Xurree Milkaa’inna fi Gammachuu-lakk.4

Shakkii fi yaadota hin barbaachisneen of hin dhiphisin. Yommuu nama nagaha wanta badaan shakkitu, wanta hin jirre arguuf carraaqa jirta. Sheyxaanni sitti dhufuun yaadota hin barbaachisne fi fuudhatama hin qabne sitti haasasa. Ergasii ni yaaddofta. Wanta hin jirreen of dhiphista. Yeroo kanatti jedhi,,” A’uzu billahi mina sheytaani rajim”Asi badii. Yookiin immoo nama nagaha wanta badaan shakkitu san du’aayi godhiif. Jedhi,”Yaa Rabbii badii kanarraa isa/ishii tiksi.” Dabalataanis jette jette nama irraa guurun mataa of hin dhukkubsiin. Nama jette jette sitti fidu irraa dheessi. Kunniin karaa shakkii badaa irraa ittiin baraaramtudha. “Shakkiin dubbii sobaati.”

Addunyaa qormaata kana keessatti taqwaa fi obsa qabaadhu In sha Allah ni milkooftati. Seena akkam bareedu waa’ee Nabii Yuusuf Qur’aanni nu barsiisa! Yommuu Nabiyyanaa Yuusuf niitin Aziizi ishii waliin wanta fokkuu akka raawwatu affeertu, inni Rabbiin sodaate jalaa fiige. Shira dubartoota magaala jalaa bahuufis Rabbiin gargaarsa kadhate. Rabbiis kadhaa isaa ni deebiseef. “Gooftaa kiyya manni hidhaa waan isaan itti na waaman irra ana biratti jaallatamaadha. Yoo ati toofta isaani (kan dubartoota) narraa hin deebisin ani gara isaani daba. Wallaaltota irraas nan ta’a.” Jedhe Rabbiin kadhate Yuusuf. Kanaaf Gooftan isaa isaaf awwaate tooftaa isaani irraa deebise. Dhugumatti Rabbiin Dhaga’aa fi Beekadha.” Al-Qur’an 12:33-234
Yommuu Yuusuf hidhame ni obse. Ergasii Rabbiin mana hidhaati isa baase Ministeera Ijibt godhe. Rabbiin Nabii Yuusuf sababa taqwaa fi obsaatin addunyaa fi aakiratti sadarkaa isaa olkaase. “Dhugumatti Rabbiin tola nutti ooleera. Dhugumatti namni Rabbiin sodaate fi obse, Rabbiin mindaa toltuu hojjattoota hin balleessu” jedhe (Al-qur’an 12:90)
Seena akkana nama ajaa’ibsiisu kanarraa Taqwaan,hojii gaggaarii hojjachuun, du’aayi fi obsii dhagaa bu’uura milkaa’inna fi galma guddaa akka ta’an ni hubanna. Kanaafu dargaggeessa/shamara taate yoo wanta fokkuun qoramtu, Rabbiin sodaadhu du’aayi godhi akka Nabii Yuusuf (aleyh selam) godhetti. Yommuu rakkoo keessa taate obsi.

Yoo salaata salaatte mataa kee qofa fayyadda. Yoo dhiistes mataa kee qofa miita. Rabbiin salaata keenya irraa haajaa hin qabu. Waan Isaa saganneef mootumman isaa hin dabalamuuf. Yoo salaata dhiisne mootummaan isaa gonkumaa jalaa hin hir’atu. Hojiin gaariin guutun hojjannu matama keenyafi. Yoo salaata sirnaan salaanne hojii fafee fi gadhee irraa ni tikfamna, nageenya fi tasgabbii arganna, gargaarsa fi dhiphinna keessa bahuuf Rabbitti iyyanna, ibidda jahannam irraa tikfamna. Kanaafu namni salaata dhiisu addunyaa aakiratti mataa ofii malee eenyulle hin miidhu. Kanaafu salaata shanan hin dhiisin.

Yoo namoota hojii badaa irraa isaan dhowwuu dadhabde, hojii badaa sanirratti isaan hin gargaarin. Fakkeenyaf, osoo sigaara ykn caati na biti jedhamte tole hin jedhin. Yeroo tokko namni tokko sigaara hiriyyaa kiyyarraa naa fidi jedhe. Garuu ani isa dide. Akkana jedhen “sigaara kiisi kiyya keessatti baadhachu dhiisi harkaanu tuquu nan jibba kosii waan ta’eef. Wanta gaarii kamiyyu si hojjadha garuu badii irratti wali hin gallu.”
Yeroo kanatti natti aare ture. Garuu boodarra ofumaa na dubbise. Kanaafu namoota gammachiisuf jette wanta badaa irratti wali hin galiin Rabbiin dallansiistati.

