanta hunda irraa isa sodaachisa, sodaa qalbii irratti darba.

11.Cubbuun nafsee salphisa, ni xiqqeessa, ni laamshessa, ni hacuuca, hanga wanta hundaa gadi taatutti. Cubbuun gadi aantummaan akka namatti dhagahamu taasisa. Xaa’an (Rabbii ajajamuun) immoo lubbuuu namaa ol kaasa, ni kabaja, ni qulqulleessa. Rabbiin (Subahaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

91:9

91:10

Namni ishii(lubbuu) qulqulleesse dhugumatti milkaa’e.
Kan ishii xureesse dhugumatti hoonga’e.” Suura Ash-Shams 91:9-10

Kana jechuun dhugumatti milkaa’e namni Rabbii ajajamuun nafsee ofi kabajee, olkaase fi ifa baase. Dhugumatti hoonga’e namni Rabbiitti finciluun (cubbuu hojjachuun) nafsee ofi dhoksee, gadii xiqqeesse fi salphise. Namni cubbuu fi badii raawwatu nafsee ofii cubbuun xureessa, bakka ishii malu irraa cubbuun haguuge dhokse. Namoota irraa badii hojjateen dhokata. Salphinni hundii kan nama haguugu sababa cubbuu fi badii hojjachuutin. Injifannoo fi jabeenyi hundii kan argamu Rabbii ajajamuuni. Rabbiin akkana jedha:

Namni jabeenya fedhe (Rabbiin bira haa barbaadu). Jabeenyi hunduu kan Rabbiiti. Haasofni gaariin gara Isaa ol baha. Dalagaa gaariitu isa(haasawa gaarii) olfuudha. Isaan hojii gadheef tooftaa baasan adaba cimatu isaaniif jira. Tooftaan isaani inuma bada.” Suuratu Faaxir(35):10

12.Cubbuu fi badiin sammuu balleessa, ni qancarsa,ni hadoocha, ifa irraa haaqa. Yoo ifni irraa haaqame sammuun ni laamshofti, duwwaa taati. Sammuun waa qabachuun itti ulfaata.

Miidhaa cubbuu fi badiin Amantii irratti fidu

1.Cubbuun tokkoo cubbuu biraa harkisa, kan biraa facaasa, kan biraa dhala akkuma hojiin gaariin hojii biraa harkisuu fi dhalu. Yommuu gabrichi hojii gaarii hojjatu hojiin gaariin biraa duuban anallee hojjadhu jetti. Tan lammatas anallee hojjadhu jetti hanga hojiin tunniin wal hortee baay’attu fi mindaa gaarii argamsiistutti. Cubbuunis haaluma kanaani. Namni yommuu hojii gaarii hojjachuu itti fufuu fi jaallatu Rabbiin malaykaa isa jajjabeessitu fi kakaastu rahmataa Isaatin itti erga.

Akkasumas namni akkuma hojii badaa hojjachuu itti fufuu, jaallatuu fi ishiif hidhamaa ta’uu Rabbiin sheyxaana hojii badaa kana irratti isa jabeessu itti erga. Addunyaa keessa wanta hanga sheeyxaana diina namaa ta’e ni jiraa sila? Diinan walitti hiriyyoomu caalaa wanti nama hoongessu ni jiraa sila? Kanaafu badii hojjachuu irraa fagaachu qabna.

2.Sababoota gurguddoo Rabbii akka hin ajaajamne nama taasisan keessa cubbuu fi badii hojjachuudha. Cubbuun karaa hojii gaarii cufa. Yommuu gabrichi cubbuu fi baditti lixu ibaada Rabbii irraa mi’aa dhaba. Musliimni dhugaan amane cubbuu fi badii gosa kamiyyuu dhiisu qaba. Namoonni baay’een cubbuu xiqqoodha jechuun hojjachuu itti fufu, xiyyeefannoo itti hin kennan. Dhugumatti badii xixiqoo sanniintu ibaada irratti dadhaboo akka ta’an isaan taasisa. Kuni adabbii guddatti nama geessa. Adabbiin guddaan ibaada fi imaana irraa mi’aa dhabuudha.

