Xurree Milkaa’inna fi Gammachuu-lakk.3

Barruun tuni barreefamoota gaggabaabo ji’a Bitootessa (March) 2016 fuula Fesbuuki Jireenya Badhaatu irraa walitti kuufamteedha.

Hanga fedhan namoonni cubbuu/badii haa raawwatan, isaan hin hordofin hin akkeessin. Namoonni baay’een sababa akkeessutin cubbuutti kufu. Akkana siin jechuu danda’u,”Namni hunduu jaalalle dubartii/dhiiraa qaba. Kana namni hunduu ni hojjata. Ati nama addaati? Dargaggummaa keetti fayyadami. Yoo amma of hin bashanansiisin yoom of bashanansiisuf? Rakkoo hin qabu boodarra ni tawbatta, Rabbiin gafurrahimi….” Hanga isaan hordoftu haala kanaan si sossobu. Namoonni kunniin sheyxaana namaati irraa garagali,wanta isaan jedhan gonkumaa hin dhagahin.

Kabajama/tu obboleesa/obboleetti koo sheyxaana fi namoota fedhii ofii hordofaniin hin gowwomin. Osoo namni tokkichi kan dhugaa hordofuu fi badii irraa fagaatu si qofa ta’eyyu, gonkumaa badii raawwattoota hin hordofin. Hanga fedhe badii fi wanti fokkuun haa babal’atu injifannoo fi milkaa’inni haqaa fi namoota ishii hordofaniif ta’a. Seenaa keessatti hawaasa badii hojjachuun milkaa’e ni jiraa? Yeroo gabaabaf bilicliciin/ballaqqeessi addunyaa tanaa milkaa’inna itti fakkaachu danda’a. Garuu dhumni isaani halaakama/kufaatidha. Kanaafu badii/cubbuu raawwatota hin hordofin. InshaAllah si kan milkaa’u fi gammadu.

Jireenya kee keessatti nama haqaa fi dhugaa ta’ee qabaadhu. Namni keessi isaa dhugaa yeroo rakkoo sirraa hin fiigu, si bira dhaabbata. Namni haqa kan hin sobne duniyaa baddu tana argachuuf si hin sobu. Keessumatti jireenya gaa’ilaa kee keessatti nama haqaa fi dhugaa dubbatu filadhu. Sobni jireenya kee balleessa. Atillee nama haqaa fi hin sobne ta’uuf carraaqi.

Yaada “Ani dargaggeessa/shamara. Anillee akka namoota biroo of bashannansiisu qaba. Maaliif of hidha? Maalii yeroo dheeraa nan qaba boru nan tawbadha.” Jedhu mataa keessatti kuufachun cubbutti hin lixin. Kuni waxmadii sheyxaana kan inni nama ittiin gowwomsudha. Dhumni cubbuu hadhaa fi badii malee wanta biraati miti. Jalqaba irratti gammachuu xiqqoo ni argatta dhumarratti garuu hadhaa fi badii keessaa hin baanetti si dabarsa. Duuti yoom akka dhuftu namu hin beeku. Dargaggoonni kumaatamatti lakkaawaman du’aaf qalma osoo ta’aa jiranuu akkamitti nuti yeroo dheera qabna,boru ni towbanna jechutti gootomne.

