Xurree Milkaa’inna fi Gammachuu-Lakk.5

Barruun tuni barreefamoota gaggabaabo ji’a Eebla (April) 2016 fuula Fesbuuki Jireenya Badhaatu irraa walitti kuufamteedha.

Dhugumatti jireenyi toltuu fi baay’een hiyyummaa yookiin hanqinna caalaa qormaatan cimtudha. Yommuu qabeenyi baay’attu fi lafarra yaatu qalbiin akka dhagaatti jabaatti, of gadi qabuun itti ulfaata kan Rabbiin rahmata godheef malee. Copha imimmaani Rabbii jedhanii ija keessa gadi dhangalaasun ni ulfaata. Meeqa kamtu jiraa yeroo qabeenya hagaa qabu Rabbiin sirritti osoo gabbaruu ergasi yommuu qabeenyi baay’attu Rabbiin irraa garagale. Baay’inna qabeenyatin faahishan (wanti fokkuu fi jibbisiisan) babal’ataa jiru. Kanaafu baay’inna qabeenyatiif dharra’uun dura badii qabeenyi qabdu sirritti hubadhu. Akkuma hiyyumma sodaattu balaa qabeenyan dhufus sodaadhu. Osoo qalbiin tee sababa baay’inna qabeenyatin gogde fi yaadannoo Rabbii irraa garagalte, balaan kana (gogiinsa qalbii) caalu ni jiraa sila? Read more

Gufuwwan Tawbaa

Ilmi nama jireenya isaa keessatti badii fi dogongoratti osoo hin kufin hin hafu. Badii fi dogongora kanniin keessaa bahuun jireenya ofii akka foyyefatu balballi tawbaa isaaf baname jira. Carraa kanatti fayyadame yeroon yoo tawbate fi jireenya ofii foyyeesse dhugumatti namni suni qaroodha. Gara biraatin immoo carraa kanatti osoo hin fayyadamin namni hafe, mataa ofii malee eenyullee hin ajiifatu (hin waqqasu).  Fakkeenyaf mootummaan gamoo (kondominiyeemi) ijaare, ergasii namoonni akka fudhataniif carraa bana. Carraan kuni yeroo hundaa kan turu osoo hin ta’in yeroo dhumaa (deadline) qaba. Namni ulaagaale sirrii guute yoo carraa kanatti fayyadame Insha Allah mana san ni argata yoo mootummaan haqaan kan hojjatu yoo ta’e. Namni carraa kanatti osoo hin fayyadamin “boru biiroo nan deema, boru biiroo nan deema“osoo jedhu yeroon jala darbee mataa ofii malee eenyuun ajiifata ree? Read more

Xurree Milkaa’inna fi Gammachuu-lakk.4

Shakkii fi yaadota hin barbaachisneen of hin dhiphisin. Yommuu nama nagaha wanta badaan shakkitu, wanta hin jirre arguuf carraaqa jirta. Sheyxaanni sitti dhufuun yaadota hin barbaachisne fi fuudhatama hin qabne sitti haasasa. Ergasii ni yaaddofta. Wanta hin jirreen of dhiphista. Yeroo kanatti jedhi,,” A’uzu billahi mina sheytaani rajim”Asi badii. Yookiin immoo nama nagaha wanta badaan shakkitu san du’aayi godhiif. Jedhi,”Yaa Rabbii badii kanarraa isa/ishii tiksi.” Dabalataanis jette jette nama irraa guurun mataa of hin dhukkubsiin. Nama jette jette sitti fidu irraa dheessi. Kunniin karaa shakkii badaa irraa ittiin baraaramtudha. “Shakkiin dubbii sobaati.” Read more

Xurree Milkaa’inna fi Gammachuu-lakk.3

Barruun tuni barreefamoota gaggabaabo ji’a Bitootessa (March) 2016 fuula Fesbuuki Jireenya Badhaatu irraa walitti kuufamteedha.

