Xurree Milkaa’innaa fi Gammachuu-lakk.2

Barruun tuni barreefamoota gaggabaabo ji’a Guraandhala (February) 2016 fuula Fesbuuki Jireenya Badhaatu irraa walitti kuufameedha.

Boqonnaa sammuu
Dubbii madaalawa- akkuma baay’iste dubbattuun akkasuma boqonnaa sammuu dhabda. Sammuun oduu hin barbaachisneen ni qisaasa’a. Yommuu nama tokko hamannu ykn maqaa balleessinu gammachu waan argannu nutti fakkaata garuu jireenya keenya balleessa fi cubbuu keessatti borcamaa jirra. Yeroo muraasan booda gaabbi laalessaa fi gadda nutti fida. Hamni fi maqaa balleessun jibbaafi shakkii qalbii keenya irratti darba. Ergasi wanta nu hin galchineef ni dhiphanna, boqonnaa sammuu ni dhabna. Guyyaan ani boqonnaa sammuu caalatti itti argadhu guyyaa namootan walitti makamuu xiqeesse fi yeroo koo dubbisa irratti dabarseedha. Akkuma baay’istee chaati gootun akkasuma boqonnaa sammuu dhabda. Yommuu wanti tokko eegdu fi yoo akka ati yaaddetti hin ta’in, hin dheekkamiin, abdii hin kutin. Rabbiin wanta badaa sirraa akka qabaa jiru beeki ati gaariidha jette haa yaaddu malee. Obsii, wanta gaariif abdii qabaadhu. Rabbiin wanti gaarii akka si kennu abdadhu. Osoo akka eegumsa kiyyaatti wanta yaade hundi ta’ee, silaa sarara kanniin hin barreessu ture. Alhamdulillah Rabbii galanni haa galu Kan badii fi eegumsa keenya irraa nu baraare.

Nuti milkaa’uf obsa hin qabnu. Biqiltu amma dhaabne sa’aati muraasan booda firii ishii arguu barbaanna. Garuu milkaa’inni obsaa fi qabsoo malee namatti balali’e hin dhufu. Imalaa fi yeroo dheeraa gaafata. Akkuma daran qabsooftun/carraaqxun, akkasuma milkaa’innatti dhiyaatta. Milkaa’inni dhimma adeemsati/imalaati. Guyyaa guyyaan bakka ga’uumsa kee gahuuf carraaqu qabda. Kunoo yoo bakka ga’uumsa kee geette kanatu milkaa’inna jedhama. Biqiltu milkaa’inna kee guyyaa guyyaan bishaan obaasi (wanta gaarii hojjattu addaan hin kutin) boru akka firii baay’ee guddaa irraa argattuuf. Guddachuu irraa hin dhaabbatin.

Yommuu Rabbiin gammachiisuf carraaqnu wantoonni argannu boqonnaa sammuu, sakiinaa(tasgabbii) fi qajeelumma. Yommuu namoota gammachiisuf carraaqnu immoo wantoonni argannu bowwoo, boqonnaa sammuu dhabuu fi dheekkamsa/aari. Kanaafu jireenya gammachuu fi milkaa’inna jiraachuf carraaqin keenya Rabbii qofaaf ta’uu qaba.
Sobuun hundee badii hundaati. Yommuu sobuu jalqabdu ,amanamummaa , kabaja ,carraa ,jaalala ,barakaa ,boqonnaa sammuu fi kkf ni dhabda. Kanaafu baraarama fi nageenya yoo barbaadde arraba kee soba dubbachuu irraa qabi. Qalbiin sababa sobuutin ni baddi.

Yommuu qormaanni yookiin gaddi si qunnamu, abdii hin kutin,garmalee hin dhiphatin. Qormaanni yookiin gaddi kan su qunnamu gadii si qabuuf osoo hin ta’in, gara sadarkaa ol’aanuttu ol si kaasuf. Obsa qabaadhu. Yoo obsaan dabarsite qofa qormaanni kuni sadarkaa ol’aanuttu akka ol kaatu sababa kan si ta’u.