Wanta namoonni mataa ofiiti hin hojjanneef isaan hin faarsin. Osoo wantoota gaggaari hojjataniyyuu garmalee isaan faarsun akka kufan sababa hin ta’iniif. Faarsu dhiisiti jechoota gaggaarin isaan jajjabeessi. Fakkeenyaf, “Hojii baay’ee hojjachaa jirta akkamitti kana hunda hojjachu dandeesse?, ati nama garmalee qaroodha, namni si/isa fakkaatu hin jiru…” jechuun dugda isaa kutuudha. Yommuu namni tokko haala kanaan faarfamu sheyxaanni akka of dinqisiifatu isa godha, kuni hundii qananii Rabbiin itti kenne ta’uu isaa irraanfachuun humna isaa qofaan akka waan milkaa’e godhe itti mul’isa. Ergasi namtichi kuni osoo hin beekin kaayyoo ofii irraa mucucaata. Namoota meeqatu jiru osoo faaruf dharra’anu karaa walakkaa irratti hafan, osoo hin milkaa’in kufan. Diinni nama injifachuu yoo barbaadu nama faarsaa mitiree? Kanaafu namoota faarsu osoo hin ta’in haala kanaan jajjabeessi. “MashaAllah hojii gaarii hojjataa jirtaa itti fufi. Rabbiin si haa gargaaru. Wanta qabatte irraa duubatti hin deebi’in. Obsaan carraaqi, Rabbiin mindaa kee si haa kafalu…”

Yommuu gara sadarkaa gara oliitti ol bahu barbaaddu, qormaata baay’een si muudatu. Fakkeenyaf yeroo tokko tokko sheyxaani imaana kee hurgufuu danda’a. Dhama’insi fi dukkanni si haguugu danda’u. Yeroo kanatti maal gootaa? Jalqaba sheyxaana Rabbiitti mangafadhu (A’uzu billahi mina sheyxaani rajim jedhi). Hanga wanti keessa kee dhiphisu sirraa deemu obsi. Yoo nama waliin mormii /falmii keessa jiraatte dhiisi biraa deemi. Gaafi baay’ee of gaafachu irraa of dhowwi. Gaafi baay’ee of gaafachun shakkitti nama darba. Yaadota “Rabbiin maaliif akkana godha? maaliif kana hojjata?” Fi kkf sammuu keessaa haaqi. Rabbiin gaafataadha malee gaafatamaa miti. Mootiin moototaa akkamitti wanta hojjatuuf gaafatama? Wanta hundaa ogummaa fi beekumsaan waan hojjatuuf gonkumaa Rabbiin hin gaafatamu. Qur’aana qara’i. Du’aayi godhi. Yaa Rabbii takka erga nu qajeelchite qalbii teenya haqa irraa hin dabsin jedhi. (Du’aayi suura Ali-Imraan 3:8 irra jiru qara’i).

“Yommuu taqwaan(sodaan Rabbii) qalbii marsuu, sodaan biraa ni bada.” Yommuu qalbiin tee taqwaan guuttamtu, sodaan hiyyummaa,sodaan diinaa, dhiphinni, gaddi fi kkf sirraa achi deemu. Yommuu taqwaan qalbii tee guutu, ifa imaanatin ardii irra deemta. Salphatti fedhii keeti fi sheyxaanaf gabra hin taatu. Rabbiin furqaana (dhugaa fi soba addaan baasu) fi makrajaa (rakkoo keessaa karaa ittiin bahan) si godha. Kanaafu guyyaa guyyaan beekumsa faayda qabdu barbaadun imaana, taqwaa keenya haa dabalannu.

Fiixe milkaa’inna ol’aanaa irra ijjachuu yoo barbaadde, Qur’aana, Sunnaa Rasuula (SAW), du’aayi, zikrii, iklaasa, sabrii fi taqwatti maxxani. Adeemsa kee keessatti madaalama ta’i Insha Allah ni geessaa ga’uumsa kee.

