Xurree Milkaa’innaa fi Gammachuu- Lakk. 1

Barruun tuni walitti kuufama ji’a Amajjii (January) 2016 peejii jireenya Badhaatuti. Namoonni yommuu peeji kana dawwatan barreefama baay’ee hin argan. Sababa kanaaf isaani laaffisuuf kan ji’a tokko haala kanaan walitti qabame jira. Insha Allah kan ji’oota biroos itti fufa.

Ollaa kee hin rakkisiin
Gufuu dura hin dhaabin
Waa jala hin saamin
Qalbii isaani hin madeessin
Ijjoolle isaani hin miidhin
Maqaa hin balleessin
Haqni ollaa guddaadha
Hin darbin daangaadha
Beekadhu abaarsi isaani badaadha
Arraba kee irraa qabadhu
Ni baraaramta biyya lamaanittu
Harka kees irraa sassaabadhu
Ati quufte osoo bultuu
Ollaan kee beelan osoo du’uu
Sila ni gammaddaa yaa namaa?
Wanta qabdu isaanif qoodi
Ni argattaa ajrii

Qalbiin tee maal akka taate gaafadhu? Qalbii dhukkubsattuudha moo fayyaadha moo qalbii duute qabdaa? Qalbiin tee fayyaa yoo hin ta’iin, ishii fayyisuuf of ko’oomsi. Yoo fayyaa taate immoo bakka sirrii sanatti yookiin sanii olitti eeguf of ko’oomsi. Dhibeen qalbii asitti jechuu barbaanne kan akka waanyu,jibbuu,shakkuu,of tuuluu,tuffachuu fi kkf dha.

Namoota gammachisuf carraaqu irra Rabbiin gammachiisuf osoo carraaqne,silaa boqonnaa sammuu ni arganna,mi’aa imaana ni dhandhamna.

Yommuu wanti hunduu sitti dukkanaa’u, gara deemtu yommuu wallaaltu, gara Rabbii keeti deebi’i. Osoo namoonni hunduu si gatanii Inni si hin gatu. Yommuu ardiin sitti dukkanoofti wudu’adhu,gara salaata deemi. Rabbiin jalatti kufii kadhu, imimaan dhangalaasi. Badii fi cinqii keetif imimaan dhangalaasun ba’aa kee sirraa hir’isa, ardii dukkanoofte si ibsa.

Milkaa’inni adeemsa tarkaanfi takkaati miti. Milkaa’inni walitti kuufama tattaafi fi dogongora keetiti. Guyyaa, sa’aati, daqiiqaa hundaa akka carraaqxu si gaafata. Walitti kuufamni hawwii carraaqi hin qabne milkaa’inna ta’uu hin danda’u. Walitti kuufama carraaqitu milkaa’inna ta’a.

Yoo amanti kee Rabbiin irraa hin godhiin(tawakula yoo hin qabaatin), fundura keetif ni dhiphatta,kan si darbeef ni gaddita. Amantii kee Rabbirra godhii(Isarratti hirkadhu). Ergasii dhiphinnaa fi gaddaan nagahatti jedhiin. Ammarratti xiyyeefadhu. wanta dandeessu hojjadhu.

Namoota garii gowwaa fi wallaaladha jette tufachuu dandeessa. Garuu yeroo muraasa booda namoota kanniin bakka ati gonkumaa hin yaanne yommuu gahan argita. Galma hin amanamne galmaan gahu. Nuti gowwaa fi wallaala jenne haa ilaallu malee tarii inni diinota keessa isaa waliin qabsaa’a jira. Ergasii diinota moo’atun Rabbiin balbala milkaa’inna baneef. Osoo nuti “Ani isa caala” jennu, inni nu caale argama. Kanaafu namoota hin tufatin,gadi hin xiqqeessin. 

Akkuma imaanni kee dabalaa adeemun, akkasuma wanta xiqqotti quufte gammadda. Wantuma argiteef haafa’u hir’isaa adeemta. Kanaafu jireenya gammachuu jiraachuf imaana kee ol kaasi.