Osoo boru ni duuta jedhamte maal hojjattaa? Sirritti jabaatte hojjattaa? Salaata baay’iste saalattaa? Sadaqaa ni kennitaa? Araarama Rabbirraa kadhattaa? Hojii badaa yoo hojjataa jiraatte nii dhiistaa? Dhugumatti maala hojjattaa? Du’a haala kanaan yaadi. Guyyaa sitti dhuftu hin beektu. Duuti tasa nama butti. Hanga dandeessu hojii gaarii hojjadhu. Amala fafee agarsiisu fi hojii badaa irraa dheessi. Wanta hin taane irratti YEROO GUBUU irraa fagaadhu. Yeroo gubuun du’a caalaa badaadha. Maddaa gaabbi hamaati. “Ee bade! Osoo duubatti deebi’e maal qaba, osoo hojii gaggaari hojjatadhe maal qaba! Ee badii kiyya osoo Ergamaa Rabbii (SAW) hordofe jiraadhe maal qaba!!” Kunniin jechoota namni tokko jedhu erga wanti hunduu dhumeen booda. Carraan lammataa hin jiru. Xumurame.

Yeroo ammaaa Islaam sirritti qabachuun akka waan dallaa shiboo mana hidhaatti seenan godhame yaaddama. Yoo islaama sirritti qabanne faayda addunyaa tanaa ni dhabda jedhanii yaadu. Ni jedhu,” Islaamni wanta hundaa haraama taasisa. Rakkoo maaltu jira michuu dhiira/dubartii godhachuun? Rakkoo maaltu jira saalli faallan walitti makamuun? Rakkoo maaltu jira kanaa fi kana waliin?….” Gaafiwwan baay’ee akkanaa gadi tarreessu. Dhugumatti yommuu argituun ilma namaa jaamtu, qalbiin qajeelfama dhugaa irraa garagaltu, cubbuu fi badiin/malaamaltummaan garmalee babal’atu, Islaam akka mana hidhaatti lakkaawun salphaadha. Sababni isaas Islaamni fedhii duwwaa fi babal’inna badii ni daangeessa. Islaamni qalbii ilma namaa xurii fi wantoota gadhee irraa qulqulleessun bilisummaa fi gammachuu dhugaa akka argatan godha. Islaamni mana hidhaati miti. Islaamni ardaa bal’aa bilisummaa,gammachuu, qajeelfamaa fi milkaa’inna dhugaa si kennudha. Namni Islaamatti guutumaan seene gammachuu fi milkaa’inna dhugaa argata. Badii/halaakama guddaa kan fiidan fedhii duwwaa fi sheyxaana hordofuu irra of bilisoomsa/bilisoomsiti. Islaaman qaana’u dhiisi Islaamatti booni. Islaaman mataa kee ol qabadhu. Ni’iman(qananiin) hundarra wuddii Rabbiin si kenne Islaama akka ta’e beeki. Namoota naannoo keeti Islaama dhaban jireenya isaani akkamitti akka deema jiru ilaali. Yommuu namni yaadannoo (zikrii,Qur’aana) Rabbii irraa garagaluu, sheyxaanni qariin(hiriyyaa dhihoo) isaaf ta’uun isa balleessa. (Ilaali Al-qur’an 43:36-37)

Faaydaa baddu addunyaa tanaa argachuuf, nama hin gowwomsin. Wanti ati nama gowwomsuu fi karaa haraamatin argatte barakaa hin qabu. Qabeenya fi nageenya kee balleessa akkuma bishaan xuriidhan faalamu. Wanta qabdutti quufi In sha Allah Rabbiin si dabalaati. Hanga feene qabeenya walitti guuruf haa haafofnu, wanta nuu murtaa’e caalaa hin argannu. Inuma yoo haafofne wanta qabnu ni dhabna. Fundura keetiyaaddawun wanta baadhachu hin dandeenye ofirra hin kaa’in. Rabbiirratti hirkadhu.