3.Cubbuu fi badiin Rabbiin birratti namticha salphataa fi wayittu kan hin lakkawwamne taasisa. Namni Rabbiin biratti salphate eenyullee isa hin kabaju. Jaalala namoonni isaaf qaban Rabbiin qalbii isaani irraa haaqa. Akka isa salphisanii fi jibban taasisa.  Rabbiin (Subahaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

وَمَن يُهِنِ اللَّهُ فَمَا لَهُ مِن مُّكْرِمٍ ۚ إِنَّ اللَّهَ يَفْعَلُ مَا يَشَاءُ

“Nama Rabbiin isa salphise namni isa kabaju hin jiru. Dhugumatti Rabbiin waan fedhe hojjata.” Suurat Al-Hajj:18

4.Cubbuu fi badiin abaarsi Rabbii, malaaykota fi Ergamaa Isaa (SAW) akka namatti bu’u taasisa.

5.Cubbuu fi badiin hariiro gabricha miskiina waa hunda barbaadu fi Gooftaa olta’e, jabaa fi dureessa ta’e jidduu jiru kuta. Yommuu hariiron kuni citu sababoonni keyrii hunduu ni citu. Sababoonni gosoota sharrii hundii walqabatanii namtichatti bu’u. Yommuu gabrichi cubbuu fi baditti lixuun Gooftaa isaa dagatu, Rabbiin nafsee isaa tan wanta baditti isa ajajjuu fi sheyxaanatti dhiisa. Rabbiin akkana jedha:

Yaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaa. Lubbuun kamuu waan boruuf dabarfatte haa ilaaltu. Ammas Rabbiin sodaadhaa. Dhugumatti, Rabbiin waan isin hojjattan hundaa keessa beekadha. Akka warra Rabbiin dagannaan lubbuu isaani isaan dagachiise hin ta’inaa. Isaan warra finciltootadha.” Suurat Al-Hashr:18-19

Rabbiin warroota amanan akka Isa sodaatan ajaja, ibaada Isaa dagachuu irraa isaan dhowwa.  Namoota Isa sodaachu dhiisan adabbiin isaani of dagachuu akka ta’ee beeksisa. Kana jechuun warroonni of dagatan of foyyeessu, wanta azaaba(adabbii) hamaa irraa isaan baraaru, wanta jireenya gaarii, mi’aa, qananii fi gammachuu zalaalami isaan jiraachisu irraanfatan. Akkuma isaan Rabbiin dagatan Rabbiis isaan dhiise.

6.Cubbuu fi badiin jibbinsa Rabbii namatti fida. Rabbiin namoota badii raawwatan gonkumaa hin jaallatu. (İlaali Suura An-Nisaa:36, Suura Al-Qasas:76,77, suura Al-Baqaraa:276, Suura Ali-Imraan:32 fi suurale biroo).

Miidhaa cubbuu fi badiin qaama irratti fidu

1.Cubbuu fi badiin qaama laaffisa. Mu’iminni akkuma imaanni isaa jabaa ta’uun qalbii fi qaamni isaa jabaata adeema. Namni cubbuu raawwatu osoo qaamni jabaa ta’eyyuu qalbiin isaa haajaa ofii bahuu irratti laamshodha. Seenaa Islaama keessatti dirree waraana mee haa ilaallu. Muslimoonni lakkoofsi isaani xiqqoo ta’an garuu qalbiin isaani imaanan jabaatte ergasii qaamni jabaa ta’ee mushrikoota fi kaafiroota lakkoofsan baay’ee ta’an injifataniiru. Dhugumatti cubbuun qaama butucha. Ijjannoo fi murannoo akka hin qabaanne nama taasisa, dadhabbii namatti facaasa. Dhukkubni adda addaa sababa cubbuutin nama haleela. Akka fakkeenyatti HIV Edsii.

2.Cubbuu fi badiin adabbii shari’aa namarratti akka darbuu taasisa. Fakkeenyaf nama zinaa raawwatu garafamuu yookiin ajjeefamu (yoo kan fuudhe/heerumte ta’e/taate).