Nama taqwaa(sodaa Rabbii) qabuu gaa’ilaaf filadhu. Nama taqwaa hin qabne garuu midhaginnaa fi qabeenya baay’ee kan qabu yoo filatte, dhugumatti rakkoo duuban dhalatu baay’eedha. Gaa’illi qabeenya fi fedhii qofa irratti yoo hundeefame rakkoo baay’ee fida. Fedhiin jaalalati fi qabeenyi yoo dhumate ykn rakkoon yoo ol biqile, jireenyi gaa’ilaa maal ta’a? Dhugumatti taqwaan jireenya gaa’ilaa(fuudhaa heerumaa) kan itti fufu fi gammachuu godha. Lamaan isaanitu walitti hidha. Kaayyoo wal fakkaata akka horatan godha. Osoo wal hikkanuu kan umamu ta’ee, jarri lamaanu haala gaariin addaan bahu. Kuni wanta Qur’aanni itti nu ajajuudh. “Hiikkan yeroo lama. Sana booda haala gaariin qabachuu yookiin bifa gaariin gadi lakkisuudha.” 2:229

Yeroo tokko tokko sababa tokko malee ni aarta,ni dheekkamta. Abdii kutuu fi nuffiin sitti dhagahamu danda’a. Nama nagahatti lafaa kaate aaru dandeessa. Yeroo kanatti sheyxaanni akka gara dukkanaa fi dhama’uutti si harkisuu hin hayyamin. Sheyxaana abaarrame Rabbiitti mangafadhu. Abdii ifaa qabaadhu. Abdii ifaa fi gaarii jechuun wanta dandeessu hanga humna keeti hojjatte ergasi amanti kee guutu Rabbii irra gochuudha. Tawakkula qabaachudha. Namoonni gariin wanta hundaafu nama qeequ. Wanta isaan gammachiisu tokkollee hin jiru. Isaan gammachiisuf Hanga feete yoo xaarte, sitti hin gammadan. Gocha kee keessatti hir’inna baay’ee xiqqaa barbaadu. Yoo nama akkanaatif niiti/dhiirsa taate maal goota?( Kuni wanta deebii quubsa barbaadu InshaAllah mata dure gaa’ila jalatti qoranna) Namoota kanniinif wanta sirrii hanga humna keeti hojjadhuuf. Yeroo hundaa kan si qeeqan yoo ta’an, hamilen kee dubbii isaanitin hin cabin. Ofitti amanamummaa qabaadhu. Atillee wanta hundaaf nama kan qeequ hin ta’in. Wanta sirrii fi qabatamaa ta’eef qeeqi.

Jireenya kee keessatti mormii hin baay’isin. Yoo dogongorte dogongora kee amanii fudhu,dhiifama gaafadhu. Dogongorri kee hojii sirrii akka ta’ee mirkaneessuf hin mormiin. Yoo namni biraa dogongore immoo maaliif dogongorte jechuun mormii itti hin baay’isin. Wanti darbe darbee duubatti akka hin deebine beeki irra darbiif,gorsii. Kanaan ala mormii fi falmiin jireenya kee hin dhiphisin. Nama tokkorratti ol’aantumaa argachuufis hin mormiin, dhugaa itti geessuf yoo ta’ee malee. Ol’aantummaa argachuuf mormuun wanta bu’aa tokkollee hin buusnedha.

Karaa haraamatin walitti dhufu irra, akka Rabbiin gaa’ila keessan ariifachisu fi baraka keessa kaa’uf du’aayi godhi. Nama jaalatte tokko yoo jiraate garuu ammatti fuudhu/itti heerumu yoo hin dandeenye ta’e, Rabbiin badii irraa akka sii fi ishii/isa tiiksu kadhu malee karaa haraamatin itti hin deemin. Jedhii,”Yaa Rabbii fitnaa/qormaata hamaa irraa anaa fi isa/ishii tiiksi. Karaa halaala ta’een walitti nu fidi,sabrii/obsa nurratti dhangalaasi. Imaana isaa/ishii dabaliif. Imaana kiyyas naa dabali” Haala kanaan jireenya gaarii geggeessita. Amantaa kee guutuu Rabbirra kaa’i.

