Tawbaa- Balbala Jijjiramaa fi Gammachuu-kutaa 3ffaa

Dhalli namaa jireenya addunyaa tana keessatti dogongoraa fi badii baay’ee raawwata. Osoo dogongoru baate silaa of tuulun of balleessa türe. Dogongora fi baditti lixun akka of hin balleessine immoo balbala tawbaa isaaf banamee jira. Balbala kana seenu yookiin didun mirga isaati. Ulaagaale tawbaaf barbaachisa kan torbaan darbee irraa mee itti fufnu.

4.Kaasaa kafaluu ykn araarama gaafachu- badiin nuti hojjanne hacuucca, qabeenya isaani jala fudhachuu, mirga isaani dhiibu, kabaja isaani irraa mulqu fi kkf yoo ta’e, tawban teenya fudhatama argachuuf kaasa kafaluufi, wanta fudhanne deebisuufii, yookiin araarama gaafachun nurra jira.

Abu Hureeyran akka gabaasanitti Ergamaan Rabbii () akkana jedhan:

“‏ مَنْ كَانَتْ عِنْدَهُ مَظْلَمَةٌ لأَخِيهِ فَلْيَتَحَلَّلْهُ مِنْهَا، فَإِنَّهُ لَيْسَ ثَمَّ دِينَارٌ وَلاَ دِرْهَمٌ مِنْ قَبْلِ أَنْ يُؤْخَذَ لأَخِيهِ مِنْ حَسَنَاتِهِ، فَإِنْ لَمْ يَكُنْ لَهُ حَسَنَاتٌ أُخِذَ مِنْ سَيِّئَاتِ أَخِيهِ، فَطُرِحَتْ عَلَيْهِ ‏”‏‏.‏

Nama miidhan obboleessa isaa isa bira jirtu, (du’aan) dura dhiifama gaafachu qaba. (Aakhiratti) dinaarris dirhaamnis waan hin jirreef. Mindaan hojii gaarii (hasanaanni) isaatirraa fuudhame obboleessa isaati kafalama. Yoo hasanaata hin qabaatin immoo cubbuun obboleessa isaatirraa fuudhame isarratti fe’amuun dura (dhiifa nama miidhe san irraa haa gaafatu).” (Sahih Al-Bukhaari)

Dogongora keetif dhiifama jechuun gadi aantummaa kee hin agarsiisu. Kana irra karaa nageenya fi jaalala itti buustudha. Nama miite tokko dhiifama gaafachu gonkumaa hin sodaatin dhiifama gaafachun miidhaa kan fidu yoo ta’e malee. Sababni isaas yeroodhaan balleessaa kee yoo hin sirreessin, guyyaa Murtii( Qiyaama) mindaa hojii gaggaari hojjataa turtee nama miidhaa turte sanii kennuudhaan dhabda.

Yeroo nama tokko mufachiistu ykn miite, dhiifama gaafachuuf ariifadhu. ‘Dogongora kootif dhiifama naa godhii, naa aararamii. Ana kan si aarse ykn miidhe.’ Jedhiin. Dhiifama gaafachuuf akka salphinnaatti sitti hin dhagahamiin. Hanga hariiron keessan addaan citu hin eegin

Namni sun wanta jalaa hate nama sanii deebisu qaba. Yoo nama san dhabe firoota isaati deebisu, yoo firootas dhabee sadaqaa kennu qaba. Kabaja isaas kan tuqu yoo ta’ee yookaa araarama gaafachuu yookiin immoo araarama gaafachuun miidhaa kan fidu yoo ta’ee nama sanii Rabbii irraa araarama kadhachuu fi hojii gaarii baay’isanii dalaguudha. Fakkenyaf nama san kan hamattu fi maqaa balleessitu yoo taate, osoo bal’innaan waa’ee hamaa isaaf hin ibsin,’Si hamadhe naa araarami.’ Jechuun araarama gaafachu dandeessa. Garuu isatti himuun miidhaa kan geessu fi akka si jibbu kan taasisu yoo ta’e, cal’isuun isaaf Rabbiin irraa araarama kadhachuun gahaadha. Sana booda bakka inni hin jirretti maqaa gaariin kaasu fi faarsu qabda.

5.Gaabbin namatti dhagahamu- “Gaabbii fi of waqqasuun hundee tawbati.” Namtichi wanta hojjataa tureef yoo hin gaabbinii fi of hin ajiifatin, carraan inni hojii badii sanitti deebi’u baay’ee guddaadha. Fakkeenyaf, namtichi zinaa erga raawwate booda ‘tawbadhe.’jedhu, gaabbi fi dhiphinni yoo itti hin dhagahamiin, yeroo muraasan booda itti deebi’uun isaa hin oolu. Sababni isaas, gaabbi fi dhiphinni, badii hojjataa turan san akka jibbanii fi irraa fagaatan nama taasisa. Himoonni, “Maal qaba osoo hojjachuu baadhe, kuni hojii badaa akkami, maal ta’ee hojii kana raawwadhe, ammaan booda hojii akkanaatti nan deebi’a?, gonkumaa itti hin deebi’u…” jedhan yommuu keessaa isaa quuqan, Rabbiin irraa araarama kadhata. Kuni balbala haarawa isaaf bana. Ammaan booda akka itti hin deebine murannoo horata. Garuu namtichi yaadota armaan olii yoo of keessatti hin uumin, tawbaa irraa duubatti rincica, fedhii badii sanitti deebi’u horata.

