Tawbaa-Balbala Jijjiramaa fi Gammachu-Kutaa2ffaa

Cubbuu fi badiin hangam miidhaa guddaa akka geessu torbaan darbee ilaaluuf yaalle turre. Cubbuu fi badiin gara Rabbiitti dhiyaachun gammachuu fi milkaa’inna daangaa hin qabne akka hin arganne haguuggi(girdoo) ta’a. Yommuu girdoon kuni ka’uu ilmi nama gammachuu fi milkaa’inna dhugaa argata. Ilmi nama dogongore cubbutti kufuun balbala gammachuu fi milkaa’inna ofirratti cufuu danda’a. Balbala isatti cufamee fi girdoo isaa fi gammachuu jiddu jiru kaasuf karaan hundarra gaarii fi tokkichi gara Rabbii dhugaan tawbachuu (deebi’udha). Sababni isaas, gammachuu fi milkaa’inni dhugaan kan argamu Rabbii irraayi. Ilmi namaa hanga fedhe gammachuu fi milkaa’inna argachuuf haa carraaqu yoo Rabbiin balbala rahmata hin bananiif gonkumaa wanta yaade san argachuu hin danda’u.

Namni cubbuu fi baditti kufuu irraa of eeguf karaan tokkochi fi tokkichi Rabbiin sirritti qabachuudha. Kana jechuun ajaja Isaatti buluu fi wantoota Inni dhowwe irraa dhowwamuudha. Ajaja Isaatti buluu fi haraama irraa eeggamuuf yeroo hundaa Rabbiin gargaarsa fi eeggumsa kadhachuu qaba. Nafsee fi sheyxaanni diina garmalee hamaa ta’aniidha. Diina kana irraa eeggamuu fi moo’atuuf gara Rabbii yeroo hundaa deebi’udha. Battaluma namtichi Rabbirraa garagaluu diinni kuni qabee isa balleessa.

Eeti ilmi nama Rabbiin dagate cubbuu fi baditti kufuu danda’a. sababa cubbuu fi badii kanaatin nafsee fi jireenya ofii miidha. Karaa miidhaa jala itti bahuuf barbaaduf karaa adda addaa qorata. Kunoo karaan ati barbaaddu kana. Yoo karaa kana qabatte hojii irra oolchite Insha Allah jeequmsa, miidhaa cubbuu(dillii) jalaa bahuun gammachuu fi milkaa’inna ni argatta. Karaa kana mee haa jalqabnu.

Hiikkaa Tawbaa

Tawbaa jechuun ajaja Rabbiitti buluu diduu fi daangaa Isaa darbuu irraa gara Isaa ajajamuutti, ajaja Isaatti buluu, qajeelcha Isaa qabachuu, araarama Isaa kajeelu, jaalala Isaa barbaadutti deebi’uudha.”1 Tawbaa jechuun jireenya fokkuu irraa gara jireenya gaarii haarawaatti jijjiramuudha. Tawbaa jechuun mooraa sheyxaanaa badii, cinqii, jeequmsa fi kan kana fakkaataniin guuttame erga seenanii booda gara mooraa Rabbii kan nageenya, tasgabbii fi gammachuun guuttame keessa seenudha. Kanaafu mooraa nageenya fi tasgabbiin guuttame keessa seenu eenyutu dida ree? Karaan tokkichi balbala mooraa kanaa itti banannu tawbaa fi istigfaara. Gara Rabbii deebi’uun (tawbachuun) milkii fi gammachuu argachuudha. Rabbiin (Qulqullaa’e fi olta’e) akkana jedha:

وَتُوبُوا إِلَى اللَّهِ جَمِيعًا أَيُّهَ الْمُؤْمِنُونَ لَعَلَّكُمْ تُفْلِحُونَ

Yaa mu’imintoota! Akka milkooftaniif hundii keessanu gara Rabbii tawbaan deebi’aa.” Suuratu Nuur:31

Hiikkaa Istigfaara (Araaramaa)

“Istigfaara jechuun Rabbiin irraa araarama barbaadu, Rabbiin cubbuu darbee akka namaa dhoksuu ykn haguugu fi haaqu kadhachuudha. Sababa cubbuu saniin akka nama hin adabne itti warwaachudha. Rabbiin gara haqaatti akka nama qajeelchu erga kadhatanii booda wanti garmalee barbaachisa namni tokko kadhachuu danda’u araarama(istigfaara)- kana jechuun Rabbiin cubbuu darbee akka nama araaramu kadhachuu fi ibidda jahannam irraa nama baraarun gara Jannata akka nama seensisu itti warwaachudha.Yommuu namni tokko badii hojjatee dhugaan Rabbiin irraa araarama barbaadu, Rabbiin ni araaramaaf ” 2  Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