Mee takka ofirra garagalii jireenya kaleessa kee ilaali. Akkam ture? Akkamitti darbee? Yommuu jireenya keenya kaleessaa ilaallu of foyyeessuf carraaqu qabna. Jireenyuma wal fakkaatu gaggeessu hin qabnu. Keessa keenya amaloota badaa irraa of qulqulleessuf carraaqu qabna. Yommuu wanta darbe yaaduttu gariin isaani keessa kee laalessu/gubuu danda’u. Taatewwan darban kanniin waliin dhiphachuu fi gadduun yeroo kee gubuu osoo hin ta’in barnoota irraa fudhachuun irra darbuudha. Jireenya koo keessatti dogongorri tokko barnoota baay’ee na barsiise. Kitaaba baay’ee dubbisuun amala tokko jijjiruu kan dadhabee sababa dogongora saniitin Alhamdulillah amala san jijjire. Kanaafu dogongora irraa barnoota fudhu. Gadoo, jibba,waanyu qalbii kee keessatti hin kuusin, si suummessu. Amaloota kanniin qalbii keessatti kuusun foyya’insa fi qulqullinnaa qalbii keetirraa duubatti si harkisu. Hanqinna kee barreessun sirreessuf carraaqi. Hanga ati hanqinna kee sirreessuf carraaqxe InshaAllah Rabbiin si gargaara. Yeroodhaf hanqinna muraasa katabuun sirreessuf carraaqi. Fakkeenyaf mee haa jennu, “InshaAllah torbaan kana jibba qalbii kiyya irraa haaquf nan carraaqa.” Kitaabota waa’ee qulqullinna qalbii/nafsee dubbatan dubbisii, video fi audio dhageefadhu. Hundurra immoo Qur’aana qo’achuu fi dhageefachun qalbii kee qulqulleessa.

“Milkaa’innaaf karaan gabaaban yookiin qaxxaamura hin jiru.” Milkaa’inna galmaan gahuuf carraaqu qabda.

Odeefannoo kee guutuu sab-qunnamtii irratti hin fe’in. Wanta nyaattu fi dhugdu, manni kee maal akka fakkaatu, nama jaalatte, niiti/dhiirsi kee eenyu akka ta’e, wanta battala hundaatti hojjattu sab-qunnamti irratti gadii hin furin. Gochuun dura bu’aa fi miidhaa isaa madaali. Odeefannoo kanniin addunyatti beeksisu bu’aa tokkolle hin qabu garuu miidhaa guddaa namarraan gaha. Ijji hamtun akka namarra buutu, waanyo fi jibbi namoota jidduu akka babal’atu taasisa. Odeefanno kee sirnaan qabadhu.