3.Cubbuu fi badiin addunyaa fi aakhiratti qaama irratti daraara fi gadadoon akka gahuu taasisa.

Miidhaa Cubbuu fi badiin rizqii irratti fidu

1.Sababoota gurguddoo rizqiin akka dhabamuuf yookiin hir’atuuf ta’an keessa cubbuu fi badiidha. Akkuma taqwaan rizqii (soraataf) sababa guddaa ta’u. Taqwaa (Rabbiin sodaachu) dhiisun hiyyummaaf karaa bana. cubbuu dhiisun immoo rizqiif karaa bana. Rabbiin (Subahaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

Namni Rabbiin sodaatu (Rabbiis) karaa bahiinsaa isaaf godha. Bakka inni hin yaadin irraayis isa soora. Nama Rabbii irratti hirkatuuf Inni isaaf gahaadha. Dhugumatti Rabbiin ajaja isaa bakkaan gahaadha. Dhugumatti Rabbiin waan hundaafu hanga sirraawaa taasiseera. “Suurat Ax-Xalaq:2-3

2.Cubbuu fi badiin qananii amma nama harka jiru balleessu, akkasumas qananiin itti fufinsa akka hin qabaanne dhowwiti. Kana jechuun qananiin amma harka jirtu harkaa fudhatamti, adabbiin itti bu’a. fakkeenyaf namticha nama Rabbii ajajamu, galata galchuuf kan ta’u yoo ta’ee. Ergasii yommuu qananii argatu Rabbitti kan kafaru, kan hin ajajamneef, galata kan hin galchineef, cubbuu fi badii kan raawwatu yoo ta’ee, qananiin isaa dhiyootti harkaa fudhatamti yookiin adabbiin hamaan itti bu’a. namoonni gariin namoota kafaran ilaalani dhama’u. Kunoo osoo badii meeqa hojjatanuu fi Rabbitti kafaranii jiranuu, qananiin akkanatti itti dhangalaati jechuun dhama’u. Rabbiin nama cubbutti lixe yommuu qananii itti baay’isuu jaallate osoo hin ta’iin yeroo isaa kenne boodarra adabbii hamaan isa qabuufi. Kasaran kana caalu ni jiraa ree?

3.Cubbuu fi badiin sababoota barakaa dhowwan keessaa tokko. Sababa badii ilmi namaa hojjatuun roobni dhabama, hoongen lubbu qabeenyi miiti. Namni yommuu daldala keessatti nama sobuu, daldala isaa keessaa barakaa dhaba. Kanaafu jireenya keessatti barakaa yoo barbaanne cubbuu fi badii irraa haa fagaannu.

Miidhaa cubbuu fi badiin dhuunfaa irraan gahu

Cubbuu fi badiin namtichi irratti dhimoota isaa jabeessu. Namtichi rakkinna keessa seena. Carraa baay’ee itti dhiphisu. Sheyxaana namaati fi jinni harkatti galfata. Addunyaa fi aakhiratti adabbii hamaaf saaxilama. Addunyatti jireenya dhiphoo fi cinqii jiraata. Aakhiarratti immoo ibiddaa hamaan dararama.

Lapheen (qomti) nama ni dhiphatti. Sababni guddaan qoomti nama akka dhiphattu taasisu Rabbii irraa garagalu fi qalbiin Rabbiin ala kan biraatti rarra’uudha. Zikrii fi jaalala Rabbii dagachuudha. Kuni nama hundaafu ifa. Jaalalli duniyaa tanaa fi dubartii/dhiira hangam akka nama miidhu namuu ni hubata.

Kanaafu hundii keenya badii fi cubbuu dhiisun gara Rabbii haa deebinu. Insha Allah torbaan hanga kutaa itti aanun walitti deebinutti Assalamu aleykum wr wb.

Tawbaa-Balbala Jijjiramaa fi Gammachu-Kutaa2ffaa
Daandii Haqaa
Kana Raabsi

2 comments

Leave a Reply

Your email address will not be published.