4:110

Namni hamtu hojjate yookiin lubbuu ofii miidhee ergasii Rabbiin araarama kadhate, Rabbiin araaramaa, Rahmata godhaa ta’uu arga.” Suura An-Nisaa:110

Namni hojii hamtuu xiqqaa fi guddaa hojjate yoo gara Rabbii deebi’ee araarama kadhate, Rabbiin ni araaramaaf.

Gabaabummatti tawbaa jechuun gara Rabbii deebi’u yoo ta’uu Istigfaara jechuun immoo Rabiin irraa araarama kadhachuudha.

Ulaagaalee tawbaa 3

Jireenya keessatti gammachuu fi milkaa’inna galmaan gahuuf ulaagaale fi karaa hordofan qabaachuu qaba. Tawbaan furtuu balbala gammachuu fi milkaa’inna ittiin banan jenne jirra. Furtuun tuni yoo ilkaan hin qabaatin balbala banuu hin dandeessu. Tawbaaf ilkaan kan ta’an hayyoonni Musliimaa seena keessatti ulaagalee Qur’aana fi Sunnaah Ergamaa Rabbii irratti hundaa’e lafa kaa’ani jiru. Isaan keessaa:

1.Iklaasa

Nafsee teenya gabrummaa fedhii ishiiti fi sheyxaana jalaa baasuf karaan hundarra caaluu Rabbiin yaadachuudha. Karaa sheyxaanni ittiin nama gowwomsuu keessaa tokko ‘Rabbiin akka dagatan’ gochuudha. Yommuu namtichi Rabbiin dagatu, sheyxaana fi nafsee ofiitif hidhamaa ta’a.

Rabbiin yaadachuun gammachuu, tasgabbi fi nageenya nama harkaa miliqee deeffachuudha. Eeti dagachuun amala ilma namaati. Rabbiin dagachuun yookiin seera Isaa wallaalun cubbutti kufuu danda’a. Badii itti kufee kana keessa bahuuf furmaanni jalqabaa gara Rabbii deebi’uudha.

Ulaagan tawbaa jalqabaa iklaasa. Namtichi cubbuu fi badii san kan dhiisu nama sodaate yookiin fayyaa isaa miidhaa waan jiruuf osoo hin ta’iin Rabbii jedhee dhiisu qaba. Fakkeenyaf namni tokko zinaa (sagaagalummaa) raawwachuun fayyaa isaa waan miidhef raawwachu yoo dhiise, kuni tawbaa hin jedhamu. Sababni isaas, Rabbiif osoo hin ta’iin sababa biraatif dhiise. Kanaafu namni tokko cubbuu fi badii irraa tawbachuuf, Rabbiif jedhee wanta badaa san dhiisu qaba. Sababni isaas, cubbuu fi badii kan araaramu Rabbiin qofa. Namtichi cubbuu hojjachuu dhiise yoo araarama Rabbiin irraa hin kadhatin, Rabbiin akkamitti araaramaaf? Rabbii jedhanii cubbuu dhiisun Rabbitti akka warwaatanii fi araarama kadhatan nama taasisa. Rabbiin warroota tawbaan isaani qeebalamtu yommuu kaasu akkana jedha:

3:135

“Isaan warra yeroo waan fokkataa hojjatan yookiin lubbuu ofii miidhan Rabbiin yaadatanii badii/cubbuu isaanitiif araarama gaafataniidha. Rabbii malee eenyutu badii/cubbuu araaramaa? Isaan osoo beekanu waan hojjatanirra (cubbuu ofitirra) kan hin turreedha.” Suuraa Ali Imraan(3):135

Wanti aaya tana irraa barannu Rabbiin malee kan cubbuu araaramu eenyulle hin jiru. Fakkeenyaf akka kiristaanota namni tokko sagaagalummaa raawwate osoo Paappasii ykn qeysii bira deeme, cubbuun isaa akkamitti araaramaaf? Sababni isaas, jeequmsa fi miidhaa cubbuun namarratti fidu haaqu fi kaasu kan danda’u Rabbii qofa. Rabbii qofatu nageenya fi tasgabbii qalbii namaa kenna. Ilmi namaa gonkumaa qalbii namaa irratti angoo hin qabu. Tasgabbii fi nageenya namaa hin fidu.