Namoota garii tarkaanfi fi sochii namoota biroo dogongora (aybii) irra barbaaduf kan hordofan arguun nama dinqisiisa. Kan ofii irraanfatanii kan nama biraa barbaadu. Wanta isaan hin galchineef of dhiphisu. Akka waan waardiya ta’anii namoota biroo irratti ergaman fakkaatu. Yommuu wanta barbaadan san kana jechuun aybii nama san irratti argan hamni fi maqaa balleessun hojii isaaniti. Of akka qulqullutti ilaalan nama san immoo hundarra badaa godhanii yaadu. Namoota akkanaa keessaa hin ta’in. Yoo namoota irratti dogongora argite akka sirreesaniif itti himuuf yaali. Yeroo itti himtuus jechoota lallaafo fayyadamii malee jechoota jajabboo nama aarsan hin fayyadamin. Ta’uu baannan sammuu fi yeroo kee hamaa fi oduu irratti hin qisaasessin.

Qoricha
Yommuu aybii(dogongora),hanqinna namoota hordofuu fi isaan gadi xiqqeessuf nafseen tee sitti hasaastu, akkana jedhi: “Cal’isi! dogongora kee waliin ko’oomi.Hanqinna meeqa akka qabduu mee ilaali. ‘Qaalun ta ofiitu hin beektu ta ormaa raagdi.’jedhe oromoon. hanqinna keetu hin beektu kan ormaa beekuf carraaqxa. A’uzubillahi mina sheyxaani rajiim asi badii.”

Namni takkaan beekkamaa yookin beekaa yookiin milkaa’a ta’uu barbaadu akka afuufe (fiinyaa) takkaan afuufame takkaan walitti sunturu ta’a. Kanaafu wanti hunduu tarkaanfi qaba. Tarkaanfiwwan sanniin obsaa fi jabaatte hojjachun hordofi, milkaa’inna galmaan gahuuf.

Qalbii tee keessatti kamtu hundarra jaallatamaa akka ta’e sirritti ilaali. Uuma(Rabbii) moo uumtoota?

Jalqabni cubbuu mi’aa
Dhumni isaa hadhaa
Gubbaan nama hawwataa
Keessi isaa fokkataa
Kan kana beeke irraa goru
Ni argata gammachuu har’a boru
Kan kana dide itti lixu
Ni qammasa hadhaa nama fixu
Yaa Rabbii taqwaan nu badhaasi
Cubbuu irraa nu tiiksi
Hojii gaggaaritti nu kaasi
Warroota gaggaari keessaa nu taasisi

Sababa bifa gogaa keetin hin qaana’in, ol’aantummaanis sitti hin dhagahamin. Safarriin ilma namaa garmalee barbaachisaan bifa irratti kan hundaa’e osoo hin ta’in taqwaa irratti. Ofitti amanamummaa qabaadhu. Yommuu namoonni sababa bifa keetitiin si tuffatu yaalan, hin aarin, abdiin sitti hin dukkanaa’in. Bilisa ta’i. Qananii kan isaani caalu akka qabdu yaadadhu. Qananiin sunis Islaama. Yommuu Islaama sirritti beeknu fi qabannu, eenyummaa keenya dhugaa beekna, mataa keenya olkaasna. Ofitti amanamummaa horanna, bakka deemnu hundatti ni kabajamna. Osoo diinni keenya nu kabajuu baateyyu, iddoo keenya waan beeknuf gadi-aantummaan nutti hin dhagahamu. Alhamdulillah qananii akkam guddatu Islaama qabaachun! Kasaara akkam hamaadha Islaama dhabuun!

Faana darbee fi hanqinna kee ilaalun abdii hin kutin, hin gaddin. Darbiin darbee jira gonkumaa hin deebi’u. Badii darbeef gadduu dhiisi tawbaa gochuu fi araarama Rabbiirraa kadhachuun bakka jirtu olka’i. Sammuu kee keessa wanta darbee mammaruun gara gaditti of gadii hin qancarsin. Cubbuu yookiin balleessa dalagde hojii gaarii baay’iste hojjachuun sammuu kee keessaa haaqi. Namni hunduu akka dogongoru beeki gara jijjiramaatti tarkaanfi kee jalqabi. Fundura ifaa qabaadhu. Rabbiitti hirkadhu. Wanta dandeessu hojjachuun “Rabbiirratti hirkadhe. Fundura kiyyaaf maaf dhiphadha! Tawakkaltu alAllahi” jedhi. Yeroo hundaa gara Rabbii deebi’u fi araaramu kadhachuun ba’aa cubbuu boqonnaa si dhowwu ofirraa buusi.