“Ani nan jaaladhaa ishiin garuu na hin jaalattu. Maal haa godhu?
Gaafin kuni dargaggoota baay’een ni gaafatama. Inuma shamarran baay’een gaafatamuu danda’a. Eeti jaalala too’achuun salphaa miti. Garuu jaalala too’achuun garmalee ulfaatadha jenne fedhii keenya guuttachuuf karaa haraama fi miidhaa geessun deemu hin qabnu. Obsuu fi too’achuuf qabsaa’u qabna. Gaafi kana akkanatti haa deebisu. Michuu godhachuuf ishii yoo barbaadde si jibbuu dhugaa qabdi/qaba. Ishiin nama dhugaati fi qarooti jechuudha. Sababni isaas qulqullummaa fi kabaja ofii eegu barbaaddi, si immoo badii irraa si baraaru feeti. Kanaafu ati badii zinaa iraa baraaramu hin barbaaddu ree? Karaa sirrii hin taanen itti dhihaachuf yaalaa jirtaa jechuudha. Akkana siin jechaa jirti jireenya kiyya karaa haraamatin balleessuf waan natti deemaa jirtuuf si hin fedhu. Eeti amala ilma nama ta’e ishii irraa jaalalan qabamuu dandeessa. Garuu wanti sirraa eeggamu hanga fuutu obsuu, hojii gaggaarin of sakaalu, ija ofii gadii qabachuu, filmii,draama dhiira fi dubartiin wal keessa yaa’an ilaalu dhiisu, baay’isanii saalaa faalla fuudhu danda’an waliin haasawu irraa fagaachu, bakka hundaa yommuu deemtu zikrii gochuu… Waa’ee kanaa bal’innaan barruu “Qorsa Jaalala” irraa argachuu dandeessu.
Garuu fuudhaf yoo ishii barbaadde fi si didde, aarii fi dhiphinnaan of ajjeessu hin qabdu. Amaana kee guutu Rabbirra godhii. Rabbii naaf gahaadha jedhi. Yoo obsitee fi waan gaarii Rabbirraa eegde Rabbiin waan gaarii si kennu danda’a. Kana hin irraanfatin obsii hadhaa gara mi’aawatti jijjira. yoo hadhaa jaalala obsaan dabarsite InshaAllah jireenya kabajaa fi gammachuu jiraatta. Obsi, Rabbirratti hirkadhu,du’aayi godhii, aklaaqa kee bareechisi, abdii hin kutin..

Cimanii hojjachuu- Hojii malee ta’uun hundee badiiti fi dhiphinnaati. Sammuun hojii gaarii hojjatee of bashanansiisu barbaada. Garuu yoo hojii dhabee akka ibiddaa of gubee fixa,ni cinqama. Hojiin sammuuf boqonnaadha. Namni dafqa ofiitin xaare of bulchuu boqonnaa sammuu yoo argatu kan osoo homaa hin xaarin hate jiraatu immoo jireenya cinqii fi daraara jiraata. Yoo dalagaa gaggaarin of ko’oomsine(of hiine) cubbuu hojjachuuf yeroo hin qabnu, halkan hirraba gaarii rafna. Nama boqonna sammuu fi tasgabbii argatu taana. Yoo hojii humnaa dhabne kitaaba haa dubbisnu.

Yommuu duniyaa tana keessaa baanu wanti fudhanne baanu tokkolle hin jiru hojii keenya malee. Qabeenyi homaatu nu waliin qabritti hin galu. Qabeenyi nuti walitti tuulaa turre nu duubatti hafa. Kanaafu addunyaa gabaabdu fi turtii dheeraa hin qabne tanaan maaliif of gowwomsinaa? Hanga feene duniyaa tana yoo ariine guyyaa tokko gara dhumaatti ni dhufna. Namni gowwaan nu keessaa nama addunyaa tanaan gowwomeedha. Namni qaroon nu keessaa immoo nama addunyaa tanatti fayyadamee jireenya Aakiratif hojjateedha.

“Dheekkamsi balaqqeessa’a eeggumsa keetiti.” Yommuu wanta tokko eegdu garuu wantichi yoo uumamu baate, ni dheekkamta, ni dhiphatta. Fakkeenyaf, nama tokko fedhii keetin wanta tokko yoo hojjatteef ergasi galata yookiin wanta biraa yoo irraa eegde garuu inni galata yoo si galchuu dhiise yookin wanta eegdu san yoo si gochuu dhiise ni dheekkamta, ni aarta,nama san jibbita. Karaan nuti dheekkamsa fi dhiphinna akkanaa jalaa itti baanu hojii kamuu Rabbii jenne hojjachuuf carraaqudha, iklaasa qabaachudha.