Barnoonni lammataa aaya tana irraa barannu cubbuu kamiyyuu erga raawwatanii booda dafanii gara Rabbii deebi’anii araarama kadhachuudha. Rabbiin irraa araarama yoo hin kadhatin cubbuun tokkoo cubbuu biraa dhala. Wal horuun nama balleessa.Tawban teenya fudhatama akka argattuuf osoo beeknu cubbuu keenyarra turu hin qabnu. Yoo kan turru taane tawbachuun boodarra garmalee ulfaata.

Shaakala 1: badii fi cubbuu tanaan dura hojjatte yaadadhu. Yoo dandeesse yaadannoo kee irratti tarreessi. Cubbuu fi badii kee eenyutillee hin himin. Miidhaa cubbuu fi badiin ati hojjataa turte sirraan gahe yaadadhu, xinxalli. Yoo yaadachuun sitti ulfaate, ‘Tawbaa: Balbala Jijjiramaa fi Gammachuu-kutaa 1ffaa” irra deebi’i dubbisi. Achi keessa miidhaa kamiin miidhamaa akka jirtu irra sarari yookiin katabi. Miidhaa kana hunda erga xinxalliteen booda, ‘Amma Rabbii jedhee badii kana hundaa dhiisu qaba.’jechuun tarkaanfi jalqabaa tarkaanfadhu. Kanaafu tarkaanfi jalqabaa kee ‘Iklaasa (Rabbii jette, Jalala Isaa argachuu fi adabbii Isaa jalaa bahuuf)” badii hojjataa turte dhiisudha, namoonni akka si arganiifi miti ykn riyaaf (na argaaf) ta’uu hin qabu. Tawban kee Rabbii qofaaf ta’uu qaba.  Tarkaanfiin itti aanu…

2.Hatamtamaan gara Rabbii deebi’uu

Ulaagan lammataa tawbaaf ilkaan ta’uu hatamtamaan gara Rabbii deebi’udha. Miidhaa cubbuu erga tarreesinee fi hubanne booda, ammallee dukkana kana keessa jiraachu itti fufuun nuuf ni ta’aa ree? Wanta hojjataa jirru badaa ta’uu erga beekne booda, Rabbirraa araarama kadhachuuf wanti duubatti nu harkisuu maaliidha ree? “Tawbaa gara funduraatti dabarsuun kan maddu yookaa cubbuu san keessa turuuf fedhii qabachuu yookiin immoo Rabbiin araaramu yookiin araaramu dhiisu shakkuudha.” Cubbuu irra turuun tawbaa irraa nama haguuga. Boodarra tawbachuu ni ulfaata. Hatamtamaan gara Rabbii deebi’uun qeebalamuu (fudhatama argachuu) tawbatiif ulaagaa akka ta’ee Qur’aana keessatti haala kanaan Rabbiin mirkaneessa:

4:17

Tawbaan qeebaltiin ishee Rabbiin irra jiru warra wallaalan hamtuu hojjatanii ergasii dhiyootti tawbataniifi. Warra san Rabbiin tawbaa isaanii irraa qeebala. Rabbiinis Beekaa, Ogeessa ta’eera.” Suura An-Nisaa(4):17

Warroota yommuu duuti itti dhufte “Amma tawbadhe” jedhanii fi kaafiroota ta’anii warra du’an tawbaan isaani tan hin qeebalamne ta’uu, Rabbiin aaya armaan olii itti aanu keessatti ifa godheera.

Shaakala 2: akkuma armaan olitti cubbuu fi miidhaa isaa tarreesite, amma gara Rabbii fiigudha. Rabbiin haala kanaan nu waama:

3:133

Gara araarama Gooftaa keessan irraa ta’ee fi gara Jannata warra Rabbiin sodaataniif qophoofte kan bal’inni ishee akka samii fi dachii taatetti ariifadhaa.” Suura Ali-Imraan(3):133

Rabbiin akka nu araaramun badii keenya fi azaaba irraa akka nu baraaru hin barbaannu sila? Maal eegna ree? Hanga yoomi badii fi cubbuu keessa turraa? Maaliif araarama fi Jannata Rabbii irraa duubatti harkifannaa? Eeti akkuma armaan olitti jedhame wallaalumaan cubbuu fi badii hojjanne ta’a. Amma cubbuu fi badii keenya itti fufu osoo hin ta’iin, wanta hojjanneef amanuun gara Rabbii deebi’uudha. Salaata kan hin salaanne yoo ta’ee ammuma jalaqabuudha. Sababni isaas, karaa salaatatiin Rabbiin irraa araarama kan barbaannu fi argannu.