Hanga fedhan namoonni cubbuu/badii haa raawwatan, isaan hin hordofin hin akkeessin. Namoonni baay’een sababa akkeessutin cubbuutti kufu. Akkana siin jechuu danda’u,”Namni hunduu jaalalle dubartii/dhiiraa qaba. Kana namni hunduu ni hojjata. Ati nama addaati? Dargaggummaa keetti fayyadami. Yoo amma of hin bashanansiisin yoom of bashanansiisuf? Rakkoo hin qabu boodarra ni tawbatta, Rabbiin gafurrahimi….” Hanga isaan hordoftu haala kanaan si sossobu. Namoonni kunniin sheyxaana namaati irraa garagali,wanta isaan jedhan gonkumaa hin dhagahin. Read more

Zinaa(Sagaagalummaa)-Daandii Badii

Zinaa (sagaagalummaa) jechuun nama tokko waliin osoo seeran wal hin fuudhin wal qunnamti saala waliin raawwachuu jechuudha. Zinaa bakka lamatti qoonne ilaalu dandeenya. Tokko dubartii fi dhiirri hin heerumne/ hin fuune wal jiddutti raawwachu afaan ingiliffaatin ‘Fornication’ isa jedhamu yoo ta’u kan lammataa immoo dubartiin heerumte fi dhiirri  fuudhe wal jiddutti seeran ala raawwachu yookiin lamaan keessaa tokko kan hin fuune/heerumne kan fuudhe/heerumte waliin sagaagallummaa raawwatamuudha. Kunis afaan ingiliffaatin Adultery jedhama. Zinaan gosa kamiyyuu fi karaa kaminuu raawwatamu jibbamaa fi fokkuudha. Fokkinnaa irraa kan ka’e Rabbiin akka itti hin dhiyaanne nu akeekachisa. Read more

Xurree Milkaa’innaa fi Gammachuu-lakk.2

Barruun tuni barreefamoota gaggabaabo ji’a Guraandhala (February) 2016 fuula Fesbuuki Jireenya Badhaatu irraa walitti kuufameedha.

Boqonnaa sammuu
Dubbii madaalawa- akkuma baay’iste dubbattuun akkasuma boqonnaa sammuu dhabda. Sammuun oduu hin barbaachisneen ni qisaasa’a. Yommuu nama tokko hamannu ykn maqaa balleessinu gammachu waan argannu nutti fakkaata garuu jireenya keenya balleessa fi cubbuu keessatti borcamaa jirra. Yeroo muraasan booda gaabbi laalessaa fi gadda nutti fida. Hamni fi maqaa balleessun jibbaafi shakkii qalbii keenya irratti darba. Ergasi wanta nu hin galchineef ni dhiphanna, boqonnaa sammuu ni dhabna. Read more

Tawbaa-Balbala Jijjiramaa fi Gammachu-Kutaa2ffaa

Cubbuu fi badiin hangam miidhaa guddaa akka geessu torbaan darbee ilaaluuf yaalle turre. Cubbuu fi badiin gara Rabbiitti dhiyaachun gammachuu fi milkaa’inna daangaa hin qabne akka hin arganne haguuggi(girdoo) ta’a. Yommuu girdoon kuni ka’uu ilmi nama gammachuu fi milkaa’inna dhugaa argata. Ilmi nama dogongore cubbutti kufuun balbala gammachuu fi milkaa’inna ofirratti cufuu danda’a. Balbala isatti cufamee fi girdoo isaa fi gammachuu jiddu jiru kaasuf karaan hundarra gaarii fi tokkichi gara Rabbii dhugaan tawbachuu (deebi’udha). Sababni isaas, gammachuu fi milkaa’inni dhugaan kan argamu Rabbii irraayi. Ilmi namaa hanga fedhe gammachuu fi milkaa’inna argachuuf haa carraaqu yoo Rabbiin balbala rahmata hin bananiif gonkumaa wanta yaade san argachuu hin danda’u. Read more