Akkuma qalbii tee qulqulleessu irratti xiyyeefattu akkasuma gammadaa fi milkaa’a taata. Fuggisoo kanaa, akkuma qalbii tee irraanfattun akkasuma gammachuu fi milkaa’inna dhabda.

Hariiroo firummaa (rahimummaa) hin kutin. Wanta xiqqoof jette wanta guddaa hin dhabin. Waanyu fi isaan jibbuun irraa hin dheesin. Rahimummaan wanta salphaa miti hubadhu. Haadha abbaa, adaada abbeera, akka’oo akaakayyu, obboleessa obboleetti, ollaa fi kkf haqa nurraa qabu. Isaan zayyaruu (daawwachun) yookiin bilbila bilbiluun, tola isaani oolun hariiroo firummaa cimsu dandeenya. Waanyu, gadoo fi jibba isaani qabnu qalbii keenya irraa qulqulleessuf carraaqu qabna. Mu’imintoonni warroota hariiro firummaa (rahimummaa) eeganiidha. Yaa Rabbii isaan keessaa nu godhi.

Osoo Rabbiin wanta barbaannu hundaa nutti kenne, silaa ni halaakamna(bannaa) turre. Sababni isaas wanta gaarii nutti fakkaatu garuu badaa ta’e barbaanna ta’a. Yookiin immoo wanta barbaannu san osoo hatamtamaan arganne silaa badii guddaan nu muudatu danda’a. Fakkeenyaf, Yaa Rabbii maallaqa baay’ee naaf hiri (kenni) osoo jedhe kadhate namni tokko, ergasi Rabbiin maallaqa san osoo itti kenne namtichi sun badii raawwachuu, of tuulu yookin qisaasessun of balleessu danda’a. Kanaafu yommuu du’aayi gootu, du’aayin too hin qeebalamtu jette abdii hin kutin. Rabbiin du’aayi tee yeroo barbaachisa ta’etti siif deebisa, wanta barbaaddu suuta suutan si kenna. Fakkeenyaf, osoo Hayyuu ta’uu barbaada jechuun gargaarsa Rabbirraa kadhatte, Rabbiin suuta suuta fi sadarkaa sadarkaan beekumsa siif dabala yoo ati carraaqxe. Karaa beekumsa siif laaffisa. Kanaafu du’aayi gochuu hin dhiisin.

Namni har’a akka gadi aantu fi yaartutti si ilaalu guyyaa tokko yommuu ati milkaa’inna argattee fi galma guddaa geette ni qaana’a/qaanofti. Wanta jedhu wallaala. Seenan kana nu barsiisa. Kanaafu yommuu namoonni sitti qoosani fi ijjannoo kee laamshessuuf carraaqan, abdii kutun kaayyoo kee irraa duubatti hin deebi’in. Kaayyoo keetti maxxani. Kan si jajjabeessu osoo dhabdeeyyu gara funduraatti tarkaanfadhu. Wanta namoonni waa’ee kee ilaalchise jedhaniif gurra hin kenniin. Ebalu akkas naan jedha jechuun abdii kee hin dukkaneessin. Kaayyoo kee fiixan gahuuf carraaqi.

Yommuu nuffiin,aariin fi abdii kutuun sitti dhagahamu, olka’i bakka teette. Takka mee olii gadii deemi. Ergasii wanta hojjachuu qabdu yaadi. Kitaaba fi barruule nama gammachiisan dubbisii, Qur’aana fi barnoota gaggaarii dhageefadhu. Ispoorti hojjadhu. Hojiiwwan gaggaari garagaraatin of xamadi.

Abshiir dukkana booda ifti ni jira. Dukkanni rakkoo jireenya tanaa yommuu si haguugu abdii hin kutin. Qananii dhokataa isa keessa jiruuf abdadhu. InshaAllah “Dhihootti habaabon ni habaaba,gaddii ni darba, gammachun ni diriira.” Kanaafu obsii, abdii ifaa qabaadhu. Hojii gaariin of koo’omsuun of gammachiisi. Hojii hojjachuu dhiisun maddaa gaddaa fi abdii kutuuti.

Wanta ijaan hin agarreef nama qulqulluu yakkuu irraa arraba kee eegi. Dubbachuuf wanta gurratti ulfaatu dubbachuu irraa arraba kee qabi. Arrabni har’a akka feete sochootu tuni boru gatii ishiin nama kafalchiistu laalessaadha. Kanaafu akkuma argine arraba keenya dheeressu irraa of haa qusannu.