Cubbuun kuni xiqqaadha jechuun hojjachuu itti fufu hin qabnu. Fakkeenyaf dubartii yommuu badhetti yookiin gazeexaa, Tv, interneeti fi kkf irratti ilaallu, dafne gara Rabbii deebi’u qabna. Cubbuu xixxiqaan kuni yommuu walirra tuulamu, qalbii dukkeessa, namticha balleessa.

Yommuu cubbuu xixxiqaa tanniin hojjattu zikrii tana afaani hin buufatin.

أَسْتَغْفِرُ اللَّهَ وَأَتُوبُ إِلَيْهِ

Astagfirullah wa atuubu ileyh

“Rabbiin irraa araarama barbaada, gara Isaatti deebi’a.”jedhii

Yookiin immoo

أَسْتَغْفِرُ اللَّهَ الْعَظِيمَ الَّذِي لاَ إِلَهَ إِلاَّ هُوَ الْحَىَّ الْقَيُّومَ وَأَتُوبُ إِلَيْهِ

Astagfirullahal-`Aẓim allazī laa ilaaha illaa huwal-Ḥayyul-Qayyuumu wa atuubu ileyh.

Rabbii Guddaa, haqaan gabbaramaan Isa malee kan hin jirre, yeroo hundaa Jiraata, Al-Qayyuum kan ta’ee irraa araarama barbaada, gara Isaatti deebi’a (tawbadha). “

Salaata erga xumurteen boodas Rabbiin irraa araarama osoo hin kadhatin utaalte hin bahiin. Salaata erga xumurteen booda du’aayiwwan tanniini fi tan biroo afaani hin buufatin.

 رَبَّنَا فَاغْفِرْ لَنَا ذُنُوبَنَا وَكَفِّرْ عَنَّا سَيِّئَاتِنَا وَتَوَفَّنَا مَعَ الْأَبْرَارِ

Rabbanaa faghfir lanaa zunuubanaa wa kaffir annaa sayyi’aatinaa wa tawaffanaa ma’al abraar.

Gooftaa keenya! badii keenya nuuf araarami; hamtuwwan keenyas nurraa harcaasi; warra qulqulluu wajjinis nu ajjeesi. Suura Ali-Imraan: 193

رَبَّنَا ظَلَمْنَا أَنفُسَنَا وَإِن لَّمْ تَغْفِرْ لَنَا وَتَرْحَمْنَا لَنَكُونَنَّ مِنَ الْخَاسِرِينَ

Rabbanaa zalamnaa anfusanaa wa il lam tagfir lanaa wa tarhamnaa lana kuunanna minal-khaasiriin.

Gooftaa keenya! Lubbuu teenya miine jirra. Yoo Ati nuuf hin araaraminii fi rahmataa nuuf hin godhin, nuti dhugumatti warra hoonga’an irraa taana.” Suura Al-A’araaf:23

Du’aayiwwan akkam bareedanii! Kanaafu du’aayiwwan kana haffasuu fi hojii irra oolchun gara Rabbiitti deebi’u dandeenya. Yommuu du’aayi gootu qalbii fi arraba walitti qabsiisi. Wanta jettuuf hiika isaa irratti xinxallaa jedhi. Du’aayin fudhatama kan argattu yommuu qalbii fi arraba wal qabsiisaniidha. Rabbiin du’aayi tee akka qeebalu abdadhu.

Du’aayi adda addaa Qur’aana fi hadiisa keessa jiran sammutti qabachuun salaata booda jedhi. Fakkenyaf, kanneen Qur’aana irraa Al-Baqaraa:201, Al-Baqaraa:286, Ali-Imraan:8-9, Ali-Imraan:16,147,191-194, Al-A’araaf:126 fi kkf.