Yommuu warrii kee si arrabsan yookiin walii hin galle, yookiin amaloota isaani keessaa tokko yoo jibbite maal goota? Jalqaba yommuu isaan faalla kee deeman wulataa isaan si oolanii fi si guddisuuf wanta jala darban yaadadhu. Yeroo baay’ee xaari isaani irraanfanne isaan faallessuf olkaana. Yommuu si arrabsan seeqadhu bakka sanii deemi, isaan waliin garmalee hin mormiin, jechoota isaani irraanfadhu. Sababni isaas jechoonni isaani rakkoo isaan si guddisuuf jala darbanii gadi. Yommuu isaan waliin waa irratti walii hin galle, ‘kiyya qofatu ta’aa’ dhiisiti miidhaa walii galteen dhabamuu ilaali. Yoo walii galuu dhiisun keessan rakkoo guddaa kan fiduu fi hariiro kan kutu yoo ta’e, yaada isaani irratti walii gali. Ammas wulataa fi xaari isaani hin dagatin. Yoo amala badaa isaan irratti agarte, du’aayi isaani godhi. Bakka kanatti sheyxaanni akka si hin gowwomsine of eeggadhu. Warra kee akka tufattu si godha. Sanyii isaan jibbuu qalbii kee keessatti facaasa. Yeroo kanatti sababa isaanitin bakka gaarii akka geette yaadadhu. Kanaafu qormaata sheyxaanni sitti darbu gadii liqimsuun du’aayi isaani godhi. Nabiyyana Ibraahim (AS) yaadadhu akkamitti abbaa isaa waliin jiraacha akka ture. Abbaan isaa mushrika haa ta’uuyyu malee du’aayi isaaf gochaa ture.

Akkamitti fi yoomin cubbuu/baditti akka kuftu hin beektu yoo Rabbiin si hin eegin. Kanaafu, dhuma badaa cubbuu fi wanta fokkuu irraa dhalatu irraa tikfamuuf Rabbiitti warwaadhu, du’aayi godhi. Jedhi: Yaa Rabbii sheyxaana, cubbuu fi wanta fokkuu irraa nu tiksii.” Kuni karaa badiin addunyaa yeroo ammaa keessa jirtu irraa baraaramtuni.

Of tuulu-Kibir
Namni cubbuu ofii yommuu beeku hangam akka dadhabaa ta’e ni beeka. Hojii gaggaari baay’ee yommuu hojjattu yookiin qabeenya baay’ee yommuu horattu, sheyxaanni cubbuu kee si irraanfachisuun akka boontu si godha. Ergasii waxmadii isaa keessa seenta. Namoota beekumsaan si caalan ykn qabeenyan si gadi ta’an akka tufattu si taasisa. Yaada isaani akka hin fudhanne si godha. Karaa kanaan sheyxaanni namoota amantii keessaa isaan baasa. Kanaafu hojiin kee baay’ee yommuu sitti fakkaatu cubbuu kee yaadadhu of gadi qabi. Namoonni baay’een hojii gaarii si caala akka hojjatan yaadadhu. Hojiin gaariin kamiyyuu ati hojjattu mataa keetif carraaqa akka jirtu beeki (ilaali Al-Qur’an 29:6) – sadaqaa yoo kennatte guyyaa Qiyaama mindaa argachuuf deemta, namoota karaa sirritti yoo qajeelchite boru mindaa argatta. Kanaafu mataa keetif carraaqa jirta. Hojii gaarin of tuulun nuuf ni malaa ree?

Diina naannoo keetti hin uumin. Nageenyan jiraadhu. Hamaa fi maqaa balleessu irraa dheessi. Jibba, waanyu fi gadoo kuufachu irraa of qulqulleessuf carraaqi. Hamni, jette jetten, maqaa balleessun, jibbi, waanyun, shakkiin fi gadoon hundewwaan namoonni diina walitti ta’aniidha. Dubbii xiqqeessi. Kaayyoo kee irratti xiyyeefadhu. Wanta si hin fayyanne achi dhiisi. Namoota araarami. Dogongora isaani irra darbiif. Dogongora keetif dhiifama gaafadhu. Sheyxaana obboleessa/obboleetti nagaha akka shakkitu si taasisu itti qabsaa’i. Du’aayitti maxxani. Kunniin karaa diina uumu irraa ittiin baraaramtudha. Rabbii nu haa gargaaru.