Alhamdulillah guyyaa hundaa wanta dandeessu gaarii hojjachuun ni milkoofta. Kufaatin kee bu’aa hojii dhumaa qofa osoo hin ta’in, guyyaa guyyaan wanta hojjachuu qabdu hojjachuu yoo dhiistedha. Yeroo keenya sirnaan fayyadamuu dhiisun kufaati guyyaa guyyaa keenyati. Kuni immoo kufaati guddatti nama geessa. Kanaafu guyyaa guyyaan hojii gaarii hojjachuun milkaa’i maa hanga feete xiqqaa hin taane. Inumaa dandeettin badii irraa of dhoowwu milkaa’inna guyyaa guyyaa keetiti.

Yommuu fundurri kee dukkanaa’a fi abdii kan hin qabne ta’ee sitti mul’atu, Rabbiitti hirkadhi. Gaafilee kanniin of gaafadhu,”Kaleessa eessa turee? Har’a eessa jiraa? Sadarkaa kanaan eenyutu naan gahe? Humna koo qofaani moo Kan biraatu na kunuunse asiin na gahe? ??” Deebiin kee kana fakkaata: ani kaleessa homaa hin turre. Rabbiin wanta homattu hin lakkaawamne irraa na uume. Ergasii na kunuunse asiin na gahe ;humna kiyya qofaani miti kan as gahe. Kanaafu fundura kiyyaaf maaliif garmalee dhiphadhaa Al-Wahhaab( Badhaasaa,Kennaa), Ar-Razzaaq (Soorata kan namaa dhiheessu), As-Salaam ( Madda nageenyaa), Al-Muhyemin (Tiksaa) osoo qabuu? Rabbiin hanga ammaa na kunuunse asiin na gahe akkamitti boruu na kunuunsu dadhabaa? Hojiin kiyya kaayyoo koo irratti xiyyeefadhe sirritti hojjachuudha, yeroo koo bakka hin taanetti gubuu dhiisudha, badii kiyyaaf araarama kadhachuudha….

Of abuuri,of argadhu. Sadarkaa milkaa’inna fi yaada guddaatif hawwii. Maallaqaa fi beekkamtii qofatti of hin daangeessin. Kunnin wanta gadii fageenya hin qabne akka bubbee bubiste darbituuti. Dandeetti fi qabeenya uumama si keessatti awwaalame abuuri,argadhu. Warqiiwwan kanniin argachuuf imala jalqabi. Amma amma tattaafadhu, hojjadhu.. Amaana kee Rabbirra godhi, itti hirkadhu.

Dawwatoota moo Taphatoota? -Watchers or players?
Jireenyi stadiyoomi yookiin ardaa taphaatin wal fakkaatti. Namoonni gariin daawwatoota. Namoonni gariin gooli galchuuf taphatu, ergasii badhaafamuuf. Gariin immoo gooli malee taphatu– badhaasa malee. Warroonni gooli galchuuf taphatan humna qaban guutu itti baasun gooli galchuuf carraaqu. Yeroo garii ni moo’atu yeroo biroo immoo ni moo’atamu. Deeggartoota fi faallesitoota qabuu. Warroonni kunniin taphattoota osoo hin ta’in daawwattoota.
Gara biraatin immoo gooli malee warra taphatantu jiru. Kaayyoon isaani qabxi galmeessuf osoo hin ta’in bashannaana fi jabeenya qaamatif.
Wanti ani jechaa jiru isini galee mitii ree? Dhimmichi waa’ee kubbaa osoo hin ta’in waa’ee namoota fi jireenyati. Baay’een keenya jireenya keessatti gooli (kaayyoo) malee taphataa jirra. Kubbaa garuma argine dhiinna. Humna xiqqaa baasna. Karaa biraatin immoo namoonni goolif taphatan (kaayyof hojjatan), wanta barbaadan argachuuf wareegama ni kafalu.
Karaa biraatin namoonni goolif yookin gooli malee kanneen hin taphannetu jiru. Tapha jireenya ta’aani daawwachuudha. Kanaafu kaayyoo keenya murteessuf haa carraaqnu. Goolif haa taphannu. Daawwattoota hin taanu. “Yoo hin hojjatin sirratti hojjatama.”