Hanga nama sirrii,yeroo sirrii ta’etti karaa halaalatin wal qunnamtu, obsi, qulqullummaa kee eegi. Takkaa chaati saala faallaa waliin interneeti irratti jalqabnaan, keessaa bahuun sitti ulfaata. Sababa kanaatin boqonnaa sammuu dhabda. Chaati yoo hin jalqabiin, jalqabuuf hin yaadin. Sheyxaanni akka jalqabdu si wasawasa(hasaasa). Garuu ofirrraa ittisi,obsi. Yoo duraan jalqabde, hindii isaa lafa qabachuun dura dafii addaan kuti. Tolee addaan kutun ni ulfaata jechuu dandeessa. Nama saniin hanga karaa halaalatin walitti dhufnu obsi jedhiin. Dhukkubbii jaalala yommuu dabartu jireenya gammachuu fi kabajaa jiraatta. Dhibee kana jala darbuuf arrabaa fi qalbii tee zikriin leenjisi. Zikrii fi du’aayin ala qoricha dhibee jaalala gonkumaa addunyaa keessatti argachuu hin dandeessu. Bakka kamiyyuu yommuu deemtu jedhii,” Subhanallah walhamdulillah wallahuakbar”, Astagfurullah wa’atuubu ileyih” fi zikriwwaan kana fi kan kana fakkaatan jedhi. Hiika ziikri jettu beekun arraba keetirra godhi. InshaAllah ergasi firii isaa ni agartaati.

Dhukkubaa fi hiyyummaan qofti qormaata miti. Qormaanni kana caalu fayyaa fi durummaadha. Rabbiin dhukkubaan,fayyaan, hiyyummaa fi durummaan nama qora/mokkora. Yeroo dhukkubaa fi hiyyummaa of gadi qabne Isatti akka warwaannu fi kadhannu, cubbuu irraa garagallee gara Isaatti akka deebinu, yeroo fayyaa fi durummaa immoo akka Isa Galateefannuf Rabbiin wantoota kanniinin nu qora. Rabbiin galateefachu jechuun afaaniin qofa Alhamdulillah (Rabbii galanni haa galu) jechuu qofa osoo hin ta’in fayyaa fi qabeenya Inni nutti kenne karaa sirrii Rabbiin jaallatutti itti fayyadamuu fi baasudha. Fayyaa osoo qabnu yoo Rabbiin gabbarre, qabeenya keenya sadaqaa kennuu fi amantii Isaa tumsuuf yoo hojii irra oolchine Rabbiin galeefachaa jirraa jechuudha. Ta’uu baannan garuu qabeenya fi fayyaa keenya bakkuma arginetti yoo itti taphanne Rabbii galata galchaa hin jirru jechuudha. Kanaafu durummaan sobame halaakamu irraa Rabbiin nu haa tiiksu. Namoota meeqatu durummaan daangaa Rabbii darbuun nafsee ofii miidha jiru! Sababa durummaatinii mitii faahishaan(wanti fokkuun) akkanatti addunyaa irratti baay’ate? Kanaafu qormaanni durummaa qormaata hiyyummaa akka caalu beekun of haa eeggannu. Qabeenya qabnutti fayyadamne daangaa Rabbii darbuu fi dirqama Inni nurra kaa’e dhiisu/dagachuu irraa of eggannoo haa goonu. Boru gaabbi hamaan akka nu hin gubne haa too’annu

Akkuma ergaa(message) baay’ee barreessituun, akkasuma boqonnaa sammuu dhabda. Sagalee telefoona piip,piip jedhuun ni jeeqamta. Nageenya fi tasgabbii jireenya kee keessatti dhabda. Hojii kee keessatti bu’aa xiqqaa buusta. Kanaafu garmalee ergaa barreessu irraa of baraari. Hiriyyoota si jeeqanii fi wanti faaydi hin qabne siif barreessan blooki godhi yookin haaqi. Gareewwan Facebook, viber whatsup fi kkf , si dhiphisuu, qo’annaa yookin hojii keetirraa xiyyeefannoo kee bittineessu malee homaa si hin daballe keessaa bahi. Wanta hamaan kana caale immoo yeroo kee wuddi tan taate gubu.