Miira fi yaada kee too’adhu. Sab-qunnamti(social media) irratti hin gowwomiin. Yoo nama tokko irraa jaalalan qabamte, miira kee addunyatti hin labsin. “Si jaaladha … tiyya,Sirraa obsuu dadhabee.. fi kkf jechuun facebook irratti hin maxxansiin. Laala jaalala irratti yoo obsitee fi jechoota hin taane dubbachuu irraa yoo of qusatte, Insha Allah Rabbiin mindaa kee si kafala. Obsiiti karaa sirrii hordofii. Yoo garmalee sitti ulfaate, nama amantu fi kan gorsa gaarii si laatu danda’u irraa gorsa barbaadi.

Namoota irratti too’ataa taane hin ergamne. Dogongora isaani xixiqqoo isaan irra barbaadun ifatti baasuf hin tattaafatin. Yommuu ati dogongora xiqqaa namoota ifatti baasuf tattaafattu, dogongorri/aybiin kee guddaan ifatti baha.

Takkaa saala faalla fuudhu dandeessu waliin taphaa jalqabnaan, ergasi sansalata san keessaa bahuun sitti ulfaata. Sheyxaani haala kanaan si sossobu danda’a,”Salaama jedhiin ajrii argattaa. Silaa wanta biraa isa/ishii waliin hin hojjattu salaamuma jedhiin.” Eeti salaama waliin jechuun badooma hin qabu. Garuu sheyxaanni isa/ishii waliin akka chaati gootu si dhiiba. Yoo guyyaa guyyaan isaaf/ishiif miseeji barreessu itti fufte sheyxaanni suutuma suutan harkatti si galfata. Ergasi osoo of hin beekin cubbutti kufuu dandeessa. Karaan irra gaariin fitna (qormaata, badii) yeroo ammaa kanaatirraa ittiin baatu saalla faalla waliin makamu dhiisu, du’aayi fi zikrii gochuu, beekumsa nama fayyaadu barbaadu fi taqwaa qabaachudha. Online irratti chat gochuu dhiisudha.

Murtii hundaa mataa kee qofaan hin murteessin. Namoota hagaa kan beekumsaa fi bilchinna qaban waliin mari’adhu. Yoo dhiirsa taate haadha manaa tee waliin mari’adhu. Hanga feete ani beekadha jette yoo of ilaalte yeroo hundaa guuttamaa miti, hanqinna wayii ni qabda. Yommuu shuura(marii) namoota waliin adeemsifte fi Rabbiitti hirkatte murtoo wayii murteessitu, InshaAllah murtoon kee faaydi kan qabu ta’a. Dhuma murtoo keetif garmalee hin dhiphattu yommuu namoota mari’achistu fi Rabbiitti hirkattu. Garuu adda yoo murteessite hadhaa baay’ee dhandhamta.

Amala gaarii malee amala badaa warra kee irraa hin dhaalin. Yoo amala badaa isaan irraa kan dhaaltu taate yeroodhaan jijjiruuf tattaafadhu.

Yommuu mana namaa seenuf deemtu balbala dhahi.Salaama irratti qara’i, seenuf hayyama gaafadhu. Qajeela fundure balbalaa osoo hin ta’in gara cinaa balbalaatti dhaabbadhu. Eenyu ati yommuu siin jedhan ‘Ana ana’ hin jedhin. Kana irra Ani ebalu jedhi. Yoo dubartiin qofti mana jiraatte hin seenin duubatti deebi’i hanga dhiirri yookiin abbaan manaa dhufu eegi. Yoo duubatti deebi’i jedhamte osoo hin mufatin gara duubatti deebi’i. (ilaali Suuraa An-Nuur 24:28) Balbala fundura dhaabbachuun ijaan mana keessa hin ilaalin. Mana keessa erga seente boodas dubartoota mana keessaa irraa ija kee gadi qabadhu.