Namoota oduu,jette jette sitti fidan irraa garagali. Kan sitti dhufaniif si fayyaduuf osoo hin ta’in si balleessufi. Dubbii isaanii mi’eessun waa sirraa fuudhun nama biraatti geessu. Ergasii nama san waliin wal dhabda. Nama gaarii akka wanta badaan shakkitu si godhan. Keessumatti namoota akkanaa yeroo gaa’ila of eeggadhu. Gaa’ila keetti summii ykn boombii ta’u. Yoo oduu sirrii hin taane odeessitu irraa fudhatte carraa warqii dhabda, mana kee diigda. Kanaafu of eeggadhu. Atillee oduu namarraa fuute nama biraatti geessu irraa of qusadhu. Takkaa hawaasa keessatti amanamummaa dhabnaan namoonni si jibbu.

Niitiwwan baay’ee
Araboota keessa nama tokkotu ture jireenya isaa keessatti niitiwwan baay’ee qabaachun kan beekkamu. Akkana jedhame gaafatame, “Akkamitti niitiwwan baay’ee horachuu dandeesse?” Innis ni jedhe,”yeroo dargaggummaa keenya sababa dargagummaa kiyyaatin natti maxxanan. Ergasi qabeenya argadhe. Sababa saniinis na waliin obsan. Yommuu qabeenyi fi dargagummaan kiyya narraa deeman, wanti naa hafe amala kiyya gaariidha. Sababa gaarummaa amala kiyyaatin nitiwwan tiyya waliin jiraadha, isaanis na waliin jiraatan.”
Barnoota akkam bareeddu. Dargagummaa fi qabeenyi nu dhiise deema. Wanti nu waliin hafu amala keenya. Kanaafu amala keenya haa miidhagsinu.

Wanti xiqqaan gaariin ati ilma namaati hojjachuu dandeessu isaan miidhu irraa of qusachuudha. Arraba, harka, aangoo keetinii fi karaale adda addaatin isaan miidhu irraa of dhorgudha.

Akkuma aklaaqa kee bareechistuun akkasuma jaallatamta. Kanaafu aklaaqa kee bareechisi. “Gaarii dubbadhu yookiin cal’isi.” Dubbii kee miidhagsi. Dachii irra of tuula fi dhaadataa(ani nama hundaa caala jechaa) hin deemin. Miira boonu qalbii kee keessaa luqqisuuf carraaqi. Karaalen miira boonu qalbii kee keessaa itti baastu dogongora kee amanuu, fudhachuu fi dhiifama gaafachu, namoota harka qaleenyiif of gadii qabuu, mararfachuufi, namoota biroof araaramu, of beeku. Nuti eenyu (Ilma namaa kan biyyeetti deebi’uuf deemu) Maalirraa uumamne?( Bishaan furrii fakkaaturraa) Beekumsii fi qabeenyi keenya hoo?(Rabbiitu nu kenne guyyaa fedhe immoo nurraa fudhata). Kanaafu dadhabinna meeqa osoo qabnu akkamitti of tuullaa?

Yoo dogongora fi dadhabinna namoota irratti xiyyeefatte, guddinna irraa duubatti of qabaa jirta. Fallaa kanaa garuu yoo dogongora fi dadhabinna kee irratti xiyyeefatte fi sirreessuf carraaqxe, jireenya kee keessatti guddinnaa fi jijjirrama hatamtamaa ni agarsiista. Geengo Dhiibbaa Uumu ta’ii malee Geengo Yaaddawu hin ta’in. Kana jechuun maal jechuudhaa? Geengo dhiibbaa uumu jechuun mata keetirratti, wanta jijjiruu dandeessu irratti, dadhabinna kee irratti xiyyeefachuu fi sirreessuf carraaqudha. Yommuu dadhabinna kee sirreessitu namoota biroo irrattis dhiibbaa ni uumta, gaarummaa kee ilaalani si hordofu.
Geengo yaaddawu jechuun immoo wanta si hin galchine keessa galu, wanta jijjiru hin dandeenye waliin mataa of dhukkubsuu, dadhabinna ofii osoo hin ta’in dadhabinna namoota irratti xiyyeefachu, wanta nama hin fayyanne irratti yeroo ofii gubuu, balleessaa/badii ofiiti yaaddawu dhiisanii badii namootati yaaddawu, kana ofii osoo hin beekin kan ormaa beekuf yaaddawu fi kkf…