3.Hatamtamaan cubbuu dhaabu

Osoo cubbuu hojjachuu itti fufanuu tawbaa dhugaa tawbadhe jechuun hin danda’amu. Tawbaan fudhatama argachuuf guutumaan guututti hojii badaa hojjatan san dhaabu barbaachisa. Akkuma armaan olitti jenne hiikni tawbatu hojii badaa dhiisanii gara Rabbii deebi’uudha. Aaya armaan olii keessatti akkuma Rabbiin jedhe:

“Isaan osoo beekanu waan hojjatanirra (cubbuu ofitirra) kan hin turreedha.” Suuraa Ali Imraan(3):135

Kanaafu osoo beekanu cubbuu irra turuun ilkaan tawbaa dugulcha yookiin cabsa. Namni akkuma cubbuu itti fufuun qalbiin fi jireenyi isaa dukkanoofti.

Ergamaan Rabbii(SAW) akkana jedhan:
إِنَّ الْعَبْدَ إِذَا أَخْطَأَ خَطِيئَةً نُكِتَتْ فِي قَلْبِهِ نُكْتَةٌ سَوْدَاءُ فَإِذَا هُوَ نَزَعَ وَاسْتَغْفَرَ وَتَابَ سُقِلَ قَلْبُهُ وَإِنْ عَادَ زِيدَ فِيهَا حَتَّى تَعْلُوَ قَلْبَهُ وَهُوَ الرَّانُ الَّذِي ذَكَرَ اللَّهُ‏ ‏(‏ كلاَّ بَلْ رَانَ عَلَى قُلُوبِهِمْ مَا كَانُوا يَكْسِبُونَ ‏)‏

Yommuu gabrichi cubbuu hojjatu, tuqaan gurraattin qalbii isaa irratti mul’atti. Yoo cubbuu dhiisee, Rabbiin irraa araarama barbaade fi tawbate, qalbiin isaa ni qulqulloofti. Garuu yoo cubbutti deebi’e, hanga qalbii isaa guutuu haguugdutti tuqaan suni ni guddatti. Suni kan Rabbiin jedhe, ‘Raan”idha. (Haa dhorgaman! Dhugumatti wanti isaan hojjataa turan qalbii isaani haguuge.) Suura Al-Muxafifiin(83):14 “ (Ahmad fi Ibn Maajah gabaasan)

Kanaafu yoo cubbuu hojjachuu itti fufne qalbii teenya haguugun wanta nu fayyaduu fi nu miidhu addaan baasu dadhabna. Akkuma bishaani fi qilleensi sibiila daandee’essu cubbuunis qalbii daandi’eessa.

Shaakala 3: Ammas Rabbiin badii ifaa fi dhokataa akka dhiisnu haala kanaan nu affeera.

6:120

Badii ifa bahaa fi dhokataa isaas dhiisaa. Dhugumatti warroonni cubbuu hojjatan wanta raawwataa turaniif fuulduratti ni adabamu.” Suura Al-An’aam:120

Kanaafu adabbii Rabbii jalaa bahuuf furmaanni keenya gara Rabbii tawbaa dhugaan deebi’udha. Yoo gara Rabbii tawbaa dhugaan deebine adabbiin armaan olii waadaa galame nurraa hafa. Ta’uu baannan yoo cubbuu hojjachuu itti fufne, adabbiin ni dhufa.

Hariiro haraama kan uumnu yoo ta’ee, “Hayyee ammaan booda jireenya jeequmsa fi badii kana itti fufu hin danda’u.” Jennee dhaabudha. Ribaan (dhalaa) fi nama gowwomsuun kan daldaallu yoo ta’ee, “Lakkii kuni ammaan booda na hin baasu, adabbii hamatti na oofaa jira, dallansuu Rabbii natti fidaa jira…”jenne dhaabudha.

Ulaagaaleen tawbaa hin xumuramne. Insha Allah torbaan itti fufna.


  1. Al-Imaanu haqiiqatuh, khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal jama’a.” (Fuula 600, Abdullahi ibn AbdulHamid Al-Asariyyi,)
  2.  Commentary on the Forty Hadith of An-Nawawi jildii 2 fuula 1312
  3. Salvation Through Repentance- Bilaal filips- Fuula 27-37
Tawbaa- Balbala Jijjiramaa fi Gammachuu-kutaa 3ffaa
Tawbaa- Balbala Jijjiramaa fi Gammachuu-Kutaa 1ffaa

2 comments

Leave a Reply