Yommuu namni tokko gaafi si gaafatu, ‘kana hin beektu sila osoo hagana geettu’ jechuun isa/ishii gadii hin xiqqeessin. Kaleessa akkuma isaa/ishii nama waa hin beekne turte. Har’a garuu Rabbiin beekumsa irraa waa si barsiise. Kanaafu beekumsa keetin hin boonin. Wanta beekturraa suuta fi haala salphaan itti himi. Yoo hin beekin ‘Ani hin beeku’ jedhi.

Kasaaran addunyaa tanaan sobamuu fi daandii haqaa (Islaama) irraa jallatu caale ni jiraa sila?
Kasaaran addunyaa tana kaayyoo dhumaa godhachuu fi Aakiraa dagachuu caale ni jiraa?

Yommuu cubbutti kuftu, gonkumaa akka hin jijjiramne goote of hin ilaalin. Dargaggoonni baay’een sababa hanqinna isaani ilaalutin duubatti harkifatu. “Cubbuu baay’ee raawwadhe jira,of jijjiruu hin danda’u.” Jedhu. Yookiin immoo”Ani nama gaaridha. Rahmanni Rabbii bal’aadha…..” Fi kkf jechuun of sobuu. Yoo nama gaarii taate ammalle hanqinna baay’ee qabdaa nama daran gaarii ta’uuf carraaqu qabda. Yoo hanqinnaa baay’ee qabaatte fi cubbutti kufte, isaan si hin laamshessin, jabeenya hin dhabin. Kana irra hanqinna fi dogongora kee jijjiruuf carraaqi. Namoota biroo waliin wal bira of qabuun duubatti of hin harkisin. Eebalu na caala, akka isaa kanatti hojjachuu hin danda’u jechuun duubatti of hin harkisin. Akkasumas, ani ebaluun caala jechuun gara funduraatti deemu irraa hin rinciciin. Hojii keetif itti gaafatamaan siyi,mitiree? Duniyaattis Aakirattis hojii keetif si malee eenyullee hin gaafatamu. Kanaafu hojii kee miidhagsi.

Yommuu namoota irraa waa barbaaddu, wanta xiqqaa isaan gaafadhu. Yoo wanta baay’ee fi irra deddeebite gaafatte, si jibbu,si xiqqeessu. Hanga dandeessun liqaa irraa dheessi. Yoo garmalee si hin barbaachisin liqaaf namootatti hin fiigin. Haajaa keetif Rabbiin gaafadhu. Yommuu namoonni,”Kana barbaaddaa? Qarshii si kennu? Fi kkf “siin jedhan tole hin jedhin yoo rakkoo hin qabaatin. Kana irra ‘jazakallahu keyran, Alhamdulillah nan qaba hin barbaadu.’ jedhin. Wanta qabdutti gammadi,harka namaa hin ilaalin, nama soreessa, jaallatamaa fi gammadaa ni taatati.

Jalqaba jijjirama keeti irratti iklaasni fi ijjannnoon kee laafa ta’uu danda’u. Garuu akkuma yeroon darbuu fi qabsoon kee itti fufuun, InshaAllah iklaasa fi ijjannoo argataa adeemta. Garuu qabsoo kee keessatti iklaasa fi ijjannoo argachuuf barbaadu hin dagatin. Sababni isaas isaan lamaan kunniin bu’uurale milkaa’innati.

Haleellan jechoota namoota ijjannoo kee hin laamshessin. Yoo namoonni hijaab uffachuu keetif sitti qoosan, abdii kutun hijaaba ofirraa hin mulqin. Beeki hijaabni kabaja fi qulqullummaa kee kan eegudha. Sirna itti bulmaata keetti maxxani. Haala jireenya maraatu yeroo ammaa hin akkeessin.

Xurree Milkaa'inna fi Gammachuu-lakk.4
Xurree Milkaa'innaa fi Gammachuu-lakk.2
Kana Raabsi

One comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.