Dhaadannoo/afuura “InshaAllah hojjachuu nan danda’a, me haa yaalu, ni danda’ama…” jedhan mataa keessatti qabadhu. Yaadota sobaa fi gufuu sitti ta’an kanniin immoo mataa kee keessaa haaqi, “Hin danda’u, kana hin qabu, garmalee jabaata fi ulfaatadha, yeroo hin qabu, kuni hin danda’amu…’ Yaadota jalqabaa mataa keessatti galchuuf carraaqi yoo milkaa’inna barbaadde.

Namni akkamitti Guyyaa Qiyaama amanuu dida yookiin shakkaa osoo warri dadhaboon balleessaa tokko malee akkanitti ajjeefamanuu, ajjeessan/cunqursaan murtii tokko malee bilisaan osoo deemu? Murtii malee akkanumatti ni dhiifamuu sila? Dhufaati Guyyaa Qiyaama keessa shakkiin tokkollee hin jiru.

Gammachuu qarshii keessa na barbaade, garuu achitti ishii hin arganne. Beekkamti keessatti nan barbaade garuu dhiphinna malee homaa keessatti hin agarre. Gammachuu Islaama keessa barbaade, Alhamdulillah amma gammachuu dhugaa kan burqaan ishii gonkumaa hin gogne asitti argadhe.

“Dubartiin dhiirsa hiyyeessa fi qulqullummaa kan hin eegganne waliin obsuu dandeessi. Garuu amalli isaa kan bade waliin obsuu hin dandeessu.” Kanaafu nama tasgabbaa’a fi amala gaarii qabu niiti teetif ta’i argami. Atille obbooletti niiti gaarii fi tasgabbooftu ta’i argamiif. Nama tuulaa qabeenya qabu osoo hin ta’in nama amala gaarii fi imaana qabu filadhu. Atillee nama gaarii ta’ii argami.

Mallaqa kee sirnaan fayyadami. Maallaqa kee qisaasessun boodarra liqaa ofirraa kafaluu hin dandeetti hin tariin. “Akka ebaluun sirbaan morma nama dabsaa.” jedhaa miti ree oromoon yoo mammaaku. Atillee akka ebaluun jiraachun qaba jettee yoo carraaqxe liqaa fi rakkoo keessaa hin baane keessa galta. Jireenya mataa keeti jiraadhu. Wanta garmalee si barbaachisu biti,wanta si hin fayyanne dhiisi. Qabeenyi kooti jette akkuma argite itti hin taphatinii sadaqaa kennadhu. Qabeenyi amaana Rabbiin sitti kenne, guyyaa barbaade amaana kana sirraa fudhachuu danda’a. Kanaafu, karaa Isa gammachisuu irra oolchi malee karaa Isa dallansu irra hin oolchin.

Nama tokko dogongora/aybi darbee isaa/ishii yaadachisun hin qaanessin, qalbii hin madeessin. Dogongora darbee kan wallaalumman raawwadheef na hin waqqasin, ifatti hin baasin. Akka dogongora koo beeku fi sirreessuf na gorsi.