Wanta xiqqaa guddaa hundaaf hin aarin. Wanta aarufi qabdu sirritti addaan baafadhu. Eeti wanta guddaaf aarun wanta jiru. Garuu wanta xixiqaa hundaaf aarun jireenya rakkisa. Jechoota namni taphaaf siin jedhe dhugaa goote aariin of hin gubin, ibiddaa jibbaa fi wal-lolu hin qabsiisin. Jechoota isaatti/ishiitti seeqatte yoo irraanfatte maaltu sirraa hir’ata? Kanaafu tapha gara lolaatti hin jijjirin.

Ifni fuula keeti fi gammachuun jireenya keeti Taqwa(sodaa Rabbii) ati qabdu irratti hundaa’a.

Nama jaallatamaa ta’uu yoo barbaadde,gaafilee baay’ee fi hin barbaachisne hin gaafatin,mormii fi falmii hin baay’isin,wanta si hin galchine keessa hin galin.

Nama tokko yoo jaalatte garuu battala kanatti fuudhu/itti heerumu yoo hin dandeenye, sheyxaanni yeroon gaa’ilaa dheeraa ta’uu sitti agarsiisun wanta badaa akka hojjattu si sossoba. Abdii akka kuttuu fi obsa akka dhabduu si gochuu danda’a. Jaalalli kuni si miidhu danda’a. Kanaafu falli kee maalii? Furmaanni isaa jaalala ol’aanaa kan ta’e jaalala Rabbiitin of ko’oomsudha. Yommuu Rabbiin baay’iste yaadattu,gammachuu fi tasgabbii argatta. Garuu yommuu nama san baay’iste yaadattu immoo dhukkubbii fi yaaddon sitti dhagahama. Kanaafu Rabbiin beeku fi Isa baay’isanii yaadachun, dhukkubbii jaalala dubartii/dhiiraa fi qormaata sheyxaana irraa of baraaru ni dandeessa.

Wantoota qalbiin akka gogduu fi jabaattu taasisan keessaa wanta baratan hanga humna ofii hojii irra oolchu dhiisudha. Wanta baratan beekaa irra darbuu fi fedhii ofii jala deemudha.

Carraaqin nuti guyyaa guyyaan goonu guyyaa tokko gamoo milkaa’innaa ijaaru. Kanaafu carraaqi kee keessatti abdii hin kutin.

Seenaa kufaati namoota dhageefachun ijjannoo/murannoo kee hin laamshessiin. Namoonni gariin yommuu milkaa’u dadhaban akkuma isaani namoonni biroo milkaa’u akka hin dandeenye godhanii yaadu. Seenaa kufaati isaanitii fi namoota biroo sitti odeessun, ijjannoo kee baqsuu fi kaayyoo keetirraa duubatti si harkisuuf yaalu. Namoota akkanaa irraa sababa kufaati baruun barnoota irraa fudhu malee duubatti akka si harkisan hin hayyaminiif. Dandeettin namoota hundaa garagara. Kanaafu milkaa’uf dandeetti keetti fayyadami. Garuu kana hin dagatin;dandeettin kee qofti milkaa’inna siif fidu hin danda’u. Kanaafu Rabbirratti hirkadhu,du’aayi baay’isi. Kuni furtuu milkaa’inna fi gammachuuti.

Nama tokkorraa yookiin ofirraa jijjirama halkan tokkoon adeemsifamuu hin eegin. Jijjiramni adeemsa qabsoo fi carraaqi addaan hin cinnee fi firii obsaati. Adeemsa jijjiramaa keessatti aarii/dheekkamsa too’adhu,abdii ifaa qabaadhu. Adeemsa kana keessatti hadhaa ni dhandhamta,dukkanatti ni seenta. Hadhaa kana hin dhandhamu,rakkinni akka na tuqu hin barbaadu jette yoo irraa dheessite jijjirama hin argitu. Hadhaa kana liqimsuu fi dukkana keessa darbuun guyyaa tokko ifatti baata. Kanaafu obsaa fi qabsoof carraaqi itti fufiinsa qabuun guyyaa ifaa fi firii wanta hojjataa turtee itti argituu fi dhandhamtuuf eegi,abdii qabaadhu.

Xurree Milkaa'inna fi Gammachuu-Lakk.5
Xurree Milkaa'inna fi Gammachuu-lakk.3
Kana Raabsi

Leave a Reply

Your email address will not be published.