Yommuu faarfamtu, qalbii tee of tuulu irraa eegi. Yommuu namni tokko si faarsu sheyxaanni sanyii of tuulu/of jaju si keessa facaasa. Miira ol aantummaa fi of tuulu si keessatti gabbisaa adeema. “Waan jaallatamaa ta’eef ani namoota hundaa oli.” yaada jedhu of keessatti bilcheessu jalqabda. Yommuu faarfamtu qalbii tee akka fayyaa taatetti hin ilaalin. Qalbii dhibamte akka qabdu godhii of ajiifadhu/waqqasi. Akkana gochu baannan sheyxaanni salphatti si soba. Akkana ofiin jechuun of waqqasi,”Qalbii dhibamte akkami qabaa!, Maalinni tuni qalbiin dhukkubsatte!…” Garuu waqqasaa kana dhiiste ani qalbii fayyaa qaba yoo ofiin jette, sheyxaanaf balbala bal’aa banaafi jirta. Harka gubbaa sirratti argataa adeema,si moo’ata. Kanaafu faarsa,beekkamti fi sheyxaanan akka hin gowwomne of eeggannoo godhii. Rabbiin badii sheyxaana irraa akka si tiksu du’aayi godhi.

Hanga dandeessu beekkamaa ta’uu irraa dheessi. Sababa beekkamtitiin namoonni baay’een boqonnaa sammuu dhabuun dhiphinna keessa jiraatu. Yommuu dogongora raawwatan, sadarkaan kiyya ni hir’ata jedhanii waan yaadaniif dogongora ofii amanuu fi fudhachuun itti ulfaata. Humna ofiiti ol namoota gammachiisuf carraaqan. Yommuu namootan fudhatama hin argatin galaana dhiphinnaatti seenu. Kanaafu beekkamtiif hin dharra’in.

Rabbiin hojii kee gaarii ni beeka. Kanaafu addunyatti beeksisuun hin barbaachisu. Iklaasa yoo qabaatte osoo ati hin dubbatin hojii kee dubbata,of ibsa. Kanaafu hojii kee gaarii namoota irraa dhoksuuf yaali akkuma hojii badaa kee dhoksitu.

Gadda irraa kan ka’e yeroo tokko tokko ni bootta,gammachuu irraa kan ka’e ni kolfitas. Yommuu gadditu,gaddi kee daangaa haa qabaatu,obsi/sabriin bullukkoo siif haa ta’u. Yommuu gammaddu immoo Rabbii galata galchi,nama dhaadataa fi of tuula hin ta’in. Jireenya madaalamaa fi galataa(Rabbii galata galchuu) jiraadhu. Keessa keetti duwwaa fi abdii kutuun yommuu sitti dhagahamu, yaadannoo(zikrii) Rabbii irraa fagaata akka jirtu beeki. Kanaafu gara zikrii Rabbiitti deebi’i. Salaata kushuu’an salaatuf carraaqi.

Insha Allah Rabbiin wanta gaarii irratti akka si dabalu arrabni fi qalbiin kee Rabbiif galata kan galchanii fi yaadatan haa ta’an. Wanti gaariin sun maalii? Niiti ykn dhiirsa gaarii.

Yommuu rakkoo si marsitu du’aaf hin hawwin. Hojii gara Aakiraatti ergaa jirtu sirritti ilaali. Haala akkamitiin Gooftaa keenya qunnamu barbaanna? Hojii gaariini moo hojii badaani? Kanaafu du’aaf hin hawwin,rakkoon yeroon booda sirraa ka’aati. Kana irra Rabbiitti hirkadhu,hojii gaariitti fiigi hojii badaa irraa dheessi

Dhiphinna kee salaata fi du’aayin bittineessi.

Hiriyyaa boru si gate si biraa deemuu jette Rabbii kee hin dalansin. Kan Rabbiin dallanse nama gammachiise namnummaan sun boodarra itti dallana. Kan Rabbiin gammachise nama dallanse namoonni boodarra itti gammadu. Kanaafu Rabbii yeroo hundaa si waliin jiru dhiiste nama si bira hin turre gammachiisuf hin fiigin. Nama gammachiisuf jette wanta badaa hin hojjatin.

Namoota baay’ee yommuu cubbuu keessatti borcaman argitu atillee isaan hin hordofin. Gara kanaan nama addaa kan Rabbii ajajamuu fi cubbuu irraa of qabu ta’uun argami. Yoo kana goote kabajni fi gammachuun kee fiixe tuqa. Islaama sirritti qabadhu sababni isaas yommuu namoonni baay’een ifa kana dhabanii dukkana keessa raata’an ati ifa kanaan isaan keessa deemta. Rabbiin Islaama waan si badhaasef baay’isi galatefedhu. Hanga duutu irratti akka si jabeessu jabeessi kadhadhu. ‘Yaa Rabbii takka erga nu qajeelchite irraa nu hin dabsin’ jedhi kadhu. Alhamdulillah Rabbii Islaamatti nu qajeelchef galanni haa galu. Takka qananii kanaan nu badhaase nurraa hin fudhatin.