Gargaarsa Rabbii hin shakkin. Qabsaa’u fi carraaqu yoo jalqabde, dhugumatti Inni si gargaara. Garuu wanti tokko yookin sani ol sirraa eeggama. Innis hojii kee keessatti iklaasa qabaadhu. Iklaasni furtuu biraa milkaa’innaati.

Akkuma cubbuu/balleessaa kee darbeef seenoftu, akkasuma cubbuu dhufurraayis dheessita. Cubbuu darbee homaa yoo sitti hin fakkaatin, cubbuu irraa dheessun sitti ulfaata. Kanaafu cubbuu kee darbeef seena’u fi towbachuun har’a of fooyyessi osoo duuti hin dhufin. Beekkadhu, gara funduraatti dabarsuun ga’uumsa hamaatti nama geessa. Har’a carraa warqii osoo qabdu gara Rabbii dhugaan deebi’i (towbadhu).

Yommuu namni tokko gaa’ilaaf si didu/diddu, jireenya ishii/isaa irratti miidha geessuf hin sodaachisin. Si didu mirga guutuu qabdi/qaba sababni isàas ati tarii ishiif/isaaf hin taaatu ta’a. Gadoo fi jibba kuusun ishii fi of hin miidhin. Waa hundaafu Rabbirratti hirkadhu.

Hanga feete nama tokko jaaladhu, guyyaa tokko yookaa inni si dhiise si biraa deema yookiin ati dhiiste biraa deemta. Kanaafu yeroo san eenyu waliin haftaa? Rabbii gonkumaa si hin dhiisne jaaladhu. Yeroo hundaa Inni si waliini.

Hanga feete akka dadhaba taatetti yoo of ilaalte, wanta hojjachuu dandeessuf tattaafadhu, tattaafadhu; Rabbiin gargaarsa kadhu. Hanga jijjiramni sababa tattaaffi keetitiin dhufu obsi. Milkaa’inni kuufama obsaa,jabaatanii hojjachuu, tawakkul(Rabbirratti hirkachuu) fi du’aayiti.

Kaayyoon kee inni dhumaa fi guddaan Jaalala Rabbii argachuu fi jannata yoo ta’e jireenya tana keessatti maal dhabda? Rakkinni yoo si tuqe jaalala Rabbii argachuuf jette obsita. Yoo wanta gaarii argatte jaalala Rabbii argachuuf jette baasta. Kanaafu maal dhabda ree? Namni Jaalala Rabbii fi Jannata kaayyoo isa dhumaa fi guddaa godhate duniyaa,fedhii fi sheyxaanan hin sakaalamu,hin gabroofamu. Jireenya gammachuu gaggeessa. Garuu jireenyi isaa boba’aa qabsoo fi carraaqitin kan guuttamtedha. Kanatu gammachuu kennaaf. Kuni kaayyoo akkam dansaa fi ol fagaatu!

Nama addaa ta’ii argamii 
Guyyaa guyyaan of jijjiruuf karaa barbaadi,carraaqi. Namni hundu dandeetti addaa qaba. Dandeetti fi sammuu Rabbiin si kennetti fayyadamuun ofii fi addunyaa ijaari. Hiriyyoota sii fi hojii kee xiqqeessuf yaalan mallattoo lafa keeti (hambaa boruu dhaloota dhiiste duutu) itti agarsiisi. Wanta fedhan yoo siin jedhan guddachuu irraa duubatti hin deebi’in. Jijjirama dhugaa yoo barbaadde gufuwwan irra darbuu qabda. Gufuwwan kanniin keessaa tokko namoota summii ta’aniidha. Sammuu fi hojii kee summeessun ofiin wal si qixxeessu barbaadan. Namoota akkana irraa fagaadhu. Qananii qabduuf Rabbiin galateefadhu.

Like www.facebook.com/jireenyabadhaatu

Xurree Milkaa'inna fi Gammachuu-lakk.3
Xurree Milkaa'innaa fi Gammachuu- Lakk. 1
Kana Raabsi

Leave a Reply

Your email address will not be published.