Yoo nafsee tee faarsite fi dinqisiifatte, qarree (daangaa) sodaachisa irra jirta. Garuu hojii keetif nafsee tee yoo ajiifatte (waqqaste) Insha Allah haala gaarii keessa jirta. Fakkeenyaf, yommuu wanta badaa hojjattu yookiin dubbattu yookiin yeroo kee gubdu, of ajiifachun of sirreessuf tattaafatta. Akkana ofiin jetta “Akkamitti fi maaliif kana hojjadhe? Ammaan booda wanta akkana itti hin deebi’u…” Garuu of ajiifachu dhiiste yoo of irraanfatte fi dinqisiifatte waxmadii sheyxaanatti kufte jedhamta. Keessa bahuuf tattaafadhu, warraaqi. 

Kanaafu yommuu wanta badaa tokko raawwattu of waqqasi, of ajiifadhu, wanta hojjatteef dhiphadhu. Gara tawbaa fiigun ba’aa badii ofirraa hir’isi.

6.Hojii gaggaarii dalaguu– Dhugumatti akkuma vaayrasin qaama namaa ajjeessu, cubbuunis sammuu namaa ajjeesa. Uumama namaa sirrii diigun tartiiba dhabsiisa, namtichi boqonnaa sammuu fi tasgabbii akka hin arganne taasisa. Sababa cubbuutin/dilliitin qalbiin ni gogdi, gurri ni duuda, argituun ni jaamti. Karaan hundarra gaarii cubbuu itti fayyisan tawbaa dhugaa tawbachuu, araarama Rabbirraa kadhachuudha. Kunniin qofti gaha mitii hojiin gaariin yoo hin jiraatin. Yommuu tawban dhugaan, araaramni fi hojii gaggaarin walitti makaman madaa cubbuun uumame ni fayyisu, cubbuu ni haaqu. Uumama namaa sirrii fi tasgabbii dhabame ture ni deebisu. Kanaafu cubbuu yommuu raawwattu gara towbaa, araarama kadhachuu fi hojii gaarii hojjachuutti fiigi Insha Allah yeroo san gammachuu fi tasgabbii argattaati.

Akkuma keenyata kana keessatti ibsame hojiin gaggaari hojjachuun fudhatama tawbatiif mallattoo tokkodha. sababni isaas namtichi hojii badaa isaatif yommuu of ajiifatu fi dhiphatu, hojii gaarii baay’isee hojjata. Namni tokko yommuu hojii badaa hojjate ergasi hojii gaarii bakka buuse hojjatu, ba’aan cubbuu irraa hir’ata.

Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

25:71

Namni tawbatee fi hojii gaarii hojjate, inni dhugumatti tawbaa gaariin gara Rabbii deebi’e jira.” Suura al-Furqaan (25).71

20:82

Dhugumatti nama tawbatee, amanee, hojii gaggaarii hojjate, sana booda (hanga du’uu) karaa qajeela qabateef Ani akkaan Araaramadha.” Suuraa Xaahaa:82

Kanaafu tawbaatun qofti gaha miti yoo hojii gaarii hin hordofsiisin. Fakkeenyaf namni tokko gara Islaamatti seenun isaa tawbadha. Sababni isaas, jireenya dogongora fi badii irraa gara jireenya qajeelinna fi sirritti of jijjiraa jira. Akkuma Ergamaan Rabbii jedhan tawban hojii badaa duraani haqxi. Garuu namtichi gara Islaamatti seene kuni yoo hojii gaarii hin hojjatin, hojii badaa duraan hojjateef ni qabama. Salaata yoo hin salaatin, sooma yoo hin soomin, zakaa yoo hin baasin fi kkf yoo hin hojjatin hojiin badaan isaa akkamitti haaqama ree?

7.Tawbaan du’aan yookiin Guyyaa Dhumaa dura ta’uu qaba

Balballi tawbaa jireenya namtichaa guutu keessatti banaadha hanga duuti itti dhuftu yookiin mallatoole Guyyaa Qiyaama keessa tokko dhuftu. Duuti itti dhufnaan balballi tawbaa isarratti ni cufama.

Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

4:18

Tawbaan warra hanga tokkoon isaaniitti duuti dhuftu badii hojjatanii ‘Ani amma tawbadhe.’ Jedhanii fi isaannan kaafirota ta’anii du’aniifis (tan qeebalamtu) hin taane. Warra san Nuti adaba laalleessa isaaniif qopheessine jirra.” Suura An-Nisaa(4):18

Akkasumas mallatoole guyyaa qiyaama keessa tokko yookiin muraasni dhufnaan balballi tawbaa ni cufamti. Fakkenyaf yommuu aduun dhihaan baatu, Dajjaal dhufu, Daabatul ardi (bineensa lafaa baatu) dhufnaan, tawban fudhatama hin argattu. Namtichi osoo hanga fedhe tawbate fi hojii gaarii hojjate, fudhatama hin argatu.

Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

6:158

“Sila malaaykonni isaanitti dhufuu, yookiin Gooftaan kee dhufuu yookiin gariin mallatoole Gooftaa keetii dhufuu malee maal eeguu? Guyyaa gariin mallatoolee Gooftaa keetii (kana jechuun mallatoole Guyyaa Qiyaama) dhufan lubbuu takkaaf iimaanni ishee homaa hin fayyadu yoo san dura hin amaniin yookiin iimaana ishee keessatti toltu hin hojjatin. “Isiin eegaa; nuti eegoodha.”jedhiin.” Suura An-An’aam(6):158

Kanaafu mallatoole Guyyaa Qiyaama dhufun dura namtichi yoo hin amaniin, ni hoonga’a. mallatoleen Guyyaa Qiyaama erga dhufaniin booda amanuun isaa homaa isa hin fayyadu.

Hanga amma ulaagalee tawbaaf barbaachisan hanga dandeetti keenya ilaalle jirra. Namni ulaagale kanatti fayyadamu Insha Allah ba’aa cubbuu jalaa bahuun nageenya, tasgabbii fi milkaa’inna ganda lamaanittu ni argata. Insha Allah torbaan itti aanu gara tawbaatti akka hin fiigne wantoota gufuu nutti ta’an ni ilaalla.

Osoo mata duree kana hin xumurinin dura mee seenaa gabaabdu isinii haa odeessu.

Al-Fudayl bin Iyaad Rabbiin sodaachu fi ibaadadhaan beekkamaa türe. Garuu yeroo umrii dargagummaa isaa keessatti shiftaa karaa dheeraa türe. Karaa Abiward irraa eegale hanga Saraks jiruu namoota saamu heduuf halkan luuxe eegaa ture. Magaalota lamaan kanniin jiddu ganda xiqqoo takkatu jiraa türe. Ganda tana keessa intala al-Fudayl jallate takkatu jira. Halkan tokko ishii waliin ta’uuf dallaa mana ishii kore. Yommuu dallaa kana koru sagalee Aayaa Qur’aana tanaa dhagaye:

أَلَمْ يَأْنِ لِلَّذِينَ آمَنُوا أَن تَخْشَعَ قُلُوبُهُمْ لِذِكْرِ اللَّهِ

Warra amananiif yeroon qalbiin isaanii zikrii Rabbiitiif laaftu hin dhufne (hin dhiyaanne)?” Suura Al-Hadiid(57):16

Yeroo kanatti al-Fudayl “Yaa Rabbii kiyya! Dhugumatti dhufte.” Jechuun gara duubatti deebi’e. Bakka dhufetti deebi’uun gara karaa cinaatti bakka wayi qabate. Gareen karaa kana irra deeman tokko marii ho’aa waliin mari’atu. al-Fudayl isaan keessaa nama akkana jedhu dhagaye,”Beenaa, imala (adeemsa) keenya itti haa fufnu.” Garuu kan biraa akkana jedhe,”Lakkii hanga bari’uu asii hin deemnu. al-Fudayl karaa irratti bakka tokkotti dhokate nu saamuf eega.”

al-Fudayl haasawa isaani erga caqaseen booda, akkana ofiin jedhe,”Gareen Muslimoota ana waan sodaataniif osoo as turanuu ani halkanin cubbuu raawwachuuf naanna’e. Dhugumatti Rabbiin amala kiyya akka sirreessuf isaanitti akka na fide natti dhagahama. Yaa Allah! Ani gara keetti dhugaan tawbadhe.”

Mee haa ilaallu seenaa tana. Tawbaa booda jireenyi Al-Fudayl bin Iyaad maal fakkaata türe? Jireenya haarawa jalqabuun aalimoota gurguddoo Musliima keessaa tokko ta’uu dandee’era. Nama seenaa keessatti hin dagatamne ta’eera. Osoo badii san irratti du’ee eenyutu isa yaadataa? Nuti hoo maal eegnaa of jijjiruu hin dandeenyu?

Akkuma aaya armaan oli tana keessatti eerame yeroon gara Rabbii itti deebinu fi jireenya keenya itti foyyeessinu hin geenye? Zikrii (Qur’aana) Rabbiitin qalbiin teenya itti laaftu hin dhufne? Hundii keenya tawbaan gara Rabbii haa deebinu.

Kitaabilee wabii

Salvation Through Repentance By Bilal Philips

Stories of Repentance

I want to repent, But…

Gufuwwan Tawbaa
Tawbaa-Balbala Jijjiramaa fi Gammachu-Kutaa2ffaa

2 comments

Leave a Reply