Fedhii hin qabu jette hojii gaarii tokko hin dhiisin. Fedhii qabaachuf hojii san irratti of dirqiisiisi. Hanga bartee siif ta’uu torbaan tokkoof ykn sanii oliif itti of dirqiisisi hojjadhu. Ergasii gammachuu hangana hin jedhamne irraa argattaati.

Gammachuun kee hojii kee irratti hundaa’a. Kanaafu hojii gaarii gammachuu turaa fi itti fufiinsa qabu si fidu hojjadhu. Akkasumas hojii badaa gaddaa fi dhiphinna addaan hin cinne sitti fidu irraa dheessi. Hojiin hundarra gaarii gammachuu itti fufaa si fidu yaadannoo(zikrii) Rabbiiti. Hojiin hundarra badaan gadda addaan hin cinne sitti fidu immoo daangaa Rabbii darbuudha.

Icciti namoota biroo eegi boqonnaa sammuu argattaati. Dogongora isaani ifa hin baasin Rabbiin dogongora kee akka si dhoksu yoo barbaadde. Dogongora fi hir’inna namoota mata duree marii fi taphaa hin godhiin.

Yommuu wanti ati badaa jette yaaddu tokko si qunnamu, yookaa cubbuu/badii kee kan darbee yaadadhu yookiin immoo wanti badaan kuni daran si jabeessuf akka sitti dhufe yaadadhu. Kanaafu gar-tokke negaativi qormaata sitti bu’ee qofa irratti xiyyeefachun of hin dhiphisin. “Kuni hundii eessaa natti dhufe?”jechuu irra “Kuni hundii sababa cubbuu/balleessa ani rawwaadhef natti dhufe yookin na jabeessuf natti kufe.” jedhi. Ergasii obsaan bu’aa posotivi qormaata/balaa sitti bu’e eegi. Abdii hin kutin, hin dheekkamin. Tasgabbaa’i.

 Jechoonni nama qoosaa fi hamile nama cabsuu dugda kee hin cabsin. Akka abdii kuttuu fi hamileen kee si cabu hulaa/qaawwa hin baniiniif. Jechoota isaani morkachuu fi of jabeessuf itti fayyadami. Morkachuu yoo jennu isaan irraan miidhaa geessu osoo hin ta’in hojii qabannee duubatti osoo hin deebi’in itti fufuudha,’hojii gaarii kana hin dhiisu’ jedhanii morkachuudha.

Namootaa gaarummaa yaadu fi hawwuun gammachuu argadhu. Yoo dandeesse dhiphinnaa fi rakkoo isaani irraa kaasi. Ta’uu baannan cal’isi, dhiphinnaa fi rakkoo isaanitti dabaluu irraa of qusadhu. Gammachun gonkumaa namoota biroo miidhu irraa hin argamu

Ijjoollumma keetirraa eegali haadha abbaa keeti ajajamii,tolee jedhi. Eebba isaani yeroon kuufadhu boru bakka ati hin yaadne geessati. Eebba isaani wanta ati harkaa qabdu caalti yeroon saamadhu. Qarshii bakka argiteetti dhangalaasu irra isaanirratti dhangalaasi; takka isaan si jalaa duunan eebba akka isaani hin argattu qaruute ta’i. Isaani ajajamuu fi haajaa isaani bahuun InshaAllah gammachuu, milkaa’inna fi guddinna galmaan ni geessa. Kanaafu carraa akkanaa hin dhabin.

Yommuu namaan wal qunnamtu,waa irraa baradhu. Namoota wal qunnamuun waa irraa baradha. Yookaa amala gaarii isaani irraa qoodadha/akkeessa yookin dogongora kiyyaa sirreefadha yookin immoo badii isaani baree irraa dheessa. Jireenyi koo kitaaba dubbisuu qofaan kan jijjirame osoo hin ta’in sababa namoota wal qunnamutin kan jijjiramedha. Dogongora ofirratti ani hin beekne isaanirraa baradha.

Like https://www.facebook.com/jireenyabadhaatu/

Xurree Milkaa'innaa fi Gammachuu-lakk.2
Kana Raabsi

Leave a Reply

Your email address will not be published.